Pirezidaantiin Faransaayi duraanii yakkaan himanatamii hidhaan waggaa shanii itti murame
Pirezidaantiin duraanii Faransaayi Nikolaas Saarkoozii yakkaan himatamuun balleessa jedhamee hidhaan waggaa shanii itti murame.
Saarkooziin bara pirezidaantii Faransaayi ture, filannoo mo'achuuf jecha deeggarsa Yuuroo miliyeena heddu pirezidaantii duraanii Liibiyaa Mohaammar Gadaafii irraa fudhachuun yeroo dheeraaf himatamee ture.
Filannoo pirezidaantummaa Faransaayi bara 2007 irratti Saarkooziin mallaqa seeran alaa Yuuroo miliyeena heddu Gadaafii irraa fudhachuun himatamus himannicha dhara jechaa ture.
Manni Murtii Yakkaa Paaris garuu Nikoolaas Saarkooziin yakkamaadha jechuun hidhaa waggaa shanii itti murteesse.
Pirezidaantiin duraanii Faransaayi kun Gadaafii irraa mallaqa dhoksaan yeroo fudhatu oolmaa biraa akka ooluf waadaa galeefii ture jedhama. Inni dhiibbaa biyyoonni Lixaa yeroo sana Gadaafii irraan gahan irraa salphisuuf ture.
Nikoolaas Saarkoozii bara 2007 hanga 2012tti pirezidaantii Faransaati ta'uun tajaajilaa ture.