MM Abiy waamicha harka dhiqannaa Dr Tedrosiif deebii kennan
Ergaa kana jedhu fuula Fcebook isaaniirratti maxxansan:''Aniifi miseensonni Mana Maree Ministirootaa waamicha #HarkootaFayyaa #COVID-19 ittisuuf Doktar Tedroos Adhaanoom fi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhiyeessan fudhanneerra.
Anis kana akka raawwatan Pirezdaanti Imaanu'el Makroonifi kabajamoo Mohammad Biin Zaayidiif waamichakoon dhiyeessa.''
''Furmaatni namni cubbuurraa of qusachuudha,'' Muftii Haji Umar Idriis
Preezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Muftii Haji Umar Idriis rakkoolee addunyaarratti mul’atanii jiraniif sababni ijoo cubbuu dhala namaa akka ta’e himan.
Kanaaf, “Furmaatnis namni cubbuurraa of qusachuudha” jedhan.
Itti-aansun ammoo namni of eeguu qaba,” kan jedhan Paatraarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Abuna Maatiyaas bakka bu’uun ibsicharratti kan argaman Dr Abuna Aragaawiiti.