Magaalaa Baha DR Koongootti argamtuufi dhiheenya harka finciltootaa jala galteetti hiriira deeggarsaa waamame irratti dhukaasa walitti fufaa fi dhohiinsa cimaa kan qaqqabe.
Baha biyyattii keessatti magaalaa guddoo lammaffaa kan taae Bukaavuu keessatti dhohiinsa umamee hordofee ummanni naasuudhaan bakka hiriirichaatii wayita baqatuu fi daandiiwwan irratti reeffi kufee akka ture viidiyoowwan agarsiisan bahanii ture.
Lakkoofsi baayyina namoota ajjeeffamanii ifa ta'u baatulleen AFPn maddeen eeruudhaan akka gabaaseetti yoo ta'e yoo xinnaate namoonni 11 ajjeefamanii 60 kan ta'an madaa'aniiru.
Hidhattoonni Ruwaandaan deggaraman sochii cimaa taasisaniin magaalattii humnoota mootummaa harkaa erga fudhatanii booda hiriira jalqabaa magaalaa Bukaavuutti taasifame ture.
Mootummaan pirezidantii Feeliiks Tiishseekiidii haleellaa kana qindeesseera jechuun finciltoonni himataniiru.
Tishiiseekediin ammoo ''waraanaa alaa'' baha biyyattii keessa socha'aa jiru irratti quba qabaniiru.
Ruwaandaan kan deeggaramu M23 dabaltee dursaa gamtaa gareewwan finciltootaa biroo kan ta'e Korneeyiil Naangaan hiriiricharratti argamanii ture.
Finciltoonni nageenyaa fi tasgabbii magaalattii akka kabachiisan ummataaf waadaa galaniiru.
''Eegumsii naannoo hundatti taasifamu addaa ni jiraata'' jechuun ibsuusaanii Oduun Rooyitarsi gabaaseera.
Yeroo haleellaan kun addabaabayii guddaa Bukaavuu keessatti raawwatame Nangaa fi Bertrand Bisimwa kan M23 duraan achii ba'anii akka turan amanama.
Ibsa Nangaa kenneen, haleellaa kanaan wal qabatee namoonni lama to'annoo jala ooluu fi shakkamtoota biroos sakatta'amaa jiraachuu ibseera.
"Gochi hammeenymmaa fi gara jabinaa kun addabbii malee hin hafu" jedhan.
Finciltoonni kunneen baatii Guraandhalaa irraa eegalee karaa baha DR Koongoo gara fuulduraatti cimaa kan jiran yoo ta’u, magaalaa guddittii naannichaa Bukaavuu fi Goma dhuunfatanii jiru.
Lolli kun namoota gara kuma 500 ta’an qe’eesaanii irraa kan buqqise yoo ta’u, kunis rakkoo namoomaa duraanuu hamaa ta’e hammeessee jira jedha Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii.
Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dhukaasa dhaabuu fi finciltoonni naannoo amma to’atan keessaa akka ba’aniif gaafataniiru.
Ruwaandaan M23 deeggaru haaltee turte, dhiheenya kana garuu naannoo daangaa DR Koongoo fi Ruwaandaa gidduutti lola uumamu nageenya isheef balaadha jechuun sarara ittisaa caalaa fudhattee jirti.
Ogeeyyiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kanaan dura loltoonni Ruwaandaa 3,000 hanga 4,000 ta’an baha DR Koongoo keessa akka jiran tilmaaman.