Yukireeniif lafa heddutu deebi'uuf jira- Tiraamp
Tiraamp marii kaleessa pirezidaantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskiifi gaggeessitoota Awurooppaa waliin taasise booda dhimmoota tokko tokko bal'inaan ibseera.
Miidiyaa US kan ta'e Fox News waliin turtii taasiseen, lafti Raashiyaan qabame hedduunsaa Yukireenif akka deebi'u dubbae.
"Yukireen lafa heddu ni deebifatti. Garuummoo kuni waraana," jechuun dubbate.
Dabaluunis, "Namoonni jaalatanis jibbanis Raashiyaan biyya humna waraanaa qabduudha" jechuun Yukireen waraanan Raashiyaa mo'achuu akka hin dandeenye waan akeeku dubbate.
Kaleessa erga Zeleniskii waliin mariyatee booda Puutiinif bilbilee akka tureefi biyyoonni sadan: Raashiyaa, Yukireenifi US wal-arganii akka mariyataniif Raashiyaan deebii gaarii akka kennitu akka eegu dubbate.
"Zeleniskiifi Puutin [gara fuulduraatti] michuu ta'u," jechuunis waraanni kun akka xumuramu abdii qabaachuu hime.