Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraampi kaabinoota haaraa muuduun Waayit Haawusiif of qopheessaa jiru

Filannoo Ameerikaa: Doonaaldi Tiraampi Filooriidaa iddoo mana jireenyaa isaanii irraa kaabinota haaraa muuda ajiru. Ministirri Dhimma Biyya Keessaa baqattoota seeraan alaa biyyaa baasa jedhan muudaniiru

Guduunfaa

  • Kaataar qooda jaarsummaa Israa'el fi Hamaas gidduu qabdu addaan kutte
  • Ji'a kana Raashiyaan baay'ee miidhamte - UK
  • Gaazaa keessatti kan du'e harki 70 dubartootaafi ijoolleedha - UN
  • Ameerikaan shira Iraaniin nama Tiraampiin ajjeesuuf ture himatte
  • Waayit Haawus akka hoggantuuf dubartiin Tiraamp muudan eenyu?
  • Tiraampi filannoo injifachuufi yaalii ajjeechaarraa oluusaaf 'goota' - Puutiin
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp waraana addunyaa gurguddoo lamaan akkatti dhaabsisu timaamuun rakkisaa dha

    Donaaldi Tiraamp waraana nan dhaaba jechuun filata garuu waraana addunyaa lama yeroo inni aangoorra ture hin turetti bahuuf jedha.

    Weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteefi waraana Israa'el Baha Giddugaaa irrati adeemsisaa jirtu.

    Gama biraan ammoo Koriyaan Kaabaa sagantaa niwukilaaraa fi baalaastikii itti jabeessaa jirti, Chaayinaan michuu Ameerikaa Taayiwaaniin qabachuuf baaaduunis waan biraa dha.

    Tiraamp rakkoo kutaa 2.0'n dhiyaateef kana akkamiin bahataa waan jedhu tilmaamuun rakkisaa dha. Keesumaa jeneraalota isaa duraanii muuxannoo gaarii qaban of biratti otoo hin hiriirsisiin.

    Tahus tarkaanfiin fudhachuu danda'u tilmaamuuf rakkisuun isaa waan bu'aa qabu tahuu mala- diinoti maaltu akka tahuuf deemu otoo hin beekiin tursa.

    Puutiiniin dhimma Yukireen irrati gara waliigaltee fiduu danda'a? Kiim Joog Uun gara mariitti deebisee fidaa? Beejiing aayiwaan deebistee fidhachuuurraa dhaabuu danda'aa? Iraan milishaa ishee akka dhaabsiftu gochuun haleellaa Isaa'el Ameerikaan deeggaramtee niwukilaaraa Iraan haleeluu irraa ittisuu danda'a?

    Dhaaddannoon Tiraamp yeroo duraan aangoorraa ture deebi'anii dhufuu ture, tilmaamaafis rakkisaa ture.

  2. Amma nu gahe, Doonaald Tiraamp pirezidantii itti aanu ta’uudhaaf filannoo US mo’atan

    Doonaald Tiraamp filannoo US 2024 mo’achuun Waayit Hawusitti deebiyun seenaa hojjechuuf.

    Deeggartootasaa Filooriidaa keessatti walitti qaban duratti dhiyaachuudhaan “injifannoo cululuqaa” arganne jechuun diqisiifatan bakka bu’aan Rippabilikaanotaa Doonaald Tiraamp.

    “Ameerikaan itti-gaafatamummaa kanaan dura argamee hin beekne nutti kennite” jedhan pirezidantii biyyattii 47ffaa ta’uudhaaf filannoo kan mo’atan Tiraamp.

  3. Doonaald Tiraamp filannoo mo'achuu hordofee miira deeggartootaa

    "Injifannoo ajaa'ibaa'! Pirezidantii kessan 45ffa fi 47ffaa gootanii na filachuu keessaniif galatoomaa!" jechuun deeggartootatti dubbatan Doonaald Tiraamp.

    Daawwadhaa!

  4. Tiraamp filannoo mo'adheera jechuu hordofee Netaaniyaahun baga gammadde jedheen

    Tiraamp filannoo U.S mo'adheera jedhee labsuu hordofee gaggeessitoonni biyyoota garaa garaa ergaa baga gammaddee dhaamaafii jiru.

    Minitiirri Muummee Israa'eel Beeniyaamin Netaaniyaahuu 'baga gammadde' jechuun gammachuu qaban Tiraampiif ibsan.

    "Seenaan deebi'ee waan hojjatameef baga gammadde! Ati Waayit Haawuusitti deebi'uun kee Ameerikaadhaaf barii haaraadha! Walitti dhufeenya Ameerikaa fi Israa'eliif ammoo haaromsa cimaadha," jedhan Beeniyaami Netaaniyaahuu.

    Dabaluunis, "Kuni mo'icha gudaadhas!" jedhan.

    Miniteerri Muummee Haangaariis akkasumas: "Seenaa siyaasa U.S keessatti kuni deebi'anii dhufuu [deebi'anii mo'achuu] guddaadha" Pirezidaant Doonald Tiraamp baga gammadde siin jechuun barbaada!" jedhaniin.

    Tiraamp mo'achuu labsus qabxii filannoo mo'achuu mirkaneessu 270 hin geenye. Sagaleen ammayyuu lakkaa'amaa jira.

  5. Jireenya Kaamalaa fi Tiraamp kan kanaan dura hin beekne

    Duula filannoo Ameerikaa guutuu keessatti filattoonni suuraa kaadhimamtoota lamaan kanneen waltajjii irratti haasaa taasisanii, namoota duulicha irratti hirmaatan nagaa fuudhanii fi xiyyaara keessaa bahaniitiin guutamanii mul'atu.

    Kunis garaagarummaa kallattii ilaalcha eenyu akka ta'anii fi eessaa akka dhufan agarsiisuudha.

    Dur osoo Waayit Haawus maal akka ta'e illee hin beekiinii yeroo dheeraa dura... Kaamalaa Haaris fi Donaald Tiraamp suuraan isaanii armaan olitti mul'atan lamaan isaanii umuriin isaanii waggaa sadii turan.

    Kaadhimamaa pirezidaantii paartii Dimookiraatotaa Haaris waggoota jalqabaashee Kaalifoorniyaa Oklaand keessatti kan dabarsite yoo ta’u, kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Tiraamp ammoo kutaa Niiw Yoork Kuuwiins keessatti guddatte.Bal'ina story kanaa argachuuf kunooti: Jireenya Haarisii fi Tiraamp addaa kan kanaan dura argitanii hin beekne

  6. 'Ameerikaan ittigaafatamummaa kanaan dura argamee hin beekne nutti kennite'- Tiramp

    Doonaald Tiraamp haasaa deeggartootasaaniitiif taasisaniin 'Ameerikaan aangoo kanaan dura takka argamee hin beekne nutti kenniitee jirti'' jedhan.

    Tiraamp waajjira muummee duula filannoo Filooriidaatti maatiisaanii waliin argamuudhaan injifannoo argachuu labsaniiru.

    Ummata walitti qabameen, guyyaa tokko guyyaa ''jireenya keessaniif baayyee murteessaa ta'e kana akka deebiinu'' akka abdatu hime.

    ''Ameerikaan aangoo cimaa takkaa baramee hin beekne nutti kenniiteetti'' jechuudhaan paartiin isaa seenetii paartii Dimokiraatoota irraa deebiifachu dubbatan.

    Haala sagalee hanga ammaatti taasifameen Tiraamp haala filannoo kanaan dura yeroo pirezidantii ta'udhaan itti filam=tameetiin adda ta'een sagalee olaanaadhaan dursaa jira.

    Tiraamp filannoo kanaan yoo injifatan seenaa Ameerikaa keessatti pirezidantii yeroo lammaffaaf filatame lammaffaa ta'a.

  7. Kaamalaa Haaris carraan injifachuushee dhiphachaa dhufnaan dhiibbaa jala galte

    Doonaald Tiraamp Kaaba Kaarolinaa fi Joorjiyaa injifachuun isteetoota murteessoo ta'an shanan hafan kanneen filannoo Ameerikaa injifachuu murteessan keessaa irra caalaansaanii Kamalaa Haarisiin dursaa akka turan tilmaamni michuu BBC Ameerikaa, CBS, ni agariisa.

    CBS akka jedhutti, Pensilivaaniyaa fi Wiskoonsin keesatti Tiraamp carraa caalaa kan qaban yoo ta’u, isteetii Michiigaan biraa kanneen Rust Belt jedhamtu keessattis dursaa jira. Bu'aan kunis kan dhumaa miti.

    Bu’aan guutuu hin taane kunis Tiraamp Nevaadaa keessatti dursa akka jiru kan agarsiisu yoo ta’u, dirree falmii kan biraa kan tatatee Arizoonaa keessatti ammoo dorgommii cimaa ta’aa jira.

    Oduu gammachiisaa dabalataa Rippabilikaanota hordooftoota Tiraamp waliin hojjetaniif, paartiin kun harka caalu Seenetii akka injifatu tilmaamameera.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiisuudhaaf asiin seenaa Kaamalaa Haaris carraan injifachuushee dhiphachaa dhufnaan dhiibbaa jala galte

  8. Tiraamp haasaa deeggartootaaf taasisaniin injifachuu labsan, 'sababaafan ajjeechaarraa oolee' jedhan

    Doonaald Tiraamp haasaa deeggartoota isaanii Waajjira Muummee duula filannoo Filooriidaatti walitti qabamaniif taasisaniin, filannoo injifachuu labsuudhaan 'sababiidhaafan ajjeechaa irraa oolee' jedhan.

    Tiraamp haasaa taasisan keessatti yaalii ajjeechaa baatii Adooleessa keessa irratti gaggeeffamee tureen, osoo duula filannoorra jiranii rasaasaan gurrasaaniirra miidhaa qaqqabee akka ture ni yaadatama.

    Tiraamp ummata walitti qabameen, ''lubbuunsaa sababiidhaaf oolte'' jechuun dubbatan.

    Doonaald Tiraamp amma yoo pirezidantii Ameerikaa ta'unsaanii labsame, seenaa Ameerikaa keessatti kun seenaa adda akka ta'e himama.

  9. Paartii Tiraamp bakka bu'ee kan dorgomaa jiru Mikaa'el Yaadataa beektuu?

    Filannoon US bara 2024 Sadaasa 5 gaggeeffama. Namoota dorgomaa jiran keessaa tokko dhalataa Itoophiyaa kan ta'e Mikaa'el Yaadataati.

    Mikaa'el Yaadataa Paartii warra gurraachaaf bakka hin kennu kan jedhamu- Paartii Rippaablikaan irraa kaadhimamee bulchiinsa Meeriilaand bakka bu'uuf dorgomaa jira.

    Xiqqummaatti baqattummaan gara US imale.

    Waa'ee hirmaannaa siyaasaa, diinagdee horatee fi jiruu dhuunfaarratti BBC waliin turtii taasiseera.

  10. Mo’achuutti dhiyaachaa kan jiru Tiraamp deeggartootaaf haasaa taasisuuf

    Doonaald Tiraamp isteetiiwwan murteessoo ta’an lama- Noorz Kaaroliinaa fi Joorjiyaa mo’achuu hordofee Filooriidaa keessatti haasaa taasisa jedhamee eegama.

    Warri Rippabilikaanotaa Seneetii kanana dura warri Dimokiraatotaa fudhatanii ture deebisaii dhuunfachuuf akka jiran tilmaamameera.

    Filannoo pirezdantummaa US eenyu akka mo’ate ammatti jala muranii himuuf ammallee yeroo hin geneye, garuu haalli jiru Tiraamp akka milkaa’a ajiru agarsiisa jedha gabaasaan BBC Antonii Zuurkar.

  11. Rippabilikaanonni Seenetii dhuunfachuuf - tilmaama

    Paartiin Rippabilikaanootaa Seenetii dhuunfachuuf akka jiru tilmaamni michuu BBC Ameerikaa, CBS irraa argame ni mul'isa.

    Ammallee dorgommiin baay’een lakkaa’amaa jira, haata'u malee Dimookiraatonni harka caalu akka dhaban ifa fakkaata.

    Dimookiraatonni miidhaa Weest Varjiiniyaa keessatti eegamu daangeessuuf teessoo Rippabilikaanotaa fudhachuuf abdachaa turan, garuu akka tilmaama tokkootti, Teeksaas keessatti Teed Kiruuziin teessoo irraa kaasuu hin dandeenye, kunis kaayyoo ijoo dhaabichaa keessaa tokko ture.

  12. Netaaniyaahuun nama isa mormu, ministiira ittisaa Yo'aav Gaalant, hari'uun hangam isa fayyada?

    Beeniyaamin Netaaniyaahuu ministiira ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalant kaleessa aangorraa hari'uu hordofee biyyattii keessatti mormiin dhalateera.

    Yo'aav Gaalant kanaan si'a lammaffaa har'amuu isaati. Kana duras Netaaniyaahun hari'ee mormiin uummataa kaanan aangotti deebifame.

    Yo'aav Gaalant "faallaa koo deema" jechuun murteewwan garaa garaa irratti akka walii hin galle ibsuun Netaaniyaahun hari'e.

    Amma Netaaniyaahun qondaala danqaa itti ta'e tokko karaarraa waan maqse fakkaata. Dhimma waraana Gaazaa, namoota butamanii hara Hamaas jiraniifi marii Hamaas wajjin gaggeeffamurratti Netaaniyaahuu wajjin akka walii hin galle ibsaa ture.

    Israa'el murtee hadhaa'aa ofitti fudhattee Hamaas wajjin walii galuun namoota butaman akka gadi lakkisiisuf danqaa kan ta'e Netaaniyaahuu akka ta'e Yoo'av Gaalant ifatti qeeqaa ture.

    Yo'aav Gaalant aangorraa hari'amuu booda miidiyaa biyya keessatti dubbateera jechuun Rooyitars akka gabaasetti, "Israa'el gaaddidduu waraanaa keesssa marmaaraa jirti, biyya hamilee dukkanaa'e keessa jirtus taatetti," jechuun bulchiinsa Netaaniyaahuu qeeqe.

    Dabaluunis haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 Hamaas Israa'el irratti gaggeesse ilaalchisees, bulchiinsi Netaaniyaahuu haleellaa sana hambisuu dadhabuusaaf qorannoon walabaa gaggeeffamee itti gaafatamummaan akka jiraatufi mariin godhamee lammiilen Israa'el harka Hamaas jiran akka deebi'aniif dhiibban akka godhamu waamicha dhiyeessera.

  13. MM Israa'el Netaaniyaahuun ministira ittisaa Yo'aav Gaalant hojiirraa ari'uu hordofee mormii guddaan ka'e

  14. Rippabilikaanonni teessoo Seenetii Ohaayoo fudhachuutti dhiyaatan - tilmaama

    Rippabilikaanonni Ohaayootti warra Dimookiraatota irraa teessuuma fudhachuuf karaa irra kan jiran yoo ta'u, carraa paartiin kun sagalee caalmaa dadhabaa Seenetii keessatti qabachuuf qabu irratti injifannoo cimaa geessisaniiru.

    CBSn Beernie Moreno tarii Sherrod Brown senator durii kan bara 2007 irraa eegalee Isteeticha bakka bu’aa turee fi kan bu’uura deeggarsasaa guddaa hojjettoota gurmaa’e irraa argate teessoo isaa dhabsiisuu akka hin oollee tilmaameera.

    Dorgommiin kun seenaa Seenetii keessatti isa qaalii akka ta'e amanama.

    Injifannoon kun injifannoo Weest Varjiiniyaatiin booda dorgommii Seenetii Rippabilikaanota lammaffaa akka ta’u tilmaamameera.

    Kana jechuunis, akkuma amma jirutti, dhaabichi Seenetii to'achuuf yoo Dimookiraatonni isteetii biraa keessatti garagalchuu danda'aniin alatti kallattii injifannoo irra jira fakkaatu.

  15. Namoota atileetii Yugaandaa ajjeessan lama hidhaa waggaa 35 itti murtaa'e

    Manni-murtii Keeniyaa dhiiroota lama kanneen dhuma bara darbeerratti atileetii lammii Yugaandaa kan ta'e Beeniyaamin Kippilagaat ajjeesan tokkoon tokkoosaaniirratti hidhaa waggaa 35 murteesse.

    Atileetiin Olompikii kun jala bultii waggaa haaraatti ture magaalaa Eldoret, wiirtuu leenjii olaanaa atileetota jedhamuun beekamtu keessatti waraanamuun kan ajjeefame.

    “Gochaan gara jabeenyaa nama ofiirraa ittisuu hin dandeenye kan jireenyasaa gabaabseedha,” jechuun abbaa murtii kan taate Jeestiis Ruuben Nyakundi dhaddacha mana-murtii olaanaa Eldoreet irratti kan shakkamtoota Piitar Ushuru Khalumi fi Deevid Ekaayi Lokeretti kan himan.

    Ajjeechaan atileetii Kippilaagaat, waggoota dhiyoo asitti ammoo ajjeechaa atileetota filatamoo biroo hedduun kan itti hagahame, Keeniyaa keessatti rifaatuu cimaa uumee ture.

    Atileetiin Yugaandaa Beenjaamiin Kiplaagaat yeroo ajjeeffamutti dargaggoo umuriinsaa waggaa 34 yoo ta'u, dorgommii Olompikii Beejiing bara 2008 irratti dorgommii meetira 3,000n injifatee ture. Taphoota ittiaananii turan lamaan irrattis hirmaachuun rikoordii Yugaandaa nama qabateedha.

  16. Eenyu yoo filatame mootummaa Itoophiyaatiif wayya?

    Dimokraatotamoo Rippaablikaanota ?

    Filannoon guyyaa xumauraa Pirezidantummaa Ameerikaa Donald Tiraamp Rippabilikaanota bakka bu'uun, Kamaalaa Haaris ammoo Dimokiraatota bakka buutee gaggeeffamaa jira.

    Hanga gabaasni kun qindaa'utti namoonni miiliyoona 81 ol sagalee kennaniiru, qabxiin hanga ammaa jirunis garaagarummaan guddaa ta'e waan hin mul'anneef dorgommichi akkan cimaa ta'uu kan agarsiisudha.

    Abbaan mo’ate waggoota afran dhufanif Ameerikaa bulcha. Filannoon kun lammilee Ameerikaa qofaaf utuu hin taane, xiyyeeffannoon guddaa addunyaas ta'eera.

    Miseensonni dayaaspooraa Afrika- Ameerikaa jiraatan akkuma sochii misoomaafi daldalaa biyyattii keessatti gumaacha guddaa qaban, siyaasa biyyattii keessattillee hirmaannaa guddaa taasisaa jiru.

    Garuu dhimmi imaammata godaansaa Ameerikaa dhimmaa xiyyeeffannoon guddaa kennameefidha.

    Lammilee Afrikaa baay'inaana Ameerikaa keessaa jiraatan keessaa lammileen Itoophiyaa filannoo kana akkamiin ilaalu?

    Itoophiyaaf hiika akkamii qaba? Bulchiinsi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimediif hoo, Kamaalaa Haaris moo Doonaald Tiraamp osoo filame wayyaa?

    Akkasumas, kamtuu imaammataafi carraawwan lammilee Itoophiyaas ta'ee mootummaa Itoophiyaa fayyadu qabate isa jedhurratti bakka buutoonni hawaasaa yaada isaanii BBC'f qoodaniiru.

  17. Sagaleen filannoo akkamiin lakkaa'ama?

    Filannoowwan pirezidantummaa tokko tokko irratti namni injifannoo argate guyyaadhuma sagaleen itti kenname halkan beekama, ykn ammoo boriituusaa ganama ibsama.

    US Isteetota hedduu keessatti morkiin filannoo cimaa ta'uun walqabatee miidiyaaleen bu'aa filannoo ibsuuf obsuun kan isaanirra jiraatu ta'uu hin oolu.

    Kaadhimatuun dhaaba Dimookratotaatiifi Pirezidantii itti aantuun ammaa Kaamlaa Hariis fi kaadhamimaan Rippaablikaanotaa pirezidantii duraanii Doonaald Tiraamp torbanootaaf morkii cimaa gaggeessaa jiru.

    Sagaleen itti wal injifatan garaagartummaa xiqqaan yoo ta'e sagaleen irra deebiin lakkaa'amuu qaba. Isteetota murteessoodha jedhaman akka Pensilvaaniyaatti garaagartummaan jiru kan dhibbenetaa walakkaa yoo ta'e isteeta sana guutuu keessatti sagaleen irra deebiin lakkaa'amuu qaba.

    Bara 2020tti garaagartummaan injifataa fi mo'amaa gidduu ture qabxii dhibbeentaa 1.1 xiqquma waan caaluuf Baayidantu injifate.

    Turtiin bu'aa filannoo eeguu kun himannaawwan adeemsa filannoon kana eegamu caalaas dheerachuu danda'a. Ammayyuu sagaleen kennamuu eegaluu dura himannaawwan seeraa 100 ol ta'an dhaaba Rippaablikaaniirraa dhiyaateera. Himannaan kunniin gariin kan filattoota ulaagaa hin guunnefi adeemsa filannoo biroon walqabatu.

  18. Tiraamp sagalee miliyeena shanii oliin Kamaalaa Haaris dursaa jira

    Pirezidaantii US 47ffaa murteessuuf sagaleen ammayyuu lakkaa'aamaa jira.

    Kan hanga ammaa lakkaa'ameen sagalee miliyeena shanii oliin dursaa jira.

    Tiraamp qabxii walii galaa 230 irra gaheera. Kamaalan ammoo 165 irra jirti.

    Isaan lamaan keessaa namni pirezidaantii ta'ee mo'u qabxii walii galaa 270 argachuu qaba.

  19. Doonaald Tiraamp galgala kana Elon Maask waliin wal argu

    Doonaald Tiraamp galgala kana hogganaa Teeslaa fi Space X kan ta'an Elon Maask waliin akka wal argan michuu BBC US kan ta'e CBS gabaaseera.

    Duulli filannoo pirezidaantii duraanii kun mana Tiraamp kan Mar-a-Lago fi Kilabii Paalm Biich keessatti deeggartoota kumaatamaan lakkaa'amaniif affeerraa daawwannaa qopheessaa jira.

    Tiraamp fi Maask sagantaalee kana irratti akka hirmaatanii fi dhiisan ifa miti, garuu maddi Maaskiitti dhihoo ta'e tokko akka jedhutti, lamaan waliin ta'u.

    Bakka biraattis, pirezidaanti Joo Baayidanii fi Giiftii Duree Jiil gargaartota yeroo dheeraa fi hojjettoota olaanoo Waayit Haawus waliin bu’aa filannoo Waayit Haawus keessatti ni hordofu.

  20. FBI namoota lama filannoo US balaarra buusuuf turan jedhe to'ate

    FBI namoota lama filannoof balaadha jedhe to'achuu ibse.

    Miiidyaan Detriot News jedhamu akka gabaasetti namni tokko yaalii ajjeechaa Donaald Tiraamp irratti yaadame waliin hidhata qaba jedhe.

    Namni maqaan isaa Ayizaaq Siisel jedhamu, maqaa ''ShootUpTrumpRally'' jedhuun miiidyaa hawwaasaa Reddit jedhamu irratti maxxanseera.

    Shakkamaan kun qorattootatti yoo himu ''Tiraampi osoo du'eera tahee waan hunduu gaarii taha ture'' jedhe.

    Shakkamaan biraa maqaan isaa Kiristoofer Kileey Pirsi jedhamu ammoo Koree Dhimma Siyaasaa [PAC] maqaan hin eeramne doorsisaa turuun himatame.

    Koreen kun Dimokiraatota waliin hidhata qaba. Namni kun maxxansa isaa yoo itti fufe yakkaan akka himatamu FBIdhaan akeekkachiifamee ture. Haa tahu malee kana diduun garee Dimokiratotaan hidhata qabu kana doorsisuu itti fufe.