Xiyyaarrii har’a caccabe erga bitame reefu ji’a afuri, Balaliisaan xiyyaara balaan mudate Yaared Mulugeetaa jedhama.
Hogganaan Olaanaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Tawoldee G/Maariyaam xiyyaarri har’a caccabe erga harka isaanii seene ji’a afur ta’uu beeksisan.
Lafa balaan mudate erga daawwatanii booda miidiyaaleef ibsa kennaa jiru.
Balaliisaan xiyyaarichaa Yaared Mulugeetaa akka jedhamuufi lammummaa Itoophiyaafi Keeniyaa akka qabu ibsameera.