Iraan waraana Ameerikaa waliin gaggeessitu yeroo hangamiif itti fufsiisuu dandeessi?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Waraanni Iraan erga eegalee ji'oota torba darbeera. Dinagdee biyyattii irratti dhiibbaa guddaa uumulleen angaa'onni Iraan garuu dhibdee kana furuuf waan ariifatan hin fakkaatu.

Ameerikaan qofaasheetiin kallattii waraanichaa murteessuu akka hin dandeenye mul'isuu fedhu taha.

Kana malees, Ameerikaa gama humna waraanaaa, dinagdee fi siyaasaatiin gatii kaffaalchiisuu fedhu. Karaa Kanaan waashingtan gaaffii Teehiraan akka fudhattu dhiibbaa uumuu baarbaadu.

Ofii Iraan waraana kana yeroo hangamiitif itti fufuu dandeessi?

Iraan humna waraanicha itti fufsiisuu qabdii?

Dameen ittisaaa fi omishaa misaa'elaa Iraan irra gariin haleellaan irra gaheera. Garuu hammeentaa haleellaa kanaa irratti gabaasni qaama walabaatiin ifoome hin jiru.

Akka dhaabbanni Chaatam Hawus gabaasa dhiheenya baaseetti Iraan kuufama Misaa'elaa amma qabdu irratti ragaan mirkana ta'e hin jiru.

Iraan hammeentaan misaa'ela Balastikii dhukaastuu adeemsa keessa hir'achaa dhufeera. Garuu humni waarana itti fufsiisuu hamma misaa'ela qabanii qofaan hin lakkaa'amu.

Diroonii fi misaa'eloota kiruuz salphaatti omishuun danda'ama.

Hanga ammaatti Komaandarootni ajjeefaman haaraan bakka buufamaniiru. Ajajootni waraanaas iddoo isaanii jiru.

Yunvarsiitii Joorji Waashingitanitti barsiisaaa qunnaamtii alaa kan ta'an Mohaammad Gahaadii "Iraan humna yeroo dheeraaf dhukaasuu qabdi. Hammi isaa kan murtaa'e ta'ulleen ulaa Hormuuz irratti hokkora uuma" jedhu.

Angaa'onni Iraan waraanni dheerate Ameerikaa akka miidhu amanu. Misaa'elootaa fi Diroonota Iraan fashalsuutti kuufamni meeshaa waraanaa Ameerikaa hir'aachaa jira.

Gamaaggamni Waashingitan Tokko tokko akka mul'isaanitti, meeshaaleen kunneen kan salphaatti saffisaan bakka buufaman miti.

"Waraanichi dhiibbaan gatii boba'aa fi siyaasa Ameerikaa irratti uume Teehiraan Waashingtan irratti dhiibbaa akka uumuu dandeessuu fi haalduree ishii akka fudhaatan humna akka qabdu akka itti dhagahamu godheera" jedhu Mohaammad.

Filattoonni dimokiraatotaa ammalleen Doonaald Tiraampiif deeggarsa isaanii agarsiisaa jiraatanillee, Ameerikaanonni waraanicha akka hin feene qorannooleen taasifaman ni mul'isu. Tiraamp Waraanichaan galma yaadan milkeesaniiru jedhaniis hin amanan.

Waraanni dheeratee fi baasii guddaa gaafatu dhiibbaa uumuuf gargaara. Ammatti hanqinootni waraanaa qofti Iraan waraanichaa akka dhaabduuf kan dirqamsiisu hin fakkaatu.

Dinagdeen Iraan waraanicha dandamachuu danda'aa?

Waraanichi jalqabuudhaan duras Dinagdee Iraan qaala'iinsa jireenyaan, haanqina investimantii fi gatii dhabuu maallaqaatiin qoramaa ture.

Akka Baankiin Addunyaa jedhutti, dinagdeen Iraan bara 2025 hanga 2026 gidduutti harka 2.7 hir'ateera.

Waraanichi ammoo dinagdee biyyattii irratti dhiibbaa dabalataa uumeera. Wiirtuun Istaatistiksii biyyattii gabaasa baaseen, qaala'iinsi jireenyaa ji'oota 12 keesatti harka 62 gaheera.

Keessumaa ammoo kutaaa kibba biyyattii kan waraanichaan haalan miidhametti daranuu hammaateera.

Fakkeenyaaf Kutaa Mormozigaanitti qaala'iinsi jireenyaa harkaa 101 gaheera.

Minsiteerri hojjettootaa Iraan akka jedhetti, sababa waraanichaatiin carraan hojii miliyoona tokko ta'u yoo cufamu, namootni miliyoona lama ta'an kallattii fi alkallattiin hoji dhabeeyyii ta'aniiru.

Dhaabbanni maallaqa idil addunyaa, IMF bara 2026 Iraan keessattiguddinni dinagdee harka 5.4 akka gadi bu'uu dsanda'uu fi qaala'iinsi jireenyaa harka 69 akka gahu ifoomse.

Waraanichi dheerachuunii fi damee daldala boba'aa irratti dhiibbaan uume olaanaadha. Ulaan Hormuuz cufamuun baasii Ameerikaan waraanichaaf baastu dabaluun alatti damee inarjii idil addunyaas qoreera.

Qoqqobbiin Ameerikaan sochii galaanarraa irratti Iraan irraa keesse alergii boba'aa Iraan daangesseera.

Qaala'iinsi jireenyaa, hoji dhabdummaan gammachuu uummataa saamulleen, imaammata waraanaa garuu hin jijjiiru.

Jijjiiramni dhufuu kan danda'u mormiin uummataa biyyattii guutuutti yoo ka'e qofa akka ta'es akeeku xinxaalaan kuni.

Waraanichi yeroo hangamiif itti fufa?

Waa'ee gara fuulduraa kan ilaaleen angaa'ota Teehiraan gidduu walhubannaan hin jiru.

Afyaa'ii fi dursaan garee marii Mohaammad Bagaarii Galibaaf haasaa kana dura taasisaniin 'biyyattii waraana ishee dadhabsiisu keessa turuu hin qbadu' jedhanii ture.

Kanneen marii araaraa sana qeeqanis balaaleffatan angaa'aan kuni.

Miseensi mana marii Amirhuseen Sabeetii gamasaaniin, Ameerikaan osoo haalduree Iraan keesse hunda fudhatteellee waraanichi hin dhaabbatu jedhan.

Haalli angaa'ota Iraan gidduu jiru kuni kanneen nagaa deeggaranii fi waraaana deeggaraan qofa jedhamee iddoo lamatti kan ilaalamu miti.

Garaagarummaan angaa'ota Iraan gidduu jiru kan irratti xiyyeefatu dhiibbaa uumaatii hanga yoomiitti itti fufuu dandeenya kan jedhurratti.

Qabxii kamirra yeroo gahamudha gatiin kanfalamu bu'aa eegamuun gadi ta'a kan jedhurratti waliigalteen hin jiru.

Uummanni maal yaada? Kan jedhurratti qorannoon qaama walabaatiin taasifame hin jiru.

Yaadonni miidiyaa hawaaasummaa irratti kennaman ammoo yaada uummataa waliigalaa bakka hin bu'an.

Inistituutii nageenya idil-addunyaa Jaarmanitti ogeessa kan ta'anii fi xinxalaan dhimmoota Iraan Hamidraaz Aziizii akka jedhanitti, mootummaa Islaamaa biyyattiif qorumsa kan ta'u qaala'iinsa jireenyaa, tasgabbii dhabuu dinagdee fi miidhaa bu'uuraalee misoomaa biyyattii irra gahe.

Karaa waraana keessaa ittiin bahamu

Waraanni dheerate hariiroo Iraan biyyoota ollaashee waliin qabdus nimiidha. Waggoota dhihoo asitti Iraan keessumaa Sa'ud Arabiyaa fi biyyoota galoo galaanaa waliin hariiroo qabdu fooyyessuuf yaalaa jirti.

Haleellaan Iraan buufata waraanaa Ameerika Sa'ud Arabiyaa keessa jiru irratti raawwatte ammoo haala kana duubatti kan deebisu.

Biyyootni galoo galaanaa muddama kana tasgabbeessuu fi gara marii araaraatti deebi'uuf yaalaa jiru. Garuu haleellaa Iraanii fi miiltoowwansheetiif saaxxilamoo ta'uu gaafa hubatan Iraan qolachuuf Ameerikaa waliin hariiroo waraanaa cimsachuu malu.

Sababa waraanaatiin dhiibbaan Waashingitan irra gahu Teehiraaniif faayidaa qabeessa kan ta'u waltaajjii maarii irratti dhiibbaa uumuuf kan ishee gargaaru yoo ta'e qofa.

Waliigalteen Iraan waraana akka dhaabdu godhu kan akkamii akka ta'ee fi waliigaltee akkasii irra akkamiin gahamuu akka danda'amu garuu ifa miti.

Hamidreez akka jedhanitti, Iraan dandeettii dhiibbaa uumuu yeroo waraanaa argatte akkamiin gara waliigaltee siyaasaatti geessuu akka dandeessu irratti tarsiimoon Teehiraan ifa miti.

Teehiraan dhiheessii inarjii idil-addunyaa jeequun Ameerikaa fi michoonnishee baasii waraanaa akka itti dabalu gochu akka dandeessuu agarsiisteetti.

Garuu Ameerikaa fi biyyoota galoo galaanaa waliin yeroo hangamiitiif waraana keessa turuu akka dandeessu ifa miti.

Hanga ammaatti dhiibbaa fi hanqinni waraanaa, dinagdee fi siyaasaa Iraan waraanicha itti fufuu irraa ishee dhaabuu hin dandeenye.

Garuu waraanichi yeroo dheeraaf yoo itti fufe, hariiroon Iraan Qaxanicha keessatti qabdu badaa, waliigalteerra gahuuf ulfaataa, dhiibbaan dinagdee isaas daran cimaa deemuunsaa waan oolu miti.