Haleellaa misaa'elaa Raashiyaan hedduun ''ajjeefamuu fi madaa'uu'' Zeleniskiin hime

Haleellaa misaa'elaa Raashiyaan kutaa kaaba-baha Yukireen magaalaa Sumy jedhamurratti raawwatteen namoonni 24 ajjeefamuu fi 83 madaa'uu ministeerri dhimma biyya keessaa Yukireen ibse.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sababii qaraxa Tiraamp Chaayinaa irra kaa'een gatii iPhone dabalaa?

    Iphone

    Madda suuraa, EPA

    Meeshaaleen addunyaa irratti beekamoo ta'an kan akka bilbiloota laptopii, taableetiiwwan, sa'aatii ismaartii, US keessatti baayyee qaala'uuf jedhu.

    Hedduun isaanii Chaayinaa keessatti kan hojjetaman yoo ta’u, immaamata daldalaa falmsiisaa ta'e jalaatti ammaan tana meeshaalee Chaayinaa irraa gara Ameerikaatti galfaman irratti qaraxa %145 irra kaa'ameera.

    Dhiibbaan kanaatiis iPhone fi oomishaa isaa Apple irratti fiduu danda'u xiyyeeffannoo jala jira.

    Xiinxaltoonni tokko tokkos baasii isaa fayyadamtootaatti yoo darbe gatiin iPhone US keessatti doolaara dhibbaan dabaluu danda'a jedhu.

  2. UStti gatiin doolaaraa gadi bu'ee gatiin warqee haalaan dabale

    Warqee

    Madda suuraa, Getty Images

    Doolaarri Ameerikaa Jimaata darbe haalaan gadi bu’eera. Sababiin isaas dhiibbaa waraanni daldalaa guutuun ta'e Ameerikaa fi Chaayinaa yaaddoon kaaasuun dabalaa dhufeen boodadha.

    Gurgurtaan boondiin mootummaa Ameerikaa jalqaba torbee kanaa gurguramuu isaa deebi'ee jalqabeera.

    Investaroonni gara qabeenya nageenya qabeessa jedhaman kan akka Firaankii Siwiizarlaand fi warqee bitachuutti ce'aa jiru.

    Warqeen yeroo jalqabaatiif troy ounce tokkoof doolaara 3,200 ol kan dabale yoo ta’u, Firaankii Siwiizarlaand ammoo waggaa kudha keessatti sadarkaa olaanaa haaraa irra gaheera.

  3. Misheel Obaamaa oduu gaa'ila hiikuuf jedhu kufaa goote

    Misheelii fi Obaamaa

    Madda suuraa, Reuters

    Misheel Obaamaa gaa'elli ishee Baaraak Obaamaa waliin rakkoo keessa galuu mala jedhamuun oduu odeeffami mormuun dubbatteetti.

    Giiftiin duree duraanii tun, waadaa galuu Doonaald Tiraamp fi sirna awwaalcha pirezidaantii duraanii Jiimii Kaartar dabalatee, qophiilee sadarkaa olaanoo hedduu irratti abbaa warraashee waliin hedduu hin deemne.

    Kunis tilmaama addaan ba’uun isaanii hin oollee jedhu cimse.

    Aadde Misheel yeroowwan kanneen ifatti osoo hin kaasne, podkaastii Work in Progress kan taatuu Soofiyaa Buushiin qophaa'u irratti akka himtetti, amma akka ''dubartii gaheettiitti'' amma yeroo kalaandarii mataa ishee itti to'achuu dandeessu keessa jirti.

    Namoonni ofii isheetiif "murtoo murteessaa akka jirtu" amanuu akka hin dandeenyee fi akkasumas "aniifi abbaan warraakoo wal hiikaniiru jedhanii fudhachaa jiraachu" dubbatteetti.

    Aadde Misheel Obaamaan dirqama murtaa'an irraa duubatti deebi'uu isheetiin gaaddii muraasni akka itti dhaga'ame kaafsee jirti.

    "Sun wanti nuti akka dubartootaatti, akka waan namoota abdii kutachiisutti ittiin qabsoofnu jedheen yaada," jette.

    "Kana jechuun koo, hanga bara kanaatti namoonni filannoo ofii kootiif gochaa akkan jirullee hubachuu waan hin dandeenyeef, aniifi abbaan warraakoo wal hiikna jedhanii fudhatanii turan."

    "Kun dubartiin gaheettiin tokko murtoo ofiisheetiif murteessuu qofa ta'uu hin danda'u mitiiree? Garuu hawaasni waan nurratti raawwatu kanadha."

  4. MM Israa'el qeeqa waraana Gaazaa irratti eeggattoonni humna qilleensaatiin dhiyaate kuffisan

    Xiiyyaara waraanaa Israa'el

    Madda suuraa, EPA

    Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun qeeqa waraana Gaazaa eeggattoonni humna qilleensaa muraasa irraa ka'e kuffisanii, kunis ''dhiifama kan hin qabnedha'' jedhan.

    Waraanni Israa’el humni eeggataa amma tajaajilaa jiran kanneen lola Hamaas waliin amma taasifamu keessatti booji’amtoota Israa’el deebi’uudhaaf dursa akka kennamu xalayaadhaan gaafachuun mallatteessan hojiirraa akka ari’u ibseera.

    Xalayaan kun lola ammaa kun siyaasaan kan ka’e ta’uufi namoota booji’amanii, loltoota Israa’elii fi lammiileen nagaa qulqulluu ta’an du’aaf kan geessu ta’uu ibsa.

    Waraannichi, humni eeggataa tajaajila irratti argaman akka mormii siyaasaa keessatti hirmaataniif hayyamuu hin danda’u jedheera.

    Israa’el duula qilleensaa fi lafoo ji’a darbe keessa irraa eegalte Gaazaa keessatti eegalteen, Hamaas dhiibbaan waraanaa kanaatiin booji’amtoota ammallee qabate jiru akka gadhiisu dirqisiisuudhaaf jetteetti.

  5. 'Chaayinaa waliin waan ta'u ni ilaala' jedhan Tiraamp

    Tiraamp fi qondaaltoota bulchinsa isaanii

    Madda suuraa, Reuters

    Doonaald Tiraamp haasaa walgahii kaabinee irratti karaa televijiiniin taasisaniin, hariiroon Ameerikaan Chaayinaa waliin qabdu maaltu itti aanee ta’a jedhamee gaafatamanii ture.

    US al-galtee Chaayinaa irratti qaraxa bu’a qabeessa %145 kaa’uushee yaadadhaa jedhan.

    Pirezidaantiin Ameerikaa itti dabaluudhaan, "waan ta'u ni ilaalla" jechuudhaan, akkasumas Ameerikaan Chaayinaa waliin waliigaltee uumuu akka barbaaddu dubbatan.

    Haata'u malee, Chaayinaan kanaan dura Ameerikaatti fayyadamteetti jedhan Tiraamp.

    Hogganaa Chaayinaa Pirezidaantii Shii Jinping eeruudhaan Tiraamp ''waliin galuu akka danda'an'' mirkanaa'aa ta'uu dubbatan.

  6. Manni murtii US gaazexeessitootni AP Waayit Haawus irra dhorkaman akka deebi'an ajaje

    .

    Madda suuraa, Getty Images

    Waayit Haawus falmii dhimma galoo galaanaa Ameerikaa irratti ture Gaazexeessitootni 'Asoosheetid Prees' akka Waayita haawus seenanin waa hin gabaasne kan dhorke ture

    Dhimma kana kan qabatee Manni murtii Ameerikaas gaazexeessitootni dhaabbatichaa taatewwaan Waayit Haawusitti rawwataman akka gabaasaniif bulchiinsi Traamp akka eeyyamu ajajeera.

    Manni murtichaa abukaatonni bulchiinsa kanaa yoo mormii qabaatan hanga Dilbataatti ol’iyyannoo isaanii akka dhiyeeffatanis ibseera.

    AP'n gama isaan bulchiinsi kun sababa waliigaltee dhabuu xiqqoo uumaameen mirga bilisummaa dubbii heera mootummaan kenname sarbaa jira jechuun falmeera.

    Dhaabbatichii qondaaltota olaanoo bulchiinsa Tiraamp sadii himate, uggurri kun seeraan ala ta’uu fi bilisummaa pireesii kan sarbuudha jedhe.

    Bulchiinsi Traamp ajaja hojii raawwachiiftuu kenneen maqaa Galoo Galaana Meksikoo “Galoo Galaana Ameerikaa” jedhee moggaasun wal qabatee falmii isaan giddutti umameen dhorku kun kan kaa'amee ture.

  7. Haleellaan Israa’el gamoo mana jireenyaa Gaazaa irratti raawwatten daa'imman dabalatee namootni 29 ajjeefaman

    Nama daa'ima haleellan miidhamee baatu fi jiraattota

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa xiyyaaraan Israa’el gamoo manneen jireenyaa magaalaa Gaazaa irraa gara bahaatti argamu irratti raawwatt een daa'imman dabalatee yoo xiqqaate lammiileen Filisxeem 29 du’uu isaanii hospitaalli naannoo sanaa beeksise.

    Dhaabbanni Ittisa Siiviilii Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti, Roobii ganama xiyyaaronni waraanaa naannoo masjiida al-Hawashi kan bakka Shejaiyaa jedhamutti argamu irratti boombii darbataan.

    Namoota ajjeefaman keessaa daa'imman saddeet akka jirani fi kanneen du'aniin alatti namoonni 60 ol madaa'aniiru.

    Lubbu baraartoonni ammallee reenfa namoota hedduu kan jijjiga gamoo jalatti hafan barbaadaa jiru.

    Waraanni Israa'el haleellaa namoota nagaa irra gahu xiqqeessuuf tarkaanfiiwwan hedduun fudhatamuu fi Loltootni Hamaas itti yaadanii namoota nagaa daaheeffachuun seera addunyaa cabseera jechuun himate.

    Hamaas waraanni Israa'el ''ajjeechaa dhiigaa lammilee nagaa dhangalaasu raawwateera'' jedhe.

    Jiraattonni Shejaiya kumaatamaan lakkaa'aman ajaja israa'el torban darbe akka qe'eedha baqatan dabarsiteen hedduun isaanii baqataniiru.

  8. Gamtaan Awurooppaa meeshalee Ameerikaatti qaraxa dabaluuf sagalee kenne

    Pirezidaantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa von der Leyen

    Madda suuraa, AP

    Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa meeshaalee Ameerikaan biyya alaatii galfaman tokko tokko irratti qaraxni akka kaa’amu sagalee kennuu Komishiniin Gamtaa Awurooppaa ibseera.

    Qaraxni haaraan kaa'amu kunis Ebla 15 irraa eegalee kan hojiirra oolu ta'a.

    “Gamtaan Awurooppaa qaraxni Ameerikaan tibbana keesse akka sirrii hin taanee fi miidhaa geessisu ibsera.

    Keesumaa hariiroo fi daldala gama lachuu, akkasumas gabaa addunyaa irratti miidhaa dinagdee geessisa,” jedha ibsichi.

    "Gamtaan Awurooppaa haala ifaa ta'een US waliin akkaataa 'madaalawaa fi walfayyadu irratti hundaa'een"mari'achuuf ijjannoo akka qabdus ibsiteerti.

  9. Raashiyaan qaraxni US seera daldala addunyaa kan 'cabsuudha' jette

    Dubbii himtuu ministira alaa Raashiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan meeshaalee Raashiyaa irraa galfamu irra qaraxa %104 kaa’uu dhaan seera daldala idil-addunyaa cabsuu himatte.

    Dubbi himtuun ministeera dhimma alaa Raashiyaa, Maariyaa Zakaaroovaan, “Waashiingitan seera daldala idil-addunyaatiin kan aboomamtuu hin fakkaatu,” jedhu.

    Doonaald Tiraamp ji’a Guraandhalaa keessa gibira daangaa meeshaalee Chaayinaa irratti %10 wayita ol kaasaniitti, Chaayinaan Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO) kan waldhabdee daldalaa furutti himattee turte.

    Zaakaaroovaan murtoon qaraxaa Tiraamp fudhatan kun kan “seera bu’uuraa WTO cabsudha” jedhan.

    Raashiyaan tarree biyyoota 60 olii kanneen qaraxa Tiraamp yeroo dhiyootti kaa’eeniin miidhaman keessatti kan tarreeffaman yoo ta’u, dubbi himaan ministeera dhimma alaa, biyyattiin Chaayinaa waliin hariiroo qabdu dabaluudhaan miidhaa qaqabuu malu kamiyyuu xiqqeessuuf tarkaanfii fudhachaa akka jirtu ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin ibsaniiru.

  10. Lammiileen US sadii fonqolcha mootummaa DR Koongoo fashaleen duuti itti murtaa'e ture gara biyyaatti deebi’an

    Lammiileen Ameerikaa sadan kunneen torban darbe murtiin du'aa isaanii gara hidhaa umurii guutuutti jijjiirame

    Madda suuraa, DR Congo presidency / X

    Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Ameerikaa sadan kunneen torban darbe murtiin du'aa isaanii gara hidhaa umurii guutuutti jijjiirame

    Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti fonqolcha mootummaa fashalaa’e qindeessaniiru jedhamuun lammiileen Ameerikaa sadii hidhaarra turan hidhaa isaanii hafe UStti xumuruuf garasitti deebifama

    Jalqaba Sadan isaanii irratti manni murtii waraanaa murtiin du'aa kan itti murteesse yoo ta'u, torban darbe garuu gara hidhaa umurii guutuutti jijjiirameera.

    Gara biyyaatti kan deebi'an wayita Ameerikaa fi DR Koongoon qabeenya albuudaa guddaa biyyattii fayyadamuuf waliigaltee irra jiranitti.

    DR Koongoon kuufama albuudaa guddaa meeshaalee elektirooniksii fi baatirii konkolaattota elektirikii oomishuuf oolu akka koobaltii fi kanneen biroo kan qabdu yoo ta'u, yeroo ammaa kana baay’inaan dhaabbilee albuudaa Chaayinaatiin kan baafamudha.

    Lammiileen Ameerikaa kun namoota 37 baatii Fulbaanaa darbe mana murtii waraanaatiin murtiin du’aa itti murtaa’e keessaa tokko turan.

    Ministeerri Dhimma Alaa Imbaasii Ameerikaa Kinshaasaatti argamu waliin ta’uun gara biyyaatti deebi’uu kanaaf beekamtii kenneera.

    Ogeeyyiin seeraa Ameerikaa bilisa baasuu ykn murtii isaanii gabaabsuu hin oolan jedghamee eeggama

  11. Chaayinaan omishaalee US irra qaraxa 84% kaahuun haaloo baate

    Ministira Maallaqaa Chaayinaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Maallaqaa Chaayinaa omishaalee hunda US irraa galan irratti qaraxa 84% kaahuu beeksise. Murteen kun guyyaa boruurraa kaasee hojiirra ooluu eegala.

    Erga Ameerikaan omishaalee biyyoota addunyaarratti qaraxa dabaltee booda qoodni gabaa Awuroooppaa qabbanaa'aa ture Chaayinaanis haaloo bahuusheetiin ittuu kufaa jira.

    Murteen Chaayinaa kun wayita US hirribarra jirtu dhagaahame. Wayita lafti bar'uuf gabaan US deebii akkamii akka kennu ni eegama.

  12. Yukireen lammiilee Chaayinaa lama Raashiyaaf lolaa turan jette to'achuu beeksifte

    Volodmiir Zeleniskii

    Madda suuraa, EPA

    Humnootiin Yuukireen lammiilee Chaayinaa bulchiinsa Donetisk keessatti Raashiyaaf lolaa turan jetteen to'annoo jala oolchuu pirezidantiin biyyattii Volodmiir Zeleniskiin beeksiisan.

    Pirezidantiichi ergaa guyyaa Kibxataa dabarsaniin, loltoonni Chaayinaa Raashiyaadhaaf lolaa turan ''lama qofaa miti'' jedhan.

    Ministirri dhimma alaa Indirii Siibiih akka jedhaniitti, loltoonni Chaayinaa bulchiinsa Yukireen keessatti lolaa jiran, ''kan ejjannoo Chaayinaan nagaadhaaf qabdu gaaffii keessa galcheedha'' jechuun, jilli Chaayinaa Kiiv keessatti argamu ibsaaf waamamu beeksiisan.

    Yukireen waraana Raashiyaa waliin gaggeessaa jirtu keessatti Chaayinaan Raashiyaaf lolaa jiraachu yoo himattu kun kan jalqabaati.

    Himannaa Yukireen dhiyeessite kan hordofees hanga maammaatti Mooskoorraas ta'e Beejingiin deebiin kenname hin jiru.

    Zeleniskiin erga X isaanii irratti barreessaniin, loltoonni lammiilee Chaayinaa kunneenis baha biyiisaanii bulchiinsa Doonetsk keessatti to'annoo jala oolfamu eeranii, kaardii baankiifi ''ragaalee dhuunfaa biraas'' qabatanii akak turan himan.

    Pirezidanti Zeleniskiin akka jedhaniitti, loltoonni Yukireen erga loltoota Chaayinaa jaha waliin walitti dhukaasaa turaniin booda lamaan isaanii kan boji'aman.

    Waraabbii viidiyoo Zelaniskiin maaxansan irratti loltoota Chaayinaati namoota jedhaman keessaa tokkoo wayita afaan Mandariintiin waa'ee lola dhiheenya gaggeessee yoo dubbatu dhagahama.

    ''Odeeffannoon qabnu akka agarsiisuutti loltoonni humnoota weerartootaa keessa jiran lama qofaa miti'' jedhan pirezidanti Zeleniskiin

  13. Artistiin cidha isaarratti maallaqa bittinsuun irra deemee shuubbise adabame

    Artistii miidhaginaa Naayijeeriyaa Naayiraa bittinsuun irra shubbisuun himatamuun adabame

    Madda suuraa, ECCF

    Ibsa waa'ee suuraa, Artistii miidhaginaa Naayijeeriyaa Naayiraa bittinsuun irra shubbisuun himatamuun adabame

    Artistiin miidhaginaa Naayijeeriyaa guyyaa cidha isaa maalaqa biyyattii Naayira bittinsuun irra deemee shuubbise hidhaa ji'a jahaan adabame.

    Artistiin kun ji'a Muddee darbe keessa ture seera baankii biyyaalessaa biyyattii cabsuun maallaqa ''mallatto biyyichaati'' jedhame kabaja dhowwachuun bittinsee irra shuubbise.

    Abdullaahi Muusaa gocha isaa kanaaf hidhaa baatii jahaan adabame.

    Naayijeeriyaa keessatti guyyaa cidhaa maallaqa bittinsuun waanuma baramedha.

    Haa tahu malee, Komishiniin Yakka Faayinaansii biyyattii gochaan kun Naayiraa kabaja dhowachuudha jechuun nama miidiyaa hawwaasaa irratti beekamu kana himate.

  14. "Gaazan dirree du'aa taatetti" - UN

    Dubartii nyaata bilcheessaa jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el ji'a tokkoo oliif meeshaaleen kamiyyuu Gaazaa akka hin seenne dhorkiteetti

    Israa'el deeggarsi namoomaas ta'ee meeshaaleen kamuu gara Gaazaa akka hin seenne dhorkuu hordofee Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Filisxeemonni Gaazaa rakkina hamaaf saaxilamuu ibse.

    "Gaazan dirree du'aa taatee jirtu, namoonni nagaan du'a dhuma hin qabne keessa galanii jiru," jedhan barreessaa olaanaa UN kan ta'an Antooniyoo Guteereez.

    Antooniyoo Guteereez kana kan dubbatan, ejansiiwwan UN jaha deeggarsi namoomaa Filisxeemota Gaazaa jiran akka qaqqabuuf gaggeessitoota biyyoota addunyaatti erga iyyatanii booda.

    Ministeerri dhimma alaa Israa'el gamasaan Gaazaa keessa nyaanni gahaan akka jiru ibsuun Antooniyoo Guteereez "Israa'el maqaa balleessaa jiru" jedhe.

    Israa'el Bitootessa 2 irraa kaasun deeggarsi namoomafi meeshaaleen garaa garaa akka hin galle uggura keesse.

    Antooniyoo Guteereez gamasaaniin Israa'el humna Gaazaa to'ate ta'uusheetiin dhiyeessin nyaatafi qorichaa uummata bira akka gahu gochuuf dirqama akka qabdu seerri idiladdunyaa ishee dirqisiisa.

  15. Tiraamp Chaayinaan qaraxa yoo hin haqne dabalataan qaraxa 50% irra akka kaa'an akeekkachiisan

    Tiramp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp Chaayinaan qaraxa yoo hin qabne dabalataan qaraxa 50% irra akka kaa'an akeekkachiisan

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp yoo Chaaayinaan tarkaanfii haaloo bahuu torban darbe labsite hin haqne qaraxa dabalataa 50% akka kaa'an akeekkachisan.

    Chaayinaan meeshaalee Chaayinaa irraa Ameerikaa seenan irratti Tiraamp qaraxa 34% kaa'uun kan dura ture waliin 54% kaa'uu hordofee tarkaanfii haaloo ba'uu fudhatteen meeshaalee Ameerikatti qaraxa 34% kan taasifte.

    Tiraamp Tarkaanfii haaloo ba'uu Chaayinaa kana booda, yoo haaloo bahuurra of hin qusannne Ameerikaa meeshaalee Chaayinaa irraa galan yoo xiqqaate qaraxni 50% isaan mudata jedhan.

    Kana jechuun akkuma akeekkachiisan yoo hojiirra oolchan omishaalee muraasa irratti qaraxi US kaa'uuf deemtu 104 % gaha jechuudha.

    Tiraamp qaraxa dabalataa Ameerikaan keessuu hordofee biyyootni tarkaanfiiwwan haaloo bahuu akka hin fudhanne akeekkachiisanii turan.

  16. MM Abiy Obbo Getaachaw Raddaa gaggeessan

    MM Abiy Ahimad fi Obbo Getaachaw Raddaa

    Madda suuraa, Abiy Ahmed/X

    Ibsa waa'ee suuraa, Hooggansa TPLF gidduutti dhibdeen dhalatuun Naannoo Tigraay keessatti yaaddoo uumeera

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Getaachaw Raddaa gaggeessan.

    Bulchaan Itoophiyaa barreeffama miidiyaa hawaasummaa gubbaa Afaan Tigriffaan qoodaniin Obbo Getaachaw 'nageenya argame itti fufsiisuuf of eeggannoo olaanaa taasisaniiru' jedhan.

    Akkasumas, hooggansa isaanii kana mootummaan federaalaa beekamtii akka kennu ibsaniiru.

    Obbo Getaachoon waggaa lama dura ture akkaataa Waliigaltee Piritooriyaan Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta'un kan muudaman.

    Yeroos imaanaan itti kenname ‘’Bulchiinsa bakka bu’uumsa humnoota siyaasaa naannicha keessa sosso’an mirkaneessuufi hunda galeessa ijaaruun, qaama hojii raawwachiistuu naannichaa hogganuufi qindeessuuf,’’ kan jedhudha.

    Haa ta'u malee, adeemsa keessa qormaatni isaan qunnamaa dhufuu dubbataa turan.

    Keessumaa hooggansi TPLF lamatti hiramuun tura keessa muddama uumeera. Gartuun Dr Dabratisyooniin hoogganamu chaappaa saamuufi kaan himatamaa ture.

    Torban muraasa dura paarlaamaatti MM Abiy Naannoo Tigraayitti hooggansi haaraa akka muudamu akeekuun dubbatanii turan.

    Ammatti pirezidantiin haaraa naannichaa eenyu akka ta'u ifa hin taane.

    Haa ta'u malee, jiraattonni naannichaa karaa imeelii nama akka filatan kana dura gaafachuun isaanii ni yaadatama.

  17. Ol-adeemaan lammummaa Filisxeemii fi Ameerikaa qabu loltoota Israa'eliin ajjeefame

    Ol-adeemaa rasaasa loltoota Israa'eliin ajjeefame

    Madda suuraa, State of Palestine - MFA

    Mucaan umuriinsaa waggaa 14 ta'e Omaar Mohammad Saada Rabiyaa kun Weest Baank keessatti hidhattoota Israa'eliin ajjeefamuu kan ibsan aanga'oonni Filisxeem, ijoolleen umurii waggaa 14 kan biroon lamas rasaasaan rukutamuu himan.

    Dhimma kana ilaalchisuun yaada kan kenne humni waraanaa Israa'el loltoonnisaa ''shororkeessitoota'' gara daandii guddaatti dhagaa darbachuun namoota konkolaachisan irraan miidhaa geessisaa turanitti dhukaasuu hime.

    Ibsi Raayyaa Ittisaa Israa'el akkas jedha: ''Shororkeessitoota sadi gara daandii guddichatati dhagaa darbachuun imaltoota balaarra buusuuf turan adda baasuun loltoonni irratti dhukaasan. Shororkeessaan tokko yoo ajjeefamu, lama madaa'aniiru.''

    Ministeerri dhimma alaa Filisxeem taatee kanaan ''ajjeechaa osoo qiyyaafannaa adda hin baafatiin'' humna waraanaa Israa'eliin raawwate ta'uu ibsuun balaaleffateera.

    Gama Ameerikaatti ammatti yaadi kenname hin jiru. Taateen kun wayita Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Pirezidanti Doonaald Tiraamp waliin dhimma waraana Gaazaa, Iraan fi qaraxa US irratti mari'achuuf jedhanitti mudate.

    Waldaan Addeessa Diimaa Filisxeem ijoollee lameen rukutaman keessaa tokko garaarra, kaan ammoo lukarra rukutamuu ibse.

    Akka gabaasa AFP'tti ammoo ol-adeemaan Abdul Raahmaan Shahaadii jedhamu osoo firii mukaa funaannatuu rasaasa loltoota Israa'eliin rukutame.

    Miidiyaan kun ol-adeemaa kana dubbisee gabaasa hojjete, maqaansaa Abdul Rahmaan Shahiidii akka jedhamus gabaasa miidiyaa kanaarraa dhagahame.

    Akka gabaasa kanaatti abbaan daa'ima kanaa Ayuub Asaad lammiummaa US fi Filisxeem qaba.

    Ambuulaansiin inni ittiin ilmasaa rasaasaan rukutame gara hospitaalaa geessaa ture loltoota Israa'eliin dhaabsifamuu gabaase AFPn.

  18. DR Koongootti rooba cimaa roobe hordofee lolaan namoota 33 ajjeese

    Namoota lolaa keessa deeman

    Madda suuraa, Getty Images

    Magaalaa guddoo DR Koongoo kan taate Kinshaasatti rooba cimaa roobeen wal qabatee lolaan namoota 33 ajjeesuu maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Giyyoota darban rooba cimaa walitti fufiinsaan roobeen balaan lolaa kun akka mudate miniteerri fayyaa biyyattii beeksise.

    Lakkoofsi namoota taatee kanaan du'anii dabaluu akka danda'us ibsame.

    Lagni guddaan magaala guddoo biyyattii kan uummanni miliyoona 17 ta'u keessa jiraatu gidduu qaxxaamuru, guutee dhangala'uun du'a namoota hedduuf sababa ta'uu aanga'oonni biyyattii ibsan.

    Balaa lolaa kanaan namoonni du'uunsaanitiin alatti, qabeenyiifi manneen heddus manca'aniiru.

    Bu'uuraaleen dhiyeessii bishaanii sababa lolaa kanaatiin miidhamuurraa kan ka'e jiraattonni magaalaa Kinshaasaa bishaan dhugaatii dhabanii rakkataa jiraachuun gabaafame.

    Balaan lolaa cimaan DR Kongoo kan mudate yeroo biyyattiin hidhattoota M23 waliin lola jabaa keessa jirtuttiidha.

  19. Weerara gifiraa Teeksaas keessatti hammaataa dhufeen daa'imni lammaffaan du'e

    Teeksaas

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaa lixa Teeksaas keessatti weerarri vaayirasii gifiiraa baay’ee babal'ataa jiruutiin daa’imni lammaffaan du’uun ibsame.

    Daa'imni umuriin isaa barnootaaf gahe kun talaallii kan hin fudhanne ta'ulleen, haala rakkoo fayyaa bu'uuraa kan hin qabnee fi erga gifiraan qabameen booda garuu itti cimnaan hospitaala akka ture itti aanaan pireezidaantii 'UMC Health System Aaron Davis' BBC'tti himaniiru.

    Ministirri Fayyaa Ameerikaa Roobart F Keeneedii Jr, kan haala weerara vaayirasii gifiraa kana itti qaban irratti qeequmsi isaan mudate, du’a kana booda Dilbata darbe Teeksaas kan daawwatan yoo ta’u, torbanoota darban keessatti walumaagalatti amma torban sadaffaa irratti argama.

    Kutaan biyyaa Ameerikaa kibbaa tun bara kana qofaatti hanga Jimaataatti namoonni 480 ol gifiraan kan gabaase yoo ta’u, jalqaba torbee kanaa 420 irra ture.

    Weerarri vaayrasii gifiraa kunis naannolee ollaa kaan keessattis babal’ataa jira jedhameera.

  20. Qocaawwan waggaa 100 yeroo jalqabaatiif dhala argachuuf

    Qocaa

    Madda suuraa, Philadelphia Zoo

    Qocaawwan umuriinsaanii gara 100 ta'e yeroo jalqabaatiif dhala argachuuf jiru jedhame.

    Ameerikaa, bakka turtii bineensoota Filaadalfiiyaa kan jiraatan qocaawwan kun sanyiinsaanii baduutti kan dhiyaateefi lakkoofsi isaanii kan garmalee xiqqaate keessaayi.

    Qocaawwan Abraazoo fi Maamii jedhaman killeewwan buusan keessaa afur ilmoolee ta'unsaanii baayyee isaan gammachiisuu paarkiin bineensootaa ibse.

    Ilmooleen kunneen argamunsaanis seenaa waggaa 150 ol keessatti kan jalqabaati jedhameera.

    Qacaa dubartiin maqaa Maamii jedhamu moggaafatee fi bara 1932tti gara paarkii bineensoota kanaatti geeffamte, sanyii ishee keessaa kan umurii kanatti dhala godhattee kan jalqabaati jedhamteetti.

    Qocaawwan lixa Saantaa Kiruuz Gaalaapaagoz keessatti argaman kunneenis kan daggala keessatti sanyiisaanii baayyee xiqqaataa dhufe yoo ta'u, Paarkii bineensoota Ameerikaa keessattis 50 gadiitu argama jedhameera.

    Killeen qocaawwan lamaamii kanneenii jalqabaa lubbuu kan godhate baatii tokkoon dura yoo ta'u, kaan ammoo achuumaan itti fufan jedhameera.

    Gareen kunuunsa paarkichaa killeewwan torbanoota ittaanan keessaa ilmoolee ta'u danda'an kan biraa hordofaa jiru. ilmooleen killeewwan kanneen irraa umaman arfan kan ulfaatina giraama 70-80 qabaniidha.

    Isaaniis ija namaarraa fageeffamuun paartii lubbuu qabeeyyiin lapheen imala keessa jiraatan paarkii bineensootaa Filaadalfiiyaa keessatti kaa'amuun kunuunsi taasifamaafii jiraachuu paarkichi ibseera.