Arnee Isloot waa'ee tapha Moo Saalaa har'aa maal dubbate?
Hundi keenyayyuu gammanneerra. Saalaan taphattoota kaaniifis maal akka tahe argitaniittu jedheen yaada.
Guyyaa sadii boqannee garee torban guutuu boqataa ture morkanne. Miidhamni jirachuu akka malu soda qabna ture garuu xiin-sammuu taphattootakoo baay’ee gaarii ture.
Saalaan har’a adda ture. Kubba inni jalqaba tuqe Maak Alisteriif dabarsuun galchii tahuuf xiqqumatu hafe.
Moo barbaannu har’a argineerra. Waan hunda keessa ture. Akkasitti isa arguukootti natti toleera. Garuu waan akka haaraatti na raajeffachiise miti. Moo Saalaa durayyuu Kanaan ol hojjetu waan beeknuuf.
Kana booda waancaa Afrikaaf deema. Kana jechuun taphataan tokko dhabna jechuudha. Garuu taphattoonni lamaan tokko miidhamarraa ni fayyu jedhe.
Waan anaaf Moo Saalaa mari'anne gidduu keenyatti hafa kan jedhe Isloot Saalaan achumaan kilebicha gadhiisamoo ni deebi'a kan jedhu irratti hin dubbanne. Garuu nuyi yeroo hundaa isa barbaanna jedhe.
Warri bara kana haaraa dhufanis akka jabaataa jiran argaan jira. Qaamaanis xiin-sammuunis baay’ee fooyya’aniiru. Ekiitiikeen fakkeenya tahuu danda’a, jedhan leenjisaan Liiverpuul Arnee Isloot.



