Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaan manneen barnootaa cufte, namoonni walitti qabamuus dhorkite

Koroonaavaayiras: Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Koroonaavaayirasiin qabamanii shan MM Itoophiyaa Abiy Ahimad beeksisan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

Elias Hordofa and Berhanu Gemechu

  1. Chaayinaan namoonni ja'a haaraa Koronaan qabaman biyya biraarraa itti seenuu beeksifte

    Chaayinaan namoota koronaavaayirasii waliin gara biyya ishee seenan ja’a adda baasuu beeksifte

    Chaayinaan wixata akka jettetti namoota koronaavaayirasiin qabamanii gara biyyashee dhufan ja’a adda baasuu beeksifte.

    Namootaa haaraa qabamanii gara Chaayinaa seenan kana keessaa afur Ispeen irraa yoo ta’an lama UK irraati.

    Ministeerri dhimma alaa Chaayinaanamoonni haaraan koronaavaayirasiin qabaman biyya alaatii itti seenaa jiran rakkoo ijoo ta’aa jira jechuun akeekkachiisee ture.

  2. Gorsa ofeeggannoo

  3. Biyyoonni Afrikaa hedduun imaltoota gara biyyasaanii seenan dhorkaa jiru

    Biyyoonni Afriikaa hedduun biyyoota namoonni koronaavaayasiin qabamuun mirkannaa'e keessaa ta'an akka biiya isaanii hin galleef dhorkaa jiru.

    Kaleessa Keeniyaan imaltoota biyyoota hanga ammaatti koronaavaayirasiin keessatti argamuun mirkanaa'e kamirraayyuu imaltoota hin simadhu jechuun lambsite turte.

    Itti aansuun Afriikaan Kibbaa tarkaanfii wal fakkaataa kan fudhatte yoo ta'u, amma biyyoonni Afriikaa kan biraaas uggura walfakkaatu kaa'aa jiru.

    Fakeenyaaf, Afriikaan Kibbaa imaltoota biyyoota Chaayinaa, Iraan, Xaaliyaan, Ispeen, UK fi Ameerikaa irraa dhufan hing alchu jette jirti.

    Gaanaanis biyyoota yaaddoon koronaavaayirasii olaanaan keessa jiru irraa namuu akka gara biyya kiyyaa hin gallee jette jirti.

    Biyyoonni akka Taanzaaaniyaafi Jabuutii namni vaayirasichaa qabame hanga ammaatti hin dhagahamiin malee balaliinsa idil-addunyaa ugguraniiru.

    Biyyi Morokkoo kan du'aatiifi namoonni vaayirasichaan qabaman 28 keessatti galmaa'es balaliinsa idil-addunyaa uggurtee jirti.

    Aljeeriyaanis boru irraa kaaftee balaliinsa gara Faransaayittii taasifamu akka dhaabduu kan beeksifte yoo ta'u, Mozaambiik ammoo qondaaltoonni ishee gara biyya biraatti hin imalleef ajaja dabarsitee jirti.

    Wayita ammaa kanattis biyyoota Afriikaa 28 keessatti vaayirasichi argamuun mirkanaa'eera.

  4. Afriikaan Kibbaas akkuma Keeniyaa lammiileen biyya biraa akka biyya hin seenee dhorkite

    Afriikaan Kibbaa akkuma Keeniyaa lammiilee biyya alaa gara biyyashee akka hin galleef dhorkuu beeksifte.

    Ardii Afriikaa bakka vaayirasichi seenuuf itti yeroo fudhatee tureetti battalumaan miirri sardamaa babalataa jira. Amma vaayirasichi biyyoota Afriikaa 26 keessattis argamun isaa mirkanaa'eera.

    Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siriil Raamaafoozaan akka jedhaniitti, imaltoonni biyyootta akka UK, Ameerikaa, Xaaliyaaniifi biyyoota dhukkubni kanaa keessatti babalate kan biraa irraa dhufan Roobii dhufaa irraa kaasee dhorkamaniiru.

    Kana malees, miidhaan dinagdee olaanaan akka mudatu kan akeekkachiisan pirezidaantichi, ta'ulleen tarkaanfii wallakkaan fudhatamuu hin jiraatu jedhaniiru.

    Akka jecha pirezidaantichaatti hanga ammaatti namoonni 61 biyyattii keessatti vaayirasiin irratti argameera. Biyya keessa tatamsa'inni vaayirasichaa babalataa jiraachu hiamaniirus.

    Daandiiwwan Afriikaa Kibbaa qaxxaamuran baayyeenis ni cufamu. Namoota 100 ta'uun walitti qabamuun kanaan booda hin hayyamamu.

    Manneen barnootaa hedduun ni cufamu. Keeniyaanis tarkaanfiidhuma kana fakkaatu kaleessa labsuun ishee ni yaadtama.

    Haaluma kanaanis lammilee biyyattiifi kanneen biyya keessa jiraachuuf hayyama qabniin alatti imaltoonni biyyoota vaayirasiichi keessatti argamuun mirkanaa'ee irraa dhufan kamiyyu akka hin gallee ajaja dabarsite jirti.

  5. Viidiyoo: Of eeggannoo godhamuu qabu

    Viidiyoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) gara Afaan Oromootti jijjiirame.

    Daawwadhaa

  6. Biyyoota Awurooppaa sadiitti guyyaa tokkotti du'aatiin ol-aanaa galmeeffame

    Biyyoonni Awurooppaa sadii Xaaliyaan, Ispeeniifi Faransaay keessatti guyyaa tokko keessatti qofa namoonni koronaavaayirasiin du’an ol aanaa ta’ee galmaa’eera.

    Haaluma kanaan Xaaliyaan keessatti namoonni 368 yoo du’an kan kanaan dura biyyattii keessatti du’an gara 1,809tti guddiseera. Ispeen keessatti ammoo namoonni haaraan 97 du’anii kan kanaan duraa waliin 288 akka qaqqabu taasiseera.

    Faransaayitti ammoo guyyaa tokko keessatti namoonni 29 du’anii walumaagala namoonni koronaavaayirsasiin biyyattii keessatti du’an 120 qaqqabeera.

    UK keessattis guyyaa tokko keessatti namoonni 14 du’uun lakkoofsi namoota biyyattii keessatti du’anii 35 akka qaqqabu taasiseera.

    Xaaliyaanitti ammoo lakkoofsi namoota vaayirasichaa faalamanii 24,747 hanga ammaattis namoota 1,218 dhabuun naannichatti lakkoofsa du'aatii isa olaanaa galmeesifte.

    Biyyooni Ispeen kan amma namoota vayirasichaan faalaman 7,753 mirkaneessiteefi Faransaayi 5,400 qaban, dhukkubicha ittisuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhataa jiru.

    Motummaan Ispeen yoo waan murteessaa ta'e bitachuuf ta'een alatti namoonni mana jireenyaa isaanii akka hinbaabe dhorke.

    Haaluma kanaan walqabatees awwuroppaatti biyyoonni to'annoo daangaarraa cimsuutti jiru. Manneen barnoota biyyoota hedduu keessatti adda kan cite yoo ta'u, Ostiraaliyaan ammoo namoota shanii ol ta'anii walitti qabamuun dhorkitee jirti.

  7. Poolisiin Keeniyaa waa’ee Koronaavaayiras nama odeeffannoo sobaa maxxanse to’ate

    Namni maqaansaa Elaayijaa Mutuuyii Kitoonyoo jedhamu kun, Keeniyaa Bahaa magaalaa Mwingiitti qabame.

    Pireezidantiin Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataa waa’ee COVID-19 irratti odeeffannoo sobaa warra maxxansaniifi qoodan akeekkachiisaniiru

    Namni kun eenyummaa (akkaawuntii) sobaatti fayyadamuun oduu sobaa maxxanse jedhamuun himatame.

    Maxxansichis mootummaan biyyattii namni jalqaba koronaavaayirasiin qabame jedhee ibse keessa sobni adii guute jedha.

    Maxxansi inni midhaasse kunis haalaan kan qoodamaa ture yogguu tahu – dubartiin Xaaliyaan irraa dhufte malee akka mootummaan jedhutti Ameerikaarraa karaa Ingiliiz gortee Keeniyaatti hin dhufne jedhe.

    Seera ittiin himatamuuf jiru ‘Computer Misuse and Cyber Crimes act’ cabsee argamnaan, Doolaara Ameerikaa 50,000 (Birrii miliyoona 1.7) yookaan hidhaa ganna kudhan hin caalleen yookaan lachanuu adabamauu danda’a.

  8. Magaalaan Niiw Yoork manneen barnootaa, manneen nyaataafi tiyaatiraa cufte

    Tatamsa’ina koronaavaayirasii ittisuudhaaf magaalaan Niiwuu Yoork Wixata irraa kaasee manneen barnootaa, manneen nyaataafi dhugaatii, akkasumas bakka namoonni hedduminaan itti walitti qabaman cufteetti.

    Kantiibaan magaalattii Biil de Bilaasiyoo,“magaalaan keenya yaaddoo hamaan waan ishee mudachaa jiruuf, sammuu keenya akka yeroo adda waraanaa irra jirruuttiof qopheessinee sochp’uu qabna,” jedhan.

    Ameerikaa keessatti hanga ammaatti namoonni 69 koronaavaayirasiin yoo du’an 3,774 ammoo qabamuun isaanii mirkanaa’eera.

    Magaalaan Niiwuu Yoork baayyina ummataa miliyoona saddetii ol qabdu kana keessatti namoonni shan du’aniiru. Umuriin namoota du’an kanneeniis waggaa 53 hanga 82 keessa kan jiraniifi dhibee fayyaa biraa kan qaban turan.

  9. Akkam bultan?, Tamsaasni keenya kallattii eegalee jira

    Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Koroonaavaayirasiin qabamanii afur gahuu mootummaan beeksiseera.Waa'ee koronaavaayiras irratti gabaasaalee jiran iddoo tokkotti asii argattu!

    Dhiyaadhaa | Nu hordofaa

    FAYYAAN FAAYA | FAYYAA TA'AA