Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp waliin kan wal dhaban Zeleniskiin UK'tti 'deeggarsa guutuu' argatan

Pirezidantiin Yukireen Donaald Tiraamp waliin muddama seenan UK'tti simannaan ho’aa taasifameef. Liqaa paawundii biiliyoona 2.26 ta'us Ministira Muummee UK Kiir Istaarmar waliin mallatteessaniiru.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Loltoonni Siiriyaa lammiilee nagaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun himataman
  • Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteen 25 ajjeefamanii hedduun madaa'an
  • Lammiileen Itoophiyaafi Ertiraa 32 Meditiraaniyaaniitii baraaraman
  • Xalayaan Zeleeniskiin Tiraampiif ergan maal hima?
  • Somaaliyaan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaaf deebii kennuu dandeessii?
  • Itoophiyaa fi Ertiraan walitti bu'iinsatti qajeeluu maluu?
  • Ameerikaan hidhattoota Huutii tarree shororkeessaa jala keesse
  • Tamsaasa kallattii duraanii asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ijji Kiremiliin hundi walgahii Tiraamp fi Zeleniskii irra jira

    Akkuma nama kamiiyyuu warri Kiremliin bu'aa walgahii har'aa Tiraamp fi Zeleniskii hawwii guddaadhaan eeggachaa jiru.

    Dubbi himaan Kiremliin Dimitiri Peeskov ganama har'aa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, waa'ee dubbii pirezidantiin Ameerikaa gita isaanii Yukireen irratti dubbatan ilaalchisuun gaafatamanii: "Walgahii har'aa, bu'aa isaanii fi ibsa booda kennamu haa eegnu," jechuun deebisan.

    Gaazexessaan Raashiyaa tokko ammoo sana booda, Tiraamp "Puutiin malee nama hunda waliin ejjennoo humnaatiin haasa'uu" jechuundhaan himatame jechuun, Peskoov akkamitti Raashiyaan US waliin marii gaggeessuu akka qabdu gaafate.

    Peskoov deebii kennaniin, Raashiyaan "US qofa waliin osoo hin taane biyyoota hunda waliin ejjennoo wal kabajuu fi faayidaa waloo irraa marii gaggeessuu barbaaddi" jedhan.

    Sana boodas gabaasaan kun, miiltoon isaa tokko, "ejjennoo dhugaa irraa" akka gaggeeffamuu qabu akka itti himee kaasuudhaan, mammaaksa Raashiyaa: "Namni hundi dhugaa mataasaa qaba" jedhu eere.

    Peskoov ammoo, "waahila kee waliin waliigaluu hin danda'u," jechuun deebii kennan.

  2. DR Koongootti dhohiinsa hiriira finciltoonni waaman irratti raawwatameen hedduun ajjeeffaman

    Magaalaa Baha DR Koongootti argamtuufi dhiheenya harka finciltootaa jala galteetti hiriira deeggarsaa waamame irratti dhukaasa walitti fufaa fi dhohiinsa cimaa kan qaqqabe.

    Baha biyyattii keessatti magaalaa guddoo lammaffaa kan taae Bukaavuu keessatti dhohiinsa umamee hordofee ummanni naasuudhaan bakka hiriirichaatii wayita baqatuu fi daandiiwwan irratti reeffi kufee akka ture viidiyoowwan agarsiisan bahanii ture.

    Lakkoofsi baayyina namoota ajjeeffamanii ifa ta'u baatulleen AFPn maddeen eeruudhaan akka gabaaseetti yoo ta'e yoo xinnaate namoonni 11 ajjeefamanii 60 kan ta'an madaa'aniiru.

    Hidhattoonni Ruwaandaan deggaraman sochii cimaa taasisaniin magaalattii humnoota mootummaa harkaa erga fudhatanii booda hiriira jalqabaa magaalaa Bukaavuutti taasifame ture.

    Mootummaan pirezidantii Feeliiks Tiishseekiidii haleellaa kana qindeesseera jechuun finciltoonni himataniiru.

    Tishiiseekediin ammoo ''waraanaa alaa'' baha biyyattii keessa socha'aa jiru irratti quba qabaniiru.

    Ruwaandaan kan deeggaramu M23 dabaltee dursaa gamtaa gareewwan finciltootaa biroo kan ta'e Korneeyiil Naangaan hiriiricharratti argamanii ture.

    Finciltoonni nageenyaa fi tasgabbii magaalattii akka kabachiisan ummataaf waadaa galaniiru.

    ''Eegumsii naannoo hundatti taasifamu addaa ni jiraata'' jechuun ibsuusaanii Oduun Rooyitarsi gabaaseera.

    Yeroo haleellaan kun addabaabayii guddaa Bukaavuu keessatti raawwatame Nangaa fi Bertrand Bisimwa kan M23 duraan achii ba'anii akka turan amanama.

    Ibsa Nangaa kenneen, haleellaa kanaan wal qabatee namoonni lama to'annoo jala ooluu fi shakkamtoota biroos sakatta'amaa jiraachuu ibseera.

    "Gochi hammeenymmaa fi gara jabinaa kun addabbii malee hin hafu" jedhan.

    Finciltoonni kunneen baatii Guraandhalaa irraa eegalee karaa baha DR Koongoo gara fuulduraatti cimaa kan jiran yoo ta’u, magaalaa guddittii naannichaa Bukaavuu fi Goma dhuunfatanii jiru.

    Lolli kun namoota gara kuma 500 ta’an qe’eesaanii irraa kan buqqise yoo ta’u, kunis rakkoo namoomaa duraanuu hamaa ta’e hammeessee jira jedha Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii.

    Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dhukaasa dhaabuu fi finciltoonni naannoo amma to’atan keessaa akka ba’aniif gaafataniiru.

    Ruwaandaan M23 deeggaru haaltee turte, dhiheenya kana garuu naannoo daangaa DR Koongoo fi Ruwaandaa gidduutti lola uumamu nageenya isheef balaadha jechuun sarara ittisaa caalaa fudhattee jirti.

    Ogeeyyiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kanaan dura loltoonni Ruwaandaa 3,000 hanga 4,000 ta’an baha DR Koongoo keessa akka jiran tilmaaman.

  3. Waliigalteen daldalaa UK- US taarifni ‘hanga hin barbaachifneetti’ deemuu danda’a

    US fi UK gidduutti waliigalteen daldalaa “baayyee saffisaan” taasifamuu danda’a jedhan Pirezidant Doonaald Tiraamp ibsa waloo MM UK Sir Kiir Istaarmer waliin kennanirratti.

    Haasaa daawwanna MM Istaarmer Waayit Hawusitti taasisanirratti dubbii dubbateen, UK waliin daldalli taarifa (qaraxa) malee jiraachuu danda’a jedhe Tiraamp.

    Tiraamp erga gara aangootti dhufee michoota biro waliin daladala taasifamurra qaraxa (taarifa) akka kaa’u akeekkachiiseera.

    Daawwannaan MM UK Sir Kiir Istaarmer UStti taasise kun dhimma waraana Yukireen ilaalchisuun Tiraamp irratti dhiibbaa taasisuuf, akkasumas dhimma daldalaarratti dubbacuuf baayye barbaachisaa waan ta’eef bara aangoo isaatti murteessaada jedhameera.

  4. Dubartiin ministira muummee odola xiqqoo waltajjiiwwan addunyaa haasaasheetiin raastu eenyu?

    Sa'aatii tokko dura

    Bara 2022'tti barulleen Time namoota akka addunyaatti dhiibbaa uuman 100 keessatti maqaashee yeroo dhahu ''qaroo akkatti waa raasan beektu'' ittiin jedhe.

    Miyaa Amoor Mootliin dubartii ministira mummee jalqabaa, Baarbeedoos- biyya odola Kaarebiyaanii uummata 281,630 qabduuti.

    Bara 2018'tti paartiin isheen hoggantu Barbados Labour Party teessoo mana maree hunda mo'achuun biyyattii keessatti haala mul'atee hin beekneen paartii mormituu Democratic Labour Party injifate.

    Miyaan paartii kanaaf dura teessuu tahuudhanis dubartii jalqabaati. Mo'ichasheen booda haasaa taasisteenis:

    ''Kun injifannoo koo miti. Kun injifannoo Paartii Leebarii miti. Kun injifannoo uummatta Barbeedoosi dha,'' jette.

    Odessa kanarratti dabalataan dubbiifachuudhaad karaa kanaan seenaa.

  5. Tiraamp marii Zeleniskii waliin Waayit Hawusitti taasisuuf jiran dursee dinqisiifateen

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp jala-bultii Waayit Hawusitti marii taasisuuf jiranitti Pirezidantii Yuireen Voloodmiir Zeleniskiif “kabaja guddaan qaba” jedhe.

    Pirezidant Tiraamp kanaan dura Pirezidant Zelenskiitiin “abbaa-irree” ittiin jechuu isaatiif dhiifama gaafattaa jedhee BBCn gaafannaan, akkas ittiin jedheera jedhee amanuu hin danda’u jechuun deebise.

    Ammoo Zeleniskiin “baayyee goota” jechuun jajate.

    Tiraamp kana kan dubbatan erga Ministira Muummee UK Sir Kiir Istaarmar waliin haala waraana Raashiyaafi Yukireen dhaabuun danda’amurratti waliin dubbataniin boodadha.

    Pirezidant Tiraamp Jimaata har’aa Zeleniskii waliin “marii gaarii qabaanna” jechuun tilmaameera.

    Kana malees, carraaqqiin nagaa buusuus “saffisa hanga barbaadamuun deemaadhuma jira” jedhe.

  6. ASHAMAA? Tamsaasa allattii jalqabneerra.

    Ashamaa, akkam jirtu? Oduu toora tamsaasa kallattiin isin biraan geenyu amma jalqabneerra.

    Toora kanaan odeeffannoo waraana Raashiyaa - Yukireen, Israa'el-Gaazaa, akkasuma dhimmoota US fi EU isiniif dhiyeessina.

    Odeessa akkanaa biroof BBC Afaan Oromoo argachuuf ammoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti nu hordofaa.

    Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  7. MM Abiy buufata xiyyaaraa Moqaadishoo gahuu dura haleellaan moortaaraa yaalameera - Miidiyaalee

    MM Abiy Ahimad gara Somaaliyaa wayita imalan buufata xiyyaaraa Aden Addee gahuu isaanii dura buufatichatti haleellaan moortaarii tokko raawwatamuu Rooyitarsi gabaase.

    Rooyitarsi namoota fi miidiyaale waabeeffachuun akka gabaasetti maagala Moqaadishoo keessa eegumsi cimaan jiraatullee yoo xiqqaate moortaariin tokko buufata xiyyaarichaa haleeluu ibse.

    Miidiyaaleen Somaaliyaa ammoo MM Abiy achi gahuu dura haleellaawwan mortaarii gara buufatichaa dhukaafamuu gabaasan. Wayita moortaarri tokko buufaticha keessa bu'u, Pirezidant Hasan Sheeh Mohaammudkutaa VIP buufata xiyyaaraa san keessa turan jedhameera.

    Miidiyaan Tarkii Anaduuluu jedhamu maddeensaa waabeffatee akka gabasetti moortaarri dhukaafaman gariin dhiyeenya buufata xiyyaaraa Aden Addee bu'an.

    Miidhan qaqqabe jiraachuufi dhiisuun hin gabaafamne.

    Waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin mallattaa'e, Itoophiyaafi Somaaliyaa gidudu muddama jabaa uume ji'oota dura jaarsammaa Tarkiin furmaata argachuu booda Abiy yeroo duraaf gara Moqaadishoo imalan.

    Aanga'oonni lameen faayidaa waloof michummaa cimsachuuf waliigalaniiru

  8. Mootiin Morookoo Iidatti hoolaa hin qalatiinaa jedhan

    Mootii Mohaammad jahaffaan lammiileen Morookoo ayyaana Iid al Adahaatti lammiileen hoolaa akka hin qalanne gaafatan.

    Sababni ammoo hongee hamaa waggoota darban torba mudaterraa kan ka'e hanqinni hoolaa fi re'ee mudachuudha.

    Ayyaanichi gochaa Ibrahiim ilmasaa ajaja Rabbiin aarsaa gochuuf ture yaadata.

    Musliimonni guutuu addunyaarra jiranis akkuma kana hoolaafi re'ee qaluun maatiifi warra harka qalleeyyii ta'an waliin yaadatu.

    Haata'u malee MoroOkootti lakkoofsi hoolaa fi re'ee 38% gadi bu'eera. Gatiin fooniis qaala'eera. Kanarraa ka'uun biyyattiin hoolota 100,000 Awustiraaliyaarraa biyyatti galchiteetti.

    Abbaan mootii Mohaammad Hasan lammaffaanis bara 1966 sababuma walfakkaatuun waamicha hoolota hin qaliinaa jedhu dabarsanii ture.

  9. Labsii miidyaalee mormiin mudate otoo hin fooyyeeffamiin raggaa’uuuf paarlmaatti dhiyaate

    Dhaabbanni Pireesii Addunyaa (IPI) miseensonni paarlaamaa labsii labsii miidyaalee mormiin mudate kana akka fudhatama dhabsiisan gaafate.

    Haata’u malee, dhimmoonni hawaasni sivilii fi gaazixeessitoonni morman otoo hin fooyyeeffamiin paarlaamaaf dhiyaate.

    Jaarmiyaan walaabummaa pireesirratti hojjatu kun jalqaba torbee kanaa labsiin fooyyeefame kun ‘walabummaa miidiyaaleef balaadha’ jedhe.

    Miseensonni paarlaamaa boqonnarra wayita deebi’an akka raggaasisan maddeen BBCtti himaniiru.

    Koreen bakka bu’aan paartii Badhaadhinaa Obbo Hunatuu Allenaa hogganaan labsiin hojiirra oole ture to’annoo miidiyaaleerratti mudoo qabaachuu eere.

  10. Hamaas reeffa lammiilee Israa’el afurii dabarsee kenne

    Filisxeemoonni dhibbaan lakkaa’aman akka hidhaarraa gadhiifamaniif Hamaas reeffa Israa’elota Gaazaatti ugguramanii afur dabarsee laate.

    Samuda qaccee qorannoon mirkaneessuuf Israa’el qorachuuf kan jirtu yoo ta’u, reeffii sun kan Shaalom Mansur, maanguddoo ganna 86, Ohad Yahalomi nama ganna 50, Tsachi Idaan nama ganna 50 fi Itizik Elgarat maanguddoo ganna 69 ta’uu Israa'el mirkaneessuuf jirti.

    Namoonni kunneen hundisaanii haleellaa Hamaas haleellaa Onkolooleessa 7, bara 2023 raawwateen butaman.

    Kanaan walqabatee Kamisa ganama Israa’el hidhamoota Filisxeem 600 gadhiisu eegaltetti.

    Hidhamtoonni kurnaan lakkaa’aman Weest Baankii fi Gaazaatti wayita deebi’an tuuta namootaan simatamaniiru.

    Waliigatee dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa keessatti hidhamoota wal jijjiiruun kun yeroo marsaa isa xumuraaf gaggeeffamu.

    Israa’el firii qorannoo Samuda qaccee reeffa afurii akka mirkaneessitu eegama.

  11. Ashamaa

    Akkam bultan hordoftoota keenya?

    Tamsaasa kallattii keenya Kamisa ganamaa eegalleerra. Nu hordofaa.

  12. Amma nu gahe, Waliigaltee albuudaan Ameerikaa irraa wabiin nageenyaa ammatti argame hin jiru - Zeleniskii

    Pirezidaant Yukireen Zelenskiin waliigaltee albuudaa Ameerikaa jalqabaa taasifame “waliigaltee biraatti akka geessuu” abdiin qaba jechuudhaan, garuu ammoo hanga ammatti wabii nageenyaa Ameerikaa irraa akka argamu waan mirkanaa hin jiru.

    Waliigaltichi caalaatti waliigaltee “bu’uuraa” akka ta'eetti ibsame.

    Kunis waa'ee fandii waloo kan galiin qabeenya uumamaa Yukireen %50 gumaachu kaasuudhaan, garuu “waa’ee maallaqaa dubbachuuf amma yeroonsaa ganaadha” jedha.

    Akkasumas hanga ammaatti wantii qabatamaan murtaa’uu baatus, gareen isaa Ameerikaanota irratti dhiibbaa akka godhaniif sararri waa’ee deeggarsa wabii nageenyaa kaasu akka hammatamu dubbatan.

    “Wabii nageenyaa Yukireen irratti hima qabaachuu barbaadeen ture, achi jiraachuun isaas baayyee barbaachisaadha,” jechuunis kaasan.

    Gaaffii Doonaald Tiraamp kanaan dura Yukireen gargaarsa waraanaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu US hanga har’aatti dhiyeessiteef akka deebistu gaafate irratti, Zelenskiin waliigaltichi Yukireen “saantima 10 akka deebistu” hin himu jedha.

    Hogganaan Yukireen kunis Jimaata dhufaa Waayit Haawus yeroo daawwataniitti, Ameerikaan Yukireen deeggaruu itti fufuu ykn dhiisuu irratti “cimsanii kallattiidhaan” akka gaafatan dubbatan.

    BBCn Zelenskiin wabii nageenyaa inni barbaadu Tiraamp yoo kan hin dhiheessine ta'e waliigaltee kana kan dhiisan akka ta'e gaafannan, “karaa NATO ykn karaa waan kana fakkaatu argachuu yaalla” jechuudhaan deebisuun: “Yoo wabii nageenyaa hin arganne dhukaasa dhaabuu hin qabnu, wanti tokkollee hin hojjetus, homtuus hin ta’u” jedhan.

  13. Gaazaatti torban darbe keessa daa'imman ja'a sababa qorraan du'an

    Torban lamaan darbe keessa Gaazaatti dahoo ho'a qabu dhabuun qorraan daa'imman ja'a lubbuu dhaban jedhan qondaaloti fayyaa Filisxeem.

    Hakiimonni hospitaala Patient's Friends Benevolent Society kaaba Gaazaa keessaa hojjetan daa'imman qorraan dararaman sagal hospitaala galanii shanan isaanii du'aniiru, tokko haala hamtuu keessa jirti jedhan.

    Maatiin daa'ima baatii lamaas sababuma qorra kanaan Kahaan Yuunusitti lubbuun darbee jedhaniiru.

    Lammiilee Filisxeem 945,00 dahoo keessa jiraataniif hospitaalichi deeggarsi hatattamaa akka qaqqabu waamicha dhiyeesseera.

    Hamaas dahoo dabalatee dhiyeessii tajaajila bu'uuraa Gaazaan akka argattu waliigaltee dhukaasa dhaabuu irratti taa'e Israa'el eeyyamaa hin jirtu jedhe. Israa'el dhimma kana ni haalti.

  14. Lammileen Kanaadaa lammummaa Iloon Maask akka haqamu sagalee walitti qabaa jiru

    Lammileen Kanaadaa kuma dhibbaan lakkaa’aman lammummaan Iloon Maask akka irraa fudhatamu sagalee sassaabaa jiru.

    Bulchiinsa Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Kanaadaa gidduutti muddama dhalate hordofee lammuummaan Iloon Maask akka haqamu mallattoo namootaa walitti qabaa jiru.

    Faallaa fayidaa biyyaalessaa Kanaadaa hiirire jechuun mallattoon walitti qabuun guyyoota shan dura eegalame.

    Kanaadaatti lammuummaan kan haqamu yoo namni sun yakka waliin dhahuu dalage, namni sun haala sirrii hin taaneen yoo of ibse ykn odeeffannoo immigireeshiinii fi dhimma lammummaa yoo dhokse.

    Afrikaa Kibbaatti kan dhalate Iloon Maask lammuummaa Kanaadaa fi Ameerikaa qaba.

    Biliyeenarrii kun Kanaadaan ''dhugaatti biyya miti'' jechuun toora miidiyaa hawaasaa isaa X irratti erga deebii kennee booda barreeffamasaa haqeera.

  15. Himannaan duguggaa sanyii warra adii 'waa dhugaa miti' - mana murtii Afrikaa Kibbaa

    Manni murtii Afrikaa Kibbaa himannaa duguggaan sanyii warra adii jira jedhu kuffise.

    Waanuma ''sammuu keessatti uumame malee, waan dhugaa miti,'' jechuun himannaa Tiraampiifi gorsaan isaanii Iloon Mask kaasan fa'i busheesse.

    Murtoon kuni kan dhagahame garee ''olaantummaa adiitti amanu'' Buraaliyoon jedhamuuf arjoomni nama sooressaa tokkoo yeroo dhorkametti dha.

    Giraantilaand Maayiki Bireey garee ''ergaa sanyummaa fi wal-qooduu labsu'' deeggaruuf doolaara miiliyoona 2.1 arjomuuf gaafatee ture.

    Haa tahu malee manni murtii biyyachaa gaaffiin kuni ''sirrii kan hin taane, ifaa kan hin taaneefi ''imaammata hawaasaa kan faallessu dha,'' jedhe

    Dhimma arjooma garee ''olaantummaa adiin'' amanuuf kennamu kanaa obbolaa Giraantilaand Maayiki dha gara mana murtiitti kan fide.

    Tiraamp Afrikaa Kibbaa keessa ''ajjeechaan qonnaan bultootaa bal'aa'' akka jiru yoo himu, Iloon ammoo ''seerri lafaa sanyiin loogaa'' yoo jedhu akkasumas kanaan dura ''duguuggaa sanyii namoota gurraachaa'' balaallefatee ture.

    Tiraamp godaantota irratti tarkaanfii fudhataa jiraatus qonnaan bultoonni adii Afrikaa Kibbaa sababa arii'atama irra gahuun Ameerikaatti baqachuu akka danda'an himee ture.

  16. Puutiin albuuda Raashiyaafi Yukireen Ameerikaaf kennuuf fedhii qabaachuu himan

    Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin lafa Yukireen qabatan dabalatee Ameerikaan albuuda akka argattuuf eeyyamamaa tahuu himan.

    Tiraamp irra deddeebiin Yukireen deeggarsa Ameerikaa argachuuf albuudashee kennuu qabdi jechuun booda oduun kuni dhagahame.

    Yukireenis dhimma kanarrratti adeemsa waliigaltee sadarkaa dhumaarrai jiraachuu aanga'aan biyyattii himaniiru.

    Puutiin af-gaaffii Wiixata darbe TV biyyaalessaa waliin taasisaniin piroojektiiwwan waloo irratti Ameerikaan albuuda akka argattu fedhiisaanii tahuu himaniiru.

    Kunis 'daangaa haaraa' -daangaa Yukireen Raashiyaan waggaa sadii dura qabatte dabalachuu himaniiru.

    Kana malees biyyooti lameen wal-tahuun aluminiyeemii baasuun gara UStti erguun gatii akka tasgabbeessuu eerameera.

  17. Baankiin Eshiyyaa guddichi hojjattoota kuma afur ari'ee hojiisaanii AIn bakka buusuuf

    Ardii Eshiyaatti baankii guddichi Singaapoor waggoota dhufan sadii keessatti hojjattoota kuma afur gageessuun hojiisaanii hubannoo nam-tochee (AI)n hojjachuuf ta'uu beeksiise.

    Baankichi yeroo ammaatti hojiiwwan namaan hojjataman hubannoo namtolcheen gargaaramee hojjachuuf karoorfate.

    Dubbii-Himaan Baankii DBI jedhamee BBCtti akka himanitti, kunis baankiichi ''waggoota ittaanan muraasa keessatti hojjattoota yeroofi kontraataan mindeesse hir'isu eegala.''

    Hojjattoota dhaabbataan mindeesse hojiisaanii akka hin dhabne dubbateera.

    Hojii-gaggeessaan baankiichaa hojii gadhiisan, Pooyuush Guupitaa akka jedhaniitti, eddoon hojii gara kuma tokkoo ta'an hubannoo nam-tolcheetiin haguugamu.

    Baankiin kun sababii AIn hojjattoota isaa hir'isuuf kan murteesse baankii jalqabaati.

    Dhaabbatichi hojjattoota Singaapoortitti argaman keessaa meeqa hojiisaanii dhabu akka danda'an፥ akkasumas gosa hojii kam akka cufamu odeeffannoo gadi fageenyaa kennuurraa of qusateera.

  18. 'Kibbi Sooriyaa hidhannoo meeshaa waraanaarraa guutummattii bilisa akka ta’un barbaada'- Israa’el

    Ministirri Muummee Israa’el Beenjamin Netaaniyaahuun Kibbi Sooriyaa hidhannoo meeshaa waraanaarraa guutummatti bilisa ta’uu qaba jedhan.

    Dhimmi kun Israa’eliifi bulchiinsa haaraa Sooriyaa gidduutti waldhabbii uumuun waan hin oolle.

    Ministirri Muummee Israa’el Beenjamiin Netaaniyaahuun Dilbata darbe leenjitota waraanaatti wayita dubbatan humnoonni Haayaat Tahriir al- Shaam, gareen islaamistoota Asaad aangoorraa fonqolchanis ta’ee, Waraanni Sooriyaa haaraan iddoo ‘’kibba Damaasqoos’’ jedhamu akka seenan hin eeyyamnuuf jedhan.

    Netaanahuun Israa’el lafa Sooriyaa Mudde darbe yeroo Asaad aangoorraa fonqolfamu qabatte keessaa hin baatu jedhan. Kun ammoo Israa’el tarsimoo kanan dura hordoftu geeddaru agarsiisa.

    Israa’el gaara Goola harka caalu bara 1967 yeroo waraanni Bahagidddugaleessaa gaggeeffamaa ture Sooriyaarraa humnaan fudhachuun ni yaadatama.

  19. Deeggarsi US adda cituusaatiin Sudaanitti namoonni beela’aa jiru

    Sudaanitti deeggarsi namoomaa Ameerikaa adda cituun giddugaleeyyiin soorata yeroo atattamaatti namoota hiyyeeyyiif kennan % 80’n cufaman.

    Tola-ooltoonni akka jedhanitti, ajaji hoji-raawwachiftuu Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald USAID guyyoota 90’f Tiraamp deeggarsi akka addaan citu mallatteessan giddugaleeyyii soorata dhiyeessan 1,100 akka cufamu dirqamsiise.

    Sudaanitti namoonni miliyoona lamatti dhiyaatan kanneen jiraachuuf qabsootti jiran taatee kanaan miidhamaniiru.

    Lola finciltoota Humna Dafee Qaqqabaa Sudaan (RSF) fi waraana mootummaa Sudaan giddutti adeemaa jiruunnamoonni kumaatamaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru.

    Bara 2023 irraa kaasee namoonni miliyoonaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqa’uun, beelaaf saaxilamaniiru.

  20. Yaada UN dhimma Yukireen ilaalchisuun dhiyeesserratti US gama Raashiyaa gorte

    US wagga sadaffaa Raashiyaan Yukireeniin itti weerarte yaadachuuf yaada UN dhiyeesserratti si’a lama gama Raashiyaa goruun sagalee kennite.

    Kun ammoo bulchiinsi Tiraamp waraana kanarratti ejjennoo jijjiirrachaa jiraachuu agarsiisa.

    Jalqaba biyyoonni lamaan [US fi Raashiyaa] wixinee yaada furmaataa Awurooppaan tarkaanfii Mooskoo abaaruun fudhatte abaaruun birmaddummaa danagaa Yukireen Kora Waliigalaa UNDA Niw Yoorkitti darbe akka deeggaru ibse morman.

    Isaan booda ammoo wixinee yaada furmaataa US qopheessitee Mana-maree Nageenyaa UN irratti akka waraanni dhaabbatuuf waamicha taasiftee, garuu osoo Raashiyaa hin qeeqiin dhiyeessite deeggaran.

    Yaadni furmaataa Manamarichaa darbeera garuu michoota US lama, UK fi Faransaay, jechoonni akka sirreffaman gaafatanii sagaleen jalaa kufaa taasifameen booda sagalee kennuurraa of qusataniiru.