Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Balaa Xiyyaaraa ET302: gabaasa kallattii guyyoota lamaan jalqabaa

Balalinsi xayyaaraa ET-302 Finfinneerraa gara Naayiroobii imalaa ture, naannoo Bishooftuutti kufee caccabuun lubbuun imaltoota 157 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa B-737-8 MAX fayyadamuu dhaabe

    Erga kalleessa balaan dhaqqabee lubbuu namootaa 157 galaafatee booda, Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa gosa xayyaaraa Booying B-737-8 MAX (ET-AVJ) jedhaman qabdu hunda tajaajilaan ala godheera.Maddi balaa kun haa beekamuu baatus hanga qorannoon mirkanaa'utti gosa xiyyaaraa kana tajaajilaan ala godhuusaanii dhaabbattichi beeksiseera.Chaayinaanis murtoo walfakkaataa fudhatteetti.

  2. Motuummaan Itoophiyaa Bitootessa 11 guyyaa gaddaa biyyaalessaa jechuun labse, Balaa xiyyaaraa guyyaa kaleessaa lubbuu namoota 157 galaafate hordofuun mootummaan Itoophiyaa guyyaa gaddaa labseera.

    Guyyaa kaleessa balaa xiyyaaraa, balalii ET 302 jedhamu irratti dhaqqabee namoonni 157 du'uun booda mootummaan Itoophiyaa Bitootessa 11 guyyaa gaddaa biyyaalessaa jechuun labseera.

    Labsii kanaan gutummaa biyyittii keessatti, Imbaasiwwaan Itoophiyaa biyyootii hunda jiranifi dooniiwwan Itoophiyaa jiran hunda irratti alabaan Itoophiyaa gadi siquun ni fannifama.

  3. Balaa xiyyaaraa ET 302 irratti gabaasa kallattii keenya itti fufna.

    Akkam bultan!

    Odeessaalee haaraa balaa balaliinsa ET 302 ilaalchisee jiru kallattiin isinii dhiyeessina.

  4. Gabaasa kallatti har'aa kanumaan xumurra

    Guyyaa borus odeeffannoowwan isin baru qabdu jennee yaadne bal'inaan isin biraan geenya

    Ammas irra deebiin BBC Afaan Oromoo maatii fi firoottan warra lubbuu dhabaniif jajjabina hawwa.

    Halkan gaarii!

  5. ''Daandiin Xayyaaraa Itoophiyaa maqaa gaarii kan qabudha', MM Abiy Ahimad ergaa dabarsan

    MM Abiy Ahimad galgala kana ergaa dabarsaniin, namoota maatii ofbiraa dhabaniif jajjabina hawwaniiru.

  6. 'Keeniyaan namoota maatii ofbiraa dhabaniif tajaajila gorsaa kennuuf'

    Angawoonni Keeniyaa namoota maatii ofbiraa dhabaniif gara giddugala tajaajila gorsaa itti argatanitti tajaajila geejjibaa kennaa jiru.

    Waahilli BBC Laarii Maadowoo Buufata Xiyyaaraa Joomoo Keeniyaattaarraa suuraa kana maxxanseera.

  7. Maatii lammiilee Itoophiyaa dua'niif itti himame

    Balaa xiyyaaraa har’a dhaqqabeen lammiileen Itoophiyaa 18 lubbuu dhabuu isaanii Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa beeksise.

    Dhaabbatichi lammilee lammiilee Itoophiyaa maatii of biraa dhabanif dhaabbatichi beeksiseera.

    Kana jechuun lakkoosi kuni namoota imalarra turaniifi hojjettoota xiyyaarichaati.

    Gama biraatiin, Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa; Abbaa taayitaa Ssivil Aviyeshinii Itoophiyaa fi Abbaa Taayitaa Tiraanispoortii Itoophiyaa waliin tahuun koree dhimma kana qoratu hundeesseera.

    Koreen kunis foransikii fi qorannoo qaama namoota lubbuu dhabanii ka adda baasu ta'a.

  8. Hojiin ammas itti fufeera, Hojiin reeffa namootaa fi meeshaalee walittiqabuu iddoo balaa kanatti taasifamu ammas itti fufeera

    Suuraalee waahilli keenya Amansiisaa Nagaraa iddicharraa nuuf erge.

  9. Miseensi Paarlaamaa Isloovaakiyaa haadha warraa fi ijoollee lama dhaban

    Anton Hrnko, miseensi mana maree Isloovaakiyaa fi ittaanaa dura-taa'aa Paartii 'Slovak National Party' Facebook irratti, haati warraa isaanii fi ijoolleen isaanii lama lammiilee Isloovaakiyaa du'an afur keessaa tahuu maxxansaniiru.

  10. ''Oggaa lafa dhahu aluma kana ejjennee ilaalaa turre,''

  11. Qondaalli eegumsa Somaaliyaa warra lubbuu dhaban keessaa tokko

    Shahaad Abdishakur, qondaalli eegumsaa Ministira Muummee Somaaliyaa, warra lubbuu dhaban keessaa tokko tahuu, raadiyoon dhuunfaa Somaaliyaa keessaa Radio Dalsan jedhamu gabaaseera

  12. Balaan xiyyaaraa ijoo dubbii Afrikaa ta’e

    Namoonni Afrikaa keessatti tiwitara fayyadaman balaa xiyyaara Itoophiyaa har’a dhaqqabe dhimmoota kaan caalaa caalsifataniiru.

    Inni asiin gadi Trendsmap, marsariitii dubbii namoonnii miidiyaa hawaasummaa irratti haasa’an walitti qaburraa fudhatame.

  13. Suuraalee balaa namoota 160'tti siqan galaafate agarsiisu

    Gareen gaazexessitoota BBC badii balaa kanaan mudate lafa balaan dhaqqabe dhaqanii ilaalaniiru.

    Kunneen suuraalee muraasa balaa namoota 160’tti siqan galaafate agarsiisa.

  14. Kan ijaan argan: 'Yeroo lafa dhahu aarri yeroo Waaqatti bunnise argine'

    Obbo Habaatmuu Tikkee ganama osoo isaan arganii xiyyaarri lafa dhahu arguu isaanii dubbatu.

  15. MM Abiy lafa balaan dhaqqabe daawwatan

    MM Abiy Ahimad lafa balaan xiyyaaraa dhaqqabe har’a waaree booda dhaqanii daawwatan.

    Gadda guddaa itti dhagahame kan ibsan yoo ta’u, maddi rakkoo balaa kanaa akka qoratamu ajaja dabarsaniiru.

    Dabalataanis, namoonni maatii dhaban deeggarsa fedhan akka argatanif qaeelfama dabarsuu isaanii waajjirri isaanii beksiseera.

  16. Viidiyoo iddoo balaa mullisu

    Gaazexessitoonni BBC Imaanu'el Igunzaafi Amansiisaa Ifaa bakka balaan dhaqqabe gahuun viidiyoo kana nuun gahaniiru.

    Namoota ijaan argan dabalatee kaan isin biraan geenya.

  17. Obbo Tawoldee: Sababa balaa baruuf qorannoon taasifamuu qaba, Balaliisaan xiyyaara kanaa rakkoon karaatti isa qunnamnaan deebi'uf akka gaafate ibsameera.

    Sababa balaa kanaa baruuf qorannoon taasifamu akka qabu Hogganaan Olaanaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Tawoldee G/Maariyaam himan.

    Gosi xiyyaaraa kuniifi balaa xiyyaaraa Indoneeshiyaatti dhaqqabe tokko akka ta’ellee dubbataniiru. Gosi xiyyaaraa kuni jaha ammallee hojjetaa akka jirullee dubbatan.

    Xiyyaarri kuni osoo gara Keeniyaatti imala hin eegalin Afrikaa Kibbaa irraa kan dhufe yoo ta’u sa’aatii 'sadiif boqoteera.'

    Rakkoon homaa akka isa hin qunnamne, haa ta’u malee, erga gara Naayiroobii imala eegale as rakkoon akka isa qunnameefi deebi’u akka barbaadu balalisaan ibsuu isaa qondaallichi himaniiru.

  18. Amma nu gahe, Lammummaa namoota lubbuu dhabanii, Kanneen lubbuu dhaban keessaa 9 Itoophiyaanota