Balaa Xiyyaaraa ET302: gabaasa kallattii guyyoota lamaan jalqabaa

Balalinsi xayyaaraa ET-302 Finfinneerraa gara Naayiroobii imalaa ture, naannoo Bishooftuutti kufee caccabuun lubbuun imaltoota 157 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Xiyyaarrii har’a caccabe erga bitame reefu ji’a afuri, Balaliisaan xiyyaara balaan mudate Yaared Mulugeetaa jedhama.

    Balaa kanaan lammiilee Keeniyaa 32'tu blubbuu dhabe
    Ibsa waa'ee suuraa, Balaa kanaan lammiilee Keeniyaa 32'tu blubbuu dhabe

    Hogganaan Olaanaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Tawoldee G/Maariyaam xiyyaarri har’a caccabe erga harka isaanii seene ji’a afur ta’uu beeksisan.

    Lafa balaan mudate erga daawwatanii booda miidiyaaleef ibsa kennaa jiru.

    Balaliisaan xiyyaarichaa Yaared Mulugeetaa akka jedhamuufi lammummaa Itoophiyaafi Keeniyaa akka qabu ibsameera.

  2. Bakka xiyyaarri itti caccabe, Xiyyaarri gara Naayiroobii imala eegale daqiiqaa jaha booda kan kufe caccabe.

    Xiyyaarri Keeniyaati imala eegale Finfinneerraa osoo baa'ee hin fagaatin ganda baadiyyaa Aanaa Gimbichuutti caccabe.

    Balaa kanaan imaltoonni hunduu lubbuu dhabaniiru.

    Kaartaa bakka balaan xiyyaaraa eegale agarsiisu
    Ibsa waa'ee suuraa, Kaartaa bakka balaan xiyyaaraa eegale agarsiisu
  3. ‘Lammiileen Chaayinaa 8 xiyyaararra turan’, Lammiileen biyyoota 33 balaa kanaan miidhamu Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa beeksise ture.

    Lammiileen Chaayinaa 8 xiyyaara Itoophiyaa kufe caccaberra akka turan miidiyaan mootummaa Chaayinaa gabaase.

    Duratti, imaltoonni 149 fi hojjettonni xiyyaarichaa 8 xiyyaararra akka turan akka amanamu kunneenis lammiilee biyyoota 33 akka ta’an ibsamee ture.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  4. Hogganaan Daandii Xayyaarichaa iddoo balaa daawwatan

    Hogganaa Olaanaan Daandii Xayyaaraa Itoophiyaa Tawoldee Gabramadin iddoo xayyaarri kufee caccabe deemuun daawwataniiru.

    Imaltoonni lubbuun hafan akka hinjirre mirkaneessaniiru. Gadda itti dhagahames ibsaniiru. Suuraanis asii ni mullata.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  5. Kan ijaan argan: 'Sagalee dhageenyee birmata dhaqne', Nami ijaan arge jedhan akka himanitti lafa balaan dhaqqabe qotameera.

    Jiraataan naannichaa Baqqalaa Guutamaa BBCtti waan himan,

    'Nuti kan achi geenye erga gubatee dhumee, adda adda bittinnaa'ee agarre,'' kan jedhan Obbo Baqqalaan ergasii poolisoonni bakkas dhufu himu.

    ''Oggaa kufu sagalee kennee, aaras agarreeti birmata dhaqne. Namni tokko lafatti hin hafne.''

    ''Waraqanni bibittinnaa'ee agarre. Guggubatee kanuma dhume agarre. Laftis gadi qotameera,'' jechuun BBC'tti himaniiru.

    Balaan xiyyaaraa kuni gandoota lama Aanaa Gimbichuu: gandoota Tulluu Barraafi Amaa irratti akka tahes nutti himaniiru.

  6. Keeniyaan qondaaltota Itoophiyaa ‘gargaaraa jirti’, Qondaalli Keeniyaa balaa mudateen walqabatee biyyattiin Itoophiyaa gargaaraa akka jirtu beeksisan.

    Mootummaan Keeniyaa balaa dhaqqabe irratti qondaaltota Itoophiyaa ‘’gargaaraa’’ akka jiru Ministirri Geejjibaa Keeniyaa beeksisan.

    Jeemis Waayinaanaa Maachaariyaa buufata xiyyaaraa Jomoo Keeniyaattaatti giddugalli gargaarsi taasisu qophaa’eera.

    Kanneen maatii ykn hiriyyoonni isaanii xiyyaaraarra jiraatu malaniif Keeniyaan lakkoofsa gargaarsa itti argatan qixeessiteetti.

    Lakkoofsi: (+254)733666066

  7. Balalinsi ET-302 'Haqameera', Buufata xayyaaraa Naayirobiirraa

    Iskiriiniin buufata Xayyaaraa Idil Addunyaa Joomoo Keeniyaattaa jiru kana agarsiisa.

    Balalinsi ET-302 'Haqameera'
  8. Kanneen maatii isaanii Naayiroobiitti eegaa turan, Maatiifi hiriyyoonni buufata xiyyaaraa Naayiroobiitti imaltoota eegaa turan.

    Namoota buufata Naayiroobii jirutti maatii eegaa turan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii jaalalleen ishee imala ture eegaa jirtu

    Kuni buufata xiyyaaraa Keeniyaa magaalaa Naayiroobii argamuuti. Namoonni maatii ykn hiriyyaan isaanii yaaddoo keessa ta'un eegaa turaniiti.

    Xiyyaarri Itoophiyaa silaa ganama 4:30'tti buufata xiyyaaraa Joomoo Keeniyaattaa Naayiroobii jiru qubata ture.

    Booda kana Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa akka beeksisetti garuu namni lubbuun hafe hin jiru.

    Duratti imaltoonni 160'tti siqan imalarra akka turan akka amanamu ibsee ture.

    Dhaabbileen gargaarsa kennan hojiirra jiru.

    Konkolaattonni ibidda dhaamsan gara bakka balaan dhaqqabetti yeroo imalan mul'ateera

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaattonni ibidda dhaamsan gara bakka balaan dhaqqabetti yeroo imalan mul'ateera
  9. Amma nu gahe, 'Namni balaa kanaan lubbuun hafe hinjiru', Lammiileen biyyoota 33 xiyyaararra akka turanillee dhaabbatichi beeksiseera.

    Imaltoonni lubbuun hafan akka hin jirre Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa beeksiseera

    Madda suuraa, ET

    Ibsa waa'ee suuraa, Imaltoonni lubbuun hafan akka hin jirre Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa beeksiseera

    Namoonni imala xiyyaara Itoophiyaa guyyaa har'aa balaan dhaqqaberra turan martuu lubbuu dhabu Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa beeksise.

    Daarektarri Kominikeeshinii dhaabbatichaa Asraat Bagaashaaw EBC'tti akka himanitti imaltoonni lubbuu dhaban lammiilee biyyoota 33'ti.

    Balaan kuni Baha magaala Bishooftuutti dhaqqabe.

  10. Pireezidantiin Keeniyaa gadda itti dhagahame ibsan

    Pireezidantiin Keeniyaa, Uhuruu Keniyaattaa gadda itti dhagahame ibsan.

    Namoota maatii of biraa dhabanif jajjabina hawwa jedhaniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  11. BBC Afaan Oromoo gadda itti dhagahame ibsa

    Asxaa BBC Afaan Oromoo

    Balaa xayyaaraa lakkoofsa balaliinsaa ET-302 Finfinnneerraa Naayiroobiitti imalaa ture, kufee caccabuun warra lubbuu dhabaniif, BBC Afaan Oromoo gadda itti dhagahame ibsa.Maatii fi firoottan warra lubbuu dhabaniif jajjabina hawwina.

  12. Jiraattonni naannichaa waan BBCtti himan

    BBC'n gara naannichaa bilbilee waan odeeffate:

    Iddoo balaa kun itti uumame mandara Roob Gabaa Doobbiiti.

    Kunis kiloomeetira 10- 15 magaalaa Bishooftuurraa fagaata.

    Jiraattonni dabalanii waan jedhan, ambuulaansonni fi warri ibidda to'atan gara naannichaa imalaa jiru.

  13. Teessoo maatiin Daandii xiyyaaraa itti argatan ifa ta'e, Namoonni maatiin isaanii imalara turani teessoowwan kanaan Daandi Xiyyaara Itoophiyaa argachuu danda'u.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  14. Xiyyaara kana irratti namoonni 160'tti siqan imalarra turan, Xiyyaarri Itoophiyaa har'a naannoo magaalaa Bishooftuutti kufee caccabe gara Naayiroobii imalaa ture.

  15. Waajjira MM, Oduu kana dursee kan gabaase Waajjira MM'ti.

    Balaa kanaan kan lubbuu dhabanif guddaa akka gadde Waajjirri MM Itoophiyaa beeksiseera.