Sarjee Laavroov yaa'ii UN irratti Gamtaa Awurooppaa fi Nato akeekkachiisan

Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Serjee Laavroov Raashiyaan Serjee Laavroov biyyisaanii EU ykn Nato haleeluuf fedha akka hin qabne himan. Ammoo yoo weerarri biyyootakanarraa aggaamamnaan deebii akka kennan akeekkachiisan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya hordofaa
  • Israa'el karoora nagaa Tiraamp Gaazaa irratti dhiyeesse fudhatte
  • Humni Israa'el Gaazaa keessaa hin ba'u- Neetaaniyaahuu
  • Kataar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte
  • Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sarjee Laavroov yaa'ii UN irratti Gamtaa Awurooppaa fi Nato akeekkachiisan

    Sarjee Laavroov, Ministira Haajaa Alaa Raashiyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Serjee Laavroov biyyisaanii EU ykn Nato haleeluuf fedha akka hin qabne himan. Ammoo yoo weerarri biyyootakanarraa aggaamamnaan deebii akka kennan akeekkachiisan.

    Yaa'ii UN irratti kan dubbatan Laavroov ''Mooskoorratti weerara kamuu aggaamamuuf deebii jabaatu kennama'' jechuun akekkachiisan.

    Biyyootni Lixaa Raashiyaa doorsisuun baratamaa ta'aa dhufeera kan jedhan Laavroov haasaa dheeraa godhan keessatti.

    Israa'el Baha Giddugaleessaa keessatti nagaa booressaa jirti jechuunis himaniiru.

    Raashiyaan tibba kana biyyoota Gamtaa Awurooppaa olllaashee jiran keessatti yaaddoo uumaa jirti.

    Laavroov dubbii barbaadaa jirti himannaa jedhu busheessaniiru.

    Raashiyaan tasa fedhii akkasii hin qabdu, garuummoo biyyakoorratti weerarri kamuu raawwannaan deebii deebii jabaatu kennamaaf'' jedhan.

  2. Magaalaan Kiiv haleellaa Raashiyaa jabaadhaan rukutamte

    Lammiilee Yukireen

    Madda suuraa, Reuters

    Kantiibaan magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv, haleellaa Raashiyaa hamaa ta'een magaalaa guddoo biyyattii keessatti raawwateen namootni afur ajjeefamanii saddeet madaawuu himan.

    Vitaalii Kilichoo haleellaawwan diroonii heedduun kutaa magaalittii baayyee rukutuu himaniiru.

    Bulchiinsa Zaporizhiyaa keessatti daa'imman sadii dabalatee namootni 16 miidhamaniiru.

    Ministeerri Haajaa Alaa Yukireen haleellaa bal'aa kanaan dirooniiwwaniifi misaayelootni dhibbaan lakkaa'aman duulaniiru jedhe.

    Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii ''Putiin waraana kana Yukireen keessatti xumuruu hin barbaadu, kallattii haaraa banaa deema. Garam akka ta'e eenyuyyuu hin beeku. Sana fedha'' jedhe.

  3. Maqaan biiliyeenara addunyaa Ilon Mask fi obboleessa mootii UK sanada nama daldala saalquunnamtiin itti murtaa'e keessatti argame

    Ilon Mask

    Madda suuraa, Getty Images

    Jeefrii Eepistaayin daldala saalquunnamtiin kan adabbiin itti murtaa'e yoo ta'u namoonni addunyaarratti maqaa gurguddaa qaban yakka kana keessatti waliin hirmaachuu ragaan miseensonni kongiresii dimokiraatota ta'an baasan mul'iseera.

    Kanneen keessaa biiliyeenarri addunyaa Ilon Mask fi obboleessa quxisuu mootii Chaarles kan ta'e Andiriiw eeramaniiru.

    Ragaan koree hordoffii fi to'attootaa kongiresii qaqqabe akka mul'isutti Ilon Mask bara 2014 ji'a Muddee keessa oddoola Epistaayin keessatti affeeramee ture.

    Maqaan Andiriiwu ammoo Caamsaa 2000 Niwu Jeersii irraa gara Filooriidaa imalan keessa jira.

    Ilon Mask fi Andiriiwu galmee maqaansaanii keessatti argamuu ibsame ilaalchisee akka yaadasaanii kennaniif gaaffiin dhihaateeraaf.

    Andiriiw badii balleesseera jedhame hunda waakkateera.

    Ilon Mask ammoo Epistaayin gara oddoola isaatti affeeruun dhugaa ta'uu himee, garuu affeerraa sana akka hin fudhatin hafe ibse.

    Dhaaltonni Jeefrii Epistaayin ragaa akkanaa wayita dhiheessan yeroo sadaffaafi.

    Sanadi haaraan ergaawwan bilbilaa, galmeewwan imalaa, maqaa imaltootaa, galmee maallaqaa fi sagantaa oolmaa Epsitaayin hunda of keessaa qaba jedhan koreen hordoffii fi to'annoo kongiresii.

    Maqaan gorsaa duraanii Tiraamp, Istiiv Baanan fi Ameerikaa keessattis karaa interneetii hojii uumuun kan beekamu Pitar Til sanada kana keessatti argameera.

  4. West Haam leenjisaa isaa Giraam Pooter ari'e

    West Haam leenjisaa isaa Giraam Pooter ari'e

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, West Haam leenjisaa isaa Giraam Pooter ari'e

    West Haam leenjisaa isaa Giraam Pooter qacaree ji'a saddet booda ari'e. Deevid Mooyesiin hojiirraa kan gaggeesse West Haam leenjisaa duraanii Cheelsii Pooter qacarus qabxii barbaadu argachuu hin dandeenye.

    Pooter taphoota 25 keessaa taphoota jaha qofa mo'ate. Leenjisaa duraanii kilebichaa Islaaven Bilichii fi Nootingihaam Foorest keessaa osoo hin eegamiin kan bahan Nuunoo Ispiriitoo Saantoo kilebicha wlaiin marii jalqabuu Atileetik barruun jedhamu gabaaseera.

    Nuunoon erga Notingihaamiin hirmaannaa Awurooppaaf dhaqabsiisee abbaa qabeenyaa kilebichaa waliin wal dhabuun hojiirraa gaggeeffame.

  5. Raayyaan Ittisaa faayidaa biyyaa kabachiisuu keessatti 'sodaa dhufu kamuu' qolachuuf qophiidha- Dubbi himaa

    Raayyaan Ittisaa faayidaa biyyaa kabachiisuu keessatti 'sodaa dhufu kamuu' qolachuuf qophiidha- Dubbi himaa

    Madda suuraa, PMO/FB

    Ibsa waa'ee suuraa, Raayyaan Ittisaa faayidaa biyyaa kabachiisuu keessatti 'sodaa dhufu kamuu' qolachuuf qophiidha- Dubbi himaa

    Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa adeemsa faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu keessatti ''muddamni nageenyaan walqabatu'' kamuu yoo uumame qolachuuf qophii ta'uu ibse.

    Ibsa kana kan kennan dubbi himaan Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Geetinnat Adaanee faayidaalee biyyaalessaa jedhanii akka fakkeenyaatti kan eeran ''mirga bishaanitti fayyadamuu'' fi ''gaaffii ulaa galaanaa'' eeran.

    Hoogganaan Qajeelcha Humna Namaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Achaaluu Shallamee, dhihoo kana guddinni gulantaa ajajoota olaanoo miseensota raayyichaaf kenname ''ergamaa fi dirqama dabalataa ilaalcha keessa kan galchedha,'' jedhan. Dabalataaf: Dabalataaf:

  6. UN gabbisa nuukileeraan wal qabatee Iraan irratti qoqqobbii guddaa dabarsuufi

    Pirezidaantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan UN irratti yoo dubbatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan UN irratti yoo dubbatan

    Qoqqobbiin dinagdee fi waraanaa cimaan Iraan irratti irra deebiin darbuuf akka jedhu UN ibse.

    Waliigaltee gabbisa nuukileeraa taasifameen waggootan kurnan dura qoqqobbii cimaan Iraan irratti darbee ture ka'ee ture. Amma qoqqobbiin kun irra deebiin Iraan irratti dabarfamuuf jedha.

    Ji'a darbe UK, Faransaayii fi Jarmantu Mana Maree Nageenyaa UNtti xalayaa barreessuun Iraan waadaa ishee hin eegne jechuun himate.

    Iraan karaa dippilomaasii waa'ee gabbisa nuukileeraa ittiin himatamte kana akka furtuuf guyyaan 30 kennameeraaf. Bal'inaan dubbisuuf: Asiinseenaa dubbisaa.

  7. Gaa'ilaan waggaa 75 waliin kan jiraatan haati warraa fi abbaan warraa fedha isaanii wal faana du'uu ibsan

    Ruut Poozner abbaa warraa ishee waliin waggoota 75 gaa'ilaan jiraachuun walumaan boqachuu himan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ruut Poozner abbaa warraa ishee waliin waggoota 75 gaa'ilaan jiraachuun walumaan boqachuu himan

    Ruut Poozner taatoo cimtuu fi beekamtuudha. Umuriin ishee waggaa 96 yoo tahu abbaan warraa ishee Mikaa'el waggaa 97dha.

    Erga wal fuudhanii waliin jiraachuu jalqabanii waggaa 75 taheera. Amma nu gaha jedhanii gara kilinika Siwiizerlaandi keessa jiruu tokko deemuun wal faana akka du'an ibsame.

    Dursanii ergaa karaa E-Mail maatii isaaniif erganiiru.

    ''Dursinee isnitti himuu dhiisuu keenyaaf dhiifama. Garuu yeroo ergaan kun isin gahu addunyaa kanarraa godaanuu keenya hubadhaa.''

    ''Murteen kun fedhuma mataa keenyaan malee dhiibbaa homaatiiniyyuu miti. Jireenya waggaa dheeraa waliin jiraanneerra. Waggoota 75 gaa'ilaan jiraanne.

    Amma yerootti waan hundaan dadhabaa dhufnerra geenyeerra. Rakkoo fagootti arguu, dhagahuu fi jiraachuuf humna gahaa dhabuu irra jirra. Kana booda jiraachuun keenya homaa waan fooyyessus tahe fayyadu hin qabu,'' jechuun barreessan.

    ''Jireenya gammachuu qabuu fi ajaa'iba tahe jiraanne. Gadda ilma keenya Jeeremii dhabuu irraa kan hafe. Gammachuu guddaan waliin jiraanneerra. Waa'ee isa darbee homaa akka hin gabbineef yaalleerra. Jiraachuun amma waan taheefi.

    Jireenya fuuldura jiru irraas waan guddaa addaa eeguu dhiisuun akka har'a gammannee jiraannu nu gargaareera. Baay'ee isin jaalanna. Ruutii fi Maayik!'' jechuun dhaamanii boqatan.

    Duguuggaa sanyii ykn Holokastii warra Jewushotaa irratti gaggeeffame irraa ijoollummaan lubbuun kan oolan Ruut Pooznerii fi abbaan warraa ishee -Mikaa'el fedha isaaniin kilinika Siwiizerlaandi tokkotti du'uu ibsan.

    Kilinikni isaan deemanis fedha isaaniin akka karuma nagaan boqatan taasisa. Naannoo magaala Baazelitti argama.

  8. Waliin dhooftotni onlaayinii 260 kan hanga doolaara miliyoona 2.8 ta'u namarraa fudhatan qabaman

    Meeshaalee to'ataman

    Madda suuraa, Interpol

    Waliin dhooftotni olaayinii 260 kan hanga doolaara miliyoona 2.8 ta'u namarraa fudhatan biyyoota Afrikaa 14 keessatti no'annoo jala oolan.

    Duulli kun interpooliin kan gaggeeffame yeroo ta'u, mootummaan UKs maallaqaan gargaareera.

    Namootni miidiyaa hawaasaa fayyadamuun nama gowwomsuun saaman kun jaalala fa'a fakkeessanii akkasumas suura namaa viidiyoo saalqunnamtiirra kahuun doorsiisuun nama saamaa turan.

    Gaanaa, Keeniyaa, Amgoolaa fi biyyoota biroo keessattis namootni hanaga 1,400 ta'an bifa adda addaan gowwomsamanii maallaqa saamamaniiru.

    Namootni saamaman kan umrii adda addaarra jiran ta'anis, hedduun isaanii garuu warra umriin siiqe akka ta'e daayireektarri yakka saayibarii Intarpool Niil Jeetan BBCtti himaniiru.

    Duulli kun ji'oota Adoleessaafi Hagayya keessa gaggeeffame. Saamichi maallaqaa gama dijilaan gaggeeffamu biyyoota Afrikaa keessatti akkaan dabalaa dhufuu Interpol ibseera.

  9. Iraan buufataalee niikuleeraa USfi Israa'el rukutanitti sochii ijaarsaarra jiraachuu suuraaleen saatalaayitii agarsiisan

    Suuraalee saatalaayitii

    Israa'eliifi US buufataalee niikuleeraa Iraan haleeluu jia' sadii booda buufatalee niikuleera gabbisan lamatti sochiin ijaarsaa mula'chuu suuraaleen saatalaayitii agarsiisan.

    Suuraan teeknoolojii Maxar jedhamuun Fulbaana 18 kaafame gudduugala gabbisa niikuleeraa Nataanzitti hojiin holqa lafa jalaa fi kaanis ijaaramaa akka jiru akeekeera.

    Konkolaattotni ijaarsaa hedduun mul'ataniiru. Hojiin lafa asii gadee diiguus gaggeeffamaa akka jiru mul'ateera.

    Nataanz buufata niikuleeraa Iraan lafa jalatti fageessitee ijaarte fi buufata isa murteessadha jedhamuudha. Israa'eliifi US waraana guyyaa 12 ji'a Waxabajjii darbe gaggeessaniin ''barbadeessineerra'' jedhaniiru.

    Buufata niikuleeraa Fordoo jedhamus rukutanii miidhaa irraan ghanii kan ture ta'us, iddoowwan jaha miidhamanii turan garuu suuraa saatalaayitii Fulbaana 23 fudhatame iddoowwan sun haguugamuu agarsiisa.

  10. Filisxeemiif beekamtii kennuun 'maraatummaadha'- Netaaniyaahuu

    Benjamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Ministerri Muumme Netaaniyaahuun tibba kana biyyootni michootasaanii dhiyoo ta'an osoo hin hafiin biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennaniiru. Kora kanarrattis ifatti beeksisaniiru.

    Netaaniyaahuun ''gochi kun maraatummaadha, nuti kana gochuu hin dandeenyu'' jedhan. Xumura haasaa isaanii yaa'ii UN ta'uusaati. Ergasii jillisaanii dhaabatee harka dhayeef.

    Sana dura garuu biyyisaanii Gaazaa keessatti nama nagaa ta'e jettee irratti xiyyeeffattee akka hin ajjeefne dubbatan.

    ''Dhugaan faallaa jira. Israa'el waraqaa akeekkachiiftuu miliyonaan raabsitee, dhaamsa miliyoonaan dhaamtee uummatni nagaan Gaazaa akka gadhiisu gooteetti'' jedhan.

    Ammoo ''Hamaas Masjiida, manneen barnootaa, hospitaalota, gamoowwan jireenyaa keessa dahateera'' jechuun kana keessa namootni nagaan akka miidhaman godheera jedhan. Meeshaa itti qabee akka hin baane godhas jechuun himan.

    Israa'el duguuggaa sanyii raawwatte jedhamtee himatamuu ilaalchisee Netaaniyaahuun yaada kennaniin akkamiin biyyi duguuggaa sanyii raawwattu uummata nagaatiin akka hin miidhamne bahaa jetti jechuun gaafatan. ''Naaziin Yihuudotaan akkas jedheeraa?'' jechuun gaafatan.

    Uummata Gaazaa ta'e jedhee beelessaa jira himannaa jedhus fudhatama dhabsiiseera. Uummatni Gaazaa nyaata gahaa hin arganne yoo jiraate kun kan ta'e sababa Hamaas ''hatee gurguratuufi'' jedhan.

  11. Deeggarsi Israa'el 'akka hurkaa bade' jedhan Netaaniyaahuun

    Ministirri Muummee Netaaniyaahuun hoogganootni Hamaas meeshaa lafa kaahaa harka kennaa, yoo akkas gootan ni jiraattu, ta'uu baannaan Israa'el isin adamsiti'' jechuun dhaadatan.

    Dabaluun pirezidant Tiraamp Israa'eliifi US diina waloo qabaachuu sirriitti hubataniiru jechuun dubbatan.

    Onkololessa 7 erga Hamas Israa'eliin haleelee booda deeggarsi addunyaarraa Tel Aaviiv argachaa turte ''akka hurkaa badee'' jedhan.

    Bakka buutotni US wayita Netaaniyaahuun maqaa Tiraamp dhayan harka rukuta turan.

  12. Netaaniyaahuun kora UN irratti dubbachuu eegalan, hedduun yaa'ii dhiisanii yaa'an

    Aanga'oonni yaa'ii UN dhisanii bahan

    Madda suuraa, Reuters

    Yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti gaggeeffama jiru irratti Ministirri Muummee Israa'el kan waraana Gaazaa waliin walqabatee dhiibbaan itti cime haasaa gochuu eegalaniiru.

    Bakka buutotni UN heddun wayita haasaaf bahan yaa'ii dhiisanii bahaniiru.

    Netaaniyaahuun waltajjii erga qabatanii maappii barreeffama ''abaarsa'' jedhu agarsiisaniiru. Maappichi Iddoo Iraan itti shororkaa uumtu agarsiisa jedhaniiru. Shororkaan kun addunyaa gooluus dubbatan. ''Addatti ammoo jireenya biyyakoof yaadoo jabaadha'' jedhan.

    Waggaa darbe meeshaa shororkaa Hamaas kan ta'e Huutiifi Hezbollaa haleeluu dubbatan.

    Dabalataan injifannoo guddaa kan jedhan ''bu'uuraalee nikuleeraa Iraan fi sagantaa misaayela baalistikii biyyattii mancaasuudha.''

    Hoogganaa Hamaas Yaahiyaa Siinwaar, kan Hezbollaa Hasan Nasrallaa fi saayintistii olaanaan nikuleeraa Iraan ''hunduu sokkaniiru'' jedhani.

  13. Toonii Bileer buchiinsa ce'umsaa Gaazaa akka hogganan haasaan godhamaa jira

    Toonii Bileer

    Madda suuraa, EPA

    Ministirri Muummee duraanii UK Seer Toonii Bileer waraanni erga xumuramee booda bulchiinsa ce'umsaa Gaazaatti hundaa'u akka hogganan mariin gaggeefamaa jiraachuu BBCn iyyaafateera.

    Wixineen kun erga waraanni goolabamee booda Gaazaan Filisxeemotaaf dabarfamtee kannamuu dura bulchiinsa yeroo ce'umsaa akka qabaattu yaadame. Bulchiinsa yeroo ce'umsaa kana ammoo Ministirri Muummee duraanii UK Toonii Bileer akka hooganaan Waayit Haawus irraas deeggarsa argataa jiu.

    Bulchiinsi ce'umsaa Gaazaa UN fi biyyoota galoo galaanan deeggarama.

    Toonii Bileer bara UK bulchaa turan bara 2003tti biyyisaanii Iraaq irratti akka duultu godhaniiru. Marii olaanaa hegeree Gaazaarratti dubbachuuf US fi biyyootni kaan hirmaatan irratti Tooniinis argamaniiru.

    Bulchiinsi ce'umsaa Gaazaa moggaasa Bulchiinsa Ce'umsaa Idiladdunyaa Gaazaa, Gaza International Transitional Authority (Gita) argateera jedha gabaasni the Economist fi miidiyaalee Israa'el. Bulchiinsi ce'umsaa kun beekamtii argachuuf hayyama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii argachuu qaba.

    Karoorri qophaaye kun ce'umsa Baha Timooriifi Kosoovoo bu'uura godhate. Bulchiinsi ce'umsaa Gaazaa waggoota shaniif tu'a jedhamee yaadamu ammaaf teessoonsaa Masrii taee booda gaafa Gaazaan tasgabbii amansiisaatti galtu ammoo gara Gaazaa gala. Humnoonni waloo naannichaas ijaaramanii Gaazaa ni galu.

  14. Atileetiin Itoophiyaa dhiyeenya Maraatoonii mo'atte akkamiin tasa boqatte?

    Atileetiin Itoophiyaa dhiyeenya Maraatoonii mo'atte Shawaargee Aallnee tasa boqatte

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Atileetiin Itoophiyaa dhiyeenya Maraatoonii mo'atte Shawaargee Aallnee tasa boqatte

    Shaampiyoonaa Maraatoonii kan turte atileetiin Itoophiyaa Shawaaree Aallenee umurii ishee waggaa 30'n tasa lubbuun ishee darbuu himame.

    Maraatoonii Istookholmi bara 2025 mo'attee ji'a afur booda lubbuun ishee darbe. Shawaargeen osoo naannoo Finfinneetti shaakala irra jirtuu tasuma of wallaaluun kufuun yaalaaf hospitaala geeffamte.

    Hospitaala geeffamtus lubbuun ishee ooluu hin dandeenye. Qindeessitoonni Maraatoonii Istookhoolmis du'a ishee mirkaneessaniiru.

    Fuula Inistaagiraamii isaanii irratti qondeesitoonni dorgommichaa akkas jedhanii barreessan.

    ''Du'a atileet Shawaargee yeroo dhageenyu gadda guddaa nutti dhagahame. Shawaargeen Maraatoonii Adidas bara 2025 Istookholmitti qophaa'e injifattee ture'' jedhe.

    ''Osoo shaakala irra jirtuu waan ishee dhukkubeef hatattamaan hospitaalatti geeffamte. Garuu lubbuu ishee oolchuun hin danda'amne,'' jedhe.

    Bara 2011 hanga 2025tti dorgommiiwwan Maraatoonii 27 irratti hirmaateetti jedha odeeffannichi

  15. Konfirensiin humna Atoomawaa Raashiyaa, MM Abiy irratti hirmaatan maali?

    Yaa'ii dhimma anniisaa Atoomawaa Raashiyaa

    Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad konfiransii anniisaa Atoomawaa ilaallatu kan Raashiyaatti gaggeeffamuu eegale irratti hirmaachaa akka jiran Waajirri isaanii beeksiseera.

    Konfirensiin Moskootti (Fulbaana 25-28) guyyoota sadan dhufaniif gaggeeffamu yaa'ii idila addunyaa WorldAtomicWeek jedhamee beekamuudha.

    Sagantichi dhimma niikuleeraafi indaastirii isa waliin hariiroo qaburratti xiyyeeffata. Akka odeeffannoon marsariitii qaama saganticha qopheessurra jiru agarsiisutti hirmaattotni sagantaa kanaa hogganoota biyyaafi dhaabbilee sagantaa misooma niikuleera gaggeessaniidha. Ogeeyyiifi qorattootni damee niikuleeras irratti hirmaatu.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad torban lama dura wayita Hidha Haaromsaa Itopohiyaa eebbisan deeggarsa Raashiyaatiin wiirtuu gabbisa niikuleeraa ijaaruun akka eegalamu beeksisanii tura. Sagantaan misooma Niikuleeraa kunis dhimma nga qabeessa ta'eef qofa akka oolu dubbataniru.

    Hogganootni qaama miisooma niikuleera hoogganu IAEA, tattaaffii Itoopihyaan damee kanaan gootu akka deeggaru ibseera.

    Sagantaan Raashiyaatti gaggeeffamaa jiru kun jalqabbii indaastirii niikuleeraa Raashiya waggaa 80ffaa yaadachuu wajjin walirra bu'eera.

    Saganticha irratti Pireezidantiin Raashiyaa argamniiru. dureewwan biyyoota Indiyaa, Belaruus, Iraaniifi kaanis argamaniiru.

  16. Isloveeniyaan Beeniyaamiin Netaaniyaahuu biyyashee akka hin seenne uggurte

    Beeniyaamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Biyyi baha Awurooppaa Isloveeniyaan Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu biyyashee akka hin seenne uggura imalaa irra keesse.

    Biyyattiin Netaaniyaahuurra uggura imalaa kan keesse waraana Israa'el Gaazatti gaggeessituun wal-qabatee ta'uu maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Isloveeniyaan Waxabajjii darbe qondaalota olaanoo mootummaa Israa'el leellistoota ta'an lama irra uggura imalaa kaa'uunshee ni yaadatama.

    Bara darbe ammoo Filisxeemiis beekamtii biyyummaa kennuu beeksifteetti.

    Barreessaa Ministeera Dhimma Alaa Islooveeniyaa Neevaa Giraasiik akka beeksisanitti, ugguri Netaniyaahuu irra kaa'ame akkaatuma seera idiladdunyaa giddu galeessa godhateeni.

    Biyyi miseensa Gamtaa Awurooppaa taate Islooveeniyaan Hagayya darbe qoqqobbii dhyeessii meeshaa waraanaa Israa'el irra keessee turte. Akkasumas omishaalee Israa'el omishte akka hin binnes beeksifte.

    Mootummaan Islovaaniyaa Netaaniyaahuu irra uggura kan kaa'eef yakka waraanaa raawwachuusaa Mana Murtii Haqaa Idiladdunyaatti himatamuurraa kan ka'e ta'uu ibsan qondaalli Isloveeniyaa kun.

  17. Tiraamp Erdogaan Raashiyaarraa boba'aa bituu akka dhaaban gaafatan

    Pirezidant Erdogaaniifi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti wayita gitasaanii Tarkii Tayiip Erdogaan simatanii mariyatan Istaanbuul Raashiyaarraa boba'aa bituu akka dhaabdu gaafataniiru.

    Tiraamp haasaa miidiyaaleef banaa ta'e irratti yoo dubbatan ''Viladmiir Putiinitti hedduu aareen jira'' jedhan.

    Hoogganaan Tarkii ''qaamolee lamaanuu biratti kabaja qaba yoo ni barbaada ta'e dhiibbaa guddaa uumuu danda'a ammatti ejjennoosaa walaba'' jedhan.

    ''Wanti gaariin inni gochuu danda'u boba'aa fi gaazii Raashiyaa bituu dhiisuudha'' jedhan.

    ''Hamman ani Putiniin beeku innis ni beeka'' kan jedhan Tiraamp, akkuma amma dura jedhan waraanota hedduu dhaabsisuu dubbatan. Waraana Yukireen kana dhaabsisuunis salphaadha'' jedhaniiru.

    Hoogganootni lameen dhimma Gaazaarratti ejjennoo walirraa adda ta'e qabu. Dhimma kana ilaalchisee yoo gaafataman Tiraamp yaada kennurraa of qusataniiru.

    Marii isaanii midiyaaleef banaa ture xumuranii cufaattis dubbachaa jiru.

    Erdogaan Tiraamp waliin waliigaltee daldalaa doolaara biliyoona hedduu raawwachuu fedhu. Isaan keessaa ijoon bittaa jeettiiwwan waraanaa F-35ti. Xiyyaarota daldalaa 200 ta'anis US irraa bituuf fedha qabu.

  18. Poolisiin Israa'el namicha Netaaniyaahuu ajjeesuuf Buufata Poolisiitti beeksise to'ate

    Beeniyaamin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, AFP/Getty Images

    Namichi Ministiira Muummee Israa'eel Beeniyaamiin Netaaniyaahuu ajjeesuuf itti dhaadate to'annaa jala ooluu poolisiin biyyattii beeksise.

    Poolisiin akka beeksisetti namichi umuriinsaa ganna 40fi isaa olii keessa jiru Wiixata darbe Netaaniyaahuu ajjeesuu akka barbaadu dubbatee turuu maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Namichi Netaaniyaahuu ajjeesuuf itti dhaadate kun lammiidhuma Israa'el magaalaa Kiriyaat Gaat jedhamtu keessa jiraatu yoo ta'u, waajjira poolisii deemuun Netaniyaahuu ajjeesuu akka barbaadu dubbate.

    "Shakkamaan kun [waajjira poolisii] deemuun meeshaa waraanaa bitatee rasaasa sadiin Netaaniyaahuu dhahee ajjeesuu akka barbaadu poolisootatti hime," jechuun ibse poolisiin Isaa'el.

    Namichi Netaaniyaahuu ajjeesuu akka barbaadu erga dubbatee booda, poolisoonni qabuun yeroo ammaa to'annoo seeraa jala akka jiruufi himanni irratti banamuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuus ibse.

    Qorannoon Israa'el keessatti gaggeeffame akka ibsutti, waraana Gaazatti waggoota lamaan darbaniif gaggeeffamaa jiruun wal-qabatee lammiileen biyyattii Netaaniyaahurraa abdii dhabaafi fudhatamni mootummaasaa gadi bu'aa deemeera.

  19. Wiiliyaam Saliibaa waliigaltee Arsenaal waliin qabu waggaa shaniif haaresse

    Wiiliyaam Saliibaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Lafee dugdaa sarara ittisaa Arsenaal kan ta'e Wiiliyaam Saliibaa kontiraata haaraa Arsenaalif mallattesse.

    Lammiin Faransaayi waggoota darban sarara ittisaa Arsenaal keessatti shoora olaanaa taphataa jiru Salibaan kontiraani Arsenaal waliin qabu dhumuuf waggaan lama yeroo hafutti waggaa shan Arsenaal waliin turuuf kontiraatasaa haaresse.

    Yeroo amma ganna 24 kan ta'e Saliibaan, hanga bara 2030tti Arsenaal waliin turuuf waliigaleera.

    Arsteettaan bara 2022 Arsenaal leenjisuu erga eegalee sarara ittisaa iratti Arteettaa irraa amantaa cimaa argachuun dhaabbataan hiriiraa ture.

    Hanga ammaa taphoota 137 irratti Arsenaalif hiriiree taphateera. Michuunsaa waliin sarara ittisaa Arsenaal utubanii jiran Gabreel Magaaleezh hanga bara 2029tti turuuf kontiraata haaressee ture.

    Kuni ammoo abjuu Arteettan waancaa Pirimeerliigifi Shaampiyoons Liigii nyaachuuf qabu mirkaneessufii mala.

  20. Rihaanaan mucaa durbaa jalqabaa ishee deesse

    Rihaanaan mucaa durbaa jalqabaa ishee deesse

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Rihaanaan mucaa durbaa jalqabaa ishee deesse

    Weellistuu beekamtuu Rihaanaan mucaa durbaa dahuu ibsite. Abbaa warraa ishee A$AP Rockii fi Rihaanaan mucaa durbaa argachuun gammachuu isaanii ibsaniiru.

    Mucaa argatan kana maqaa wal tajjii abbaa isheen oggaasan. Rookii Ayirish Mayers maqaa jedhamu kennanniif. Fulbaana 13 nagaan deesse.

    Rihaanaa fi abbaa warraa ishee A$AP Rockii kana dura ilmaan lama qabu. Maqaan isaanii Riyootii fi RZA jedhamu.

    Rihaanaan miidiyaa hawwaasaa ishee irratti mucaa durbaa arachuu akkuma ibsiteen sa'a lama keessatti namoota miliyoona shan tahuun jaalatameefi.

    Barbadositti kan dhalattee guddatte Rihaanaan maqaan ishee sirriin Roobiin Feentii jedhama. Waggaa 20 dura ture albama ishee jalqabaa kan baaste.

    Rihaanaan weellistuu biliyenera taate yoo tahu, kaampaanii Feentii Biyuutii jedhamu hundeessuun qabeenya guddaa horatteetti.