Itoophiyaan manneen barnootaa cufte, namoonni walitti qabamuus dhorkite

Koroonaavaayiras: Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Koroonaavaayirasiin qabamanii shan MM Itoophiyaa Abiy Ahimad beeksisan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

Elias Hordofa and Berhanu Gemechu

  1. Itoophiyaa alkan sa'aatii jahaa kaasee imaltoota gara biyyaa galan gara qofaatti turan galchiti

    Itoophiyaa haaluma qaama ittisa koronaavaayirasiitiin wal qabateen alkan harraa irraa kaasee imaltoota gara biyyaa gala hunda guyyoota 14'f lafa qofaa itti turan akka geessitu beeksifte.

    Haaluma murtee mootummaan biyyatti Jimaata galgala ifa taasiseetti, imaltoonni gara biyyattii galan kamiyyuu guyyoota 14'f qofaatti fo'amuun akka turan taasifamu. Haaluma kanaanis namoonni har'a isaa kaasee gara Itoophiyaa galan hundinu hoteelota tajaajila kanaaf qophaa'ee keessatti akka turan Ministirri Fayyaa biyyatti kaleessa beeksiiseera.

    Haaluma kanaanis alkan Dilbataatii kaasee imaltoonni hundu hoteela Iskaayi Laayitiifi Giiyoon keessa guyyoota 14'f baasii isaaniin akka tursifaman himame.

    Xiyyaara

    Madda suuraa, Getty Images

  2. Itoophiyaatti namoonni COVID-19 qabaman 11 qaqqabe

    Itoophiyaatti namoonni lama haaraan koronaaviiyirasiin qabamuu isaanii ministeeri fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Namoota haaraa qabamuun isaanii mirkanaa'e kana waliin namoonni Itoophiyaa keessatti qabamuun isaanii mirkanaa'e 11 qaqqabeera.

    Akka ibsi ministeera fayyaafi Inistitityuutiin Fayyaa Hawaasaa waliin ta'een baasetti namoota lamaan qabaman keessaa tokko lammii Itoophiyaa umuriin waggaa 28 ta'e yoo ta'u biyyoota COVID-19 miidhamantti imalanii Bitootessa 14, 2020 Beeljiyeemirraa gara Itoophiyaa kan dhufedha.

    Namni lammaffaanis lammii Itoophiyaa umuriin isaa waggaa 34 ta'e Bitootessa 19, 2020 Dubaayirraa osoo seenaa jiruu Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti qoratamuun akka qabu mirkanaa'e.

    Namoonni lamaanuu garuu fayyaan isaanii nagaadha.

    Asxaa Minisitira fayyaa

    Madda suuraa, Ministry of Health

  3. Nagayaatti!

    Tamsaasa kallattii kan har'aa asumarratti goolabne, boru walitti dachaana.

    Nagayaatti!

  4. Barattoonni 'daree osoo hin seeniin' akka baratan Ministeerri Barnootaa Olaanoo murteesse

    Ministeeraa Barnootaa Olaanoo

    Madda suuraa, Ministeeraa Barnootaa Olaanoo/Facebook

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dr Hiruut Waldamaariyaam

    Labsii manneen barnootaa torbee lamaaf cufuu MM Abiy Ahimad labsan hordofuun Ministeerri Saayinsii fi Barnootaa olaanoo barattoonni 'daree osoo hin seeniin' akka baratan murteesse.

    Barnooti daree keessatti kennamu hafee, barattootaaf kitaabilee waabii, handaawutii fi meeshaalee doormii taa'aanii akka dubbisaan isaan gargaaru gaha ta'e dhiyeessuun adeemsi baruufi barsiisuu akka itti fufu murtaa'era jedhe Ministeerichi xalayaa yuunivarsiitiwwaniif barreesseen.

    Barsiisonni gama iimeeliifi maloota biroon adeemsa baruufi barsiisuu itti fufsiisuu akka qabanis hubachiiseera.

    Murteen kun sirnaan hojiirra oolaa jiraachuu ministeerichi ni hordofa jedhe.

    Akka ibsi ministeerichaa jedhutti murteen kun kan darbeef barattoonni gara maatii isaanii akka deebi'an yoo murtaa'e, wayita deebi'an carraan vaayirasichaan qabamuu guddaa ta'uu isaatiini jedhe.

    Kanatti dabalataan hordoffiin fayyaa jabaa ta'e barattootaaf akka taasifamu, barattoonni harka isaanii irra deddeebi'anii dhiqachuu akka danda'an saamunaafi sanitaayizariin akka dhiyaatuuf murteessee jira.

    Mana nyaataa fi mana kitaabaa keessatti barattoonni walirraa siqanii akka taa'anis murtaa'eera.

    Walgahiifi woorkishooppiiwwan adda addaa akka hin jiraannes murteessuu hima. Kanneen duraan qabaman namni walirraa siqee akka gaggeessu gaafateera.

    Barumsi waa'ee vaayirasichaa hubannoo uumu yuunivarsiitiiwwan hunda keessatti akka kennamuufi koreem dhimma kana hordofus akka ijaaramu murtaa'uu ministeerichi beeksiseera.

  5. Tamsa'ina koronaavaayirasii Afrikaa keessatti

    Amma dura biyyoota Afrikaa 29 keessatti namoota 376 irratti kan argame yoo ta'u lubbuu namoota 7 galaafatee jira.

    Namoonni 39 ammoo vaayirasichaa irraa bayyanataniiru.

    koronaavaayirasii Afrikaa keessatti
  6. Paarlaamaan Itoophiyaa walgahii isaa idilee haqe

    paarlaamaa Itoophiyaa

    Manni maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa walgahii isaa idilee Roobii borutti qabatee ture haquu isaa miseensota isaaf dhaame.

    Manni marichaa ergaa gama 'Facebook' isaan dabarseen wal gahiin Kibxata Bitootessa 17 bara 2020'tti qabatee ture haqameera, wal gahiin itti aanu yoom akka ta'e ni beeksifna jedheera.

    Sababni walgahichi haqameef ibsamuu dhabus MM Abiy Ahimad ibsa Wiixata kennaniin walgahiiwwan akka haqaman beeksisanii turan.

    Sababa weerara koronaavaayirasiin wal qabatee, manneen barnootaa torbee lamaaf cufamuufi sochiiwwan ispoortiis ugguramuu MM Abiy dubbataniiru.

  7. Namtichi koronaavaayirasiin shakkamee, ambulaansiirraa utaalee baqate bilisa ta'e

    koronaavaayiras Lagaamboo

    Madda suuraa, Getty Images

    Itoophiyaatti Namichi Sa'udii Arabiyaarraa deebi'e sodaa koronaavaayirasiif erga adda bafamee booda miliqee, Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaatti irra deebiin qabamee ture vaayirasicharraa bilisa ta'e.

    Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa akka jedhetti namichi kun kaleessa adda baafamee qorannoon kan taasifameef yoo ta'u vaayirasicharraa bilisa ta'uun isaa har'a mirkanaa'ee jira.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Itti-gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Lagaamboo Obbo Geetinnat Ababaaw akka BBCtti himanitti, namichi kun dhalataa Aanichaa akka taheefi ji'a tokkoon dura karaa seeraan alaatiin gara Sa'udii Arabiyaa akka deemee ture.

    Akka Obbo Geetinnat jedhanitti dargaggeessi kun Sa'udii ji'a tokko erga turee booda, gara Itoophiyaatti xiyyaaraan deebifameera.

    Wayita buufata xiyyaaraa Boolee gahutti wayita sakkatta'amu mallattoolee koronaavaayiras kan tahan ho'ina qaamaa fa'i kanneen biroo agarsiise.

    Kanaanis anga'oonni kophaatti adda baasanii, qorannoo dabalataaf gara dhaabbata fayyaatti ambulaansiin geessaa turan.

    Dargaggeessi kunis wayita ambulaansiin geessaa turanitti keessaa miliqee baqate ture.

  8. Lakkoofsi namoota Chaayinaan alatti koronaavaayirasiin qabamanii kan Chaayinaa caale

    koronaavaayiras

    Madda suuraa, Getty Images

    Akka ragaan yuunivarsiitii Joon Hoopkiins agarsiisutti lakkoofsi namoota Chaayinaan alatti koronaa vaayirasiin qabamanii 87,000 ol tareera.

    Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 80,860 irra jira.

    Walumaagalatti guutuu addunyaatti namoonni 170,000 ta'an vaayirasichaan qabamaniiru.

    Afrikaa keessatti vaayirasichi biyyoota amma dura hin argamiin keessatti argamaa jira. Kaan keessatti ammoo lakkofsi namoota qabamanii dabalaa jira.

    Amma dura biyyoota Afrikaa 29 keessatti namoota 376 irratti kan argame yoo ta'u lubbuu namoota 7 galaafatee jira.

    Namoonni 39 ammoo vaayirasichaa irraa bayyanataniiru.

    Neezarlaandis, Ispeen, Firaans akkasumas Siwiizarlaand dabalatee biyyoonni Awuroppaa biroo lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii fi du'anii dabalaa jiraachuu beeksisaniiru.

    Jarmaniin daangaa biyyoota shan waliin qabdu cufattee jirti.

  9. Koronaavaayirasiin Somaaliyaa fi Tanzaaniyaa keessatti argame

    Somaaliyaa fi Tanzaaniyaan biyyoota Afrikaa reefu namni koronaavaayirasiin qabame keessatti argame ta'an.

    Somaaliyaa keessatti lammii biyyattii dhiyeenya alaa deebi'erratti vaayirasichi kan argame ta'u Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.

    Kana hordofuunis Bitootessa 18 irraa eegalee torbee lamaaf balaliisi xiyyaaraa idil-addunyaa hundi dhorkameera.

    Taanzaaniyaa keessattis vaayirasichi dubartii lammii Tanzaaniyaa ganna 48 kan Bitootessa 15 Beeljiyem irraa kaatee Siwiidin fi Deenmaark qaxxaamuruun gara biyyattii seente ta'uu aanga'oonni himaniiru.

    Gaafa karaa buufataa xiyyaaraa Kilimaanjaaroo gara biyyaa seente mallattoon vaayirasichaa irratti hin mul'anne ture akka ministirri fayyaa biyyattii Uumii Muwaaliimuu jedhanitti.

    Namoota ishee waliin qunnamtii qaban mara hordofaa jiraachuus himaniiru.

  10. "Jijjiirama amalaa fiduu qabna" - Ambaasaaddar Fitsum

    Biyyoota koronaavaayirasiin saffisaan keessatti babal'achaa jiru keessaa Ameerikaan ishee tokko.

    Ameerikaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Fitsum Araggaa, lammilee Itoophiyaa achi jiraataniif waamicha dhiyeessaniin, 'ammallee amalli namaa hin jijjiiramne' jedhani.

    Mana jireenyaa, manneen amantaa fi manneen nyaataa keessatti namni harka wal fuudhuu, wal hammachuu fi wal dhungachuu hin dhiisne jedhan.

    Wantoonni kunneen mala ittiin vaayirasichi daddarbu keessa ijoo waan ta'aniif "kutannoo yeroo kaanirra adda ta'een jijjiirama amalaa fidnee, of eeggannoo gochuu qabna" jedhan.

    Gorsa irra deddeebiin dhageenyu osoo hin nuffiin hojiitti hiikuu qabna jedhan ambaasaaddarichi.

    Harka dhiqachuun hagam barbaachisaa akka ta'es dubbataniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  11. Kanneen maaskii fuulaa birrii 500’n gurguruuf yaalan to’ataman

    Maaskii fuulaa birrii 500’n ni gurgurra jechuun kanneen magaalaa Finfinnee keessa beeksisaa turan sadii to’atamuun gabaafame.

    Waaltaan Tajaajila Oduu Itoophiyaa waabeffachuun akka gabaasetti namoonni kunneen miidiyaa hawaasummaa irratti beeksisani.

    Poolisiin kutaa bulchiinsa Araadaa akka jedhetti namoonni sadan qoricha fayyisuun isaa hin beekamne waliinis to’atamaniiru.

    Yeroo ammaa magaalaa Finfinneefi bakkeewwan kaanitti dhukkuba koronaavaayirasii sababa godhachuun namoonni gatii dabalan akka ummanni eeru kennu bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibsuun isaa ani yaadatama.

  12. MM Abiy waamicha harka dhiqannaa Dr Tedrosiif deebii kennan

    Ergaa kana jedhu fuula Fcebook isaaniirratti maxxansan:''Aniifi miseensonni Mana Maree Ministirootaa waamicha #HarkootaFayyaa #COVID-19 ittisuuf Doktar Tedroos Adhaanoom fi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhiyeessan fudhanneerra.

    Anis kana akka raawwatan Pirezdaanti Imaanu'el Makroonifi kabajamoo Mohammad Biin Zaayidiif waamichakoon dhiyeessa.''

  13. ''Furmaatni namni cubbuurraa of qusachuudha,'' Muftii Haji Umar Idriis

    Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa

    Preezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Muftii Haji Umar Idriis rakkoolee addunyaarratti mul’atanii jiraniif sababni ijoo cubbuu dhala namaa akka ta’e himan.

    Kanaaf, “Furmaatnis namni cubbuurraa of qusachuudha” jedhan.

    Itti-aansun ammoo namni of eeguu qaba,” kan jedhan Paatraarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Abuna Maatiyaas bakka bu’uun ibsicharratti kan argaman Dr Abuna Aragaawiiti.

    Namootni miirri adda ta’e itti-dhagahamus gara dhaabbilee fayyaa deemun gorsa ogeeyyii fayyaa argachuu akka qaban himan.

    Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa weerara dhibee Kooroonaavaayiras ilaalchisuun har’a ibsa kenneera.

    Vaayirasichi saffisaan kan tamsa’u ta’uun isaa yaaddessaadha kan jedhe yaa’ichi namni hundi of eeggannoo gochuu qaba jedheera.

    Barmaatin jireenyaa hawaasa biyyattiis tatamsa’ina vaayirasichaaf mijataa ta’uu kan hime yaa’ichi, hordoftootni amantaalee kadhaa akka godhaniifi gorsa ogeeyyii fayyaa hojiirra akka oolchan gaafateera.

    Dabalataan hawaasni taatewwan amantaa manas ta’e iddoo biraatti taasifaman irratti qulqulina ofiifi naannoo akka eeggatu abbootin amantaa dhaamaniiru.

    “Kunis bifa xiinsammuu namoota biroo hin tuqneen ta’u qaba,” jedhameera.

    Hawaasni dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuun osoo hin rifatiiniifi hin jeeqamiin itti gaafatamummaa isaa bahachuu akka qabu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa dhaamera.

    Mallattooleen yoo mul’atanis dhaabbilee fayyaatiif eeruu kennuu akka qaban himan.

    Gama biraatiin hawaasni daldalaa daballii gatii hin malle akka hin taasisneefi dhaabbileefi ogeeyyiin fayyaas tajaajila kennanitti akka ciman gaafatan.

    Miidiyaalenis akkaataa naamusa ogummichaan odeeffannoo qulqulluu ta’e akka dhiyeessan gaafatan.

    Qaamoleen mootummaas odeeffannoo waqtaawaa yeroo yeroon kennuun dabalataan walgahiiwaan ummataa dabalatee taateewan biroo irratti akka barbaachisummaa isaatti dhorkaawwan kaa’uun akka hin adeemsifamne gochuu akka qabu dhaaman.

    “Akka dhaabbilee amantaatti hojiin keenya jalqabaa Waaqa kadhachuudha.

  14. Jarman karra ishee cufatte

    Jarmanis akkuma biyyoota Awurooppaa biroo tatamsa’ina koronaavaayirasii ittisuudhaaf karra ishee cufachuu beeksifteetti.

    Daangaan Jarman Faransaay, Awustiriyaafi Siwiizerlaand waliin qabdu meeshaalee barbaachisoo dabarsuun ala Wixata ganamarraa kaasee cufameera.

    Faransaay haalli jiru “hammaachaa dhufuu isaatiin” tarkaanfii ciccimaa sochii dhorkuu fudhachuuf yaadaa jirti.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n Awurooppaan yeroo ammaa giddu-gala dhibee koronaavaayiras taateetti jedheera.

    Gaggeessitoonni biyyoota G& Wixata har’aa karaa viidiyoo konfaraansii gaggeessuun karaa ittiin waliin ta’uun weerara kana ittisan irratti mariyachuuf jiru.

  15. Ambassaa Baasiin maamiltootaaf qulqullina harkaaf kemikaala qopheesse

    Ambassaa Baasii magaalaa Finfinnee

    Madda suuraa, Getty Images

    Tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf jecha Dhaabbanni Tajaajila Awutoobisii Ambassaa magaalaa Finfinnee keessatti har’arraa (Wiixata) eegalee maamiltootaaf kemikaala harka dibatan akka dhiheessu ibse.

    Raadiyoon Shaggar akka gabaasetti konkolaachiftoonni harka isaanii irratti aguuggii godhatu jedhameera.

    Muuxannoon kun Yugaandaarraa fudhatame jedhame.

    Kemikaalli kun bakkeewwan saamunaafi bishaan argachuu hin dandeenye koronaavaayirasii irraa ittisuu dandeessisa jechuu Waaltaan gabaaseera.

  16. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa hojjetoonnisaa mana taa’anii akka hojjetan murteesseera

    Hasxaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Boordii Filannoo Biyyaalessaa

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa sababii koronaavaayirasiitiif jecha hojjettoonni isaa manuma taa’anii akka hojjetan murteesse.

    Boordichi murtee kanarra kan ga’eef ogeessonni biyyoota alaa deggersa tekinikaa kennuudhaaf dhufan keessa namni tokko mallattoowwan koronaavaayirasii irratti waan mul’ateef hanga qorannoon taasifameefii mirkanaa’utti of eeggannoof taasisuuf.

    Namni mallattoon irratti mul’ate kun ji’a tokko dura kan gara biyyaa seene yommuu ta’u, Boordichi mallattoowwan erga irratti mul’atee kaasee qorannoon akka taasifamuuf gaafatee jira.

    Qorannoon taasifameefii bu’aan qorannoo isaa yeroo baramutti odeeffannoo dabalataa kennina jechuun Boordichi fuula Feesbuukii isaarratti beeksiseera.

  17. Amma nu gahe, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Koroonaavaayirasiin qabamanii shan gahe

  18. Gareen faarfattootaa Afrikaa Kibbaa faaruu koronaavaayirasiin qalbii hawwatan

    Faaruun garee faarffattootaa Afrikaa Kibbaatiin akkamitti akka tatamsa’ina koronaavaayirasii ittisuun danda’murratti faarfatan namoonni toora interneetiin bal’inaan waliif qoodaa jira.

    Gareen faarfattootaa Ndlovu Youth Choir jedhamu kun harka dhiqannaafi tarkaanfiiwwan biroo fudhataman hima.

    Faaruun kun afaan warra Zulu tiin kan faarfatame ta’ullee ergaan isaa hanga tokko Ingiliffatti hiikameera.

    Gareen kun kanaan dura bara 2019 keessa agarsiisa America's Got Talent irratti dhiyaachuun gurra horataniiru.

    Afrikaa Kibbaa keessatti hanga ammaatti namoonni koronaavaayirasiin qabmuun mirkanaa’e 61 ta’eera.

    Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Tediroos Adhaanoom viidiyoo faaruu kanaa tiwiitera isaaniirratti qoodaniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  19. Amma nu gahe, 'Itoophiyaan manneen barnootaafi namoonni walitti qabamuu dhorkite'

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    FBCn akka gabaasetti, MM Abiy Ahimad tatamsa'ina koronaavaayiras ittisuuf guyyoota 15n dhufaniif manneen barnootaa, taphoota ispoortii fi walgahiiwwan gurguddoon ni cufamu jedhaniiru.

  20. Akkaataa sirnaan harka itti dhiqatan, Dr. Tedroos Adihaanoom akkanatti agarsiisu

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X