US loltoota dabalataa kumaan lakkaa'aman Baha Giddugaleessaatti erguuf -Gabaasa
Madda suuraa, Getty Images
Gabaasaaleen hedduun US loltoota galaanarraafi dooniirra hojjetan dabalataan kumaan lakkaa'aman Baha Giddugaleessaatti bobbaafamaa jiraachuu aanga'oota maqaan hin dha'amne eeruun mul'isaniiru.
Loltoonni US galaanarra hojjetan 2,500 Kaalifoorniyaa buufatee kan jiru USS Boxer gareen Humna Galaanaa 11th jedhaman gara Baha Giddugaleessaa deemaa jiraachuu miidiyaa US gabaasan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.