Israa'el fi Iraan erga Ayatolaa Kameenii ajjeefamee akka haaraatti wal haleelaa jiru
Gaggeessaan Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Sambata haleellaa US-Israa'el gaggeessaniin waajira isaa keessatti ajjeefamuu miidiyaan Iraan mirkaneesseera. Biyyattiin hogganaa biyyattii waggoota 37 bulche kanaaf guyyaa gaddaa 40 labsisteetti.
Guduunfaa
- Haleellaa Iraan Emireetisirratti raawwattee namoota sadii ajjeeseen lammilee Itoophiyaafi Ertiraar miidhamanTaankeriin boba'aa misaa'eliin haleelamanii gubachaa jiru - Iraan
- Iraan 'buufatawwan diinaa cabsaa jirti' - Pirezidantii biyyattii
- US doonii waraanaa Iraan tokko haleeluun dhidhimsite
- Loltoonni Ameerikaa sadii ajjeefamuu Humni Waraanaa biyyattii beeksise
- Yoo Iraan Israa'eel ykn US haleelte humna 'kana dura mul'atee hin beekne' fayyadamna - Tiraamp
- Ajjeefamuu Ayaatolaa Alii Kameenii hordofee Iraan keessatti miira lamatu mul'ata
- Mootummaan Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii ajjeefamuu mirkaneessuun guyyaa gaddaa 40 labse
- Tiraamp gaggeessaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, ajjeefamuurratti waan jedheefi kaan
- Haaloo bahiinsi Iraan ittisa humna qilleensaa US gaaffii keessa galchaa jira
- Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Dhohinsa Dubaayitti Paalm Jumeerhaatti mudate namni ijaan arge waraabe Waa'ee buufatawwan waraanaa US giddugala bahaa jiranii kana beektuu?

Madda suuraa, Reuters
Bahi giddu galeessaa lafa yeroo heddu waraannii irraa hin fagaannedha.
Naannon kun ardii Awurooppa, Afrikaafi Eshiyaa kan wal-qunnamsiisu waan taateef akka naannawa tarsimawaa addunyaatti ilaalama.
Gaafa Sambataas Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti waraana eegalaniiru. Iraaniis gara Israa'el dhukaasaa jirti.
Iraan haleellaa isheen wantoota irratti xiyyeffatte keessaa ijoon buufata waraanaa US giddugala Bahaa jiranidha.
Duuni Alii Kaamenii waan guddaadha - Iraan humnaan haaloo bahuu feeti

Madda suuraa, GET
Namni Iraan waggoota 40 ta'uf bulchan du'uu isaanii gaafa Sambataa miidiyaan biyyattii mirkanesseera.
Kuni Iraaniif waan guddaadha.
Namoonnii bulchiinsa Alii Kaamenii morman daandiitti bahani gammachuu ibsaa turan.
Kuni Israa'el fi US lammiileen biyyattii mootummaa Iraan akka fonqolchan waamicha akka godhan isaan kakaasuu mala.
Eda galgala waraanni Israa'el kuufama misaa'eela baalistikii Iraan, bakka misaa'elii irraa dhukaasamuufi humna ittisa qilleensaa isaanii haleeluu ibse.
Haleellaa Iraan keessa raawwatameen namoonni 200 ol ajjeefamuu Addeessi Diimaa ibseera.
Humni Eegdota Islaamaa Warraaqsa Iraan immoo ajjeechaa Alii Kaamenii haaloo bahuuf haleellaa hamaa mul'atee hin beekne akka raawwatu beeksiseera.
Ganama har'aa Iraan misaa'ela baalistikii gara Israa'el dhukaasuu eegalteetti. Kana hordofee sagaleen akeekkachiiftuu dhagahamaa jiru.
Hunda jechuun haala danda'amuun misaa'eelonni Iraan humna ittisaa Israa'eliin rukutamaniiru.
Haa ta'u malee, Tel Aviiv keessatti misaa'elli dubartii ajjeeseera. Kuni nama jalqabaa waraana kanaan Israa'el keessa duutedha.
Tajaajilli ambulaansii akka dubbatetti namoonni 120 ta'an miidhamaniiru, gara caalu miidhaa salphaadha.
Daawwadhaa: US keessatti namoonni haleellaa Iraan irratti gaggeeffama yeroo morman
Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: US keessatti namoonni haleellaa Iraan irratti gaggeeffama yeroo morman Yoo Iraan Israa'eel ykn US haleelte humna 'kana dura mul'atee hin beekne' fayyadamna - Tiraamp

Madda suuraa, Los Angeles Times via Getty Images
Iraan Ameerikaas ta'ee Israa'elitti akka hin dhukaafne Tiraamp akeeekkachiisan.
Miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti akkana jedhanii kataban; ''Iraan har'a cimsitee akka haleeeltu reefu dubbatte, kan kana duraa caalu. Osoo gochuu baatanii wayya. Haa ta'u malee, yoo godhan humna kana dura mul'atee hin beekneen isaan haleella.''
Dubbiin Tiraamp erga Eegdoti Islaamaa Warraaqsa Iraan sababa Kaameniin ajjeefamaniif buufatawwan US fi Israa'eel akka haleelan erga akeekkachiisan booda dhagahame.
''Seenaa waraanaa rippablika Islaamaa Iraan keessatti haleellaan badii guddaa geessisu,'' yeroo gabaabaa keessatti akka raawwatamu akeekkachiise.
Haleellaan kunis ''bakkeewwan qabamaniifi buufata shororkeessummaa Ameerikaati,'' jechuun ibse.
Gaafa Sambataa ture US fi Israa'el Iraan irratti haleellaa kan banan. Haleellaa kanaan hogganaan olaanaa Iraan Alii Kaamenii ajjeefamaniiru.
Daawwadhaa: Yeroo TVn mootummaa Iraan ajjeefamuu Ayaatolaa Alii Kameenii beeksisetti
Yeroo TVn mootummaa Iraan ajjeefamuu Ayaatolaa Alii Kameenii beeksisetti, miirri ture waan fakkaatu.
Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Yeroo TVn mootummaa Iraan ajjeefamuu Ayaatolaa Alii Kameenii beeksisetti Ajjeefamuu Ayaatolaa Alii Kameenii hordofee Iraan keessatti miira lamatu mul'ata

Madda suuraa, Getty Images
Iraan keessatti yeroo ammaa haleellaa US-Israa'eliin ajjeefamuu Gaggeessaa Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii hordofee miira lamatu mul'achaa jira- gammachuufi gadda.
Magaalota Iraan tokko tokko keessatti ummanni bahuun oduu ajjeefamuu Ayaatolaa booda gammachuu isaa ibsachaa jira.
Suuraawwan har'a Iraan keessaa bahan ammoo namoonni ajjeefamuu Ayaatolaa Alii Kameeniin bahanii gadda ibsachaa yoo jiran agarsiisu.
Kutaa bulchiinsa giddugaleessa Iraan taate Isfahaan keessatti bahee gammachuu ibsachaa jira. Magaalaa biroo keessatti ammoo namoonni richiitii dhukaasuun gammachuu isaanii ibsatanis viidyoon bahe mul'iseera.
Kutaa bulchiinsaa Teehraanitti dhiyoo taate Kaaraaj keessattis haaluma walfakkaatuun miirri gammachuu akka jiru Reuters gabaaseera.
Suuraaleen miidiyaaleen garagaraa baasan akka agarsiisutti, jiraattonni Teehraan suura Ayaatolaa Alii Kameenii qabatanii gadda isaanii bsachaa yoo jiran agarsiisu.
Iraan fi Baha Giddugaleessaa keessatti waan ta'aa bule
Humni waraanaa Iraan US fi Israa'el haleellaa gaggeessaniin Gaggeessaa Waliigalaa biyyattii ajjeesuu hordofee 'haleellaa haaloo bahuu baayyee hamaa ta'ee' akka fudhatu dhaadateera.
- Ayatolaa Alii Kameenii waajira isaa keessatti haleellaa US-Israa'el gaggeessaniin ajjeefamuu TV'n mootummaa Iraan beeksiseera. Biyyattiinis nama biyyattii waggoota 37f bulche kanaaf guyyaa gaddaa 40 labsiteetti.
- Humni Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa Iraan tarkaanfii haaloo bahuu 'akkaan hamaa ta'e' buufata US fi Israa'el irratti akka fudhatu dhaadateera.
- Akka heera mootummaa biyyattiitti, Ayatolaa Alii Kameenii kan bakka bu'u qaamuma isa filatetu filata. Qaamni kunis the Assembly of Leadership Experts jedhama. Gidduutti ammoo pirezidantiin biyyattii, dursaan qaama seera baastuufi miseensi tajaajila amantaa Mana-maree Eegdotaa waliin ta'uun itti gaafatamummaa inni qabu fudhatu.
- Haleellaa US-Israa'el Iraan keessatti gaggeessaniifi Ayaatolaa Alii Kameenii ajjeefamuu hordofee biyyattii keessattti miira lamatu mul'ata. Gariin baayyee gammachuu ibsachaa kan jiran yoo ta'u, kaan ammoo gaddaa jiru.
- Ajjeefamuun Gaggeessaa Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Iraanitti yeroo akkaan murteessaadha jedhamaa jira.
- Pirezidant Doonaald Tiraamp ajjeefamy Ayaatolaa Alii kameenii yeroo beeksisetti, "seenaa keessatti namoota baayyee hunda caalaa hamoo jedhaman keessaa tokko ta'e Kameeniin" ajjeefameera jechuun, kun ummata Iraaniif biyya isaanii deebisanii harkatti galfachuuf hiraa addaati jedheera.
- Yeroo haleellaan US-Israael gaggeeffametti namoonni 200 al ajjeegamuu Waldaan Addeessa Diimaa UStti michuu BBC kan ta'e CBStti himeera.
- Aanga'oonni Iraan 40 ta'anis ajjeefamaniiru.
- Iraan guutummaa Baha Gidugaleessaa keessatti, biyyoota michuu US ta'aniifi buufataaleen waraanaa US kanneen Dubaay, Dohaa, Baahireen fi Kuweet jiranirratti haleellaa gaggeessiteetti.
- Addunyaarratti wiirtuu aeeshinii guddaa keessaa tokko kan ta'e Buufata Xiyyaaraa Dubaay keessatti waan mudateen ammoo namoonni afur madaa'aniiru, akka mootummaan UAE jedhetti.
Mootummaan Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii ajjeefamuu mirkaneessuun guyyaa gaddaa 40 labse

Madda suuraa, `GettyImages
Gaggeessaan Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Sambata haleellaa US-Israa'el gaggeessaniin waajira isaa keessatti ajjeefamuu miidiyaan Iraan mirkaneesseera. Biyyattiin hogganaa biyyattii waggoota 37 bulche kanaaf guyyaa gaddaa 40 labsisteetti
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gaggeessaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, haleellaa US fi Israa’el Teehiraan irratti gaggeessaniin ajjeefamuu yeroo beeksisetti
"Seenaa keessatti namoota hunda caalaa hamoo ta'an keessaa tokko kan ta'e, Alii Kameenii, du'eera. Kun ammoo haqa ummmata Iraan qofa osoo hin taane Ameerikaanota hundaaf, namoota biyyoota addunyaa baayyeerraa Kameeniifi garee isaa dhiiga namaa dheebotaniin ajjeefamaniif ykn qaaaa hir'ataniif. Sisteema Hordoffii keenyaa baayyee akkaan cimaa ta'eefi interejensii keenyaa jalaa ba'uu hin dandeenye," jedhe.
Toora kallattiin oduu isin biraan geenyuun dhufneerra.
Mootummaan Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii ajjeefamuu mirkaneessuun guyyaa gaddaa 40 labsuufi waan Iraan keessatti deemaa jiru,
Haaloo bahiinsi Iraan ittisa humna qilleensaa US gaaffii keessa galchaa jira kan jedhuuf biroo hedduu qabna.
Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!
Nu hordofaa!
