Raashiyaan Iraan irratti haleellaan akka hin raawwatamne akkeekkachiifte

Madda suuraa, EPA/Shutterstock
Ministirri dhimma alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov Ameerikaan Iraan irratti haleellaa raawwannaan waanti itti aanee dhufu hamaa waan ta’uuf, tarkaanfii waraanaa fudhachuu dhiistee karaa Iraan nukilara kaayyoo nagaaf itti fayyadamtu itti filattu yaaluu ta’uu qaba jechuun akeekkachiisan.
Ameerikaan guyyoota itti aanan keessa tarkaanfii waraanaa fudhatti jedhamee yaaddoon yeroo dabalaa jiru kanatti, Polaand ammoo lammileen ishee Iraan keessa jiran hatattamaan gadhiisanii akka bahaniif karaa ministira dhimma alaashee ajajjeetti.
Ministirri dhimma alaa kun kan jedhan, marii Iraan fi Ameerikaan Siwiizerlaanditti taasisaniin booda gaaffiifi deebii TV Arabiyaa waliin taasisanidha.
“Haleellaan Iraan irratti raawwatamu bu’aa gaarii hin argamsiisu. Kanaan dura dhaabbilee nukilaraa Iraan to’annoo ejensii Atoomikii Addunyaa jala jirurratti haleellaan raawwatameera. Akka hubannutti, balaan nukilaraa ni uumama sodaa jedhu qabna,” jedhan Laaviroov.
“Biyyoonni naannicha keessa jiran Galoo Galaanaa faarsii biyyoonni Arabaa deebii isaan kennuu yaadan ilaalchisuun itti dhiyeenyaan Hordofaa jirra. Haalli isaa abiddaan taphachuu akka ta’e waan beekaniif, eenyullee muddamni kun gara walitti bu’iinsaatti akka ce’u hin barbaadu.”
Muddamni kun hammaatu taanaan hariiroo Iraan Sa’ud Arabiyaa fi biyyoota olla biro waliin qabaataa dhufte dabalatee bu’aawwan gaaruu waggoota darban keessa argaman ni balleessa yaaddoo jedhu akka qaban ibsan Laaviroov.
Kun osoo kanaan jiruu, Polaand lammiileen ishee Iraan keessa jiran hatattamaan akka sa’aatiiwwan muraasa keessatti gadhiisanii akka bahan ajajuun ishee yaaddoo jiru cimseera.
Kanaaf ammoo sababiin Iraan keessatti walitti bu’iinsi dhalachuu danda’a jechuun yoo ta’u, biyyattiin ergaa lammileesheetiif dabarsite kanaan “maaloo Iraan keessaa hatattamaan bahaa…haala kamiinis gara biyya sanaas hin deemiinaa” jechuun akeeekkachiifteetti.






