Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuun shororkeessummaa ispoonsara gochuudha - Tiraamp
Traamp yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti haasaa taasiseen, Filsixeemiif beekamtii biyyummaa kennuu qeeqee jira.
Inumaayyuu shororkeessummaa deeggaruutti fakkeesse.
Biyyoonni michuu Israa'eliifi US ta'an kanneen akka UK, Faransaayi, Kanaadaafi Awustiraaliyaa fa'aa Filisxeemif beekamtii kennanis Tiraamp tarkaanfii biyyoota kanaa mormee jira.
"Kuni haleellaa Hamaas gaggeessef isa badhaasudha," jedhe. Inumaayyuu biyyoonni beekamtii kennuu caalaa, tokkummaan Hamaas akka namoota bute gadi lakkisu dhiibbaa gochuu akka qaban ibse.
Gaazaatti dhukaasi akka dhaabbatuuf tattaaffii gochaa turuu kan dubbate Tiraamp, qaamoleen wal-lolan waliigaltee dhukaasa dhaabuu milkeessuu akka qabanis dhaame.