Allaamaaxaatti humnoota federaalaan ala qaamni biraa meeshaa akka hin hidhanne dhorkame
Jiraattonni magaalichaa sadii fi kantiibaan magaalaa kanaa BBC'tti akka himanitti, raayyaa ittisaa fi poolisii federaalaa malee qaama biroo meeshaa waraanaa akka hin qabanne dhorkameera.
Magaalichatti hiriira bahuu fi walga’ii kamiyyuu qaamoota nageenyaa malee taa’uun dhorkameera.
Ajajni kun Roobii kaleessaa akka darbe jiraattonni himan.
Allaamaaxaan magaalaa bakkaa naannoon Amaaraa fi Tigraay 'kootii' jechuun irratti waldhaban keessaa tokkodha.
Akka jiraattonni jedhanitti, dhorkaa kana raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii federaalaatu magaalicha to'achaa jiraanitu dabarse.