Dhaabbanni Fannoo Diimaa lafa gargaarsi itti raabsamu kan Kibba Gaazaa Raafaa keessatti argamuutti haleellaa mudateefi falmiisiisaa ta'en rasaasaan ykn dhootuu meeshaa dhuka'uutiin namoonni 21 ajjeeffamanii hedduun madaa'u ibse.
Dhaabbatichi namoonni miidhaman kunneenis gara hospitaala dirree dhaabbatichaatti geeffamu ibseera.
Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa namoonni 21 hospitaalich wayita qaqaban ''du'anii akka turan'' kanneen miidhaan irra gahe 179 keessaa ammoo dubartoonnii fi daa'imman akka aragaman ibse.
Dhaabbatichi ibsi kana kan baaseerga dhaabbanni ittisa siiviilii Gaazaa keessatti Hamaasiin geggeeffamu taatee kanaan yoo xiqqaate namoonni 31 du'uu fi hedduun madaa'uu ibsee booda yoo ta'u, kanaanis ''dhukaasa Israa'el'' namoota nagaa irratti xiyyeeffate jechuun komate.
Haata'u malee, Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) argannoon qorannoo jalqabaa jechuun baaseen, humnoonni isaa wayita giddugala gargaarsaa sanatti dhiheenyaan jiranuu ykn keessa jiranii namoota irratti dhukaasa hin baane jedheera.
IDFn gamasaatiin waraabbii dirooniitin kan jedhan, yeroo namoonni hidhatanii fi haguuggii fuulaa uffatan magaalaa dhiyoo jirtu Kaan Yuunis keessatti namoota gargaarsaaf walitti qabamaniitti dhagaa darbataa fi namoota nagaa irratti dhukaasan agarsiisu gadhiiseera. BBC'n waraabbii kana battalumatti mirkaneessuu hin dandeenye.
Israa'el BBC dabalatee dhaabbilee oduu idil-addunyaa Gaazaa akka seenaniif waan hin hayyamneef waan naannoo sana keessatti ta'aa jiru mirkaneessuun rakkisaadha.
Gareen wiirtuu raabsa gargaarsaa kana geggeessu, Faawundeeshiniin Namoomaa Gaazaa (GHF)illee bakka saatti du'aafi miidhaan qaamaa namootarra qaqabuu haalee Hamaasiin kan odeeffamu ta'u ibseera.
Hanga Dilbata galgalaatti, haalli lafarra jiru ifa hin turre.