Tiraamp sagalee kennanii ''miira ofitti amanamummaan qaba,'' jedhan
Donaaldi Tiraamp Filooriidaa iddoo Paam Biich jedhamutti sagalee kennuun boodaa gaazexeessitoota dubbatan.
Haati warraasaanii Melaaniyaan illee waliin sagalee kenniteetti.
Tiraamp yeroo sagalee kennaa turanittii ''miira ofitti amanamummaan qaba,'' jedhan.
Kofiyyaa diimaa ittiin beekaman keewwachuun, ''miira ofitti amanamummaan qaba, Rippaabilikaanoti humnaan bahaniiru,'' jedhan.
Tiraamp hiriira dheeraa arguu isaanittii ''kabajni'' itti dhagahamuus dubbatan.
''Eda kaleessaa dhisifannee gallee,'' jedhan duula filannoo isaanii kaleessaatti akeekuun.
''Amma waan gaariirra jirra,'' jedhan.