Jala-bultii waggaa haaraa Pershiyaanotaa, festivaala Noowruuz jedhamuuf, lammiileen Iraan gammachuu fi hawwii guddaan qophaawu ture.
"Akka malee ko'oommannee qophoofna ture... mana qulqulleessina, uffata haaraa bibbitanna, karameellaa fi biskutii fa'i bitannee eegna ture" jetti harmeen waggaa 50 takka.
Garuu, kan baranaa adda ta'e jetti, boo'ichaan dubbatti.
"Barri kuni moo? Guyyaan hundi dheeraa dha. Toorri jireenya koo na harkaa badeera" jetti Miinaan
Nowruuz, jechuun "guyyaa haaraa" yoo ta'u akka aadaa Pershiyaanotaatti barii Birraa labsa. Lammata dhalachuu uumaa, jalqabbii bara haarawaa ti Iraanii fi biyyoota kaan keessatti. Festivaalli kun waggoota 3000 eegale. Festivaala umrii dheeraa addunyaa keenyaati.
Barana Bitootessa 20 (har'a) irra oola. Ayyaanni kun barana yeroo jalqabaatiif Iraanotaan waraana jalatti kabajama. Iraan Guraandhala 28 kaasee waraana keessa jirti.
Gareen mirga namoomaa US maandheffate Human Rights Activists in Iran hanaga ammaa namoonni 3,114 ajjeefamuu gabaase. kanneen keessaa 1354 kan ta'an namoota nagaa ti. Kanneen 207 ta'an immoo daa'immani. Namoonni hojii dhabaa jiru, dhaabbilee fi misoomawwan bu'uuraa diigamaa jiru.
"Akkaataa kanaan Iraan waan irraa haftu hin fakkaatu. Ayyaanni kun Noowruuz isa dhumaa akka ta'u hin fedhu."
Iraanotaaf, Noowruuz seenaa, eenyummaa biyyaalessaa, fi aadaa bakka bu'a. Pershiyaanonni : Parsoonni, Kurdoonni, Armanoonni, Azerbaayijaanonni, Taajikoonni, Kaazakhsoonni, Uzbeekonni fi kuun ni kabaju..