Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Gaazaa keessa beelli akka jiru yeroo jalqabaaf mirkanaa'e - Gabaasa

Gaazaa keessatti yeroo jalqabaaf beelli akka jiru mirkanaa'uu dhaabbati dhimma wabii midhaanii hordofuufi UN deeggare beeksise.

Guduunfaa

  • Zeleniskiin wabii nageenyaa Ameerikaan Yukireeniif waadaa galte dinqisiifatan
  • Israa'eloonni kuma dhibbaan lakkaa'aman hiriira ba'uun waraana Gaazaa keessaa morman
  • Tiraamp dureewwan Awurooppaa waliin haasaa
  • Qondaalonni olaanon Tiraamp fi Zeleniskii dabaaluun mariif taa'an eenyu fa'i?
  • Tiraamp Raashiyaan nagaa akka buustu dhiibbaa gochuuf dandeettiisaa qaba- Zeleniskii
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf
  • Odeeffannoo toora tamsaasa kallattii kanaan dura dabarsaa turreef toora kana hordofaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hezbollaa hiikkachiisuuf Israa'el karoora Libaanos keessaa bahuu qophaa'e fudhachuu qabdi- US

    Hezbollaan hidhannoosaa hiikkatee mootummaa Libaanositti akka kennuuf karoora qophaa'etti Israa'el walii galuu akka qabdu dippilomaatii US kan ta'an Toomaas Baaraak ibsan.

    Akkaataa laroora dhiyaate jedhameetti, Hezbollaan dhuma bara kanaatti hidhannoo akka hiikkatuufi Israa'el ammoo haleellaa Libaanos keessatti gaggeessitu dhaabun loltootashee Kibba Libaanos keessaa guutummaan akka baastudha.

    Hezbollaan hidhannoo akka hiikkatuuf kaabineen Libaanos jalqaba ji'a kanaa murteessee ture.

    Hezbaollaan garuu hidhannoo akka hin hiikkanne ibsuun, inumaayyuu waraanni waliinii biyyattii keessatti mudachuu akka malu akeekkachiise.

    Adeemsi Hezbollaa hidhannoo hiikkachiisuu gulantaa gulantaan kan gaggeeffamuu ta'uu kan himan qondaalli US kun, gama mootummaa Libaanosiin itti gaafatamummaa irra jira bahachuu ibsuun Israa'el ammoo karoora kanatti walii galuun akka irra jiru akeekan.

  2. Donbas, Kiriimiyaa, keewwata 5- Nato: Zeleniskiin marii kanarraa maal barbaadu?

    Mariin Pirezidant Tiraamp fi Pirezidant Zeleniksii gidduutti Waayit Haawusitti gagaggeeffamu akkaan eegama. Yukireen hunda caalaa dhukaasi akka dhaabbatu eegdi.

    Pirezidant Zeleniskiin osoo biyyisaanii haleellaa jala jirtuu mariin gaggeeffamu hiika hin qabu jedhu. Kanaaf jalqabarratti dhukaasi dhaabbachuu akka qabu fedhu.

    ''Jalqabarratti dhukaasa dhaabuu'' yaadi jedhu hanga ammaatti Yukireen fi michootashee Awurooppaatiin deeggarsa guddaa argateera.

    Garuu duraan dhukaasi akka dhaabbatuuf Raashiyaa akeekkachiisaa kan turan Pirezidant Tiraamp amma yaada kana bira kutaniiru, ammatti dhukaasa dhaabuu qofa osoo hin taane waraanichi guutummaatti dhaabbachuutu furmaata jechaa jiru.

    Yukireen marii nagaa gaggeeffamu kanaan lafa dhabdee turte akka argattu abdatti. Kiriimiyaa, Keerson, Zaapporeezhiyaa, Donesk fi Luhanisk iddoowwan Yukireen deebifachuuf falmataa jirtudha.

    Kana malees Yukireen miseensa Nato ta'uun eegumsa cimaa michuuwwan ishee miseensa dhaabbata kanaa ta'anirraa argachuu barbaaddi. Tiraamp garuu kun waan ta'u miti jedhaniiru.

    Miseensota 32 kan qabu Nato'n biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaan hundeeffame. Yeroo sana Sooviyeet Yuuniyeen dura dhaabbachuuf bara 1949 kan hundaa'e gamtaan kun ergasii akkaan babal'ateera.

    Seera ittiin bulmaataa Nato keewwata 5 jalatti miseensi Nato tokko tuqamnaan akka waan miseensonni hundi tuqamaniitti fudhatama jedha.

    Kanaafuu fakkeenyaaf yoo biyyi miseensa Nato taate tokko haleelamte, miseensonni kaan ni birmatuuf jechuudha.

    Yukireen miseensa Nato waan hin taaneef mirga kana hin qabdu. Isheen garuu miseensa jaarmiyaa kanaa ta'uun michuuwwan isheerraa eegumsa cimaa argachuu feeti. Kana Raashiyaanis tole hin jettu, sababa waraanni itti eegaleef tokko isa kana.

    Dhimmi ijoon biraan waa'ee Kiriimiyaati. Lafti kun dachee Yukireen keessatti argamti. Kallattii kibba biyyattiin Galaana Gurraacha (Black Sea) irratti argamti. Bara 2014 Raashiyaan humnaan irraa fudhatte. Daangaa Yukireen irratti argamuunshee Raashiyaaf haala mijataa uumeera.

    Waraana amma Yukireen fi Raashiyaa gidduutti deemaa jiru keessatti qabxii falmii ijoo kan ta'e waa'ee bulchiinsa Donbas.

    Donbas Baha Yukireenitti kan argamu yoo ta'u albuudonni fi industiriiwwan bakka heddumminaan keessatti argamaniidha.

    Iddoowwan lameen bulchiinsa kana keessatti argaman keessa Raashiyaan guutummaatti Luhanisk to'attee jirti. Doneskii ammoo dhibbeentaa 70 ol harkaa qabdi.

    Lammiileen Yukireen miiliyoona tokko caalan iddoowwan Raashiyaan to'atte keessa jiraatu.

  3. Waajjirra Paartii Sarbiyaa bulchaa jiruu abiddaan gubate

    Waajjirri Paartii Sarbiyaa bulchaa jiruu 'Sarbiyaan Piroogiresiv Paartii' jedhamuu abiddaan gubate.

    Hookkara biyyichatti ka'een mormitoota mootummaa fi poolisii gidduutti walitti bu'insi dhalateera.

    Walitti bu'insa hamaa mudateen poolisiin tarkaanfii hamaa finciltoota irratti fudhateera jedhame.

    Magaalaa biyyattii Beelgireedii fi Noovi Saad keessatti fincila mootummaa irratti hammaateen haalichi tasgabbaa'uu hin dandeenye.

    Fincilli kun guyyaa shanaffaa qabateera. Ministirri Dhimma Biyya keessaa garuu tarkaanfii hamaa poolisiin fudhachaa jira jedhame haale.

    Fincilli kun kan dhalate erga Raasiyaan pirezidaantii biyyattii Raashiyaa waliin michummaa qabuu fi paartii SNS gaggeessu nan deeggara jetteeti.

  4. 'Zeleniskiin yoo barbaade hatattamaan waraanaa dhaabuu qaba, ykn itti fufuu danda'a'- Tiraamp

    Pirezdantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii akkaataa waraana dhaabuun danda'amurratti mari'achuuf Waashigitan DC galaniiru.

    Marii Zeleniskiin Pirezidant Tiraamp waliin Waayit Haawusitti mari'atan kanarratti qondaalonni Awurooppaa hedduun akka argaman ibsaniiru.

    Duraan Tiraamp Zeleniskiidhaan ''Yukireen Nato seenuu akka hin dandeenye'' akkasumas ''Kiriimiyaan Yukireeniif deebi'uu akka hin dandeenye'' akeekkachiisanii turan.

    Raashiyaan bara 2014 ture kan humnaan Yukireen irraa Kiriimiyaa fudhatte.

    Walga'iin Zeleniskii fi Tiraamp Waayit Haawusitti taasisan kun erga Tiraamp Alaaskaatti Puutin waliin mari'atanii booda yoo ta'u, walga'iin kun kan Alaaskaa caalaa murteessaa akka ta'e aanga'oonni Awurooppaa ibsaniiru.

    Pirezidant walga'ii kana dursuun Pirezidantii Yukireen Zeleniskii irraa maal akka eegan Truth Social irratti barreessanii turan.

    ''Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin waraana Raashiyaa waliin itti jiru dhaabuu danda'a, yoo barbaade. Yookiin itti fufuu danda'a,'' jechuun ergaa akeekkachiisa fakkaatu dabarsan.

    ''Akkanni itti jalqabe [waraanni] yaadadhaa. Kiriimiyaan waggaa 12 dura Obaamaan kenne hin deebitu. Yukireen gara Nato hin seentu. Wantoonni gariin abadan hin geeddaraman,'' jedhan Tiraamp.

  5. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Odeeffannoo toora tamnsaasa kallattiin isin biraan geenyu amma jalqabneerra.

    Dhimma waraana Raashiyaa fi Yukireen, Israa'el fi Gaazaa, taateewwan biroo addunyaa gola kamittiyyu mudatan kallattiin isin biraan geenya.

    Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.

    Dhiyaadhaa!