Barreessaan seenaa intala Pireezidant Wiiliyaam Ruutoo barreesse himatame
Falmitoonni mirga yaada ofii ibsachuu himatamuu barreessaa kanaa balaaleffataniiru. Barreessaan kuni seenaa intala Pireezidant Wiiliyaam Ruutoo beekamtii ishee malee barreesse.
Chaarliin Ruutoo barreessaa Weebistar Ochoraa Elijaa jedhamu eeyyamashee otoo hin gaafatiin barreessuun maqaa ishee ''akka malee'' fayyadamuu himte. Kitaabichi mata-duree Beyond the Name: Charlene Ruto and the Youth Uprising jedhuun bahe.
Kibxata kaleessaa barreessaan kuni maqaashee akka gowwomsaatti fayyadamee barreessuun to'atamee erga himatameen booda balleessaa akka hin qabne jecha kennee, wabiin gadhiifameera.
Chaarliin dhimma kana poolisiitti gabaasuun booda adeemsa seeraa hordofaa akka jirtu himte.
Himannaan irratti baname namni kuni waayelotasaa kaan wajjin kitaaba kana Caamsaa 22 dura akka maxxanseefi gowwomsaan qarshii buufachuu akka barbaadu ibsa.
Intalli pireezidantii waa'ee qabiyyee kitaabichaa qeeqa dhiyeessite kan hin qabne yoo tahu eeyyamashee malee barreeffamuu qofa kaaste.
Qeeqxonni garuu waan seeraan ala tahe hin raawwannee jedhan.