Warri Yukireen aariin walitti dubbachuu Waayit Hawus keessa tureef deebii kennan
Dubbii aariin walga'ii Zeleniskiifi Tiraampii fi itti-aanaa isaa Waayit Hawus keessatti turerratti Yukireenonni miirasaanii ibsataniiru, deebiis kennaniiru.
Xiinxalaan siyaasaa Voloodmiir Fesenkoo TV Yukireen irratti akkas jechuun warra Yukireenitti dubbate: "Naasuun Pirezidant Zeleniskiin keessa ture akka hin hin milkoofne godheera. Kana caalaa of to'achuufi tasgabbaa'uun irra ture, keessumaa pirezidantii itti aanaa JD Vaans waliin. Akkuma kanas osoo Tiraamp waliin falmuu dhiiseera ta'ees baayyee gaarii ture."
Gaazexeessaan Yukireen Illi'aa Ponomarenkoo akkuma kana haala jiru madaaluun akkas jedhe: "Baayyee kan nama qaanessudha. Isaan qaanii tokko malee wan tokko irraa arganna jedhanii Zeleniskiirra dubbii barbaadu," jechuun fuula X isaarratti barreeesse.
"Kun hundi ammoo ija guutummaa addunyaa duratti osoo miidiyaan addunyaa kallattii tamsaasaa jiruu kan ta'edha. Zeleniskiidhaan cabsuudhaaf waan lafarra jiru isaan hin goone hin jiru."
Aanga'oonni Yukireenis akkuma kana deebii kennaniiru. Bulchaan bulchiinsa naannoo Liviiv Maaksimii Koziitiksii akkas jechuun barreesse:"Taatee Waashingitenitti ta'aa ture kallattiin dhimmeen hordofaan ture. Ingilaand nama onnee leencaa qabu Richaard qabdi ture, nuti ammoo nama onnee leencaa qabu Voloodmiir qabna.