Yukireen, Raashiyaa fi US marii nagaaf Abu Daabiitti walgahuuf
Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan mariin ergamaa addaa Tiraamp waliin taasiste 'bu'a qabeessadha' jechuu hordofee Yukreen, Raashiyaa fi US marii nagaaf har'a UAE, Abu Daabiitti walgahuuf jedhame.
Kun erga bara 2022 Raashiyaan waraana Yukireen irratti labsitee as marii nagaaf biyyoonni lamaan qaama sadaffaa dabalatanii fuulaa fuulatti yoo wal argan kan jalqabaa ta'a.
Ajendaan marii isaanii maal ta'uu akka danda'u odeeffannoon gahaa baheeru hin jiru' haata'u malee, Volodmiir Zeleniskiin guyyoota lama Abu Daabii keessatti akka dabarsan himeera.
'Kanaan dura US Masiriif loogdi, amma kan milkaa'uu danda'u tokko ejjennoo isa kaanii yoo kabajedha' -Ambaasaaddara duraanii US
Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaatti Ambaasaaddarri duraanii US fi dhima siyaasa Gaanfa Afrikaa itti dhiyeenyaan kan hordofu Tiboor Naazh, "[Dhimma Hidha Laga Abbayyaarratti] US bara 2020 yeroo Itoophiyaa fi Masirii araarsuuf yaalaa turtetti, ifatti Masiriif loogaa turte. Kanaaf, amma kan milkaa'uu danda'u inni tokko ejjennoo isa kaanii yoo kabajedha," jedhe.
Ijaarsi Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Laga Abbayyaa amma xumurameera kan jedhe Ambaasaaddar Tiboor Naazh, waldhibdee dhimma Hidha kanaarratti jiru furuuf yaadni Pirezidant Tiraamp dhiyeesse biyyonni lamaan yoo inni tokko isa kaan kabaje ta'uu ergaa fuula X isaarratti baaseen himeera.
Pirezidantiin Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dhimma Hidha Laga Abbayyaa ilaalchisee waldhibdee jiru furuudhaaf Itoophiyaa fi Masirii walitti fiduuf akka yaadu ibsaa jira.
Xalayaa dhiyeenya kana Pirezidantii Masirii Abdel Fattaah Al -Siisiif ergeen Tiraamp akka beeksisetti, rakkoon Hidha kana ilaalchisee biyyoota lamaan gidduu jiru osoo daran hin hammaatiin fala itti gochuuf akka hojjetu dubbateera.
Dhaabbanni lammii Itoophiyaa Doktora Tediroos Adihaanomiin durfamuufi biyyoota miseensa ta'an 190 qabu kun Ameerikaan keessaa bahuuf murteessuun hojiiwwan fayyaa Ameerikaattis ta'e addunyaarratti hojjetaman kan miidhu ta'uu dubbatama ajira.
Pirezidant Tiraamp bara bulchiinsa isaa jalqabaa WHO weerara COVID-19 ilaalhisuun hanga irraa eegamu hin raawwanne jechuun dhaabbaticha keessaa bahuu murteessee kan ture ta'us Joo Baayideniin mo'amee hojiirra osoo hin oolchiin hafe.
Ameerikaan kan of baaste WHO keessaa qofa osoo hin taane, dhiyeenyya dhaabbilee qaama UN ta'an keessaa bahuu murtessuun alatti, Boordii Nagaa jechuun gareen Pirezidant Tiraamp beeksisaa jiran gahee UN kan dadhabsiisu jedhamee qeeqamaa jira.