'Waraana itti fufuu malee filannoo hin qabnu' - Israa'el
Waraana Gaazaa ji'a lamaaf dhaabbatee ture itti fufuu malee filannoo biraa akka hin qabne Israa'el beeksifte
"Waliigateen waraana dhaabuu akka dheeratuufi namoonni akka gadi lakkisaniif yaada dhiyaate Hamaas irra deddeebin fudhachuu dideera," jechuun sababa waraanni bifa haaran eegaleef himan dubbi himaan Monisteera Dhimma Alaa Israa'el Oreen Marmoristeen.
Kana booda Israa'el humnaan Hamaasirratti akka duultus beeksisan.
Hamaas sababa yaada waliigaltee dhukaasa dhaabuu dheeressuu fudhachuu dideef haleellaa gaggeessuu malee filannoon biraa akka hin jirre beekisisan.
Hamaas garuu ibsa baasen Israa'el waliigaltee cabsuun waraana banuushee himachuun UNfi qaamoleen araaraa akka gidduu seenan gaafate.
UN dabalatee biyyoonni akka Chaayinaa, Raashiyaa, Awustiraaliyaa fa'aa haleellaa waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka kabajamu waamicha dhiyeessan.