Mariin Tiraamp fi Shi Jin Ping yeroo dheeraa fudhate xumurame

Mariin waloo pirezidantii US fi Chaayinaa sa'aatii lamaaf adeemaa ture xumurame. Jalqabarra akka qabametti taanaan mariin kuni sa'aatii tokko tura jedhamee ture.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp waraana Iraan dhaabuuf gargaarsa Chaayinaa hin barbaadu jedhan

    Pirezidant Donaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Imalli gara Chaayinaa Pirezidant Donaald Tiraampiifi mariin Shi Jin Ping waliin taasisan ni eegama.

    Marii dura waraana Iraan waliin US itti jirtu furuuf deeggarsa Pirezidantii Chaayinaa waan barbaadan akka itti hin fakkaanne dubbatan.

    Iraan Ulaa Hormuuz karaatti boba'aan addunyaa 20% gabaaf keessa darbu cufuu itti fufteetti.

    ''Dhimma Iraaniin walqabateeti waan deeggarsa feenu natti hin fakkaatu.

    ''Asiinis ta'e achiin ni moona, karaa nagaas ta'e karaa biraa,'' jechuun Tiraamp rippoortarootatti dubbatan.

    Erga biyyoota lamaan gidduu waliigalteen dhukaasa dhaabuu eegalee bubbulus biyyoonni lamaan wal dura dhaabbannaa xumura itti tolchuun hin milkoofne.

    Iraan immoo Iraaq fi Paakistaan waliin waliigaluun akka boba'aafi gaazii uumamaa Ulaa Hormuziin dabarsan gochaa jirti jedhu kanneen keessa beekan.

    Akka maddeen jedhanitti, biyyoonni kaanis faana wal fakkaataa hordofaa jiru. Kunimmoo, Iraan Ulaa Hormuz akka to'attu haala mijeessaaf.

  2. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Roobii eegale.

    Dhimmoota biyya keessaafi alaa ijoo ta'an jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan karaa miidiyaalee hawaasummaa irratti WhatsApp, Facebook, YouTube fa'i irratti nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!