'Sanada dhiifamaa' kan mallatteessu didan Obbo Issubaalew eenyudha?
Namoota 300 shororkeessummaan himatamaniifi dhiifama gaafatanii sanadi irratti mallatteessan kanneen dhihaateef keessaa tokko Obbo Issubaalaw Ballaxaa tokkodha.
Namni kuni Itoophiyaatti dhalatanis lammummaa Kanaadaa qabu.
Obbo Issubaalaw walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraatti ka'e waliin walqabatee kanneen shakkamanii to'atamanidha.
Haa ta'u malee, namoota 300 caalan keessaa shakkamtoonni 30 'sanada dhiifamaa' kana mallatteessuu didaniiru.
Kanneen keessaa tokkommoo Obbo Issubaalawidha jechuun abukaatoon isaanii Obbo Salamoon Gazzaahany BBC'tti himaniiru.
Obbo Issubaalaw du'a harmee isaaniif biyyatti deebi'uufi achumaanis Bara Haaraa Itoophiyaa 2018 Baahirdaaritti kabajuu isaanii dubbatan.
ALI Fulbaana 24, 2018 gara Kanaadaatti deebi'uf yeroo jedhan buufata xiyyaaraatti ''humnoota nageenyaan'' to'atamuu abukaatoon kuni BBC'tti himan.
Yakki itti shakkamanis ''humna hidhataa Naannoo Amaaraa keessa sosso'uuf deeggarsa lojistikii goota'' jedhamuuni jedhan.
Deeggartoota Faannoo ala jiran waliin akka sosso'uufi kan gara Baahirdaaris deeman garee hidhatee sosso'uuf deeggarsa geessuu akka ta'e shakkame jedhan.
Obbo Issubaalaw Kanaadaa, Buufata Xiyyaaraa Piirsan, Torontoo argamu keessatti ''ogeessa olaanaa suphaa xiyyaaraa'' akka ta'an ibsameera.