Dhohinsi guddaan magaalaa Teehraan keessaa dhagahame
Israa'el magaalaa guddaa Iraan Teehraan haleelaa jirti. Kun ammoo yeroo lammiileen Iraan ayyaana waggaa haaraa Nowruuz simataa jiranittidha.
Halkan edaa Iraanis misaa'eloota hedduu gara Jeerusaalemitti dhukaafteetti. Yeroo ittisni qilleensarraa Israa'el misaa'eloota qolatuu fi samii irratti rukutu sagalee guddaan Jeerusaalem keessaa dhagahamaa bule.
MM Israa'el Neetaanyahuun Iraan amma ''burkutoofteetti,'' yuuraaniyeemii gabbisuu ykn misaa'eloota baalistikii oomishuu hin dandeessu jedhan.
Torban kana yeroo Iraan Israa'eliin haaloo bahachuuf misaa'ela dhukaasaa turtetti gatiin boba'aa addunyaa akka malee dabaleera.
Israa'el gidduugala oomisha boba'aa Iraan gara Kibbaa jiru Paarsi jedhamu haleeltee ture.
Erga Israa'el haleellaa buufataalee boba'aa irraa ofan qusadha jettee fi dhiyeessii boba'aa Ameerikaan akka dabalu nan godha jettee gatiin ol ka'e deebi'aa jira.
Akkasumas Faransaay, UK fi Jaappaan waliin tahuun ibsa kennaniiru. Hulaan Hoormuz akka banamuuf deeggarsa isaan irraa eegamu akka godhan Kmaisa galgala ibsanii ture.