Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Khameneen haleellaan Israa'el 'tuffatamu' hin qabaatu jedhan

Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Khameneen haleellaan Israa'el kaleessaa haaloo bauudhaaf Iraan irratti raawwachuun loltoonni Iraan afur ittiin ajjeeffamun himame 'tuffatamu' hin qabaatu jedhan.

Guduunfaa

  • Iraan haleellaa tibbanaaf gatii ishee argatteetti - Waraana Israa'el
  • Israa'el buufatawwan waraanaa kiyya haleelte jette Iraan; miidhaa hangamiitu gahe?
  • Israa'el Iraan keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu eegalte
  • MM Abiy Ahimad kora BRICS irratti maal dubbatan?
  • Libaanosiitti haleellaa Israa'el mana maatii tokkoorratti raawwatteen miseensi maatii 19 ajjeeffaman
  • Ajajaan duraanii hidhattootaa LRA hidhaan waggaa 40 itti murame
  • Leenjisaan duraanii garee Itoophiyaa Asiraat Hayilee du'aan boqotan
  • Haleellaa Israa'eliin kibba Gaazaatti 38 ajjeefaman - Hamaas
  • Turkiin haleellaa booda buufata waraanaa Kurdish haleeluu ibsite
  • Hezboollaan namni Nasirallaa dhaaluuf eegamu Israa'eliin ajjeefamuu mirkaneesse
  • Itoophiyaatti namoonni iddoo dhoksaatti hidhaman qarshii kaffalanii kan bahan jiru - KMNI

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Puutiin dhiibbaan wara lixaa akka hin hojjanne agarsiisuuf Abiy dabalatee michoota walitti qabe

  2. Qondaalli filannoo jeequmsa sodaachuun uffata rasaasni hin seenne uffatan

    Gareen BBC OS qondaaltota filannoo Ameerikaa waliin waa’ee balaa bara 2020 isaan mudateefi filannoo dhufuuf akkamitti qophaa’aa akka jiran ilaalchiisuun dubbateera.

    Josh Zygielbaum Dimookiraat Deenvar irraa ta'aniifi Barreessaa fi Galmeessaa Kaawuntii Adaams irraa filatamedha.

    Bara 2020tti erga namni tokko hojiirraa gara manaatti isa hordofee booda, guyyaa guyyaan uffata rasaasni hin urree uffatee hojjeta.

    "Konkolaataa keessaa osoon hin bu'iin dura karaa daawwitiikootiinan ilaala, naannookoon ilaalaha. Yeroon manakoo keessaa bahu naannoo koon ilaala, yeroo hunda yaaddoodha," jechuun Zygielbaum BBC OS'tti himeera.

    ''Nuuf balaan baay'ee dhugaa waan ta'eef baay'ee sodaachisaadha. Gara waggaa jahaa ta'u Maarines keessatti dabarseera. Yeroo baayyee amma sadarkaa yaaddoo cimaa sanatti deebi'uun qawwee qabadheen deema."

    Dorsiisni kana hunda keessatti maaliif hojiisaa itti fufuu akka barbaadee gaafatamee, "waan hojjataa jirru nan jaalladha, dimokiraasitti nan amana kunis bu'uura biyya keenyaati, sanaan alattis dimokiraasii qabnu kana hin qabaannu turre. Isa malee gara sirna mootii ykn abbaa hirreetti deebiita ture'' jedhan.

    ''Akkaataa jireenya keenya itti fufuun, anaaf, keessumaa egeereef, ijoollee fi ijoollee ijoolleekootiif naaf baay'ee barbaachisaadha''

  3. Tiraamp yoo filatame Jaak Ismiiz 'sakondii lamattan hojiirraa ari'u jedhan

    Doonaald Tiraamp yoo marsaa lammataatiif Waayit Hawuus galuudhaaf kan filataman ta'e, Gorsaa Addaa Ministeera Haqaa (DOJ) Jaak Ismiiz battalumatti hojii irraa nan ari'adha jedhan.

    Ismiiz himannaa federaalaa lama Tiraamp irratti baneera.

    "Baay'ee salphaadha. Sekondii lama keessattan hojiirraa isa ari'adha ture. Dhimmisaa wantoota jalqaba ilaalaman keessaa tokko ta'a," jedha Tiraamp gaaffii qopheessaan raadiyoo Hugh Hewitt dhiifama ofiif gochuu fi dhiisuu isaa irratti gaafateef deebii kennaniin.

  4. MM Abiy Ahimad kora BRICS irratti maal dubbatan?

    Ministira muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee miseensonni BRICS magaalaa Kaazaan Raashiyaatti Onkoloolessa Kibxata darberraa kaasee hanga har’aatti kora gaggeeffataniiru.

    Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, Pirezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing, Ministira Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodiifi Pirezidantii Iraan Maashud Peezeshkiyaan dabalatee gaggeessitoonni biyyoonni saffisaan guddataa jiran 20 ol kora kanaratti hirmaataniiru.

    Ministirri muummee Abiy Ahmad gahee guddaa walitti dhufeenyi dinagdeen biyyoota miseensa BRICS qabaatu akkasiin ibsaniiru.

    ‘’Rakkoowwan idil-addunyaa nu mudatan keessaa bahuuf walitti dhufeenyi biyyootaa akka kanaa kun abdii uuma.

    ‘’Itoophiyaan akka biyya miseensa haaraa taatetti bu’uura walqixxummaafi hundaaf gahuu jedhuun karaa biyyoota guddataniifi guddachaa jiran fayyadauu danda’uun waan isheerraa eegamu gumaachuudhaaf qophiidha,’’ jedhaniiru.

    Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa toorri idil-addunyaa haqa qabeessa hin taane biyyoota hiyyeeyyii miidhe jechuun qeequ. Dhimma kanas MM Abiy kaasaniiru.

    ‘’Guddinni dinagdeen biyyoota guddachaa jiranii sirna maallaqa addunyaa haqa qabeessa hin taaneen qorama.

    Dinagdeen addunyaa madaalawaa ta’uu dhabuun, qaala’insi jireenyaafi hoji-dhabdummaa daran hammeessaa waan jiruuf carraaqqii waloo taasisuun yeroo kamirra caalaa barbaachisaadha.

    Waamichi jijjiirama qilleensaa ittisuudhaaf taasifamus amma dagatameera. Haalota kanneen keessatti garuu BRICS keessatti carraawwan natti mul’atu,’’ jechuunis dubbatan.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad gartuun BRICS furmaata ta’uu mala jechuun akeekan.

    ‘’Sagaleen waloo qabnu sagalee ummata addunyaa walakkaadha. Qabeenya addunyaa waliigalaa keessaa ammoo harka sadii keessaa tokkoo ol qabata.

    ‘’BRICS sirna addunyaa haqaafi hundaaf ta’u carraa uumuu qaba.’’

    Bulchaan Itoophiyaa addatti jila Pirezidantii Raashiyaa Vilaadimir Putiin waliinis mari’ataniiru.

    ‘’Marii bal’aa taasisne,’’ jechuunis ibsan. Haa ta’u malee, addatti dhimmoota irratti mari’atan hin ibsine.

    Marii kanarratti Pirezidantiin Masrii Abidal Fattaah al-Siisiis argamaniiru.

    BRICS ilaalchisee qabxiin biraa ka’e sababa waraana Yukireeniin Raashiyaa moggeessuudhaaf dhiibbaa warri Lixaa taasisaa jiran akka hojjechaa hin jirre BRICS agarsiisuu isaati.

    Qoqqobbii kaa’uun dinagdeen biyyattii gabaa idil-addunyaarraa akka addaan citu taasisuuf yaalameera.

    Kana malees, Manni-murtii Idil-addunyaas himannaawwan yakka waraanaatiin pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin irratti akka hidhamuuf ajaja baaseera.

    Korri BRICS amma Raashiyaatti qophaa’e kun ergaa ifa ta’e yaaliin Raashiyaa moggeessuudhaaf taasifame hin milkoofne kan jedhu dabarsuuf akka ta’e xiinxaltoonni ni dubbatu.

  5. Ilaan Maask filattootaaf guyyaan dolaara miiliyoona kennuun seera-qabeessaa?

    Waajjirri Haqa Ameerikaa duuressi addunyaa kanaa, Ilaan Maask, haala lootariitiin namoota filannoorratti hirmaataniif doolara miiliyoona tokko kennaa jiru seera-qabeessummaan isaa shakkisiisaadha jechuun xalayaa barreesseef.

    Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasaniitti, Ilaan Maask karaa koree siyaasaa hundeesseetiin maallaqni kennaa jiru seera qabeessummaa filannoo cabsuu danda'a.

    Abbaan qabeenyaa kaampaanii konkolaataa Teslaa jedhamu oomishuu fi miidiyaa hawaasa X (kan duraan tiwiitara) jedhamu, Ilaan Maask filannoo baranaatiin Doonaald Tiraamp akka injifataniif bal'inaan sochii taasisaa jiru.

    Maask Sambataa fi Dilbata darbe haala heera mootummaa hordofeen, namoota filannoo irratti hirmaataniif dolaara miiliyoona tokko badhaasuu eegale.

    Ministeerri Haqaa Ameerikaa xalayaa dhaabbata Ilaan Paak jedhamuuf barreesse guyyaansaa ifa miti. Qorattoonni Waajjira Haqaa dhimmicharratti yaada kennuurraa of qaban.

    Haata'u malee, Ameerikaatti michuun BBC CBS dabalatee miidiyaaleen kaan xalayaan akeekkachiisaa gochaan Mask seera filannoo federaalaa kan cabsuudha jedhan jechuun gabaasaniiru.

  6. Turkiin buufata waraanaa Kurdish haleeluu ibsite

    Mootummaan Tarkii humni waraanaa isaa kaleessa galgala buufata waraanaa Kurdootaa [PKK] Iraaqii fi Sooriyaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuu ibse.

    Tarkiin haleellaa kaleessa naannoo magaala Ankaaraatti raawwachuun lubbuu namoota shanii galaafatee namoota 22 madeesse PKK raawwate jechuun himateetti.

    Viidiyoowan qoodaman akka agarsiisanitti, namoonni lama galma Warshaa Oomisha Xiyyaaraa Tarkiitti qawwee dhukaasaa turan.

    Bakkichi ammoo magaalaa Ankaaraa irraa km40 qofa fagaatee argama.

    Qaamni tokkoyyuu haleellichaaf itti gaafatamummaa hin fudhanne.

    ''Haleellaa mootummaa Tarkiidhaan bakkeewan 32 kan shororkeessitootaa tahan barbadaa'aniiru,'' jedhan Ministeerri Ittisaa Tarkii.

    Pirezidaantiin Tarkii Resib Taayib Erdohaan, haleellaa ''suukaneessaa'' yoo jedhan, Ministirri Dhimma Biyya Keessaa ammoo namoonni haleellicha banan ''dhiira tokkoo fi dubartiin tokko ajjeefamaniiru,'' jedhan.

  7. Filannoo US 2024: Tiraamp ''faashistiidha'', Hariis ''nama sammuun tuqame''- siyaasa moo arrabsoo?

  8. Libaanosiitti haleellaa Israa'el mana maatii tokkorratti raawwatteen miseensi maatii 19 ajjeeffaman

    Israa'el Kibba Libaanos keessatti haleellaa qilleensaa raawwatteen daa'iman shaniifi dubartoota jaha dabalatee namoonni 19 ajjeeffamu qondaaltoonni naannichaa beeksiisan.

    Ollaa Teefaahitaa jedhamtu keessatti haleellaa gamoo abbaa darbii sadii irratti raawwatameen, Ahimad Izadiiniifi miseensoonni maatii dhaloota sadii isaa ajjeeffamuu Su''aad Haamuud BBCtti himan.

    Imaamiin naannichaa Sheek Aboo Raayaa fi namoonni gara biraa lamas osoo dhiheenya haleellaan irratti raawwatee imalaa jiranu ajjeeffamunsaanii dhagahameera.

    Raayyaan Ittisa Israa'el haleelicha ilaalchisee hanga ammaatti wanti jedhe hin jiru. Haata'u malee irra deddebiidhaan ibsa kennuun namoota nagaarratti hin kiyyeeffannu jechuun yo waakkatu dhagahama.

    Israa'el torbanoota arfan darbaniif haleellaa kumaatamaan lakka'amu Libaanos irratti raawwataa turte jirti. Haleellichaanis hidhattoota garee Hezbollaa kan Libaanos keessaa fi bu'uraalee misoonaa garichi itti fayyadamu akkasumas meeshaa waraanaa barbadeessuu irratti kan xiyyeeffateedha jetti.

    Aanga'oonni Tehifaataa akka dubbatanii Ahimad Izadiiniif maatiinsaa haleellaa israa'eliin firotasaanii Wiixata ajjeeffaman owaalanii osoo deebii'aa jiranu ofiinis ajeeffaman.

    Jiraattuu nananichaa kan taatee Su'adi Mphaammad, maatii fi namonni firoonni jalaa ajjeeffaman sababii boha gahuu hin dandeenyeef gaddasaanii manumsaanii ta'un ibsatu jechuun BBCtti himte.

    ''Manicha keessa jiraattoota qofaatu ture. Awwaalchaa deebii'anii dhufan. Namni maatii hin taane keessa hin turre. Jiraattoonni naannichaa amma haala jiruun bohaaf taa'u akka hin dandeenye beeka.''

    Maatii ajjeeffame kana keessas, Ahimad Izadiin, haatii warraasaa, obbooleettii, ijolee dubaraa, haadha warraa ijoolleesaa, abbaa warraa ijoollee saa fi ijoollee ijoollee saati waliin ture jetti Su'aad.

  9. Paartiin Hojjetoota Kurdistaan ​​(PKK) maali?

    Mootummaan Turkii haleellaan Ankaaraa keessatti raawwatame mudachuun lubbuu namotaa galaafate akka Paartii Hojjetoota Kurdistaa ​​(PKK) waliin “wal qabachuu akka hin oolu” gabaafameera. Ofii PKKn maal?

    • Gareen kun dhuma bara 1970moota keessa kan ijaarame yoo ta’u, bara 1984 mootummaa Turkii irratti qabsoo hidhannoo jalqabe.
    • Finciltoonni kunneen Turkii keessatti mootummaan Kurdoota walaba ta’e akka ijaaramu gaafachaa kan jiran yoo ta’u, dhukaasa dhaabuun baatii Adooleessa bara 2015 erga xumuramee booda lolli ammas ka’e.
    • Erga waraanni dhaabatee as hookkara kibba baha Turkii keessatti umameen lubbuu namoota kumaatamaa fi namoonni hedduun qe’eesaanii irraa akka buqqa’an taasiseera jedha UN.
    • Paartiin mormituu Turkii Kurdootaa deeggaran HDP, garee PKK waliin hidhata qabaachuu haale, haata'u malee ammatti hoggantoonni waloo isaanii hidhattoota mootummaa waliin wal lolaniif olola babal’isuun himatamee hidhaa jiru.
    • PKKn mootummaa UK akkasumas US fi Gamtaa Awurooppaatiin “dhaabbata shororkeessummaa” jedhamuun farajameera.
  10. Galma Tokkummaa Afrikaa haaromfamee fi MM Abiy eebbisiisan duuba seenaa akkamiitu jira?

  11. Tarkiin haleellaa namoonni shan ittiin ajjeefaman duuba finciltoonni Kurdish jiraachuu hin ollee jette

    Ministirri Biyya Keessaa Turkii Alii Yerliikaayaa akka jedhanitti, amma lakkoofsi namoota haleellaa kanaan du’anii shan ga’eera.

    Itti dabaluudhaanis, "haleellaan shororkeessummaa dhaabbata xiyyaara [TAI] irratti raawwatame gocha Finciltoota Paartii Hojjattoota Kurdishootaa (PKK) waliin kan walqabatee ta'uu hin oolu, kun xinxala keenya" jedha.

    "Tokkicha eenyummaa fi ragaaleen biroo akkuma ifa ta'anii ni qoodna," jedha.

  12. 'Qaamni namaa qilleensarra bittime': Haleellaa Israa'el namoota 18 ajjeese irraa kanneen hafan

  13. Pirezidantiin Tarkii haleellaa raawwatame balaaleeffatan

    Pirezidaantiin Turkii Riisp Taayip Erdoogaan haleellaa raawwatame balaaleffachuun, "Wareegamtoota afur fi namoota madaa'an 14 qabna'' jedhan.

    ''Haleellaa shororkeessummaa fokkisaa kana nan balaaleffadha, wareegamtoota keenyaaf araara Waaqayyoo hawwaaf" jedhan.

    Yaada kana kan dubbatanis walga’ii pirezidaantii Vilaadmiir Puutiin qopheesse irratti hirmaachuun osoo Raashiyaatti daawwannaa taasisaa jiraniidha.

    Erdogaan har’a gara ganama ture kan Hindii fi Chaayinaa dabalatee, walgahii biyyoota dinagdee guddachaa jiran kan Brics irratti hirmaachuuf gara magaalaa Raashiyaa Kaazaanitti kan qajeelan.

    Puutiin saganticha irratti haasawa taasisaniin, haleellaa dhaabbata aviyeeshinii naannoo Ankaaraatti raawwatame balaaleffachuun ''gadda itti dhaga'ame'' ibsaniiru jechuun gabaase dhaabbati oduu Rooyitars.

  14. Gaazexeessitoota Aljaziiraa 6 miseensota Hamaasiifi Islaamik Jihaad ta'uu bira gahe jette Israa'el

    Humni Waraanaa Israa'el gaazexeessitoota Al Jaziiraa 6 miseensota Hamaaasifi Islaamik Jihaad ta'uusaanii bira gahe jedhe.

    Humni waraanichaa fuula X gubbaatti akka ibsetti gaazexeessittonni miseensota garee hidhatanii ta'uusaanii odeeffannowwan tikaafi ragaalee garaa garaa Gaazaatti argaman irraa argate.

    Maqaafi suura gaazexeessitoota kanaas fuula X gubbaatti tarreessera.

    Gaazexessiitoonni Al Jazeeraa kunneen hedduunsaanii Gaazaa keessa kan jiraanidha jedhe humni waraanichaa ibsa isaa kanaan.

    Haa ta'u garuu BBCn addatti odeeffannoo kana hin mirkaneeffanne.

  15. Dhukaasa qawwee fi dhohinsa Ankaaraa dowwadhaa

    Bakka balaan kun itti qaqabeetti jalqaba dhukaasni walduraa duubaan erga dhagahmeen booda booda dhohinsi mudate.

    Viidiyoo gabaabduu kana dowwadhaa.

  16. Nato'n Tarkii waliin dhaabbata jedhan barreessaa olaanaan

    Taatee har'a Tarkii Ankaaraatti waajira mummee dhaabbata xiyyaaraa (aerospace) irratti raawwatame irratti dureewwan addunyaa yaada kennuu eegalan.

    Maark Ruut, barreessaa Olaanaan Nato ergaa toora X isaanii irratti barreessaniin, gabaasa haleellaa kanaatiin ''baayyee yaaddeessaadha'' jechuun ibsan.

    Itti dabaluunis ''Nato'n michuu keenya waliin dhaabbata. Shororkeessuummaa bifa kamiinuu cimsinee balaaleeffanna. Taatee kanas itti dhiheenyaan hordofaa jirra'' jedhan.

  17. Suuraan CCTV nama qawwee hidhate agariise

    Suuraa CCTV dhaabbata aerospace Tarkii bakka haleellaan itti raawwatame keessatti nama meeshaa waraanaa qabate fakkaatu agarsiise.

    Yaadachiisa - yeroo ammaatti waa'ee maalummaa taatee mudate kanaa ykn namoonni meeqa keessatti akka hirmaatan kan mirkanaa'e muraasa qofaadha.

    Suuraalee dhaabbaticha keessaayi jedhamuun CCTV irraa argaman kunooti.

  18. Haleellaa Turkiitti gaffeemeen afur ajjeefamanii shan madaa'uun gabaafame

    Tarkii Ankaaraatti haleellaa waajira mummee dhaabbata dhaabbata xiyyaaraa (aerospace) kan motummaan bulfamuu namoonni afur ajjeeffamanii shan ammoo miidhaaf saaxilamuu kantibaan naannichaa himan.

    Dhoohiinsa magaalaa guddoo Tarkii Ankaaraatti dhaabbata xiyyaaraa alatti mudateen namoonni hedduun du'anii kaan madaa'usaanii ministirri dhimma biyya keessaa biyyattii himan.

    Miidiyaaleen biyya keessaa dhohinsaa fi dhukaasni ala Indaastiriiwwan Aerospace Turkii kan Ankaaraa irraa gara fageenya km 40tti argamuutti mudachuu gabaasan.

    Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Ali Yerliikaayaa toora X irratti akka barreessetti, ''haleellaan shororkeessummaa'' dhaabbaticha irratti raawwatameeni ''namoonni wareegamuu fi miidhamni irra gaheera'' jechuun barreesse.

  19. Hezboollaan namni Nasirallaa dhaaluuf eegamu Israa'eliin ajjeefamuu mirkaneesse

    Hezboollaan namni hogganaa garichaa duraanii Hasan Nasrallaa dhaala jedhamee eegamu haleellaa qilleensaa Israa'eliin torbee sadii dura ajjeefamuu mirkaneesse.

    Haashiim Sayifeeddiiniin haleellaa qilleensarraan ajjeefamuu Waraanni Israa'el kaleessa beeksisee ture.

    Israa'el haleellaa Onkoloolessa 4 Kibba Beerutitti gaggeessuu hordofee Hezbollaan ibsa basee turee, Hashiim Seeyifaddiin waliin qunnamtiin qabu dhabuu ibse.

    Roobii har'aa Hezboollaan ibsa baaseen du'a ''hogganaa jabaa fi wareegamaa'' jireenya ''kabajamaa'' jiraateef gaddarra jirra jedhe.

    Sayiifaddiin hogganaa gumii hojiii raawwachiiftuu garee kanaa yoo tahu, Hasan Nasirallaaf ammoo durbiisaati.

    Hogganaan duraanii Hezboollaa Hasan Nasirallaan Fulbaana 27 magalaa guddoo Libaanos Beerutitti haleellaa qilleensaa Israa'eliin ajjeefame.

  20. Itoophiyaatti namoonni iddoo dhoksaatti hidhaman qarshii kaffalanii kan bahab jiru - KMNI

    Bakkeewwan idilee hin taaneefi iddoowwan hin beekamnetti dirqamaan guyyootaafi ji'ootaaf namoonni hidhaarra turan keessaa kanneen qarshii kaffalanii bahan jiraachuu Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.

    Koomishinichi ALI bara 2015 irraa eegalee ''humnota nageenyaa mootummaan fudhatamanii achi buuteen isaanii otoo hin beekamiin kan turan'' iyyannoowwan namoota 52 qorachuu ibseera.

    Koomishinichi kana kan ibse Onkololeessa ALI gaafa 13 2017 ibsa baaseeni.

    ''Miidhamtoonni baay'inaan konkolaattota lakkoofsa gabatee hin qabneeniifi namoota uffata danbii keewwataniifi siviilii uffataniin adeemsa seeraa haala hin hordofneen dirqamaan qabaman,'' jedha.

    Dhaabbatichi kanneen hidhaarra turanii hiikaman keessaa, ''namoonni isaan hidhan kaffalanii akka gadhiifamuu danda'an yoo itti himan maatii qarshii kuma dhibbaan lakkaa'amu isaaniif kaffaluu, '' ibseera.