Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

US diroonii Iraan gara dooniishee xiyyaara baatutti balali'aa ture rukkutuu himte

Dubbi-himaan Waraanaa US dirooniin Iraan gara doonii Ameerikaa xiyyaara baatu Galaana Arabiyaan keessa jirutti “humnaan cabsee itti deemaa ture” rukkutamee kufuu hime.

Guduunfaa

  • Loltuun tokko jalaa madaa'uu booda haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessiteen Filisxeemonni 17 ajjeefaman
  • Qabxiilee ijoo shan MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dubbatan
  • Odeeffannoo wayitaawaafi xiinxala garagaraa dhimma biyya keessaafi addunyaarraa karaa: Marsariitii, Facebook, YouTube fi Whatsapp keenyaa kanaan argattu.
  • Rakkoolee bu'uuraa Itoophiyaa mudatan sadi
  • 'Waldhabdeen Ertiraa waliin yeroo waraana Tigraayitti qabeenya saamaniifi namoota ajjeesan jalqabe waliigaltee Piritooriyaan booda dhohe'
  • Galaanni Diimaafi Itoophiyaan bara baraan gargar bahanii hin jiraatan- MM Abiy
  • 'Diina siif hin kenniin, diina siif kenne ammoo diina duudaa siif hin kenniin' - MM Abiy
  • Filannoon 'keenyaniifi maagaraa' mana jabaa ittiin ijaaranidha
  • 'Gaafa Afrikaa akka gargari hin baane walitti jiru, akka tokko hin taane micciirameera'
  • Manni-marii walga'ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira
  • Tiraamp ''hiyyeessa gaddeebituu dandeettii hin qabne,'' jechuun Tireevar Nooh arrabse, akka himatus dhaadate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biyyoota addunyaa saffisaan guddataa jiran kudhan keessaa shan Afrikaarraati - MM Abiy

    Humnaafi qabeenya jiru sirriitti faayidaarra oolchinaan Itoophiyaa dabalatee, Afrikaa keessatti carraan dinagdee saffisaan guddisuu jira jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.

    Afrikaan seenaa keessatti dinagdee guddaa Eeshiyaa caalu galmeessuu akka dandeessu IMF ibseera jechuunis himan.

    Bara kana guddina dinagdee % 9.2 galmeessina kan jedhu ture kan jedhan MM Abiy, raawwii ji'a ja'aa ilaaluun gara %10.2 milkeessuu dandeenya jedhan.

    Tilmaamni IMF guddina dinagdee Itoophiyaa ilaalchisee raagus kan mootummaan raagu waliin walitti dhiyeenya (wal fakkeenya) qaba jedhan.

    Kanaan dura garuu raagni mootummaafi IMF baayyee garaagarummaa qaba ture jechuun ibsani.

  2. 'Rifoormiin dinagdee hojjetamaa ture rakkoo bule furuufidha' - MM Abiy

    Rifoormiin dinagdee waggoota darban keessa taasifaman rokkoo dinagdee bule furuuf hojjetame kan jedhan MM Abiy, dinagdee qonnaan durfamu kan jedhu osoo hin taane hunda-qaleessa akka ta'u hojjetameera jedhan.

    Rakkoowwan ijoo dinagdee biyyattii keessa bubbulaniifi hundee gadi fageeffatan dhawaata dhawaataan hiikuun hojiin qabatamaan bu'aa argamsiiseera jedhan.

    Rifoormii dinagdee Itoophiyaan amma hojjette keessatti hundumtuu mormituufi deeggaraa osoo hin jedhuun birmannaa taasisaniin jijjiiramni ol aanaan argameera.

    Muuxannoo rifoormii dinagdee biyyoota addunyaa akka fakkeenyaati kaasuun kan ibsan MM Abiy, Afrikaa keessattis jijjiiramni abdachiisaan ni jaarata jedhamee yaadamee rifoormiin jalqabame jedhan.

  3. Afrikaan dhaloota humna hojii qabdi

    Afrika keessa dargaggoonni hojiif qophaa'an hedduu qabdi kan jedhan MM Abiy, carraa ardIttiin qabdu kana tekinooloojiiwwan akka AI Itoophiyaan adda durummaan irratti hojjechaa jirtuun faayidaarra oolchuun fala jechuun dubbatan.

    AI Yunivarsiitii banuurratti hojjechaa akka jirtu kaasuun, "akkuma abbootiin keenya kanan dura Humna Qilleensaafi Daandii Qilleensaa Afrikaarratti beekamu hundeessan, nutis AI Yunivarsiitii ardittiirratti jalqaba gurra guddaa qabu ijaarra," jedhan.

    Itoophiyaan barnoota bu'uurarraa foyyeessuuf da'imman gadiirratti hojjechaa jiraachuu kaasuun, Itoophiyaa keessatti daa'imman egeree biyyattii ta'an miliyoona afurii ol barnoota bu'uuraa sadarkaa isaa eeggate hordofaa jiraachuu ibsan.

  4. Gaaffileen biroo ka'an:

    Raawwii hojii ji'a keessatti:

    Rakkoon bulchiinsa gaarii, malammaltummaa, tajaajila bifa si'oomina qabuun dhiyeessuun rakkoo qaba? Kanarratti maaltu hojjetama ajira?

    Dippilomasii Itoophiyaa biyyoota ollaaf dursa kennuu hordoftuun bu'aa akkamiitu argame?

    Gaffiin ulaa galaanaa waggoota lamaan darban ajandaa ta'e amma maalirratti argama?

    Keessumaa naannawaa keenyatti biyyoonni humna agarsiifataa jiru, waliigaltee hin malle taasisuu jiru. Akkasumas baandaawwan keessaan hojiin nageneya booressu gaggeeffama ajira. Itoophiyaan dhima kana akkamitti ilaalti? Deebii akkamii kenniti?

  5. Maanni maree bakka bu'oota uummataa yaa'ii idilaa gaggeessaa jira

    Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walga'iisaa idilee gaggeessaa jira.

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad gaaffii miseensonni mana-maree dhiyeessaniif deebii kennuuf dhiyaataniiru.

    Gaaffilee miseensonni mana-mare dhiyeessan keessaa:

    Waliigaltee Piritooriyaa booda haala naannoo Tigraay keessa jiruufi rakkoo TPLF uumaa jirurratti maaltu jira?

    Mariin Biyyaalessaa abdatame akka furmaata fiduuf maaltu eegama? Paartilee siyaasaafi warra hidhatanii qabsaa'aa jiran hirmaachisuuf mootummaan maal hojjecha ajira?

    Rakkoon nageenyaa naannolee Oromoo, Amaaraa keessa jiruuf mootummaan furmaata waaraa malaiif fiduu hanqate?

    Dagaggootaaf hojii uumuun dhaabbateera, carraan dargaggoonni hojii keessatti argachuu danda’an bal’achaa hin jiran. Maaltu ta’uu qaba.

    Rakkoo nageenya keessaa babla’ta awayita jirutti, saaxilamummaan rakkoo biyya alaarraa dhufu akkamiin dura dhaabbachuun danda’ama?

    Faayidaa biyyaalessaa irratti akkamiin wal tumsuun danda’ama?

    Rakkoo qaala'insa jireenyaa ammas itti fufee jiru furuuf maaltu hojjetamaa jira?

    Dinagdeen biyyattii yeroo ammaa kana malairratti argama?

    Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaan rakkoo nageenyaan akka hin danqamneef gama mootummaan hojiilee hojjetamaa jiran maali?

    Rakkoo bulchiinsa gaarii sirna haqaa keessatti mu'atuufi ol aantummaa seeraa kabachiisuu dhabuu mul'atan?

  6. YOOYYAA

    Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii jalqabneerra.

    Gaaffii bakka bu'oota ummataarraa ka'uuf deebii MM Abiy Ahimad kennanirratti fuulleffanna.

    Nu hordofaa