Darbii Landan: Arsenaal galchii Ebereche Eezzee sadii fi Tiroosaadiin 4-1 Tootenhaamiin mo'ate

Liiverpuulii fi Maanchister Siitiin mo'aman, Cheelsiin injifachuun sadarkaa lammaffaa qabate. Darbii Landan: Arsenaal galchii Ebereche Eezzee sadii fi Tiroosaadiin 4-1 Tootenhaamiin mo'ate

Guduunfaa

  • Liiverpuul 0-3 Nootiingihaam Foorest
  • Arnee isloot erga mo'amanii waa'ee isaanii fi taphattoota isaanii dubbatan
  • Virjil Vaan Daayik miira gaddaa guddaa keessa galuun yaada kenne
  • Ruuniin Haalaand irra Giyookerestu barana taphataa cimaa Piriimer Liigiiti jedhe
  • Maanchister Yuunaayitid amma karuma hundaa dorgomaa taheera- Amoorim
  • Peep Gaardiyoolaan Arsenaalitti dhaadate, 'gadhiisuu hin qabnu' jedhe
  • Mikeel Arteettaan Maanchister Siitiin qabxiidhaan itti dhiyaachaa jiraachuu irratti maal jedhe?
  • Taphataan Cheelsii Kool Paalmer maaliif hin taphatu?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

Zelalem Tadesse Duressa

  1. Niwkaasil 0-0 Maanchister Siitii

    Erliing Haalaand yaalii gaarii taaisseera. Niwkaasil dirree isaanii irratti taphoota hedduu mo’achuu dhabuu isaaniin dhiibbaa jala jiru.

    Edii Haaw haala kana jijjiiruuf har’a morkii gaarii taasisaa jiru.

    Garuu Erling Haalaandiin haga daqiiqaa dhumaatti dhaabuu? Rayaan Cherkii fi Dookuunis gahumsa gaarii irra jiru.

  2. Virjil Vaan Daayik miira gaddaa guddaa keessa galuun yaada kenne

    Virjil Vaan Daayik miira gaddaa guddaa keessa galuun yaada kenne

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Virjil Vaan Daayik miira gaddaa guddaa keessa galuun yaada kenne

    Dursaan taphattoota Liiverpuul Virjil Vaan Daayik 3-0 erga Nootingihaamiin mo’amanii yaada kenne.

    "Galchii sasalphaa baay’ee nurratti lakkoofsisan. Kubba dhaabbate irraa haleeluun galchii nurratti lakkaa’amedha.

    Wal’aansoo qabnee xiiqiin taphachuu irratti dadhaboo turre. Callisneema ariifataa turre malee xiiqii fi ciminaan taphachaa hin turre.

    Amma haala ulfaataa keessa jirra. Erga galchii jalqabaa nurratti lakkaa’amee miira keessa galleerra. Tasgabbiin hin jiru. Isa dura gaarii ture.

    Yeroo haala ulfaataa keessa galchu dhala namaa waan taaneef waanuma hundumaa ariifannee dhaqabsiisuuf taphataa turre.

    Kanatu tasgabbii nu dhowwate. Amma waan kana keessaa waan odeessinee baanu miti. Hojii cimaa gaafata. Isa irratti xiyyeeffachuudha.

    Rakkoodha. Taphataan hundi garee kana keessa jiru itti gaafatamummaa fudhachuu qaba. Kubbi miilaa dhimma gareeti.

    Kanaaf hunduu of ilaaluu qaba. Kana garaatti qabannee ciniinnannee hojjechuu qabna. Abdii kutannaa malee jabaannee dhaabbachuu qabna. Hundi keenyayyuu gaddineerra.

    Akkasumas tahuu qaba. Sababni isaas dirree keenya irratti Nootingihaamiin mo’amuun gurrumakoofuu dhagahuun waan gaarii miti.

    Waan xinnoo ani jechuu danda’u kanuma. Galchii isaan lakkoofsisan hunduu salphaafi kan deebisuun danda’amu ture.

    Kanaafidha hundi keenyayyuu osoo ilaaltuu keessatti maalan ture jennee akka of ilaallu kanan barbaadu. Ani kileba kana keessa yeroo dheeraa tureera.

    Yeroo haala ulfaataa akkasii keessa gallu mo’annee bahaa turre. Har’a garuu hin dandeenye.

    Ammas jabaannee deebi’uu qabna. Deeggartoonni dirree dhiisanii bahuu isaanii waanan godhu hin qabu.

    Yeroo dhiphinaa hedduu nu waliin dhaabatanii ture jechuun taphaan booda yaada isaa kenne.

  3. Liiverpuul 0-3 Nootingaam Foorest

    Liiverpuul 0-3 Nootingaam Foorest: Guyyaatti qofaa deeman....

    Aanfiild irraa har'a surraan isaa ka'eera. Dhaadannoon isaanii ''You'll Never Walk Alone'' jedhu har'a hin jiru.

    Taphattoonni dirree isaanii irratti salphatan qofaa adeemu.

    Deeggartoonni baay'een dirree dhiisanii bahaa turan. Arne Isloot barana waan furmaata argatan hin fakkaatan.

    Falaasmni taphaa harkaa badeera. Tasgabbiin dirree keessatti hin mul'atu.

  4. Arnee Isloot leenjisummaa irraa ari'amuu?

    Leenjisaan Liiverpuul garee Kiloop ijaaranii deemaniin waancaa baruma jalqabaa isaanii mo'atan.

    Amma taphattoota akka Aleeksaander Isaak, F. Wiirz, Miilosh Kerkesh, Firiimpong garichatti dabalanis sararri ittisaa isaanii akkuma mana dulloomee dhimphisaa jira.

    Leenjisichi taphattoota kanneen liigichatti madaqsuun fayyadamuu hin dandeenye.

    Ammatti Mohaammad Saalaayyuu galchii lakkoofsisaa hin jiru. Taphattoota duraan wal dubbisuu danda'an kaa'uun warra haaraaf carraa laachuuf yaaliin godhan gatii isaan kaffalchiisaa jira.

    Vaan daayik baratti qoramnu akka tahe durseen beeka jedhee ture. Mohaammad Saalas sodaa wal fakkaatu akka qabu kana dura dubbateera.

    Isloot haala kanaan hojii isaanii irra turuu?

  5. Liiverpuuliin eenyu mo'amuu irraa oolcha?

    Akkuma boqoannaa irraa debei'aniin Saavonaan galchii lakkoofsisee Foorest Aanfiildi irratti Liverpuul qaanessaa jira.

    Walakkaa biliyoonaa baasanii taphataa mallattesisuu fi rikardii Biriiteniin Aleeksaander Isaakiin mallattesisuun Liiverpuuliin mo'amuu irraa oolchaa hin jiru.

    Bara darbe Liiverpuul shaampiyoonaa tahee xumure. Kilebni isa mo'ate tokko garuu Nootingihaam Foorest ture.

    Foorest galchii tokko Huudsan Odoui lakkoofsiseen Liiverpuuliin mo'atan.

    Har'a Arne Isloot taphattoota maqaa guddaa qaban baasuun Firederikoo Kiizaa fi ol adeemaa kana dura seenaa hojjete Inguumoo yoo galchan kan wayyuuf fakkaata.

  6. GOOOOL: Liiverpuul 0- 1 Nootinghaam Foores

    Taphataan sarara ittisaa Biraazil Muurilloon N. Forestiin dursa aanse.

    Liiverpuul homaa gahumsa gaarii irra hin jiru. Mohaammd Saalaan taphataa jabaa bara darbe argine osoo hin taane liigichaaf haaraa fakkaate.

  7. Liiverpuul 0- 0 Nootingaam Foores: Taphoota shantu gaggeeffamaa jira

    Biraayitan 0-0 Bireentifoord

    Barnimooz 0-1 West Haam

    Fuulham 0-0 Sanderlaand

    Woolvis 0-0 Kiristaal Paalaas

    Hanga ammaatti taphoonni hunduu galchii malee jiru. gareen Nuunoo Espirootoo West Haam garuu Barnimooz irratti galchii jalqabaa lakkoofsiseera.

    Liiverpuul bara kana rakkoo keessa jira. Filooriyaan Wiirz miidhameera. Ittisa irraa Biraadilii fi Firiimpoong waan miidhamaniif filannoo Ilsoot qaban xiqqaateera.

  8. Ruuniin Haalaand irra Giyookerestu barana taphataa cimaa Piriimer Liigiiti jedhe

    "Bara kana gahumsuma addaarra jira. Baay’ee isaanii rikardii kana dura ofumaaf galmeesse deebisee cabsaa jira.

    Biyya isaa Noorweeyiifis akkasuma. Biyyi isaanii Waancaa Addunyaa irratti isa dhumaaf yeroo hirmaatte taphattoonni ammaa kunneen irra caalaan isaanii hin dhalanne.

    Haalaand waan kileba keessatti agarsiise biyya isaafis hojjeteera.

    Inni taphataa addaati. Baga gammaddan ejdheera. Galchii hedduu isaan lakkoofsisan ilaalaa jedhe Gaardiyoolaan.

    Haalaand biyyi isaa Noorweey waggaa 28 booda waancaa Addunyaaf yeroo darbitu taphoota gulaallii irratti galchii 37 lakkoofsifte keessaa 16 qofaa isaa lakkoofsise.

    Bara kana walumaa galaan galchii 32 lakkoofsiseera.

    Wayinii Ruunii tibbana taphattoota ciccimoo Piriimer Liigii bara kanaa yoo gaafatamu; Viktar Giyokeres, Biriyaan Embuumoo fi Aantoniyoo Senyoo jedhee deebise. Haalaandiin itti hin daballe.

    Gaardiyoolaan Ruuniin waan barbaade odeessuu danda’a.

    Waan jijjiirus waan dabalu tokkos hin qabu. Gahumsa Haalaand yoo tahe waan mul’atudha jechuun deebiseef.

    Arteettaan ammo Giyookeres galchii Pirimer Liigii afur qofa qabu Ruuniin ibsuu isaatti gammadeera.

    Ruuniin sirriitti waan hubateef dubbate. Erga Giyookeres garee keenyatti makamee akka gareetti dhiibbaa akka uumnu godheera jechuun ibse.

  9. Peep Gaardiyoolaan Arsenaalitti dhaadate, 'gadhiisuu hin qabnu' jedhe

    Leenjisaa Maan Siitii Peep Gaardiyoolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa Maan Siitii Peep Gaardiyoolaa

    Leenjisaan maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaan Arsenaaliin gadhiisuu hin qabnu. Arsenaal kileba garee cimaa qabudha. Haala gaariin ijaarameera.

    Rakkoon jiru waan qabxii gatan hin fakkaatan. Haala Kanaan yoo itti fufanii kileboonni kaan qabxii gataa deeman tahe akkuma Liiverpuul bara darbee iddootti isaan qaqabnu hin jiru.

    Inni guddaan garuu nuyis bira jirra. Yeroon isaas ganamadha. Garuu morkii cimaa taha jedhan Peep Gaardiyoolaan.

    "Amma yeroon boqonnaa xumurameera. Kana booda guyyoota sadii fi afur gidduutti taphoota qabna. Jalqabbii irra turre. Amma Piriimer Liigii inni dhugaan, morkii inni dhugaan ammaan booda jalqaba. Waan guddaan tokko isaanitti dhiyaannee jiraachuu keenyadha. Tapha har’aa mo’achuun nuuf baay’ee murteessaadha,’’ jedhan.

    Gaardiyoolaan yeroo boqoannaa torbanoota lamaan darban ofiis boqachaa akka tureefi aara galfatee akka deebi’e hime.

    Garaagarummaan qabxii Arsenaalii fi Maanchister Siitii gidduu amma qabxii afur yoo tahu Maan Siitiin Niwkaasil kan mo’atu yoo tahe tokkotti kang alu taha.

  10. Mikeel Arteettaan Maanchister Siitiin qabxiidhaan itti dhiyaachaa jiraachuu irratti maal jedhe?

    Leenjisaa Arsenaal Mikeel Arteettaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa Arsenaal Mikeel Arteettaa

    Nuyis akkuma isaan yaadan kana goona. Tapha tokko tokkoo irratti xiyyeeffachuun hunda injifachuuf hojjenna.

    Haalota dandeenyuu fi to’achuuf humna qabnu irratti hojjenna. Dilbata nuyis tapha murteessaa tokko qabna.

    Tapha baay’ee bareedaa tahedha. Kan to’annoo keenya keessa jiru isadha.

    Yeroo boqonnaa xumurame kana keessa qophii barbaachisu hundaa xumureerra.

    Taphoonni amma nu hafan irra caalaan isaanii gaariidha. Kun akka nuyi gahumsa keenya keessa galluuf nu gargaara.

    Qabxii murteessaa tahes walitti qabachuuf nu gargaara. Sababni isaa taphoonni kana boodaa wal wal irratti gaggeeffamu waan taheef jedhe.

    Maanchister Siitii qofa osoo hin taane kileba hundatu nutti dhiyaachuu barbaada kan jedhe Arteettaan bara kana waancaa injifachuuf akka taphatan himeera.

  11. Taphataan Cheelsii Kool Paalmer maaliif hin taphatu?

    Kool Paalmer miidhama isa mudateen taphoota sadii dhufan dhaba

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kool Paalmer miidhama isa mudateen taphoota sadii dhufan dhaba

    Paalmer miidhama kana dura isa mudate irraa fayyuun taphaaf qophii ture. Gidduu kana mana keessa osoo jiruu miilla isaa balbala manaatti rukutuun qubni isaa cabe.

    Ji’oota lamaaf miidhamarra kan ture Paalmer shaakala jalqabuuf jedha ture.

    Leenjisaan Cheelsii Eenzoo Maareshkaa aaree jira. Waan dubbatamu miti garuu mana keessatti ofumaan of miidhe jedhan.

    Har’a tapha Barnilee waliin gaggeeffamaa jiru dabalatee, turban dhufu Baarseloonaa fi itti aansee Arsenaal waliin tapha gaggeeffamu irratti hin hirmaatu jedhan leenjisaan kilebichaa.

    ‘’Yeroo baay’ee aniyyuu halkan nan dammaqee ka’a. Mataakoo, miillakkoo, qaama koo hundaan waatti bu’uu nan danda’a. Waanuma mudatudha jedhe Maareshkaan.

  12. 'Kilabni siif ta'u Arsenaal qofaadha naan jedhe abbaan koo' - Bukaayoo Saakaa

    Bukaayoo Saakaa waggaa torbatti akkaadamii Arsenaal seene. Amma ganna 24 yoo ta'u, Arsenaal keessatti nama murteessadha.

    Taphoota 277 irratti hirmaatee galchii 76 lakkoofsiseera. Deeggartoota Arsenaal biratti dargaggeessa amala qabeessa, dandeettii addaa qabu jedhamuun heddu jaalatama.

    Kubba miilaan alatti yeroo boqonnaakoo barristaa tahuu barbaada. Buna waanan jaaladhuuf akkaataatti buna maashiniin bareechanii danfisan barachaan jira.

    Amma haala gaariirran jira jedhe Saakaan. Gabaasa guutuu asii argattu. 'Kilabni siif ta'u Arsenaal qofaadha naan jedhe abbaan koo' - Bukaayoo Saakaa