Itti gaafatamaan tika Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa haleellaa US-Israa'eliin ajjeefame

Madda suuraa, Iranian state media
Itti gaafatamaan tika Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) ajjeefamuu gareen kun ibsa baaseen beeksise.
Miidiyaaleen Iraan ibsa Eegdota Warraaqsa Islaamaa irraa kenname jechuun akka gabaasanitti, iti gaafatamaan tika garichaa Maajiid Kadeemii haleellaa Israa'elifi US har'a ganama gaggeessaniin ajjeefame.
Maajiid Kadeemii itti gaafatamaa tikaa duraanii kan yeroo waraana guyyaa 12 Israa'eliifi Iraan wal-lolan haleellaa Israa'eliin ajjeefame Mohaammad Kaazeemii bakka bu'uun ture kan muudame.
Mormii uummataa Guraandhala darbe Iraan keessatti dhohee namoonni nagaan heddu itti ajjeefaman irratti, Majiid Kadeemii mormichi akka ka'u kan godhe US jechuun, keessumaa Doonaald Tiraamp cimsee qeeqaa ture.
Mormii sanarratti tajaajilawwan tikaa biyoota 10 kudhanii ol harka keessaa qabaachuus ibsaa ture.





