Gabaasa kallattii Irreecha Hora Finfinnee

Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee Waggaa 150 booda yeroo jalqabaatiif haala adda ta'een kabajamaa jira. Ayyaana kanaaf namoonni godinaalee Oromiyaa adda addaarraa dhufan hedduun isaanii addabaabayii masqalaa fi bakka Irreechi itti kabajamu fuullee bulan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ergaa kantiibaa magaalaa Finfinnee, 'Jiraattonni magaalaa keenyaa, magaalattiif oolmaa gaarii ooltan, ulfaadhaa!'

  2. 'Qophiin dhumeera'

  3. Suuraalee qophii jalabultii Addabaabaayii Masqalaatti

    Qophii
    Shimallis Abdiisaa fi Adaanech Abeebee
    Qophii
    Qophii
  4. Qaalluu fi Irreecha, Qaalluun eenyuu? Walitti dhufeenyi Irreecha waliin qaban jiraa?

    Abbootii Booranaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Odeessaaleen Irreecha waliin walqabatan guyyoota kudhan dura eegalle har'allee itti fufeera.

    Odeessa har'aatiin walitti dhufeenyi Qaalluu fi Irreechaa maali? kan jedhu ilaalla.

    Qaalluun jalqabaa nama irraa osoo hin taane kan afuuraan dhalate jedhamee amanama jedhuu hayyuun Booranaatti qorannoo seenaa taasisan Jaatanii Gidaaruu.

    Akka qorataan seenaa kun jedhanitti, qaalluun eebbaa waaqaa, eebba abbaa Gadaafi hayyuun uumame jedhama. Ayyaana Irreechaa irrattis namoonni qaalluudha jechuun argaman jiru. Haalli kunis namoota gariin yoo qeeqaman dhagahama.

    Kanaafuu nutis ofii qaalluun maali? Abbooti Gadaa waliin walitti dhufeenya maalii qaba? Achii dhufteen isaaniihoo maal kan jedhuurratti qorattoota seenaa gaafanneerra.

    Guutuu odeessichaa asii dubbisaa Kana cuqaasaa

  5. Jala bultii Irreecha 2012, Gabaasni keenya kallattii jalabultii Ayyaana Irreechaa 2012 eegaleera. Dhiyaadhaa

    Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa