Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Khameneen haleellaan Israa'el 'tuffatamu' hin qabaatu jedhan

Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Khameneen haleellaan Israa'el kaleessaa haaloo bauudhaaf Iraan irratti raawwachuun loltoonni Iraan afur ittiin ajjeeffamun himame 'tuffatamu' hin qabaatu jedhan.

Guduunfaa

  • Iraan haleellaa tibbanaaf gatii ishee argatteetti - Waraana Israa'el
  • Israa'el buufatawwan waraanaa kiyya haleelte jette Iraan; miidhaa hangamiitu gahe?
  • Israa'el Iraan keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu eegalte
  • MM Abiy Ahimad kora BRICS irratti maal dubbatan?
  • Libaanosiitti haleellaa Israa'el mana maatii tokkoorratti raawwatteen miseensi maatii 19 ajjeeffaman
  • Ajajaan duraanii hidhattootaa LRA hidhaan waggaa 40 itti murame
  • Leenjisaan duraanii garee Itoophiyaa Asiraat Hayilee du'aan boqotan
  • Haleellaa Israa'eliin kibba Gaazaatti 38 ajjeefaman - Hamaas
  • Turkiin haleellaa booda buufata waraanaa Kurdish haleeluu ibsite
  • Hezboollaan namni Nasirallaa dhaaluuf eegamu Israa'eliin ajjeefamuu mirkaneesse
  • Itoophiyaatti namoonni iddoo dhoksaatti hidhaman qarshii kaffalanii kan bahan jiru - KMNI

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Xiyyaaronni keenya nagaan deebi'aniiru' – Israa'el

    Haleellaan qilleensaa Israa’el Iraanirratti raawwatte xumuramuu waraanni Israa’el beeksise.

    Akka waraanni Israa’el himetti haleellaan qilleensaa bakkeewwan waraanaa Iraaniratti xiyyeeffatan xumuramaniiru.

    ‘’Yeroo muraasa dura haleellaan daanga’aa bakkeewwan Iraan garagaraatti waraanni Israa’el gaggeesse xumurameera,’’ jedha ibsi waraana Israa’el baase.

    ‘’Xiyyaaronni keenya nagaan qe’eetti deebi’aniiru.’’

  2. Iraan deebii kennuu maltii?, Aaadeh Moshirii, BBC News

    Pirezidantiin US Joo Baayidan Israa’el wiirtuuwwan qorannoo niwukilaraa Iraanis ta’e bu’uraalee boba’aa isheerratti akka hin xiyyeeffanne dhaamaniiru.

    Yeroo ammaa miidiyaan Iraan akkuma yeroo kaan godhu haleellaa Israa’el busheessee gabaasaa jira.

    Yeroo kanatti gaaffiin ijoo:

    • miidhaa hangamiitu dhugumatti dhaqqabe
    • Iraan yeroo michoonni ishee hubamanitti deebii kennuu maltii kan jedhudha.

    Hogganaan siyaasaa Hamaas Ismaa’il Haaniyaa Iraan keessatti ajjeefamaniiru.

    Hogganaan Hezbollaa Hasan Nasrallaas ajjeefamuun Iraaniif salphinadha.

    Iraan Hamaas, Hezbollaa fi hidhattoota Huutii deeggaruun beekamti.

  3. Haleellaa eegame: Hanga ammaa maal beekna?

    Haleellaan kuni erga Iraan misaa’ela baalistikii 200 ta’an ji’a tokko dura gara Israa’el dhukaaste booda eegamaadhuma ture.

    Israa’el deebii kennuuf ‘’mirgaafi dirqaman qaba’’ jetteetti.

    Ejansiin oduu humna warraaqsa Iraanitti dhiheenya qabu akka gabaasetti buufatawwan waraanaa lixaafi kibba lixa magaalaa guddoo Iraan keessatti argamanirratti xiyyeeffatameera.

    Haa ta’u malee, hammi haleellaa kanaafi addatti wanti irratti xiyyeeffate ammatti ifa miti.

    Miidiyaan Sooriyaa akka gabaasettimmoo haleellaan qilleensaa Israa’el buufatawwan waraanaa giddugaleessaafi kibba Sooriyaa jiranirrattis xiyyeeffateera.

    Waajjirri Ministira Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahun waajjira muummee waraana biyyattii keessa suuraa isaanii mul’iseera.

  4. Haleellaa Israa'el hordofee samii Teehiranirratti waan mul'ate

    Viidiyoon Telegiraama gubbaa gadhiifame akka agarsiisutti haleellaa Israa’el hordofee samii Tehiraan gubbaa balaqqeessi mul’ataa ture.

    Israa’el qiyyaafannoo waraanaa haleelaa akka jirtu ibsiteetti.

    Buufatawwan waraanaa lixaafi kibba lixa Teehiraan argamanirratti xiyyeeffatamuu ejansiin oduu Iraan gabaaseera.

    Haleellaan Israa’el kuni baatii dura Iraan misaa‘ela baalistikii 200 ta’u gara Israa’el erga dhukaafte booda dhagahame.

  5. Israa'el Iraan keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu eegalte

    Israa'el Sambata barii keessa eegalee haleellaa qilleensaa Iraan keessatti raawwachuu akkuma eegalteen Tehiraan keessa dho'insi dhagahame.

  6. US Iraan haleellaa Israa'eliif deebii kennuurraa akka of qusattu akeekkachiifte

    Erga Onkoloolessa 7, 2023 Iraan haleellaa irratti raawwataa jiraachuu kan himattu Israa'el iddoo xiyyeeffannaashee ta'e adda baasuun Iraan irratti qilleensarraan haleellaa raawwachuu ibsiteetti.

    Erga Iraan ajjeefamuu hoogganaa Hezboollaa Hasan Nasrallaan walqabatee misaa'eloota hedduudhaan Israa'el haleeltee addunyaan deebiin Israa'el maal akka ta'u xiyyeeffannaan eegaa ture.

    Waraanni Baha Giddugaleessaa kun akka hin babal'anne dhiibbaa uumaa kan jirtu US, haleellaa Israa'el raawwatte kanaaf Iraan deebii kennuurraa akka of qusattu akeekkachiisteetti.

    ''Iraan deebii ni kenniti taanaan, nutis qophiidha. Iraaniin ammas adabbiitu mudata,'' jedhan qondaalli olaanaan tokko ibsa baasaniin.

    US waraanni hammaataan akkanaa akka jiraatu hin barbaaddu turte jedhan.

    ''Israa'el fi Iraan gidduutti haleellaan kallattiin raawwatamu kanaan xumuramuu qaba. Irra deebi'amuu hin qabu,'' jedhan qondaalli olaanaa mootummaa US kun.

    Waashingtan ''akkaataa waraanni Libaanos keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabbachuu danda'u fi dhukaasa dhaabuun Gaazaa keessatti milkaa'uu danda'u akkasumas akkamiin namoonni butaman deebi'uu akka danda'anirratti hojjetaa jiraachuu eeran.

    Kanaafuu xiyyeeffannaan qaama hundaa kana ta'uu qaba malee waraana hammeessuu ta'uu akka hin qabne akeekkachiisan.

  7. Nagaa bultanii?

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Oduuwwan ijoo biyya keessaafi addunyaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu waliin turaa!

  8. Leenjisaan duraanii garee Itoophiyaa Asiraat Hayilee du'aan boqotan

    Leenjisaan duraanii Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa Asiraat Hayilee du’an boqotan.

    Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ibsa gaddaa baasen ''ashaaraa guddaa'' lafa kaa'anii darban jechuun ibse.

    Obbo Asiraat dhukkubsatanii yaalamaa turan jedhameera.

    Leenjisaan kuni taphataa Garee Biyyaalessaa Itoophiyaas ta’un tajaajilaniiru.

    Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ibsa baasen leenjisaa Asiraat Itoophiyaan waancaa CECAFA akka argattu qooda bahatuu isaanii ibse.

    Akka ibsa baheetti, Obbo Asiraat kilaboota Q. Goorgis fi Xix Maahibariif taphachuu dabalatee jaarraa walakkaa oliif ispoortii Itoophiyaa keessatti qooda fudhataniiru.

  9. Haleellaa Israa'eliin kibba Gaazaatti 38 ajjeefaman - Hamaas

    Haleellaa Israa’eliin kibba Gaazaatti yoo xiqqaate namoonni 38 ajjeefamuu ministirri fayyaa Hamaasin hogganamu beeksise.

    Loltoonni Israa’el hospitaala tokkicha kaaba Gaazaatti tajaajila kennu sakatta’un isaanii gabaafameera.

    Akka lubbuu baraartonni jedhanitti daa’imman sagal maatii tokko keessaa ta’an dhihoo magaalaa Kaan Yuunisitti kanneen ajjeefaman keessa jiru.

    Dhukkubsattoonniifi hojjettoonni hospitaalichaa hospitaala Kamal Adiwaan akka gadhiisan loltoonni Israa’el ajajuu Ministeerri fi hojjettoonni fayyaa dubbataniiru.

    Waraanni Israa’el gabaasa ‘’shororkeessitoonni jiru jedhu’’ dhagahuun naannawicha sakatta’aa akka jiru ibse.

  10. Ajajaan duraanii hidhattootaa hidhaan waggaa 40 itti murame

    Manni murtii Ugaandaa ajajaa duraanii hidhattoota Loord Reziztaans Armii (LRA) jedhamuufi yakka waraanaan yakkamaa ta’e hidhaa waggaa 40 itti mure.

    Tomaas Kowoyeloo himannaa 44’n yakkamaa ta’eera.

    Himannaawwan kunneen ajjeechaa, gudeeddii, ugguruufi saamicha dabalata.

    Yakkamaan kuni himannaa irratti dhihaatan mara waakkatee mormaa ture.

    Bara 1980 keessa kan hundaa’e LRA’n, Ugaandaafi biyyoota ollaa keessatti haleellaa raawwachuun himatama.

    Tomaas hoggantoota garee kana keessaa yeroo duraaf mana murtii Ugaandaatti itti muramedha.

    Dhimmi Tomaas Kowoyeloo mana murtii kaaba Ugaandaa waggoota 20 oliif sochii hidhattoota inni hoogganuun goolamaa turtetti ilaalame.

    Manni murtii yakkamaa kana du’aan yookiin hidhaa umrii guutuu itti muruu hin feene.

    Sababni isaas ijoollummaa isaatti hidhattoota LRA’dhaan butamee loltuutti makame waan ta’eefi.

    Fakkeenyaaf Toomaas Kowoyeloon yeroo butame umriin isaa 12 qofa akka ta’e hime.

    Gareen LRA daa’imman butee fudhachuun loltuu yookiin garbummaa saal-qunnamtiif isaan saaxiluun beekama.

  11. Miidhamni duubatti nu qabaa jira - Leenjisaa Yunaayitid

    Miidhamni duubatti nu qabaa jira jedhan leenjisaan Yunaayitid Ten Haag

    Miidhamni taphattootaa duubatti nu qabaa jira jedhan leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Erik Ten Haag.

    Bara dorgommii darbe Yunaayitid miidhamni si’a 45 isa qunname. Kuni kilabii kamuu ni caala.

    Guyyaa Kamisaa tapha Yurooppaa Liigii irrattis kanumatu mul’ate.

    Yunaayitid taphattoota kurnan dursa kennee hiriiirsun ala taphate. Sababiin isaa saglan isaanii waan miidhamaniifi.

    Jooni Evaans tapha Dilbata Yinaayitid West Haam morkatuurratti akka hirmaatu eegama.

    Tapha Fenerbaache waliin Yunaayitid taphateerratti osoo nami bira hin jiraatin kan miidhame Antooniin garuu hiriiruun isaa shakkisiisaadha.

    Luuk Shoo, Leeni Yoroo fi Tayiral Malaasiyaan bara dorgommii baranaa hanga yoonaa hin taphanne.

    ‘’Eeyyee, liigii keessatti dabalatee duubatti nu harkisaa jira,’’ jechuun Ten Haag dubbatani.

    ‘’Yeroo taphattoota dhabdu, garee cimaa ijaaruu rakatta.’’

    Dhimma kanarratti taphattoonni, gareen leenjistootaafi kaan waliin qindaa’anii hojjechuu qabu jedhan.

  12. Iji hunduu Ten Haag irra ture, Moorinihoon garuu qalbii daawwattootaa hate

  13. Kaanaadaan lakkoofsa baqattoota simattuu garmalee hir'isuuf ta'uu ibsite

  14. Gaazexeessitoonni Libaanos sadii haleellaa Israa'eliin ajjeefaman

    Haleellaa qilleensarraa Israa'el gamoo ripporteroonni Kibba Libaanositti keessa buufatan irratti raawwatteen gaazexeessitoonni Libaanos sadii ajjeefaman jedhan kanneen ijaan argan.

    Haleellichi Hasbayaa iddoo jedhamutti gamoo gaazexxeessitoonni miiidyaalee kudhan irraa walitti bahan irratti raawwate.

    Mooraa sana keessa konkolaatonni maqaa ''Press'' jedhu irratti barraa'ee fi mul'atu ifatti argama ture.

    Gaazexeessitoonni sadeen ajjeefaman miiidyaalee akka Al-Manar TV fi AL Mayaaden jedhamii hojjetu. Miidiyaaleen kunneen ibsa baasaniin gadda isaaniitti dhagahame ibsaniiru.

    Ministirri Odeeffannoo Libaanos, haleellichi tahe jadhamee kan raawwatamee fi ''yakka waraanaati'' jedhan.

    Humni waraanaa Israa'el hanga ammaatti yaada hin kennine. Kana dura garuu gaazexeessitoota irratti akka hin xiyyeeffanne himee ture.

    Kanneen ajjeefaman ogeessa kaameeraa fi injiinera miidiyaa AL Maayedeen kan Iraan waliin hidhata qabuuf hojjetanidha.

    Akkasumas miidiyaa Hezbollaa waliin hidhata qaba jedhamu AL-Manaariif kan hojjetu Wisaam Qaasem jedhamudha.

  15. Filannoo US 2024: Haariis fi Tiraamp imaammatoota akkamii hordofu?

  16. IMF addunyaan waraana daldalaa akka dhaabuuf akeekkachiise

    Yoo kan waraanni daldalaa bu’uura bal’aan dinagdee gurguddoo addunyaa gidduutti uumame ta’e, diinagdeen addunyaa hanga guddina dinagdee Faransaayii fi Jarmanii walitti qabaadhaaniitiin hir’achuu akka danda’u, Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) BBC’tti himeera.

    Yaadni kunis, yaaddoo cimaa haasaa Doonaald Tiraamp tibbana taasisaniin booda yoo irra deebiin kan filatamuu ta'e ka'aa jiruun kan wal qabateedha.

    Tiraamp meeshaalee gara Ameerikaatti galfaman hunda irratti gibira ykn taarifa waliigalaa hanga %20 kaa’uudhaaf karoorfachuu kan himan yoo ta’u,Gamtaan Awurooppaa ammoo yoo Waashingitan gibira haaraa kana itti fufte haaloo ba’uuf karoora qabateerra.

    Torban darbe Tiraamp, “taarifa jecha galmee jechootaa keessatti hunda caalaa bareedaa ta'edha” kan jedhan yoo ta’u, ministiroonni gabaa fi faayinaansii addunyaa ammoo amma yaadoota kana akka yaada ciminaatti ilaaluu jalqabaniiru.

    Itti aantuun daayreektara olaantuu IMF jalqabaa, Gitaa Gopinath akka jedhanitti, Fandichi ammallee karoora daldalaa Tiraamp addaa ta’e kana madaaluu hin dandeenye. Haata'u malee, “yoo baay’ee hamaa ta’e muraasni addaan bahuufi itti fayyadama bal’aa taarifa yoo qabaatte, dhumarratti kasaaraa GDP addunyaa gara %7 ta'u mudachuu danda'u" jedhan.

    "Kun lakkoofsa baayyee guddaadha, %7 bu'uuraan kan hanga dinagdee Faransaayii fi Jarmanii ta'u dhabu jechuudha. Kasaaraan mudachuu danda'u hangas hamma ta'u danda'a," jechuun itti fufteetti.

    Aadde Gopinath akkasumas taarifa doolaara biliyoona dhibbaan lakkaa’amu “addunyaan waggoota 30 keessaa lamaan darban keessa jiraanne irraa baay’eefi adda” jedhan.

    Ittaantuun hoggantuu IMF akka jedhanitti, ergaawwan ijoo Fandichi Walgahii Waggaa isaa irratti kenne keessaa kan biraan kan sadarkaa liqaa mootummaa addunyaa bal’aa dhufe irratti akeekkachiisuu ture.

  17. Loltoonni Kooriyaa Kaabaa Yuukireen keessa jiraachuun lola hammeessa- Lukaasheenkoo

    Dureewwan addunyaa kanaa waggoota 30 aangoorra kan turan hedduun hin jiran.

    Dursaan Beraaluus Aleeksaandar Luukaashenkoo filannoo hatuu, mormiitootasaa balleessuufi dimokraasii diiguudhaan himatamu.

    UK, Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa akka pirezidantii Beeraalus seera qabeessaatti beekkamtii hin kennaniif.

    Dursaan biyyaa waa'ee Puutiin keessooofi alasaa sirriitti kan beeku jiraatee tokko Lukaasheenkoodha. Puutiiniifi inni waggootaaf wal beekuu akkasumas yeroo baayyees wal argu.

    Aleeksaandar Lukaashenkoo yaa'ii Brics maddiitti turtii gabaasaa BBC waliin taasisaniin, biyyisaanii miseensa Brics akka taatuu akka barbaadan himan.

    Loltoonni Kooriyaa Kaabaa loltoota Raashiyaa maddii hiriiruudhaan Yuukireen keessatti waraanaa jiraachurratti yaada akka kennaniif gaafatamanii, kun ''kan gatii hin qabneedha'' jedha.

    ''Hangan amala Puutiin beekuutti gonkumaa biyyi biraa dhufee akka duula addaa Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessitu keessatti akka hirmaatan hin taasisuu.''

    “Gabaasni kun yoo mirkanaa'ee hoo?'' jechuun gaafatamanii, ''humnootiin waraanaa biyya biraa, kanumti Beraaluus mataashee, yoo duliicha keessatti hirmaatan, waldhabdiichii caalaa akka cimuuf tarkaanfii kan dabalu ta'a'' jechuun deebii kennan.

    ''Waraannicha keessatti nuti yoo hirmaannellee kun daandii haalicha hammachuu ta'a.

    Maalif? jedhamuun gaafatamanii, ''Sababni isaas isin warri Anglo-Saxons battalumatti biyyi biraa gama tokkoon harka keessa galfateerra jettu... kanaaf loltoonni Nato gara Yukireenitti bobbaafamuu danda'u,” jechuun deebii kennan aanga'aan kun.

  18. Bakka bu’oonni Naannoo Somaalee ajandaawwan attam fa'i marii biyyaaleessaatiif dhiyeessan?

  19. Mariin dhukaasa dhaabuu Gaazaa guyyoota dhufan keessatti eegaluuf

    Mariin haala dhukaasa dhaabuu fi booji'amtoonni itti gadhiifaman irratti gaggeeffamu guyyoota dhufan muraasa keessatti Dohaatti akka eegalu qondaaltoonni Ameerikaa, Israa'eliifi Kaataar himan.

    Dubbii himaan Ministira Mummee Israa'el jilli Israa'el Dilbata dhufaa gara Kaataar imalu jedhan.

    Hamaas waliigachirratti hirmaachuuf waliigaluu fi dhiisuu ammatti ifaa miti.

    Ameerikaan duuti hagganaa Hamaas duraanii Yaahiyaa Sinwaar torban darbee, kan akka aangaa'aa olaanaa garichaa tokkootti ilaalamanii, tarii mariidhaaf kara kan banuu ta'u amanti. Haata'u malee Hamaas ammoo Israa'elitu marichatti danqaa taatee jechuun himata.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan ''Sinwaar bakka hin jirreetti carraan dhugaa booji'amtoota manasaaniitti deebii dhugaa fi kaayyoo galmaan gahuu'' ni jiraata jechuun gaazexessitootaatti himan.

    Bilinkan kaayoon waliigalte ''Israa'el akka Gaazaa keessaa baatu, Hamaas deebiisee akka of hin ijaarree fi lammiileem Filisxeem deebiisanii jireenyasaanii fi eegeereessaanii akka ijaarratan dandeessiisuudha'' jedhan.

    Qondaalli olaanaan Hamaas BBCtti akka himaniitti, jilli Hamaas haaluma qaama haala Gaazaa keessaa fi mudaman dhaabuudhaaf danqaawwan itti furaman irratti mari'achuudhaaf qondaaloota tikaa Masrii waliin Kamisa kaleessaa walgahii taa'uudhaan taa'anii ture.

    Qondaallo Marsii BBCf akka mirkanneessaniitti, dureewwan tikaa Olaanoon Marsii jila Hamaas waliin Kaayiroo keessatti wal arguuf jiru.

  20. Gidduu seenummaa filannoo biyyoota alaa dhaabuuf 'karaa dheeraa deemuu qabana' -gorsaan nageenyaa Ameerikaa

    Gidduu seenummaa filannoo biyyoota alaa dhaabuuf 'karaa dheeraa deemuu qabana' jedhan gorsaan nageenyaa Ameerikaa.

    Gorsaan nageenya biyyaalessaa Waayit Haawus akka jedhanitti, Ameerikaan gidduu galummaa biyyoota alaa filannooshee keessatti taasifamu adda baasuurratti ''jijjirama agarsiifteetti. Garuu bakka ga'uu qabnu ga'uuf karaa dheeraa imaluu jira''.

    Gorsaan nageenyaa Ameerikaa, Jaake Suuliivaan amma US sirnoota ''soba gadi fagoo ta'an saffisaan adda ittiin baastu'' qabdi jedha. Sirnoonni kunneen ''guyyoota muraasa darban keessatti'' gidduu seenummaa biyya alaa illee adda baasaniiru.''

    Suulivaan iti dabaluudhaan, Raashiyaa fi Iraan filannoo Sadaasa dhugaa gaggeeffamu keessa seenuudhaaf yaaluun maqaasaanii eeruudhaan, ''bakka ga'uu qabnu hin geenye, kana nan beeka,'' jechuun dubbatan.