Sarjee Laavroov yaa'ii UN irratti Gamtaa Awurooppaa fi Nato akeekkachiisan

Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Serjee Laavroov Raashiyaan Serjee Laavroov biyyisaanii EU ykn Nato haleeluuf fedha akka hin qabne himan. Ammoo yoo weerarri biyyootakanarraa aggaamamnaan deebii akka kennan akeekkachiisan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya hordofaa
  • Israa'el karoora nagaa Tiraamp Gaazaa irratti dhiyeesse fudhatte
  • Humni Israa'el Gaazaa keessaa hin ba'u- Neetaaniyaahuu
  • Kataar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte
  • Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pirezidaantiin Faransaayi duraanii yakkaan himanatamii hidhaan waggaa shanii itti murame

    Nikoolaas Saarkoozii

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin duraanii Faransaayi Nikolaas Saarkoozii yakkaan himatamuun balleessa jedhamee hidhaan waggaa shanii itti murame.

    Saarkooziin bara pirezidaantii Faransaayi ture, filannoo mo'achuuf jecha deeggarsa Yuuroo miliyeena heddu pirezidaantii duraanii Liibiyaa Mohaammar Gadaafii irraa fudhachuun yeroo dheeraaf himatamee ture.

    Filannoo pirezidaantummaa Faransaayi bara 2007 irratti Saarkooziin mallaqa seeran alaa Yuuroo miliyeena heddu Gadaafii irraa fudhachuun himatamus himannicha dhara jechaa ture.

    Manni Murtii Yakkaa Paaris garuu Nikoolaas Saarkooziin yakkamaadha jechuun hidhaa waggaa shanii itti murteesse.

    Pirezidaantiin duraanii Faransaayi kun Gadaafii irraa mallaqa dhoksaan yeroo fudhatu oolmaa biraa akka ooluf waadaa galeefii ture jedhama. Inni dhiibbaa biyyoonni Lixaa yeroo sana Gadaafii irraan gahan irraa salphisuuf ture.

    Nikoolaas Saarkoozii bara 2007 hanga 2012tti pirezidaantii Faransaati ta'uun tajaajilaa ture.

  2. Hamaas daandiitti ba'ee humnoota Israa'el haleeluuf qophaa'e, Israa'el humna guddaa Gaazaatti butte

    Hamaas daandiitti ba'ee humnoota Israa'el haleeluuf qophaa'e, Israa'el humna guddaa Gaazaatti butte

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hamaas daandiitti ba'ee humnoota Israa'el haleeluuf qophaa'e, Israa'el humna guddaa Gaazaatti butte

    Waraana waggoota lamaa oliin humni isaa kan dadhabe Hamaas of qindeessee daandiitti ba'uun humnoota Israa'el haleeluuf qophaa'uu ibseera.

    Kana hordofee Israa'el ammoo humna guddaa giddugala magaalaa Gaazaatti buttee qubachiiste.

    Haala kanaan waraanni lafoo daandiiwwan Gaazaa irratti eegalamuuf deema sodaan jedhu jira.

    Erga humnoonni Israa'el torban darbe keessaa haleellaa lafoo eegalanii Filisxeemonni kumaatamaan lakkaa'aman baqachuuf dirqamaniiru.

    Dahannoon dhumaa Hamaas magaalaa kana ta'uu kan amantu Israa'el garee kana balleessuun butamtoota hafan 48 gadhiisisuuf akka oppireeshinii gaggeessitu ibsiteetti.

  3. Akkam jirtu? Tamsaasi kallattii keenya eegaleera

    Odeessa biyya keessaa fi alaa isnii dhiyeessina.

    Guyyaa gaarii

    Aadaa Oromoo, waliin tahuun Cumboo yoo nyaatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Aadaa Oromoo, waliin tahuun Cumboo yoo nyaatan
  4. Pirezidantiin Sooriyaa muddama Israa'el uumteef birmannaa gaafatan

    Al-Shaaraa

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Sooriyaa Ahmad al-Shaaraa wayita kora 80ffaa UN irratti dubbatan hawaasi idiladdunyaa isaan bira dhaabbachuun muddama Israa'el uumte keessaa akka isaan baasan dhaamaniiru.

    Sooriyaa fi Israa'el duraanis walitti ba'uun wal waraananiiru. Ammas Israa'el bifa haaraan haleellaa eegalteetti. Muddamni Sooriyaa fi Israa'el yeroo kamuu caalaa amma hammaateera.

    Erga bulchiinsi Bashaar al-Asaad kufee Israa'el Sooriyaa irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu adda hin kutne.

    Israa'el humna waraanaa Asaad guutummaatti mootummaa haaraatti akka hin darbine feeti.

    Haleellaan Israa'el akka haaraatti Sooriyaa irratti eegalte deeggarsa hawaasi idiladdunyaa mootummaa haaraa Sooriyaaf taasisu faallessa jedhan pirezidantichi.

    Kanaaf mootummoonni addunyaa ammumarraa gocha kana dura akka dhaabbataniifi akka irraa ittisan iyyatan.

    Al-Shaaraan biyyoonni hunduu Sooriyaa irraa akka guutummaatti qoqqobbii kaasanis gaafataniiru.

  5. Asaad Sooriyaa diige- Pirezidantii Soooriyaa Ahmad al-Shaaraa

    Al-Shaaraa

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantii Sooriyaa Ahmad al-Shaaraa kora UN irratti wayita haasaa taasisan biyyisaanii barbadaa'uu isheef nama isaan dura pirezidantii biyyattii turan Bashaar al-Asaad himatan.

    Biyyi isaanii seenaa keessatti waan gaariis, waan badaas argaa yoona ga'uu kan ibsan dureen Sooriyaa kun ''ammoo egereen keenya ifa,'' jedhan.

    Bara bulchiinsa Asaad waggoota kurna ja'a darban keessatti Sooriyaa fi lammiileen ishee hacuuccaa fi dararaa suukanneessaa jala akka turan UNtti himan.

    Sooriyaan diigamteetti, waraanni waliinii loltoota biyyoota adda addaa ofitti hawwateera jedhan.

  6. Haleellaa diroonii Yaman Israa'el irratti raawwatteen namoonni 20 ta'an madaa'an

    Haleellaa Yaman raawwatte booda qaamoleen nageenyaa fi lubbuu baraartonni bobbaafaman

    Madda suuraa, Israel Defense Forces

    Lubbuu baraartonni fi waraanni Israa'el haleellaa diroonii Yaman kibba Israa'el irratti raawwatteen namoonni 20 caalan madaa'uu ibsan.

    Humni Ittisaa Israa'el (IDF) haleellaan kan raawwate hoteela handaara Galaana Diimaatti argamurratti ta'uu ibse.

    Jaarmiyaan tajaajila fayyaa yeroo balaa tasaa biyyattii namoota 20 miidhaman keessaa lama akka malee madaa'uun hospitaala Yoseftal jedhamutti wal'aanamaa jiraachuu hime.

    Miidiyaan Israa'el haleellaa kana Huutiin akka raawwatetti gabaasan, gareen hidhattootaa kun garuu itti gaafatamummaa hin fudhanne.

  7. 'Meeshaalee waraanaa nukilaraa hin feenu'- Iraan

    Pirezidant Masuud Pezeshkiyaan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Iraan erga waraana guyyaa 12f Israa'el irratti raawwattee ji'a sadi booda yeroo jalqabaaf waltajjii UN irratti yaadasaanii ibsataniiru.

    Kora kanarratti dubbii taasisaniin Israa'eliin kan himatan Pirezidanti Masuud Pezeshkiyaan biyyi isaanii kan ittiin himatamtu- dhimma meeshaalee waraanaa nukilaraa irrattis ejjennoo biyyisaanii qabdu ibsaniiru.

    Iraan ''meeshaalee waraanaa nukilaraa barbaaddees hin beektu, hin barbaaddus,'' jedhan.

    ''Nuti boombii nukilaraa hin feenu,'' jechuun ejjennoo hoogganaa olaanaa biyyasaanii Ayaatollaa Kamaanii kan ta'e yaa'ii UN irratti ibsaniiru.

  8. Pirezidantiin Iraan kora UN irratti Israa'el himatan

    Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidant Masuud Pezesjkiyaan ''eenyutu addunyaa goolaa jira isinitti fakkaata?'' jechuun gaaffiidhaan eegalan.

    Itti aansuun haleellaa fi dararaa Israa'el Baha Giddugaleessaa keessatti raawwachaa jirtu balaaleffatan.

    ''Gaazaa keessatti yakka duguuggaa sanyii,'' akkasumas Yaman fi Siiriyaa barbaadeessuu ishee kaasuun dubbatan.

    ''Kana hunda maqaa ofirraa qolachuu jedhuun biyya addunyaarratti guddoo taaterraa deeggarsa argattuun raawwatti.''

    Kanaaf eenyutu addunyaa jeeqaa jiraree? jechuun aanga'oota galma sana keessa jiru gaafatan Pirezidant Pezeshkiyaan.

    Waraana guyyoota 12f Israa'el biyyasaaniirratti raawwattes kora UN kanarratti balaaleffataniiru.

    Karoorri Israa'el humnaa fi doorsisaan biyya namaa weeraruudha jedhan.

    Gara fuulduraatti Iraan biyyoota duguuggaa sanyii dura dhaabbachuun qolatan cinaa dhaabbachuun ciminaan akka hojjettus ibsan.

    Pirezidantiin Iraan kun haleellaa Israa'el Kataar irratti raawwattes balaaleffataniiru.

  9. Zeleniskiin erga Tiraamp lafti Yukireen hundi ni deebi'a jedhanii booda kora UN irratti dubbatan

    Pirezidantii Yukireen Volodimiir Zeleniskii

    Madda suuraa, Reuters

    Kora 80ffaa UN irratti Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii miseensonni UN hundi akkuma keenya nageenya fedhu jechuun dubbiisaanii eegalan, garuu yoo hiriyaa jabaa hin qabaanne seerri idiladdunyaa bu'aa hin qabu jedhan.

    ''Hiriyaa humna cimaa qabu of biraa hin qabdu taanaan seerri idiladdunyaa hin hojjetu. Inniyyuu meeshaa waraanaa malee hin hojjetu,'' jechuun haasaa isaanii eegalan.

    Kanaafuu hiriyaa fi meeshaa waraanaa malee wabiin nageenyaa hin yaadamu jedhan.

    Dhukaasi dhaabbachuu dhabuuf ammoo Raashiyaatti quba qaban.

    Doorsisa Raashiyaan Poolaand, Estooniyaa fi Moldoovaa keessatti raawwachaa jirtus kora kanarratti ibsaniiru.

    Biyyoonni Awurooppaa weerara kana akka dhaabsisan, keessattuu Moldoovaa weerara Raashiyaa jalatti kuftee jirtu akka baraaran gaafatan.

    Wayita Zeleniskii dubbatan jilli Raashiyaa kallattiin ilaaluu dhiisee irraa garagale, fedhii ilaaluu akka hin qabne agarsiisan.

    Dureen Yukireen kun miseensota guutuu UN fuulduratti dubbachuu barbaadanii turan. Ta'us wayita isaan dubbatan namni hedduun hin turre, garuu carraa argatanitti fayyadamuun ergaa dabarfataniiru.

  10. Hogganaan Tarkii Erdaagaan marii Gaazaa irratti taasifameetti 'gammaduu' ibsan

    Hogganaan Tarkii marii Gaazaa irratti taasifameetti 'gammaduu' ibsan

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Tarkii Riisep Taayip Erdogaan walgahiin dhimma Gaazaa irratti Pirezidaanti Tiraampii fi hoggantoota biyyoota Arabaa fi Muslimoonni itti baayatan waliin gaggeeffame ''baay'ee bu'aadha'' jedhan.

    Walgahiichaan booda gaazexeessitoota waliin kan dubbatan Erdogaan, bu'aa marii kanaatti ''gammaduu'' fi labsiin waloo yeroo dhiyootti akka maxxanfamu dubbatan. Haata'u malee gadi fageenya isaa irratti bal'inaan hin ibsine.

    Miseensa NATO kan taate Tarkiin, haleellaa Israa'el Gaazaa irratti raawwattuu cimsitee kan qeeqxuu yoo ta'u, irra deddeebiinis duguuggaa sanyii jechuun waamaa turte.

    Ankaaraan naannoo Filisxeem keessatti dhukaasni hatattamaan akka dhaabbatu kan gaafatte yoo ta'u, hawaasni addunyaa Israa'el irratti tarkaanfii humnaa akka fudhatu gaafatteetti.

  11. Tiraampii fi hoggantuun EU 'galii boba'aa fosiilii Raashiyaan argattu hir'isuun barbaachisaa ta'uurratti waliigalan'

    Ursulaa von der Leyen

    Madda suuraa, Reuters

    Tiraamp kaleessa tibba yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtooman Niiw Yoorkitti taa'ameerratti argamaniitti, hoggantoota addunyaa waliin marii maddi dhimmoota garaa garaa irratti taasisuun ni yaadatama.

    Haaluma kanaanis Tiraamp Pirezidantii Komishinii Gamtaa Awurooppaa, Ursulaa von der Leyen waliin mari'atanii ture.

    ''Walgahii gaarii'' taasiifne jechuun ni danda'ama jedhan von der Leyen mariin Tiraamp waliin taasisan.

    Mariin isaanis ''waraana dubbii barbaacha Raashiyaan Yukireen irratti geggeessite'' irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, lamaan isaaniitu ''galii Raashiyaan boba'aa fosiilii irraa argattu hir'isuun barbaachisaa ta'uu'' irratti waliigaluu isaanii dubbatan.

    Awurooppaanis paakeejii qoqqobbii haaraa isaatiin kana gochuuf yaalaa jira jechuun, ibsa toora X irratti kenniteen, Awurooppaan bara 2027tti sababii gaariidhaaf boba'aa fosiilii Raashiyaa irratti "fuula ni garagalcha" jechuun dhaadatan aangooftuun tun.

    Hoggantuun Gamtaa Awurooppaa tun itti dabaluudhaan, ''walitti fufiinsaan naannoo qilleensa Awurooppaa keessa seenuu'' Kiremliinii fi haala Baha Giddugaleessaa irrattis mari'atachuu dubbatan.

    "Lamaan keenya iyyuu gidiraan lammiilee nagaa xumuramuu akka qabu irratti walii galleerra" kan jettu yoo ta'u, waamicha Awurooppaan furmaata mootummoota lamaa dhiyeessan irra deebiin kaasaniiru.

  12. Tiraamp Yukireeniif wabii nageenyaa kennuudhaaf fedhii qabaachuu Zelensikiin himan

    Voladmiir Zelensikii

    Madda suuraa, Reuters

    Zelensikiin kaleessa gamoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti argamutti gaazexeessitoota waliin turtii taasisanii turan.

    Zelensikiin, ''Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, erga waraanni xumuramee booda wabii nageenyaa Yukireeniif kennuuf fedhii akka qaban ni hubanna,'' jechuun hirmaattoota kutaa sanaatti himan.

    Kun maal fakkaachuu akka danda'u cimsanii wayita ibsanis, "Sobuu hin barbaadu, gadi fageenya isaa hin qabnu" jedhan.

    Carraa ittisa qilleensaa, ittisa diroonii fi ittisa meeshaa waraanaa kaasuudhaan, hogganaan Yukireen kun biyyisaanii wabiiwwan nageenyaa kun yoo kennameef Putiin waraana isaatiif ''sababii guddaa dhabu'' jedhan.

  13. Ekitikeen kaardii diimaan bahuun booda 'dhiifama' gaafate, leenjisaan waan 'gaddeebii' godhe jedhe

    Hugoo Ekitikee

    Madda suuraa, Getty Images

    Liiverpuul eda galgala taphattoota filannoo jalqabaa hedduu boqochiisee morkii Karabaawoo Kaap marsaa sadaffaan Saawuzaampitan 2-1n injifateera.

    Tapha kanarratti gatii riikardii Ingiliziin gara Anfiild kan dhufe Aleksaander Isaak, jalqabarraa hiriiree gooliisaa jalqabaa lakkoofsiseera.

    Boqonnaa booda bakkasaatti jijjiiramee kan seene Huugoo Ekitikeen goolii lammaffaa wayita galchuu qomee ofirraa baasee gammachuu ibsachuusaatiin kaardii keelloo lammaffaa argatee dirree ari'ameera.

    Ta'ii kana booda Huugoon ''miirakootu to'annoon ala ta'e, dhiifama naaf godhaa'' jechuun deeggartoota dhiifama gaafate.

    Hugoon gatii paawundii miliyoona 69 ta'uun Firaankifartirraa erga Liiverpuulitti makamee jalqabbii gaarii gooliin dabaalame agarsiisaa jira. Sababa kaardii diimaa argate kanaanis Sambatan kana morkii gareensaa Kirsitaal Paalaas waliin qabu irratti hin hirmaatu.

    Leenjisaa Arni Isloota gochaa Huugoo kana yoo busheessu ''gochaa gaddeebii (stupid)'' jechuun ibse.

    ''Osoo hin taane osoodhuam duraan kaardii keelloo hin qabu ta'eeyyuu gochuchi gaddeebiidha'' jedhe Isloot.

    ''...osoon taphattoota sadii fa'a gowwomsee darbee fiixee gooliitti dhayee galchee laali kun waayee kooti jetta. Garuummoo akka inni galgala kana galchee osoon galcheera ta'ee Kiyeesaatti garagaleen laal kun dhamaatii keetin jedhaan, akka gaarii naa mijeessite, akka gaariitti fiigde, ani hedduu hin hojjenneen jedha'' kan jedhe Sloot ''wanti godhe gaddeebiidha'' jedhe.

    ''Gaddeebiidha, haala kamiinuu gocha qaroo miti.'' Ekitikeen dhufaatii Isaak booda filannoo jalqabaa argachuuf morkiitti jira.

    Isloot, Huugoon ''kaardii keelloo argachuusaa dagatee kana godhe ta'a, irra abaratee waan akkasiitti hin deebi'u jedheen abdadha'' jedheera.

  14. Hobomboleettii hamaa Raggaasaa jedhamu Chaayinaa, Taayiwaanii fi Hong Koong rukutaa jira

    Hobomboleettii hamaa Raggaasaa jedhamu Chaayinaa, Taayiwaanii fi Hong Koong rukutaa jira

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hobomboleettii hamaa Raggaasaa jedhamu Chaayinaa, Taayiwaanii fi Hong Koong rukutaa jira

    Tibbana hobomboleettii hamaan Chaayinaa dabalatee Taayiwaanii fi Hong Koong akka malee miidhaa jira.

    Chaayinaa bulchiinsa Guwaangdong keessaa qofa namoonni gara miliyoona lamaa baafamaniiru.

    Hobomboleettii rooba cimaa makate kun Filiippiinsi erga rukutee gara Kibba Chaayinaattis darbe.

    Miidhaa guddaa geessisuu qondaalonni Chaayinaa himaniiru.

    Filiippiinsi

    • Magaalota kaaba Filiippinsi lolaadhaan yeroo fudhataman lubbuun nama tokkoo darbeera.

    Taayiwaan

    • Rooba cimaan sababa hobomboleettii Raggaasaa jedhamu kanaan roobe haroon guutuun akka magaala keessa dhangala'an taasise. Namoota 14 galaafachuun namoonni 120 achi buuteen isaanii dhabameera.
    • Haroon kun sigiga lafaa sababa hobomboleettii ji'a Waxabajii keessa ture ''Taayifuun Wiippaa'' jedhamuun uumame.

    Hong Koong

    • Manneen barnootaa fi buufanni qilleensaa idil-addunyaa sodaa bubbee fi rooba kanaan cufamaniiru.

    Chaayinaa

    • Kutaa bulchiinsa Guwaangdong keessaa qofa namoonni gara miliyoona lamaa mana isanaiitii baafamanii bakka biraatti geeffamaniiru.
    • Magaalonni Kibba Chaayinaa akka Zhuhaayii, Sheenzheen fi Guwaangizhuu galaanni itti garagaluun miidhaa guddaa keessa jiru.
  15. Tiraampii fi haati warraa isaanii osoo Yaa'ii UN seenaa jiranii liiftiin irratti cufame

    Doonaald Tiraampii fi Giifti Duree osoo kora UN galanii liiftii jalaa dhaabbate

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraampii fi Giifti Duree osoo kora UN galanii liiftii jalaa dhaabbate

    Tiraampi dubbii isaanii UN yeroo jalqaban waan yeroo kora UN'f osoo galaa jiranii isaan mudateen eegale.

    Liiftii gamoo keessaa yeroo ol galaa jirru ''nurratti cufame'' jechuun akka baacootti jalqaban.

    Pirees Sekireetariin Waayit Haawus, Kaarooliin Leeviit, ''Yoo namni tokko UN keessaa yeroo pirezidaanti Tiraampii fi Giifti Dureen ol galan tahe jedhee liiftii irratti dhaabe jiraate qoratamuun hatattamaan ari'amuu qabu'' jette.

    Qondaalli UN keessaa BBCtt dubbatan akka hubannetti namni Tiraampi dura ture akka tasaa osoo hin beekiin liifticha waan jalaa dhaabe nutti fakkaata jedhe.

    Waan kana kan akkas taasise ogeessa kaameeraa Tiraampi fa'aa ykn hojjetaama isaan wlaiin ture keessaa tokko tahuu mala. Sababni isaa namni UN keessaa tokkoyyuu isaan dura fiigaa ture hin jiru.

    Taateen kun yeroo raawwatuu fi isa dura viidiyoo waraabame yoo ilaalamu, liifticha irraa namoonni lama Tiraamp fa'aa dura yeroo deeman mul'atu.

    Namni tokko kaameeraa qabatee gara Pirezidaanti Tiraamp fa'aatti garagaleera. Garuu namni kun raawwachuu viidiyoo kana irraa qofa himuun ulfaata.

    Tiraamp osoo Giifti Dureen dhaabbii gaarii irra hin jirtu tahee silaa ''kufuu dandeessi ture'' jedhan.

  16. Amma nu gahe, Tiraamp biyyoonni NATO xiyyaarota Raashiyaa naannoo qilleensaasaanii cabsan kuffisuu qabu jedhu

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Biyyoonni miseensa NATO xiyyaaronni Raashiyaa yoo naannoo qilleensaa isaanii seenan rukutanii kuffisuu qabu jedhan Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp.

    Tiraamp kana kan dubbatan gaaffii rippoortaraan walgahii yaa'ii waliigalaa UN Niiw Yoorkiitti taa'ame maddiitti taasifamerratti dhiyaateef deebii kennaniin ture.

    Tiraamp pirezidantii Yukireen Volodymiir Zelensikii waliinis walga'ii taasisaniin tarkaanfii akkanaa ni deeggartu jedhamuun gaafatamanii ture. Tiraampis akkas jechuun deebii kennan: "Eeyyee nan raawwadha."

    Hubannoodhaaf: Gaafa guyyaa Jimaata darbe, Istooniyaan erga xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa naannoo qilleensa ishee cabsanii booda miseensota NATO biroo waliin mari'achuuf gaaffii hiyeessite.

    Poolaandis gaaffii wal fakkaatu Fulbaana 10, 2025 kan dhiheessite erga dirooniin Raashiyaa naannoo qilleensaa ishee seenuu adda baafteen booda ture.

  17. Tiraamp biyyoonni keessan 'gara si'oolitti deemu' jechuun hoggantoota yaa'ii UN hirmaatanitti himu

    Tiraamp wayita yaa'ii UN irratti haasaa taasianiitti

    Madda suuraa, Reuters

    Tiraamp miseensota yaa'ii UN kan Niiw Yoorkiitti ta'ame irratti hirmaataniin yeroon ''yaalii daangaa banaa fashalaa'era'' waan ta'ef cufuudhaaf yeroon ga'eera jedhan.

    Itti dabaluudhaanis ''biyyoonni keessan gara si'oolitti deemaa jiru'' jechuun akeekkachiisan.

    Isaan dura ammoo, hidhamtoonni manneen hidhaa Jarmanii keessa jiran keessaa %50 kan ta'an lammiilee biyya alaatiin akkasumas Oostiriyaa keessatti %53, Giriik keessatti %54 fi ''Siwiizarlaand bareedduu'' keessatti %72 akka ta'an dubbataniiru.

    Lakkoofsa kana ilaallee waa'ee daataa Tiraamp caqasaa jiru odeeffannoo dabalataa isiniif fidna.

  18. 'Ergan aangootti dhufee ji'a torba keessatti waraana torba dhaabsiseera' - Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp yaa'ii UN irratti argamuun addunyaarratti waraana heddun dhaabsise jechuun milkaa'ina dippilomaasii guddaa galmeessuu himate

    Doonaald Tiraamp aangootti dhufee yeroo gabaabaa keessatti dhiibbaa dippiloomaasii guddaa fiduu akka danda'e yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti dubbate.

    Aangootti erga dhufee ji'a torba keessatti "waraana torba addunyaarratti akka dhaabatu godheera" jechuun milkaa'ina guddaa fiduu himate.

    "Ji'a torba keessatti waraana xumuramuu hin dandeenye torban dhaabsise," jechuun waraana dhaabsise jedhu tarreesse.

    "Waraanni" akka dhaabsise dubbatte: Israa'elifi Iraan, Hindiifi Paakistaan, Ruwaandaafi DR Koongoo, Taayilaandifi Kamboodiyaa, Armiiniyaafi Azarbaajaan, Masiriifi Itoophiyaa, fi Sarbiyaafi Kosoovodha.

    Ji'a Caamsaa keessa Hindiifi Paakistaan gidduutti waraanni cimaan guyyaa afuriif erga gaggeeffamee booda dhaabate. Tiraamp akka jedhetti, US gidduu seenuun marii halkan guutuu erga taasistee booda biyyooni lamaanuu dhukaasuu dhaabuuf walii galan.

    Waraanichi akka dhaabatuuf Tiraamp dhiibbaa gochuusaaf Paakistaan isa jajuun inumaayyuu Badhaasa Nobeelii Nagaatu malaaf jettee turte.

    Hindiin garuu US gidduu seenuun waraanichi akka dhaabatu gochuushee baay'edhuma iddoo itti kennitee hin jajne.

    Ji'a Waxabajjii keessa ammoo Iraanifi Israa'el guyyaa 12 erga lola gaggeessanii giddu seentummaa USn lolichi dhaabbachuutu himame.

    Tiaamp buufanni nikularaa Iraan akka haleelamu ajajus, dhumarratti biyyoonni lamaanuu waraana akka dhaabaniif dhiibbaa godhe.

    Ruwaandaafi DR Koongoo Washingtanitti waamuun walii galtee nagaa akka mallatteessan taasisuu isaa aka milkaa'ina dippilomaasii birootti himate Tiraamp.

    Garuu biyyoonni lamaan erga achii galanii ammayyuu nagaan waaraan akka hin jirretu himama.

  19. ‘Dallaaloti’ qabxii atileetiksii Itoophiyaa balleessan eenyu?

    Atileet Tigist Asaffaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan Shaampiyoonaa Tookiyoorratti meetii lamaa fi nahaasa lama argatte

    Gareen Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyoorratti hirmaate waggoota 32 keessatti yeroo jalqabaaf warqii malee xumureera.

    Faallaan morkattuun ijoo Itoophiyaa, Keeniyaan, warqii qofa torba injifatte.

    Daawwadhaa:

  20. Hubannoon Nam-tolchee (AI) nu yaaddessaa?

    Hubannoo Nam-tolchee (AI)

    Madda suuraa, Get

    Ibsa waa'ee suuraa, Qorannoon akka jedhutti hubannoon nam-tolchee dhala nama balleessuuf deema jedha yoo haala ittiin hojjechaa jiru hin jijjiirre.

    Hubannoon Nam-tolchee (AI) nu balleessuuf jedhaa?

    Qorannoon tibbana hojjetame falmii ajaa’ibaa kaaseera.

    Daawwadhaa!