Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sarjee Laavroov yaa'ii UN irratti Gamtaa Awurooppaa fi Nato akeekkachiisan

Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Serjee Laavroov Raashiyaan Serjee Laavroov biyyisaanii EU ykn Nato haleeluuf fedha akka hin qabne himan. Ammoo yoo weerarri biyyootakanarraa aggaamamnaan deebii akka kennan akeekkachiisan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya hordofaa
  • Israa'el karoora nagaa Tiraamp Gaazaa irratti dhiyeesse fudhatte
  • Humni Israa'el Gaazaa keessaa hin ba'u- Neetaaniyaahuu
  • Kataar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte
  • Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuun shororkeessummaa ispoonsara gochuudha - Tiraamp

    Traamp yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti haasaa taasiseen, Filsixeemiif beekamtii biyyummaa kennuu qeeqee jira.

    Inumaayyuu shororkeessummaa deeggaruutti fakkeesse.

    Biyyoonni michuu Israa'eliifi US ta'an kanneen akka UK, Faransaayi, Kanaadaafi Awustiraaliyaa fa'aa Filisxeemif beekamtii kennanis Tiraamp tarkaanfii biyyoota kanaa mormee jira.

    "Kuni haleellaa Hamaas gaggeessef isa badhaasudha," jedhe. Inumaayyuu biyyoonni beekamtii kennuu caalaa, tokkummaan Hamaas akka namoota bute gadi lakkisu dhiibbaa gochuu akka qaban ibse.

    Gaazaatti dhukaasi akka dhaabbatuuf tattaaffii gochaa turuu kan dubbate Tiraamp, qaamoleen wal-lolan waliigaltee dhukaasa dhaabuu milkeessuu akka qabanis dhaame.

  2. Gutereez waraanni Sudaan, Yukireenifi Gaazaa akka dhaabatu waamicha godhan

    Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez yaa'ii dhaabbatichaa 80ffaa gaggeefamaa jirurratti haasaa taasisanii waraanni biyyoota garaa garaa keessatti deemaa jiru akka dhaabbatuuf waamicha godhan.

    Addumatti waraanni Sudaan, Yukireenifi Gaazatti gaggeeffamaa jiru hatattamaan akka dhaabatu waamicha taasisan.

    Duudhaaleen UN irratti hundaa'e akka kabajamuu qabu dubbachuun seera idiladdunyaaf bitamuu ilaalchisee "murtee fudhachuu qabna" jedhan.

    Bakkeewwan waraanni balaafamaan itti gaggeeffamu biyya ollaa Itoophiyaa Sudaan fa'aa keessatti ajjeechaa namoota nagaarratti gageeffamu dhaabsisuuf biyyoonni waamicha godhan.

    Waraanni Yukireenifi Gaazatti gaggeeffamus waliigalteen xumura argachuu qaba kan jedhan Gutereez, keessumaa Gaazatti waraanni dhaabbatee uummanni Filisxeem deeggarsa barbaachisu akka argatu gaafatan.

  3. Yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) suuraan

    Wayita furmaata mootummoota lamaa ajandaa UN ta'etti, harka wal fuuchuu, wal hammachuu fi haasaan Dippilomaatonni gamoo Niiw Yoork keessatti haasaa taasisan walitti qabamuun yoo mari'ataniifi haasa'an suuraalee agarsiisan kunooti

  4. Biyyoonni hedduun biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennaa jiraatanis haleellaan Israa'el itti fufee jira

    Wayita Israa'el haleellaa magaalaa Gaazaa irratti raawwattu itti fuftee jirtuutti, guyyoota lamaan darban keessa biyyoonni hedduun biyyummaa Filisxeemiif beekamtii ifatti kennaniiru.

    Magaalaa namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman keessa jiraatan keessatti taankiiwanii Israa'elii fi konkolaattoonni sibila uffatan mul'ataa jiru. Waraanni Israa'elis gamoowwan manneen jireenyaa gurguddaa barbadeessuudhaan jiraattonni manasaanii gadhiisanii akka baqataniif dirqisiisaa jiru.

    Pirezidantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Tiraamp yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti gaggeeffamu irratti haasaa gochuuf wayita qophaa'aa jiraniifi bakka hoggantoonni addunyaa walgahii waggaa 80ffaa dhaabbatichaaf walitti qabamaa jiraniitti, haleellaan Israa'el Gaazaa irratti gaggeessitu ammoo akkuma itti fufeetti jira.

    Tiraamp wal gahii dursaa waldhabdee Israa'elii fi Gaazaa furuudhaaf furmaata biyya lamaa irratti taa'ameeratti hin hirmaanne.

    Faransaayi kan saganticha Sa'uudii Arabiyaa waliin qopheessite, guyyaa Dilabataa UK, Kaanaadaa fi Awustiraaliyaa hordofuudhaan biyyummaa Filisxeemiif beekamtii ifaa kennuu labsite.

    Ameerikaan garuu sochii kun waldhabdee kana dhaabuudhaaf hin gargaaru jechuun kan qeeqxee yoo ta'u, Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaanyaahuun ammoo ''bulchiinsi Filisxeem jedhamu hin jiraatu'' jedhan.

    Tiraamp har'a gara wallakkeessa guyyaa keessa dureewwan biyyoota Arabaa walgahii UNn addatti wal argauun akka mari'atan eegamu.

  5. Furmaanni biyya lamaa maaliidha?

    Yaa'iin Dhaabbata Biyyoota gamtoomanii Wiixata kaleessaa Niiw Yoorkiitti eegalame waraanaa Gaazaa dhaabuudhaaf karoora furmaata biyya lamaa irratti xiyyeffateera.

    Haata'u malee furmaata biyya lamaa jechuun isaanii maal jechuudha?

    • Innis karaa Israa'eliifi Filisxeem jidduutti nagaa buusuudhaaf sadarkaa idil-addunyaatti deegarameedha
    • Innis Baha Yerusaaleem magaalaa guddoo Filisxeem gochuudhaan Weest Baankiifi Gaazaa keessatti bulchiinsa Filisxeemoota walabaa akka jiraatu kan yaada dhiyeessuudha. Kunis Israa'el waliin akka biyya lamaatti kan wal maddii jiraatan ta'a.

    Qaamooleen gama lamaanuu waa'ee kanaa maal yaadu?

    • Israa'el yaada biyya lamaa hin fudhattu. Qubsumni dhumaa kamiyyuu bu'aa marii Filisxeemota waliin taasifamu ta'uu qaba, mootummaa ta'uunis haal-duree ta'uu hin qabaatu jetti Israa'el
    • Abbaan Taayitaa Filisxeem, kan bara 1990moota keessa waliigaltee nagaa hordofuudhaan hundeeffame, ammoo furmaata mootummoota lamaa kan deeggaru yoo ta'u, Hamaas garuu jiraachuu Israa'el sababii mormuuf isa hin deeggaru.
    • Hamaas ammoo mirgi baqattoonni deebi'uu yoo kennameef, Israa'eliif osoo beekamtii hin kennine, mootummaa yeroof Filisxeem daangaa qabatamaa bara 1967 irratti hundaa'e fudhachuu akka danda'u beeksiise.
    • Tiraamp erga yaa'ii UN irratti haasaa taasisaniin booda hoggantoota Baha Giddu Galeessaa irraa dhufan waliin ni mari'atu jedhamee eegama. Kunis akka sa'aatii biyyatiitti sa'aatii 09:50 (14:50 BST) ta'a jedhamee eegama.
  6. Aanga'oonni Itoophiyaa maqaa handaara galaanaan gara hin taanetti deemaa jiru- Ertiraa

    Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabramasqal aanga'oonni siyaasaa fi waraanaa Paartii Badhaadhinaa maqaa ''handaara galaanaatti ba'uu'' jedhuun gara hin taanetti deemaa jiru jechuun himatan.

    Obbo Yamaaneen himannaa kana Itoophiyaarratti kan dhiheessan erga Ministirri Muummee Abiy Ahmad ''Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun waan hin oolleef qaamni mari'achuuf fedhii qabu yoo jiraate of haa qopheessu,'' jedhanii torban boodadha.

    MM Abiy Itoophiyaan waggoota shanan darban ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf ''kadhachaa'' turuufi ammallee karaa nagaa gaafachuu akka itti fuftu dubbatani.

    ''Biyyi hanga kana geessu Itoophiyaan daangeeffamtee ijoollee keenyaaf dabarfamuu qabdi jedhani yaaduun ilaalcha sirrii miti. Kana milkeessuuf waraanni, walitti bu'iinsi ni barbaachisa jennee hin amannu. Kanumaafi waggoota shaniif kan kadhachaa baane,'' jechuun dubbatan.

    Qondaalli Ertiraa Yamaanee Gabramasqal ammoo ''Karaa hin taanetti saffisaan deemaa jiru [Paartii Badhaadhinaa]. Ilaalcha isaanii itti gaafatamummaa hin qabneen buufata galaanaa argachuuf jecha xiyyeeffannaa argachuuf hojjechaa jiru,'' jechuun qeeqan.

  7. Pirezidantiin Filisxeem Hamaas 'meeshaa isaa akka hiikkatuuf' gaafatan

    Pirezidantii Filisxeem Mahmuud Abbaas sababii viizaa dhorkatamaniif qaamaan walgahii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti gaggeeffamu irratti hin hirmaanne.

    Haata'u malee, fageenya irraa karaa onlaayiniitiin kaleessa yaa'icharratti haasaa taasisaniiru.

    Abbaas dhukaasa dhaabbuun dhaabbataa fi gargaarsa namoomaa karaa UN fi UNRWA argachuun akka mirkanaa'u gaafatan.

    Akkasumas, ijaarsi Gaazaa fi Weest Baankii "harkifannaa tokko malee hariitiin" akka jalqabamu gaafatanii jiru.

    Hamaas Gaazaa bulchuu keessatti gahee tokkollee hin qabaatu kan jedhan Abbaa, gareen kun abbaa taayitaa Filisxeemitti ''meeshaa waraanaa isaanii akka dabarsee kennaniif'' gaafataniiru.

    "Wanti nuti barbaannu bulchiinsa tokkummaa qabdu kan meeshaa waraanaa malee taatee qabaachuudha," jechuun ibsa.

    Abbaas itti dabaluudhaan, waraanichii dhaabbatee baatii sadii keessatti, heerri mootummaa yeroo ce'umsa aangoo mirkanneessuu akka wixineeffamu ibsaniiru.

    Isaan booda ammoo filannoon bakka taajjabdoonni idil-addunya argamaniitti ni gaggeeffame jechuun, itti dabaluudhaan, bulchiinsa seeraan durfamu qabaachuu akka hawwan ibsaniiru.

    Abbaan itti aansuudhaan, biyyoota 149 kanneen kanaan dura biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennan galateeffachuun, warri kana hin goonees akka isaan hordofaniif gaafataniiru.

    Akkasumas karoora nagaa konfiraansii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti fudhatame kamiyyuu hojiirra oolchuudhaaf Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Sa'uudii Arabiyaa fi michoota biroo waliin hojjechuuf qophii ta'uu isaanii ibsaniiru.

  8. Faransaay beekamtii Filisxeemiif kennite

    Biyyoonni addunyaa hedduun Filisxeemiif beekmtii kennaniiru. Faransaayis Filisxeemiif beekamtii kennuu ibsiteetti.

    Pirezidantiin Faransaay kora UN irratti ''yeroon nagaan bu'u dhufeera. Ulaagaan waraana Gaazaa sirriidha jechisiisu tokkollee hin jiru,'' jedhan.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp akkasumas biyyoonni Arabaa kanneen akka Jordan fi Kataar Kibxata har'aa kora kanarratti dubbachuuf jedhu.

    US kora Wiixata Faransaay fi Sa'uudii Arabiyaan qindeessan irratti hin argamne. Waltajjichi furmaata biyyoota lameen hirmaachise Israa'el fi Filisxeem gidduutti fiduu irratti xiyyeeffate ture.

    Biyyoonni G7 kanneen akka Jarmanii fi Xaaliyaanis hin argamne.

    Beeljiyem, Laksembarg, Maaltaa, Andora fi San Mariinoo erga UK, Kanaadaa, Awuustiraaliyaa fi Poorchugaal Filisxeemiif beekamtii kennanii booda isaanis beekamtii kennuusaanii ibsan.

    Rakkoo namoomaa hammaataa Gaazaa keessatti raawwachaa kan jirtuu fi karoora qubsuma haaraa West Baank keessatti labsitee kan jirtu Israa'el kan yeroo kamuu caalaa dhiibbaan idiladdunuaa itti hammaateera.

    Israa'el akka jettutti Filisxeemiif beekamtii kennuun Hamaasiif oolmaa ooluudha. Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwateen namoonni 1,200 yoo du'an 251 butamaniiru.

    Ergasii Israa'el Gaazaa irratti haleellaa banuun hanga ammaatti namoota kuma 65 caalan ajjeesteetti.

  9. PSGn badhaasa Ballon d'Or bara 2025 irratti hin argamu

    Shaampiyoonaan Awurooppaa PSG sagantaa badhaasa kubbaa miilaa guddicha, Ballon d'Or har'a Paarisitti gaggeeffamurratti akka hin argamne ibsame.

    PSG badhaasa kanaaf taphattoota sagal kaadhimsiiseera. Jifataansa Osmaan Dembeelees badhaasa kana mo'achuuf tilmaama olaanaa argateera. Dabalataan kilabichi badhasa kilaba cimaa addunyaa, akkasumas leenjisaa cimaa addunyaaf kennamus ni injifata tilmaamni jedhu jira.

    Haata'u malee, kilabichi tapha liigii Olompiik Maarsee waliin silaa kaleessa akka taphatu sagantaan baheefii ture sababa obomboleettii fi dambalii naannicha mudata jedhamee raagameef osoo hin gaggeessine hafe har'a taphata.

    Waggaa darbe mo'achuu dhabuu Viniishiyees Juuniyeer dhagahuu booda saganticharraa kan hafe gareen Riyaal Maadriid bara kanasa yeroo walitti aanu lammaffaaf sagantaa kanarratti hirmaachaa hin jiru. Sababni amma dhiyaate ammoo guyyaa boruu tapha qabaachuu isaaniiti.

    Maadriid bara darbe bakka hin argamnetti badhaasa kilaba cimaafi leenjisaa cimaa jedhu argatee ture.

  10. Netaaniyaahuun waayee beekamtii michootnisaanii Filisxeemiif kennanii maal jedhu?

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuun ''shororkeessummaaf jajjabeessituu guddaadha'' jedhan.

    Poorchugaal UK, Kaanaadaa fi Awustiraaliyaatti dabalamtee Filisxeemiif beekamtii kennuu booda viidiyoo miidiyaa hawaasaa gubbaa gadhiisaniin biyyummaan Filisxeem ''dhugaa hin ta'u'' jedhan.

    ''Lixa laga Yoordaanositti biyyi Filisxeem hin hundeeffamu'' kan jedhan Netaaniyaahuun, Weesti Baankitti qubsumni Yihuudotaa jabaatee akka itti fufu dubbatan.

    Yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dura isa biyyootni beekamtii kennuutti jiraniif deebii akka kennaniifi gochichi Israa'el irratti ''biyya shororkeessituu ijaaruuf yaaluudha'' jedhan.

  11. Kantiibotni magaalaalee Faranyaas mootummaan akeekkachiisus alaabaa Filisxeem fannisan

    Mootummaan Faransaay yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii har'a taa'emu irratti mootummaan Faransaay osoo ifatti beekamtii kbiyyummaa Filisxeem hin kenniin dura alaabaa Filisxeem guutuu Faransaayitti galma magaalaa keessatti fannifamaa jira.

    Kantiibaan magaalaa Naantes, Joohaana Roolaand, magaalaan isaanii ''Rippabilikni Faransaay alaabaa Filisxeem guyyaa tokkoof ol kaasuudhaan murtee seena qabeessa ta'e'' deeggaraa jirti jechuun miidiyaa hawaasaa irratti barreessiteetti.

    Ministeerri dhimma biyya keessaa Faransaay garuu galmoonni magaalotaa alaabaa kana akka hin fanniifneef gaafachuun, ''tjaajiloota ummataa keessatti seerri bu'uuraa giddu galeessa ta'uu'' akka qabaatu kaasan. Haata'u malee, magaalonni Faransaay hedduun akeekkachiisa kana fudhataa hin jiran.

  12. Landan UKtti sirni biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuu gaggeeffame

    Ergamni Filisxeem Landanitti argamu UKn biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuu ishee kabajuuf sirna gaggeessaa ture.

    Hogganaan ergamichaa Husaam Zomlot, mallattoo dhaadannoo Filisxeem Landanitti Imbaasii ta'uusaa ibsu ol kaasuun yoo harka rukutan dhaga'aman.

    UKn mootummaa Filisxeem beekamtii kennuushee, bakki dippilomaasii biyya alaa gara sadarkaa Imbaasiitti akka ol guddatu ni taasisa. Mootummaan Ingilizii sadarkaa Qoonstilaa Waliigalaa UK Baha Yerusaalemitti argamu jijjiiruuf yeroo hin keenye.

    Ministirri Fayyaa, Wees Istiriitiing, Ministirri Muummee Iskootilaand Joon Siwinii fi miseensi paarlaamaa walabaa, Jeremii Korbiin, sirna kana irratti namoota argaman keessatti argamu.

  13. Har'a Gaazaatti yoo xinnaate namoonni 20 ajjeefamuu hospitaalonni naannichaa himan

    Tarkaanfiin dippiloomaasii tibbana biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuuf fudhatame duula waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti geggeessitu to'achuuf homaa hin goone.

    Hospitaalonni naannichaa har'a yoo xiqqaate namoonni 20 kan ajjeefaman ta'uufi irra caalaan isaanii Magaalaa Gaazaa keessaa ta'u himan.

    Magaalattii guutummaatti dhuunfachuuf loltoonni Israa'el gara keessatti dhiibaa wayita jiraniitti gamoowwan manneen jireenyaa dabalataa barbadeeffamaa jiru.

    Waraanni Israa'el garuu gamoowwan Hamaas itti fayyadamaa turan barbadeessaa akka jiru fi guyyaa darbe keessa "shororkeessitoota" 15 ajjeesuu ibseera.

    Haata'u malee, jiraattoonni naannichaa naannoo guutuun diigamaa jiraachuu fi maatiin guutuun ajjeefamaa jiraachuu akkasumas reeffa hedduu jijjigaa jalatti danqamee akka jiru dubbatu.

    Waraanni Israa'el guyyaa kaleessaa bakka Hamaas rookkeettii lama kibba Israa'elitti irraa dhukaasuuf itti fayyadamu haleelleera jedha. Misaa'elli tokko ittisa qilleensaatiin kan kuffiifame yoo ta'u, inni kaan ammoo bakka duwwaatti akka kufuusaa ibseera.

    Haleellaan Israa'el Filisxeemoota kuma dhibbaan lakkaa'aman magaalaa Gaazaa irraa gara kibbaatti akka baqatan kan dirqisiise yoo ta'u, har'as daandiin qarqara galaanaa namoota baqataniin guutamee jira.

  14. Suuraaleen akka agarsiisanitti Filisxeemoonni haleellaa Israa'el Gaazaa irraatti raawwattu baqachuuf dirqaman

    Akkuma rippoortarri BBC Baha Giddu Galeessaa, Yolaande Knell gabaasetti, daandiin qarqara galaana namoota Magaalaa Gaazaa keessaa baqataniin guutameera.

    Israa'el torbee darbe magaalaa Gaazaa keessatti haleellaa lafoo raawwachuu kan jalqabde yoo ta'u, lammiileen Filisxeem kuma dhibbaan lakkaa'aman akka baqatan kan dirqisiise yoo ta'u, waraanni Israa'el gamoowwan Hamaas itti fayyadamaa ture barbadeessuu ibse.

    Akka yaadachiisaatti: Israa'el gaazexeessitoota idil-addunyaa Gaazaa akka seenan hin hayyamtu, haata'u malee rippoortaroonni Filisxeem dhaabbilee oduu waliin kontiraata qaban yeroo hunda waan lafarratti ta'aa jiru ni gabaasu.

  15. 'Beekkamtiin kennuun karaa furmaata siyaasaa tokkicha,' jedhan Maakroon

    Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon ''har'a abbaa biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuun haala dhaabbachuuf qabuuf karaa furmaata siyaasaa tokkichadha'' jedhan.

    Yeroo amma gabasaa jiru kanatti, Faransaay har'a konfiraansii UN irratti biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kenniti jedhamee eegama.

    Beekkamtii kennuun jalqaba adeemsa siyaasaa akka ta'e michuu BBC Ameerikaa 'CBS News'tti himuun, itti dabaluudhaan, sanaan booda dhukaasa dhaabuu, namoota butaman hunda gadhiifamuu fi gargaarsi namoomaa Gaazaa akka ga'u deebisuu akka eegan dubbatan.

    Maakroon akkasumas waamichi abbaa biyyummaa Filisxeemiif beekamtiin akka argatu waamicha taasisuun, mormiin isaanii waraana Gaazaa keessatti deemaa jiru kan farra Yihudootaa akka hin taane dubbatan.

    Gaaffii fi deebii kana keessattis Maakroon Faransaayitti Ambaasaaddarri Ameerikaa Chaarlis Kushnar kan ilmisaanii intala pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ivaankaa fudhe, Faransaayitti farra Yihudootaa ittisuuf hojii gahaa hin hojjenne jechuun ifatti himannaa dhiyeessuun isaanii sararaan ala ta'uu dubbataniiru.

    Ji'a Hagayyaa darbe keessa, Kushnar akkasumas ejjennoo imaammata alaa Faransaay taateewwan jeequmsa biyya keessaa Yihudoota Faransaayitti raawwatamaniin akka hidhata qabu dubbatan. Faransaay sababa isaatiin himannaan Kushnar kan fudhatama hin qabneedha jechuun waamte.

  16. 'Furmaanni biyya lamaa hanga milkaa'utti Filisxeemif beekamtii kennuu tursiiseera' - Jarman

    Biyyoonni michuu Israa'el ta'an heddu Filisxeemif beekamtii biyyummaa kennaa jiru. Kaleessa biyyoonni afur: UK, Kanaadaa, Awustiraaliyaafi Poorchugaal Filisxeemiif beekamtii kennaniiru.

    Lakkoofsa biyyoota addunyaa Filisxeemif beekamtii biyyummaa kennanii hanga ammaa 155 gaheera.

    Jarman garuu beekamtii Filisxeemif kennuu harka keessa qabatteetti. Hanga furmaanni biyya lamaa (two state solution) milkaa'uttu Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka hin kennine ibsite.

    Ministiirri Dhimma Alaa Jarman Johann Wadephul Kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti hirmaachuuf gara US deemuuf yeroo jedhan,"Israa'eliifi Filisxem nagaa, tasgabbiifi kabajaan akka wal-faana jiraatan kan isaan taasisu furmaata biyya lamaa irratti yoo waliigalameedha" jedhan.

    Dabaluunis, "Jarman biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kan kennitu dhuma adeemsichaa irratti. Garuu adeemsi kun amma eegalamuu qaba" jedhan.

  17. Tartiibni gulantaa waraana Itoophiyaa maal fakkaata, attamiin kennamu?

    Bulchaan Itoophiyaafi Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraana biyyatti Ministirri Muummee Abiy Ahimad Fulbaana 20, 2025 qondaalota raayyaa ittisa biyyaa 66'f gulantaa waraanaa olaanaan akka kennamu taasisaniiru.

    Kanaanis leetanaal Janaraaloonni afur gulantaa janaraalummaa guutuun kan kannameef yoo ta'u, isaanis Leetanaal janaraal Alamisheet Daggifee, Leetanaal Jenaraala Dastaa Abichee, Leetanaal Janaraal Yimar Makonnin fi Leetanaal Janaraal Dirribaa Makoonniinidha.

    Dabalataanis, qondaaltonni lama gulantaa meejar janaraalummaarraa gara Leetanaal Janaraaliitti yoo ol guddatan, qondaaltoonni waraanaa 17 ammoo birgaadar janaraalummaarraa gara gulantaa meejar janaraalummaatti guddataniiru.

    Qondaaltoonni 43 ammoo gulantaa koloneelummaarraa gara birgaadar Janaraalummaatti ol guddataniiru.

    Ofii Raayyaa Ittisa Itoophiyaa keessatti loltuu sadarkaa gadaanaarraa kaasee hanga gulantaa waraanaa olaanaatti gulantaan kennamu tartiibaan maal akka fakkaatu mee haa ilaallu.

    Loltuun tokko jalqaba yoo raayyaa ittisa Itoophiyaatti makamuutti moggaasa ''loltuu bu'uuraa'' jedhu qabata. Odeessa kana guutummaan dubbiifachuuf yoo barbaaddan asiin seenuu dandeessu.

  18. Biyyoonni hedduun kora UN irratti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuuf jedhu

    Kaleessa biyyooni afur: UK, Kanaadaa, Awustiraaliyaafi Poochugaal ifatti Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennaniiru.

    Har'a ammoo Faransayifi Beeljiyeem dabalatee biyyoonni biroo heddu Kora Dhaabbata Biiyyoota Gamtoomanii har'a waaree booda Niiw Yoorkiti eegalurratti Filisxeemiif beekamtii ni kennu jedhamee eegama.

    Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakiroon Mootii Saawudii Mohaammad Biinsaalmaan waliin har'a waaree booda akkaataa Filisxeemifi Israa'el biyya of danda'an lama ta'an irratti kora ni gaggeessu.

    Konfiransii biyyoonni lamaan waliin ta'uun gaggeessan irratti Israa'elifi michuunshee US hin hirmaatan jedhame. Biyyoonni lamaanii beekamtii biyyoonni garaa garaa Filisxeemiif kennan ni mormu.

    Pirezidaantiin Filisxeem Mahaammud Abbaas US akka hin seennef viizaa waan dhorkamaniif karaa onlaayinii konfiransii kanarratti ni hirmaatu jedhamee eegama.

  19. Botiswaanaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti warqee argachuu booda guyyaa ayyaana waggaa gootee labsite

    Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyootti gaggeeffamerratti fiigicha meetira 4x400tiin Bootsowaanaan warqee injifachuusheen guyyaa ayyaana waggaa labsite.

    Fageenya kanaan biyya Afrikaa jalqabaa warqee argattes taatee jirti.

    Pirezidaantiin Botsoowaanaa Duumaa Bookoo garee atileetiksii biyyaalessaa isaanii faarsuun "Afrikaaf mo'icha guddaadha" jechuun ibsan.

    Fulbaanni 29, guyyaa ayyaana waggaa ta'ee akka kabajamus ajajaniiru.

    Kaleessa gareen atileetota Botsowaanaa Lee Bhekempilo Eppie, Letsile Tebogo, Bayapo Ndori fi Busang Collen Kebinatshipi fiigicha meetira 4x400 mo'achuun warqee fudhatan.

    Pirezidaantiin Botsoowaanaa Duumaan, "Diyaamandiin uumamaa Botsowaanaa lafa keessa jiru osoo hin taane, atileetota Shaampiyoonaa Addunyaa ta'aniidha jedhee hundatti himuun barbaada" jedhan.

    Afrikaarraa Keeniyaan warqee torba sassaabbachuun tokkoffaa yoo taatu, addunyaarraa UStti aanuun sadarkaa 2ffaan xumurte.

    Itoopihyaan waggoota 32 booda Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarraa warqee osoo hin argatin xumurte.

  20. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Wiixata galgalaa eegale.

    Oduufi odeeffannoo biyya keessaaf alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Akka filmaata keessanitti BBC Afaan Oromoo Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube irratti nu argattu.

    Gara websaayitii keenyammoo yoo gortan waan baay'ee bakka tokko argattu.

    Lafa nagaa oolaa!