Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Haleellaa Israa'el mana barumsaa Gaazaatti raawwatteen yoo xiqqaate 16 ajjeefaman

Haleellaa qilleensaa Israa'el mana barumsaa Gaazaa keessatti raawwatteen yoo xiqqaate 16 ajjeefaman jedhan qondaaltonni Filisxeem. Namoonni kurnaan lakkaa'aman biroommoo miidhamaniiru.

Guduunfaa

  • Hoogganaan Komishinii Mirgaa Itoophiyaa aangoorraa kaafaman
  • Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala meeshaa hidhachuun dhorkame
  • Waancaa Afrikaatti darbuuf biyyoonni Itoophiyaan morkattu baraman
  • Ten Haag Yuunaayitid waliin kontiraata haaraa mallatteessan
  • Sababa waraana Gaazaatiin Hamaas mormii qunnamaa jira
  • Aanga'oonni Matakkal yakkaman 'dhiifamaan' gadhiifaman
  • Walitti bu'iinsa gosaan Naannoo Somaaleetti namootti ajjeefaman
  • Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa
  • Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?
  • Baayidan dorgommii keessaa 'hin bahu' jedhan
  • Israa'el ajajaa gameessa Hizboollaa Libaanositti ajjeefte
  • Baayiden falmii gara-dhabe erga taasisanii booda deeggartootasaanitti dubbatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Naannoo Somaaleetti walitti bu’iinsa gosoota gidduutti uumameen lubbuun namaa darbe

    Naannoo Somaalee Godina Doolloo Aanaa Waarderitti walitti bu’iinsa gosoota lama gidduutti uumameen lubbuun namaa darbuu angawaan naannichaafi ogeessi mirgoota namoomaa BBC’tti himan.

    Dhaabni siyaasaa naannicha keessa socho’u Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) ibsa kaleessa ALI Waxabajjii 25, 2016 baaseen, “walitti bu’iinsa gosoota obbolaa lama gidduutti uumameen lubbuun namaa darbeera” jedheera.

    Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii naannichaa Obbo Abdulqaadir Naasir gamasaaniitiin, “walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namoota sadii darbeera” jedhaniiru.

    Walitti bu’iinsa torbee darbe keessa uumame jedhame kanaan lubbuun namoota afurii darbuusaa kan himan immoo Daarektara Komunikeeshinii dhaabbata mirgoota namoomaa naannicha keessa socho’u ‘Organisation of Victims and Survivors’ kan ta’an Ahimad Mahaammadi.

    Lakkoofsa namoota lubbuun darbee ilaalchisee Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii, “odeeffannoon ani qabu namoonni sadi akka du’anidha. Kan miidhaan qaamaa irra gahe tokko du’ee lakkoofsichi afur ta’uu danda’a,” jedhaniiru.

    Godina Doolloo keessatti walitti bu’iinsi yeroo uumamu kun isa jalqabaa akka hintaane angawaan naannnichaafii Obbo Ahimad himu.

    Waggaa tokko dura Waxabajjii 2015 lafaan walqabatee walitti bu’iinsi uumamee akka ture kaasaniiru.

    Dhaabbata naannoo Somaalee keessatti mirgoota namoomaaf falmu keessa kan hojjetan Obbo Ahimad, walitti bu’iinsawwan kunneen kan uumaman gosoota xixiqqaa lama Ibraahim fi Ismaa’il jedhamanfii gosa lachuu gosa Makaahil jedhamu keessatti kan argaman ta’uu himu.

    Walitti bu’iinsa bara darbeenis namoonni miseensota gosa Ismaa’il ta’an ajjeefamuu dubbatan.

    Haaluma walfakkaatuun jalqaba ji’a Eblaa bara kanaattis dhukaasa miseensonni gosa Ismaa’il ganda Gaaronqaa jedhamu keessatti bananiin lubbuun nama tokkoo darbuus himaniiru.

    Walitti bu’iinsa dhuma torbee darbe tureen immoo namoonni gosaan Ismaa’il ta’an afur ajjeefamuus Obbo Ahimad himaniiru.

    Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii naannichaa gamasaaniitiin “ani akka angawaa mootummaatti qaamni haleellaa raawwate gosa kana jedhee himuun sirrii natti hinfakkaatu” jechuun maqaa gosoota walitti bu’iinsicha keessatti hirmaatan dhahuurraa of qusataniiru.

    Haa ta’u malee naannichatti walitti bu’iinsawwan irra deddeebii akka uumaman himuun, “walitti bu’iinsichi namoota araddaan walittii qabuun walqabatee yaada ‘lafti kan kooti, anatu as jiraata, lafichi kankoo ture’ jedhurraa kan madde akka ta’e waan beekamuuf rakkinichi ni furama” jechuun BBC’tti himaniiru.

    Dhaabni ONLF gama isaatiin jaarsoliin biyyaa naannoo Somaalee keessa jiran hatattamaan gidduu seenuun waldhabdee gosoota lamaan gidduuu jiru akka furan gaafateera.

    Dabalataan mootummaan Naannoo Somaalee “tarkaanfii hatattamaafii cimaa akka fudhatu” hubachiisera.

    Obbo Abdulqaadir Rashid gamasaaniitiin walitti bu’insicha booda “humnootiin nageenyaa iddicha gahuun rakkinicha to’ataniiru, jaarsoliin biyyaas mari’achaa jiru” jechuun BBC’tti himaniiru.

  2. Itoophiyaan ejjennooshee hin geeddarre - Pirezidantii Somaaliyaa

    Somaalilaand waliin waligaltee kan raawwatte Itoophiyaan ejjennoo ishee hin jijjiirre jedhan Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud.

    Waliigalteen Gaanfa Afrikaatti muddama uumeefi Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu dhibdee uume ammas hin furamiin jira.

    Guyyaa Wiixataa biyyoota lamaan muddama baatii jaha booda jaarsummaa Turkiin marii taasisaniiru.

    Marii kana booda kan dubbatan Pirezidantiin Somaaliyaa Itoophiyaan ejjennoo isheerratti waan geeddarte hin qabdu jedhan.

    Dabaluunis, mariin kuni waamicha Turkiin gaggeeffame jedhan. Biyyoonni lamaan garuu qofaa isaanii fuulaa fuulatti hin mari'anne.

    Somaaliyaan kana dura Itoophiyaa waliigaltee kana akka haqxu gaafataa turte. Kana malees yoo haqxe malee waliin marii akka hin teenye ibsuun ishees ni yaadatama.

    Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baasen mariin gaggeeffamuufi marsaan biraas jiraatu ibsuun marii qophaa’eef Pirezidantii Turkii galateeffatte.

    Ulaa galaanaa akkaan kan barbaaddu Itoophiyaan mormiin Somaaliyaa bu’uura hin qabu jechuun falmatti.

    Somaalilaand akka qaama isheetti kan ilaaltu Somaaliyaan immoo waliigaltee Itoophiyaan raawwatte 'akka weerarattiin' ilaala jechuun kana dura ibsaa turte.

    Biyyoonni lamaan rakkoo isaan gidduu mudate mariin akka furan qaamoleen adda addaa waamicha taasisaa turan.

  3. Sagantaa amantii Hindiirratti yoo xiqqaate namoonni 100 du'an

    Kaaba Hindiitti balaa walga’ii amantaa irratti uumameen yoo xiqqaate namoonni 100 du’uu qondaaltonni himan.

    Dubartoota baay'ee fi daa'imman dabalatee namoonni miidhaman ammallee adda baafamaa jiru.

    Yeroo sagantichi amantaa kun xumurame hunduu fiiguu jalqabnaan balaan kun raawwate jedhu namoonni lubbun hafan.

    "Namoonni karaa cinaatti bishaan boollaa keessatti kufaniiru. Walirratti kufuu jalqabanii caccabanii du'an," jechuun dubartii maqaan Shakuntalaa jedhamtu dhaabbata oduu Pirees Trust of India’tti himteetti.

    Suuraaleen nama jeeqan toora interneetii irratti naanna'aa jiru. Kan BBCn arge tokko reeffa hedduu balbala hospitaala duratti gataman mul’isa.

    Maatii isaanii gargaarsa argachuuf iyyaa turan.

    "Balaan guddaan akkasii mudatee garuu qondaalli olaanaa tokkollee asitti hin argamne. Bulchiinsi eessa jira?"

    Kumaar bakki itti gaggeeffamu garmalee namaan guutamee akka ture kan himan yoo ta'u, koreen sadarkaa olaanaa taatee kana qorachuuf ijaaramuu himaniiru.

    Hindiitti sagantaa amantii irratti balaan akkanaa raawwachuun waan barame.

    Yeroo baay’ee namoonni hedduun osoo of hin eeggatiin bakka dhiphoo ta'anitti walitti qabamu.

    Bara 2018 baaburri namoota ayyaana Hinduu Dusheeraa jedhamu kabajamaa turan keessa seenun namoonni gara 60 ta'an ajjeefamaniiru.

    Bara 2013 balaa ayyaana Hinduu bulchiinsa Madiyaa Piraadeesh irratti uumameen lubbuun namoota 115 darbeera.

  4. Daldaltoonni Naayiroobii suuqii isaanii saamicharraa eeguuf bahan

    Keeniyaa keessatti daldaltoonni magaalaa Naayiroobii daldala isaanii saamicha irraa eeguuf namoota qacaruuf dirqamaniiru.

    Ibsa gaazexeessitootaaf Wiixata kennaniin Hawaasni Daldalaa Naayiroobii sababa manca’insaa fi saamicha mormii torban darbe keessa raawwatameen shilingii biliyoona 3 ol dhabuu isaanii ibsaniiru.

    Har’a saamtonni mormii farra mootummaatti fayyadaman suuqiiwwan mobaayilii, uffataa, kophee, buufata boba’aa fi kanneen biroo saamaniiru.

    Haata’u malee, mormitoonni karaa nagaa falmiisaanii dhageessisaa jiran ammoo hattoota to'annoo jala oolchuun poolisiitti dabarsaniiru.

    Magaalaa guddoo biyyattiin alatti mormitoonni dhibbaan lakkaa’aman magaalaa guddittii Keeniyaa lammaffaa qarqara galaana Hindii argamtu Mombaasaatti hiriira ba’aniiru.

    Akka Televijiiniin NTV Keeniyaa gabaasetti namoonni lama Mombaasaatti rasaasaan rukutamaniiru.

    Akkasumas bakkewwan daldala fi konkolaattota ibiddaan gubatan agarsiisaniiru.

    Torbaan lamaan dura wixinee seeraa daballii gibiraa gaafatu mormuuf hiriirri guutuu biyyattii keessatti eegale.

    Pirezidant Wiliyaam Ruutoo wixinee kana haqanis, dargaggoota tasgabbeessuu hin dandeenye.

    Mormiittoonni hoggantoota hin qabnee fi baay'inaan karaa miidiyaa hawaasaatiin gurmaa'an kunneen iyyannoo Ruutoon mariidhaaf dhiheessanis kuffisaniiru.

    Mootummaa kana irraa amantaa dhabuu fi pirezidantichi akka aangoo gadhiisu barbaanna jedhu.

    Mormiin kun karaa nagaa ta'een eegalus ammaa namoota dantaa isaanii tarkaanfachiisuuf itti fayyadamaa jiraniin butamuu himannaan jedhu jira

  5. Poolisiin Keeniyaa mormitootatti waan ija gubu dhukaase

    Poolisiin Keeniyaa dargaggoota mootummaa mormuun magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii keessa hiriira bahanitti gaazi imimmaanessu dhukaase.

    Magaalaa keessa suuqiwwaniifi dunkaanawwan daldalaa baay’ee cufamaniiru.

    Kanneen mootummaa morman magaalota Mombaasaafi Kisuumuuttis hiriira bahaniiru.

    Mormitoonni wixinee seeraa ummanni gibira dabalataa akka kanfalu gaafatu mormuuerga daandiitti bahuu eegalanii hedduun ajjeefamaniiru.

    Gareewwan mirga namoomaaf falman erga mormiin torban lama dura eegalee humnoonni nageenyaa namoota 39 ajjeesaniiru jedhan.

    Pirezidantiin Wiiliyaam Ruutoon wixinee falmii kaase kana akka dhiisan himanis mormitoonni mormii hin dhiifne.

    Kanneen hiriira bahan pirezidantiin biyyattii aangoorraa akka bu’an gaafatan, gara jabummaa poolisiin mufii ibsan.

    Mombaasaatti mormitoonni poolisiin walitti bu’aniiru, konkolaattonnis gubatan.

    Komishiniin Mirga Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa kana bajata mootummaan socho’u mormitoonni baay’ee guyyaa Kibxata darbe ajjeefamuu ibse.

    Naayiroobii keessa 17 ajjeefamuufi 22 immoo bakkeewwan biyyattii birootti ajjeefamu beeksise.

    Namoonni 361 miidhamuufi 32 kan ta’animmoo achi buuteen dhabamuu himeera. Kanneen hidhaman 627 akka ta’an ibsame.

    Poolisiin lakkoofsi namoota du’anii 19 jechuun kana dura ibsee ture.

    Aminastii Intarnaashinaal lakkoofsi namoota ajjeefaman 24 akka ta’e ibsuun isaa ni yaadatama.

  6. Xiyyaarri raafama guddaan isa mudate Biraazilitti qubachuuf dirqame

    Xiyyaarri balalii irra osoo jiruu ''raafama guddaan'' isa mudate Biraazilitti goree qubachuuf dirqame.

    Xiyyaarri Air Europa 787-9 Dreamliner jedhamu erga raafama guddaan mudatee namoonni 30 xiyyaaricha keessa turan miidhamanii Biraazilitti qubateera.

    Xiyyaarri kun Ispeen magaalaa Maadiridii ka'uun gara Uraagaay magaalaa Monteviidootti balali'aa ture.

    Xiyyaarichi imaltoota 325 qabachuun balali'aa ture. Raafamichi kan mudate osoo balal'iaa jiruu qixa garba Atilaantikii Biraazilitti dhiyoo jiruu akka tahe dubbii himaan Air Eupa himaniiru.

    Imaltoonni miidhaman yaala argachaa akka jiranis himaniiru.

  7. Xiyyaarri Ispeeni ka'ee Yuraaguwaayi deemaa ture raafamni jabaan mudatee namoonni 30 madaa'an

    Xayaarri Air Europa Boeing 787-9 jedhamu Ispeenirraa ka'aee gara Yuraaguwaayi osoo imalaa jiruu raafamni jabaan mudatee namoota 30 irra miiidhan qaamaa gahuu hordofee Biraazil akka qubatu taasifame.

    Xayaarichi magaala Maadiriid irraa ka'ee gara magaala guddoo Yuraaguwaayi kan taate Monteviidiyoo deemaa osoo jiruu qilleensarratti raafamni cimaan mudate.

    Imlatoonni miidhan irra gahe Biraazilitti yaalamaa jiraachutu himame.

    Dubbi himaan Air Europa akka jedhanitti, xayyaarichi namoota 325 fe'ee soo deemuti daangaa Biraazil iratti raafamni kan isa mudate.

    taaten wal-fakkaatan torbanootan dura Daandii Xayaarra Singaappoor mudatee ture. Raafama cimaa xayyaara singaappoor mudateen namni tokko yoo du'u, namoonni heddu ammoo miidhamanii turuunsaanii ni yaadatama.

  8. Dirree gahaa malee Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessiti?

    Itoophiyaan Waancaa Afrikaa qopheessuuf ifatti gaafachuu MM Abiy Ahimad guyyaa Dilbataa ibsaniiru.

    Gareen Itoophiyaa dirree sadarkaa eeggate dhabee biyya ormaatti osoo taphatuu akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessuun danda’ama jechuun xinxaltoonni gaafachuutti jiru.

    Ministirri Ispoortiifi Aadaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa bara 2029 biyya biraa waliin ta'uun osoo hin taane ''kophaadhumatti keessummeessuuf karoorfannee'' jechuun kana dura BBC'tti himan.

    Itoophiyan karoora qabatte kanaan iyyata galfattee qopheessituu dorgommichaa yoo taate yeroon qophiif qabdu waggoota afur qofa.

    Obbo Qajeelaan yeroon hafe ''qophii keenya xumuruuf gahaadha'' jedhan.

    Ijaarsi Istaadiyeemiiwwan Aday Ababaa, kan Maqalee, Baahirdaar, Dirree Dhawaa fi Hawaasaa ni qaqqabu kan jedhan Obbo Qajeelaan ''mootummaan Federaalaafi kan naannoo xiyyeeffannaa guddaa itti kennanii hojjetamaa jira'' jedhan.

    Kanaan cinaatti godaambaan aadaa fi duudhaa uummata Itoophiyaa calaqqisu ijaaruuf karoorfamuus dubbatan.

  9. Somaalilaand qondaala Turkii ofitti waamtee 'yaaddoo' ibsatte

    Itoophiyaafi Somaaliyaan dhibdee isaanii akka furan Turkiitti mariin akka taasifamu erga ibsamee booda Somaalilaand bakka bu’aa Turkii ofitti waamtee waliin mari’atte.

    Ministirri Dhimma Alaa Somaalilaand Dr Iisaa Kaayiditu Qontsilaa Turkii Hargeessaa jiran waamuun kan mari’atan.

    Dhimmi mariis ‘waan adeemaa jiruurratti’ akka ta’e eerame.

    Ministirri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa baasen Somaalilaand ''yaaddoo ishee'' ibsiteetti jedheera.

    Mariin kuni akka taasifame Qontsilaan Turkiis ibseera.

    Itoophiyaafi Somaalilaand waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessuun Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu muddama uumuun isaa ni yaadatama.

    Somaalilaand walabummaa labsattus, Somaaliyaan garuu akka qaama isheetti ilaalti.

  10. Beelingihaam mallattoo agarsiiseen qoratamaa jira

    Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa utubaa Ingilaand Juud Beelingihaam qorataa akka jiru beeksise.

    Kunis tapha guyyaa Dilbataa Ingilaand Isloovaakiyaa waliin taphatte irratti Beelingihaam galchii qixxeessitu yeroo galche mallattoo agarsiiseeni jedhe.

    Naamusi yoo cabee jiraate qorataa akka jiru ibseera.

    Ofirraa garagaluun erga galchee booda Beelingihaam tarree taphattoonni Isloovaakiyaa ta’anitti mallattoo agarsiiseera.

    Eegasii taphataan Ingilaand kuni mallattoon inni agarsiise hiriyyoota isaatti malee morkattoota isaanirratti kan xiyyeeffate miti jedheera

    Yoo seera cabsuun isaa mirkanaa’e adabamuu mala.

    Galchiiwwan yeroo dabalataatti galchaniin taphattoonni Ingilaand Isloovaakiyaa injifatanii hirboo maayitti darbuun isaanii ni yaadatama.

  11. Baayidan dorgommii keessaa akka hin baane maatiin isaanii gaafatan

    Baayidan dorgommii pirezidantii ta’u keessa akka hin baane maatiin isaanii akka fedhan dubbataniiru.

    Guyyaa Dilbataa maatii isaanii dorgommii keessa akka ittifufanii fi qeeqa irratti dhihaataa jirutti akka hin mufanne gorsaniiru.

    Baayidan torban darbe falmii jalqabaa Tiraamp waliin taasisanirratti erga guggufataniifi dubbiin harkaa bade booda miseensonni paartii isaanii dhiphatanii turan.

    Dhimmi umrii isaaniis yaaddoo uumeera. Pirezidant Baayidan yeroo ammaa umriin isaanii 81 dha.

    Maatiin isaanii garuu Tiraamp morkachuu akka dhin dhaabne dhaamani.

    Giiftiin Duree US Dr Jiil Baayidan abbaan warraa isaanii falmii akka itti fufaniifi waan Ameerikaaf tolu jedhan akka dalaguu ittifufan dubbatan.

  12. Keeniyaan liqii dabalataa liqeeffachuu qabdi - Pirezidant Ruutoo

    Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon hojii mootummaa itti fufsiisuuf biyyattiin maallaqa dabalataa liqeeffachuu akka qabdu eeran.

    Pirezidantichi wixineen taaksii dabaluu fi falmisiisaa ta’e dhiisuusaanii Roobii darbe kan beeksisan mormii jabduun hanga paarlaamaatti ibidda qabsiisu qaqqabe mudachuu hordofeeti.

    Dilbata kaleessaammoo wixinee seeraa sana kuffisuun biyyattii wagga lama duubatti deebise jedhan.

    Ruutoon otoo kuufamni liqii guddaan biyyattiirra jiruu taaksii dabaluu dadhabuun rakkisaa ta’uu wayita ibsan kana jedhan.

    Haala kanan Keeniyaan hojii mootummaa itti fufsiisuuf Shilingii tiriliyoona ykn doolara Ameerikaa biliyoona 7.6 liqeeffachuu qabdi jedhan.

    Kana malees waajjirasaanii dabalatee baasii waajjiraalee mootummaarraa hir’isuuf karoorsuullee eeran.

    Hiriirtonni taaksiin dabalamuu morman maallaqni dabalataan ramadamu ni qisaasa’a yaaddo jedhu qabu.

  13. Kiyyeessitoonni qurxummii afur qaruuraa galaanaarratti argan dhugaatii se'uun dhuganii du'an

    Siriilaankaatti namoonni qurxummii kiyyeessan afur qaruuraa galaanaarratti argatan dhugaatii alkoolii itti fakkaachuun erga dhuganii booda du'an.

    Aanga'oonni naannichaa dhugaatiin maalummaansaa hin beekamneefi qaruuraan saamsame kana namoonni dhugan gara biraas haala yaaddeessaarratti argamu jedhan.

    Humni Galaana Siriilaankaa akka ibseetti, namoonni kunneenis osoo qurxummii kiyyaassuuf galaanarra imalanuu qaruuraa argatan dhugaatii itti fakkaachuun erga dhuganii booda balaa kanaaf kan saaximan.

    Kiyyeessitoonni qurxummii kunneen daangaa irraa gara walakkaa galaanaatti fagaatanii waan turaniif atattamaan deeggarsa wal'aansaa humna galaanaatiin kennuuf yaalamulleen lubbuu isaan afurii oolchuun hin danda'amne.

    Ittigaafatamaan waajjira qabeenya qurxummii biyyatti, Susaantaa Kaahaawaatuu, reeffa namoota dhugaatichaan du'aniifi kanneen baayyee dhukkubsatanii qabatanii akka deebi'an dubbatan.

    Suusaan Kahaawaatuu dabaluudhaan, kiyyeessitoonni qurxummii kunneenis dhugaatii galaanaarraa argatan ofiirra darbuudhaan kiyyeessitoota naannicha turan kan biraatiifis qoodanii turan jedhan.

    Maalummaan dhugaatii kanaa qoratamaa jiraachu kan himan aanga'oonni, waan maalummaansaa adda hin baane akka hin dhugneefis akeekkachisaniiru.

  14. Haleellaa dubartoonni badanii balleessuu raawwachuun shakkameen yoo xinnaatee namoonni 18 ajjeeffaman

    Naayijeeriyaatti boombiin dubartoota du'anii ajjeessuu raawwataniin dhofamuu shakkameen yoo xiqqaate namoonni 18 du'an.

    Naayijeeriyaatti dhohinsa walitti fufinsaan bakka garaa garaatti dubartoota of ajjeesanii ajjeechaa raawwataniin akka ta'e shakkameen yoo xiqqaate namoonni 18 yoo ajjeeffamanii, 30n ammoo madaa’aniiru.

    Boombii dhohan keessaa kan guyyaa Sambataa sirna cidhaa irratti kaaba bahaa godina Bornoo keessatti qaqqabeen, namoonni jaha ajjeeffamanii, tokko ammoo madaa’uu gabaafameera.

    Ejensiin bulchiinsa balaa tasaa naannichaa akka jedhetti, haleellaan qindoomaan raawwatame kunis lafa cidhaa, miidhaa qaqqabeen booda bakka awwaalchaafi hospitaala magaalaa Giwozaa kan daangaa Kaameeruunitti dhihoo ta'erratti kan xiyyeeffate ta’uu ibseera.

    Pirezidanti Boolaa Tinubuun haleellaa kana balaaleeffatanii gochichaan ''hojii shororkeessummaa abdii kutannaa'' jechuun ibsaniiru.

    Qaamoolee ajjeechaa magaalaa Giwozaa keessatti raawwatameef itti gaafatamoo ta'an irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatan dhaadachuun, taatee ammaa kunis kan bu’aa tarkaanfii jihaadistoota irratti dhiheenya kana argame akka hin tuffachiifne cimsanii dubbataniiru.

    Pirezidaantichi ''mootummaan isaanii sabni bara sodaa, imimmaanii, gaddaafi" dhiiga" keessa jiraatuuf akka hin hayyamne ibsuusaanii dubbi himaan isaanii Feesbuukii irratti barreessaniiru.

    Hanaga ammaattis qaamni haleellaa kana raawwachuu isaa amanee hin jiru, garuu finciltoonni Naayijeeriyaa giddu galeessa godhate, Bulchiinsi Islaamummaa Afrikaa Dhihaa (ISWAP) kanaan dura boombii lubbuu namaa galaafatu Boornootti dhoosuu himuunsaa ni yaadatama.

    Angawoonni akka jedhanitti, haleellaa boombii Dilbata darbeetiin lubbuun namoota 18 darbuun kan mirkanaa’e yoo ta’u, namoota ajjeeffaman keessattis daa’imman, ga’eessotaafi dubartoota ulfaa kan argaman ta’uu ibsaniiru.

    Miidiyaaleen biyya keessaa tokko tokkoos lakkoofsi namoota du'anii kan jedhamu kanaan ol akka ta'e gabaasan. Fakkeenyaaf gaazexoonni Naayijeeriyaa Vanguard fi This Day jedhaman, dhohinsa kanaan yoo xiqqaate namoonni 30n du'uu himaniiru.

    Taatee kana hordofuunis waraanni naannichatti daangaa sa'aatii kaa'eera.

  15. Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii kanaan odeeffannoo biyya keessaa fi idl-adunyaa adda addaa isin biraan geenya.

    Nu waliin turaa.