Galaanni Diimaafi Itoophiyaan bara baraan gargar bahanii hin jiraatan- MM Abiy
Itoophiyaaf ulaan galaanaa hin barbaachisu jedhee kan yaadu "seera uumamaa kan faallessuudha" jechuun Galaanni Diimaan Itoophiyaaf murteessaa ta'uu ibsan.
Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa argachuuf humnan fayyadama akka hin jenne kan ibsan MM Abiy, "Galaanni Diimaafi Itoophiyaan gargar bahanii jiraachuu hin danda'an" jedhan.
Gama biraan Galaanni Diimaan dhimma nageenya biyyaalessaa ta'uu kaasuun Israa'el Gaarreen Goolaan to'achuu wajjin wal-bira qabanii kaasan.
Israa'eel Gaarren Goolaan kan qabatteef yaaddoo nageenyaa qabaachurraa kan ka'e ta'uu ibsuun Itoophiyaanis Galaana Diimaa irraa fedhii biyyaalessaa akka qabdu dubbatan.
Kana galmaan gahuuf "Itoophiyaan rasaasa dhukaasuu hin barbaaddu" jechuun ibsan.