Hakiimonni Indiyaa hojii dhaabanii mormiif bahan

Madda suuraa, Reuters
Indiyaatti ajjeechaa dubartii hakiimarratti raawwateen dheekkamsi dhalate hammaatee, hakiimonni guutuu biyyattii hojii dhaabuun mormii dhageessisuutti jiru.
Dubartiin hakiima taatee Lixa biyyattii Bengaal keessatti erga gudeedamtee booda ajjeefamuun erga mormii kaasee bubbuleera.
Waldaan haakiimotaa biyyatti Sambata xiqqaa kana tajaajila fayyaa sardaan alatti guutuu biyyattiitti tajaajilli akka hin kennamne ibseera.
Ajjeechaa dubartii hakiimaarrattu qaqqabe kanaan waldichi ''ajjeechaa gara-jabinaa sababa bakka nageenyi dubartootaa itti eegamu hanqatuuf'' mudate jedheera.
Hakiimonni kun eegumsi dubartootaaf godhamu akka fooyya'u gaafataniiru. Warri dheekkaman hospitaalaa hakiimni kun itti ajjeefamte mancaasaniiru.




















