Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Gaazaatti 50,000 ol ajjeefaman - Ministeera Fayyaa Hamaasiin hoogganamu

Erga waraanni Gaazaatti eegalee namoonni 50,000 ol ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Waraana itti fufuu malee filannoo hin qabnu' - Israa'el

    Waraana Gaazaa ji'a lamaaf dhaabbatee ture itti fufuu malee filannoo biraa akka hin qabne Israa'el beeksifte

    "Waliigateen waraana dhaabuu akka dheeratuufi namoonni akka gadi lakkisaniif yaada dhiyaate Hamaas irra deddeebin fudhachuu dideera," jechuun sababa waraanni bifa haaran eegaleef himan dubbi himaan Monisteera Dhimma Alaa Israa'el Oreen Marmoristeen.

    Kana booda Israa'el humnaan Hamaasirratti akka duultus beeksisan.

    Hamaas sababa yaada waliigaltee dhukaasa dhaabuu dheeressuu fudhachuu dideef haleellaa gaggeessuu malee filannoon biraa akka hin jirre beekisisan.

    Hamaas garuu ibsa baasen Israa'el waliigaltee cabsuun waraana banuushee himachuun UNfi qaamoleen araaraa akka gidduu seenan gaafate.

    UN dabalatee biyyoonni akka Chaayinaa, Raashiyaa, Awustiraaliyaa fa'aa haleellaa waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka kabajamu waamicha dhiyeessan.

  2. Haleellaa Israa'el Gaazatti har'a raawwatteen kan du'aniin alatti namoonni 660 madaa'an

    Israa'el haleellaa har'a Gaazatti raawwatteen namoonni 300 ol yoo du'an namoonni 660 ammoo madaa'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa ifa godhe.

    Ministiirri Fayyaa Gaazaa Muniir al-Baarsh akka ibsanitti, namoonni hedduun jijjigaa gamoo jalatti hafanii jiru.

    Kanneen ajjeefamaniifi miidhan qaamaa irra gahe keessaa hedduunsaanii daa'immaniifi dubartoota ta'uutu himame.

    Hospitaalota Gaazaa keessa jiran 38 keessaa 25 tajaajilaan ala ta'uurraa kan ka'e rakkoon meeshaalee waldhaansaa cimaan jiraachis himan Muniir.

    Israa'e' gamasheen ibsa baasten Hamaas waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka dheeratu yaada dhiyaate fudhachuu waan dideef haleellan haleellan akka jalqabe ibsite.

  3. Gaazatti lakkooofsi namoota har'a du'anii 400 caale

    Haleellaa har'a ganamarraa kaasee Israa'el Gaazarratti raawwataa jirtuun namoonni 400 oli du'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksise.

    Telegiraamii gubbaatti ibsa baasen, namoonni 404 haleellaa Israa'el gaggeessiteen du'uu beeksise.

    Fuula WhatsApp gubbaatti hanga ammaa namoonni 413 du'uusaanii ibse ministeerichi.

    Akka ibsa kanaatti namoonni heddu ammayyuu jijjiga gamoo jalaa hin baafamne.

    Kanneen du'aniin alatti namoonni 660 ol haleellaa Israa'eeliin miidhaan qaamaa irra gaheera.

  4. Namoonni butaman hanga gadi lakkifamanitti Isra'eel itti fuftee lolti- ministiira ittisaa Israa'el

    Lammiilen Israa'el harka Hamaas jiran hanga hin deebinetti Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa akka itti fuftu ministeerri ittisaa biyyattii beekise.

    Ministiira Ittisaa Israa'el kan ta'an Israa'el Kaatz akka jedhanitti Hamaas namoota bute hin deebisu taanan, lolli ittuma fufa.

    "Namoonni butaman hanga hin deebinetti akkasumas kaayyon waraana keenyaa hanga galam gahutti" Gaazaa keessatti haleellan akka ittu fufu himan.

    Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu kaayyon lola Gaazaa keessatti gaggeessaniif dandeettii waraanaa Hamaas dadhabsiisufi namoota butaman deebisuu akka ta'e kanaan dura ibsanii ture.

    Haleellaa qilleensarraa Israa'el har'a bifa haaran eegalteen namoonni 330 ol ajjeefamaniiru. I

  5. Israa'el jiraattonni Gaazaa qa'eerraa akka baqataniif ajaja dabarsite

    Israa'el haleellaa Gaazaa irratti banuu hordofee jiraatonni qe'eesaanirraa akka baqatan ajaja dabarsite.

    Humni Waraana Israa'el haleellaa Hamaas irratti gaggeessu cimsee akka itti fufu beeksisuun namoonni akka baqataniif ajaje.

    Bakkeewwan haleellaf adda baafaman jedhe ibsuun namoonni gara iddoo qubsuma lixa magaala Gaazatti argamuufi Kaampii baqattootaa Khaan Yuunistti hatattamaan akka baqatan jedhe.

    Haleellaa hara'a ganama eegaleen hanga ammaa namoonni 330 ol duuu minitiirr fayyaa Gaazaa beeksise.

  6. Halellaa har'a ganama Israa'el Gaazaa irratti raawwatteen namoonni du'an 330 gahan

    Israa'el har'a lafa barii haleellaa cimaa Gaazaa irratti raawwatteen lakkoofsi namoota du'anii dabalaa jira.

    Ministiirri Fayyaa Gaazaa hanga ammaa namoonni 330 du'uufi ammayyuu ragaalee hospitaalotarraa sassaabataa jiraachuu beeksise.

    Kanneen du'an keessaa ijoolleen 50 oliifi dubartoonni 28 akka ta'anis ibsuun kanneen madaa'an heddu ta'uu beeksise.

    Haleellaa qilleensarraa walitti fufiinsan lafa bariirraa ka'uun Israa'el gaggeessaa turtus amma heleellichi xiqqachaa dhufuutu himame.

    Kanneen du'aniin alatti Filisxeemonni madaa'an 250 ol ta'uus ministeerri fayyaa Gaazaa beeksise.

    Hamaas ibsa baasen Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabu cabsuun haleellaa raawwachuu ibsuun "egereen namoota butamanii isa harka jiranii yaaddeessaadha" jechuun qaamoleen idiladdunyaa akka gidduu seenan gaafate.

  7. Maakroon Raashiyaa 'dhugaatti' nagaa akka barbaaddu mirkaneessuuf dhiibbaa godhan

    Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon kan yeroon itti gara karoora nagaa qabatamaatti "michoota keenya hunda waliin" ce'uu qabna jedhan.

    "Pirezidant Zeleniskiin yaada Ameerikaan dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f dhiheessite fudhachuuf kutannoo qaba ture. Amma dhuguma nagaa akka barbaaddu kan mirkaneessinu kan Raashiyaati."

    "Duuti ni gahaa. Jiruun barbadaa'un ni gaha. Badiinis ni gaha. Qawween callisuu qaba," jedha Maakroon barreeffama X irratti qoodaniin.

    Itti dabaluudhaanis, ''miidhaa fi manca'iinsi kun dhaabbachuu qaba'' jedha, akkasumas daa'imman Yukireen biyyaa baafaman maatii isaanii waliin walitti makamuu qabu, haal-duree kanas Raashiyaan guutuu qabdi jedhu.

    Doonaald Tiraamp karoora kanaaf kutannoo qabaachuu isaanii kan himan Maakroon, kunis kaleessa yeroo jarri lamaan waliin dubbatanitti pirezidantii Ameerikaa kan kaasan akka ta'e ibsaniiru.

    Maakroon akkasumas "wabii nageenyaa cimaa Yukireen" fi nageenyi waaraa nageenya qabu Yukireen fi Awurooppaa keessatti akka argamu cimsanii dubbatu.

  8. 'Yukireen hanga Puutiin waraana dhaabutti haleellaadhaaf deebii kenniti' - Qondala Yukireen

    Hogganaan olaanaanYukireen Andirii Yermak biyyi isaanii haleellaa Raashiyaa irratti raawwattu ''hanga Pirezidaanti Puutiin waraana kana dhaabutti'' akka hin dhaabne ifatti ibsaniiru.

    Raashiyaan nu weeraruu itti fufteetti; “Yukireen keessatti haleellaa kanaaf deebii kennaa jirra,” jedhan Andriy Yermak .

    Ibsi isaanii kun kan bahe erga Raashiyaa fi Yukireen halkan tokkotti dirooniin wal haleelan booda ta’uu qondaaltonni biyyoota lamaanii himan.

    Waraana Yukireeni fi loltoota Raashiyaa gidduutti walitti bu'iinsi 112 akka mudate Kiiv mirkaneessitee jirti.

    Raashiyaan qubsuma Yukireen tokko tokko irratti haleellaa qilleensaa kan raawwatte yoo ta’u, Yukireen naannoowwan meeshaalee waraanaa fi buufata waraanaa Raashiyaa kuufaman haleeluu ishee waraanni Yukireen miidiyaa hawaasaa irratti ibseera.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ameerikaan labsames hanga yoonaa hojiirra ooluu hin jalqabne.

  9. Hooggantuun Imaammata Alaa EU Raashiyaan waliigaltee nagaa hin feetu jedhan

    Manni Maree Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa dhimma waraana Yukireen irratti mariyatan.

    Hooggantuun Imaammata Alaa gamtichaa Kajal Kallas torban darbe Jiddaatti Ameerikaafi Raashiyaan wal-araganii mariyachuufi karoora guyyoota 30f dhukaasa dhaabuu irratti walta'uu faara gaariin simachuu dubbatan.

    Mana marichaatti yaa'ii isaanii gaggeessuu booda ammoo yaada X gubbaa qoodaniin dubbiin Raashiyaa biratti akka dhumu dubbatan. Ammoo nagaa barbaaduu kan jedhu gaaffii ijoodha jedhan.

    Haaldureen Raashiyaan yaada dhukaasa dhaabuu iti fudhattu biyyattiin nagaaf fedha akka hin qabne agarsiisa jedhan.

    Haaldureen waliigaltee kanaaf kaan galma waraanaa kaawwatanii turan sana hunda ta'uu yoo hubattu nagaaf fedha akka hin qbane agarsiisa jedhaniiru.

    Gamtichi yaa'iisaa wayita raawwatu ibsa akka kennu eegama.

  10. Tiraamp tajaajila Sagalee Ameerikaa (VOA) cufuudhaaf ajaja mallatteessan

    Doonaald Tiraamp dhaabbata oduu mootummaa federaalaatiin deeggaramu Sagalee Ameerikaa (Voice of America) jedhamuun beekamu cufuudhaaf ajaja hojii raawwachiiftuu mallatteessan.

    Doonaald Tiraamp dhaabbanni miidiyaan kun ''farra Tiraamp'' fi ''finxaalessaadha'' jechuun himachuudhaan akka tajaajila dhaabaniif ajaja mallatteessan.

    Ibsi Waayit Haawus baasee akka jedhuutti, ajajni kun ''kanneen gibira kanfalan kana booda ololaaf akka hin hojjenne kan mirkaneessu'' ta'uu ibsa.

    Tajaajilli sagalee Ameerikaa (VOA) ammallee adda durummaan tajaajila raadiyoo, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa olola Naazii qolachuuf hundeeffamedha.

    Addunyaa marattis namoota miliyoona dhibbaan lakkaa'amaniitu dhaggeeffataa jira.

    Odeessa kanarratti dabaltaan as dubbiifadhaa.

  11. Mariin nageenyaa kan Yukireeniin Nato irraa fageessu ta'uu qaba- qondaala Raashiyaa

    Raashiyaan fedhiinshee Yukireen akka miseensa Nato hin taanedha. Wayita mariin nagaa gaggeeffamu Yukireen qaama kamirraayyuu walaba taatee dhihaachuu qabdi jedhan, qondaalli ministeera dhimma alaa Raashiyaa.

    Yaadi Raashiyaa kun erga Tiraamp gitasaanii Vilaadmiir Putiin waliin dubbachuuf akka jedhan ibsanii dhagahame.

    Tiraamp Dilbata kaleessaa galgala ''dhuma torbee kanaa wan danuutu hojjetame. Waraana sana akka xumuruu dandeenyu amma yeroo itti ilaalludha,'' jedhan.

    ''Waa'ee lafaa, waa'ee anniisaa dubbanna,'' jedhan qondaalli US kun.

    Raashiyaa fi Yukireen gidduutti ''akkaataa qabeenya qooduurratti dubbanneerra,'' jedhan. US fi Yukireen waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f turu irratti walta'uun Rashiyaa eegaa jiru.

    Putiin waliigaltecha akka deeggarru ibseera, garuu haal-dureewwan jajjaboo dhiheesse. Dhimmi falmii ijoon tokko waa'ee lafa dhiha Raashiyaa taate naannawa Kursk.

    Hagayya darbe Yukireen naannawa kanarratti oppireeshinii waraanaa gaggeessaa turte. Lafa gariis qabatteetti.

    Putiin garuu bakki guutummaatti to'annoo Raashiyaa jala jiraachuu hima. Loltoonni Yukireen achi jiran ''moggaatti baafamanii jiru'' jedhe Putiin.

    Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii gamasaan Putiin dhukaasa kana hatattamaan dhaabuuf tarkaanfii dippiloomaasii taasifamaa jiru rakkoo keessa galchaa jira jechuun komate.

  12. Faayidaa muka 'Kumarraa' kana beektuu?

    Itoophiyaa keessatti qonnaan bultoonni biqiltuu kana 'Kumarraa' ykn 'Shifarraa' jedhanii waamu.

    Biyyoota birootti ammoo moringaan muka raajii ykn "miracle tree" akkasuma ''muka jireenyaa'' jedhamee beekama. Moringaan fayidaa danuu qabaachuun maqaa kana akka qabaatu taasise.

    Moringaan maddisaa Kibba Eeshiyaa akka ta'e himamu durii qabee sirna dawaa 'Ayurvedic' jedhamu keessatti qorichummaaf oolaa ture.

    Biqiltuun kun ammas akka dawaatti maqaan isaa dhahama. Baalli Moringaa vitaaminota akka A, B fi C akkasuma albuudota pootasiyeemii fi kaalisyeemii fi pirootinii sirnaan of keessa qaba.

    Daakuun firii moringaa amala farra baakteriyaa qabaachuun beekama.

    Firiin moringaa qabiyyee kompaawundii 'pterygospermin' jedhamu kan of keessaa qabu yoo ta'u, kompaawundiin ija moringaa keessatti argamu kun amala farra - fangasii fi farra-baakteriyaa qaba jedha toorri 'Feedipedia' jedhamu.

  13. Raashiyaafi Yukireen osoo walitti dhukaasaa jiranu Tiraamp Puutiin waliin bilbilaan maria'chuuf

    Kaleessa galgala 'Air Force One' irratti Pirezidantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Traamp Kibxata boruu gitasaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin haasa’uuf karoorfachuu isaanii beeksisaniiru.

    ''Waraana kanatti xumura gochuu yoo dandeenyee ilaaluu barbaanna,'' jechuun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.

    Bulchiinsi Tiraamp Raashiyaa waliin marii taasisaa kan ture yoo ta’u, dhukaasa dhaabuu guyyoota 30 kan kanaan dura Yukireen irratti waliigalte, akka mallatteessaniif yaalaa jira.

    Hojii baayyee rakkiisaadha, Puutiin waliigaltee kana nan deggera garuu isaan dura gadi fageenyi baay'een hojjetamuu akka qabu dubbateera.

    Yaalin dippilomaatii osoo itti fufee jiruu haleellaan gama Raashiyaa fi Yukireeniin itti fufeera.

    Dilbata galgala haleellaan dirooniin naannoo Yukireen Nikopool rukutee manneen jireenyaa miidhuu fi ibsaan bakka baayyeetti addaan cituu hogganaan naannichaa himan.

    Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen Kiiv irrattis haleellaa raawwachuu ishee kantiibaan kun himan.

    Raashiyaa keessatti ammoo bulchaan naannoo Astraakhaan akka jedhanitti, haleellaan diroonii Yukireen halkan darbe dhaabbilee anniisaa fi meeshaalee biroo naannicha keessa jiran irratti xiyyeeffachuun raawwatameen, nama tokko madeessuufi ibidda kaasuunsaa ni yaadatama.

  14. Afriikaan Kibbaa waldhabdee ambaasadara irratti USn 'dorsiifamu' akka hin qabaanne mormitoonni dubbatan

    Ameerikaan Ambaasaadara Afriikaa Kibbaa biyyashee keessatti argaman sa'aatii 72 keessatti akka biyyaa bahan ajajuu hordofee, Afriikaan Kibbaa ''of tulummaa'' kana akka hin fudhanneef mormiitoonni biyyattii gaafatan.

    Ambaasadar Ibraahiim Raasuul kan teessoo isaanii Waashingitan taasifatanii turan Ameerikaa keessaa ari'ataman.

    Ministiirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiiyoo ''nama Ameerikaa jibbaniifi nama siyyaasaa kan sanyiirratti xiyyeeffatan'' jechuun erga farajaniin booda, biyyattii keessatti fudhatama hin qaban jechuun biyyaa akka bahaniif ajaja dabarsan.

    Doonaald Tiraamp aangoo fudhachusaanii hordofee walitti dhufeenya Ameerikaa fi Afriikaa Kibbaa jidduutti muddamaan kan guutame ta'e.

    Haata'u malee Ministitti Quunnamtii Idil addunyaa Afriikaa Kibbaa Doonaald Laamoolaa ''Tiwitaraan dippilomaasii irratti hirmaachuun fayyidaa hin qabu. Biyyoonni lmaan fuldura waliitti dubbachu qabaatu'' jechuun miidiyaa motummaa SABCtti himan.

    Qeeruumsa cimaadhaan kan beekamanii fi Afriikaa Kibbaatti haqa qabeessuummaa jijjiruudhaaf paartii hojjatu dursaan 'Economic Freedom Fighter', Juuliyees Meeleemaa, ''biyyattiin gowwoota birtukaana Waayiti Hawuus to'ataniin nahuu akka hin hayyamne'' jechuudhaan pirezidantii biyyattii SiiriilRaamaafosaaf ergaa dabarsan.

    Barreessaan olaanaa Kongiresii Paan Afriikaa Azaaniyaa (PAC) Apaa Poo'e illee murtee Ameerikaa balaaleffachuudhaan, haleellaa walabummaa Afrikaa Kibbaa irratti raawwatame akkasumas yaalii gahee murteessuu imaammata biyyattii irratti qabaachuuf taasifamuudha jedhaniiru.

    "Afriikaan kibbaa ashangulliitti Ameerikaa miti, gidduu seenummaa tokko malee biyya keenya bulchuuf mirga qabna," jedhan.

    Tiraamp seera lafaa Afrikaa Kibbaa falmisiisaa ta'efi kan mootummaan haalawwan murtaa'e keessatti beenyaa malee lafa akka fudhatu hayyamu, cimsuun qeeqaa turan.

  15. Tiraamp fi Puutiin yeroo dhiyootti waliigaltee dhukaasa dhaabuurratti bilbilaan mari'achuuf - Ergamaa Ameerikaa

    Pirezidantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Traamp fi gitni isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin guyyoota ittaanan keessatti mari'achuuf kan jiran yoo ta’u, lola waggoota sadiif Yukireen keessatti gaggeeffamaa ture irratti dhukaasa dhaabuuf mariin itti fufee jira.

    Ergamaan Ameerikaa Istiiv Wiitkoof, Kamisa darbe Moskootti Puutiin waliin kan wal argan yoo ta'u, ''torbee kana pirezidantoonni biyyoota lamaan bilbilaan ni mari'atu'' jedhanii eegaa jiraachuu CNN'tti himaniiru.

    Itti dabaluudhaanis, ''Yukireenota waliinis wal quunnamuu fi haasawa gochuu itti fufnee jirra,'' jedhan.

    "Waan yaadaa jirru hunda irratti isaan gorsaa jirra."

    Torban darbe Ameerikaa fi Yukireen waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 30'f turu Raashiyaaf dhiyeessuuf waliigalaniiru.

    Puutiin dhukaasa dhaabuu akka deeggaran kan dubbatan yoo ta'u, nagaa galmaan ga’uuf haal-duree ciccimoo tarreessaniiru.

    Wiitkoof gaaffii fi deebii Dilbata darbe taasisaniin; "Pirezidantoonni lamaan torban kana dhuguma marii gaarii ta'e taasisuuf jiru jedheen yaada," jedhan.

    Akkasumas, gareewwan mariisistoota Ameerikaa torban dhufu keessatti gitasaanii Yukireen fi Raashiyaa lamaan irraa akka wal argan dubbataniiru.

    Wiitkoof itti dabaluudhaan, ''torban dhufu keessatti" waliigaltee irra akka ga'amun amana jedhan.

    ''Torban kana jijjiirama ta'e arguuf akka jirru dhuguma abdiin qaba,'' jedhan.

  16. Haleellaa qilleensaa Ameerikaan Yaman irratti raawwatteen 53 ajjeefaman jedhe Huutiin

    US haleellaa ''cimaa fi akkaan murteessaadha'' jette hidhattoota Huutii Yaman keessaa irratti qiyyaafachuun kan eegalte Sambata darbe, Bitootessa 15, 2025 ture.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp, Huutiin Galaana Diimaa irratti doonii waan haleeleef garee kanarratti tarkaanfii kana fudhachuu ibsan.

    US hooggantoonni gameeyyiin Huutii ajjeefamuu ibsitus, gareen kun garuu kana hin mirkaneessine.

    Hoogganaan Huutii Abdul Malik al-Huutii US Yaman haleeluu itti fufti taanaan hidhattoonni isaanii Galaana Diimaa irratti dooniiwwan haleeluu akka itti fufan ibsan.

    Dubbi himaan Huutii Anis al-Asbahi ''daa'imman shanii fi dubartoota lama'' dabalatee namoonni 53 haleellaan qilleensarraa US raawwatteen ajjeefamaniiru jechuun X irratti barreessan.

    Namoonni 98 madaa'uu ibsan. Wiixata har'aas Al Jaouf fi Hudayidaa keessatti US haleellaa raawwachuu Huutiin ibseera, US kanarratti hanga yoonaa yaada hin kennine.

    Ministirri Ittisaa US Pete Hegseth hanga Huutiin haleellaa dhaabuutti oppireeshiniin misaa'elaa itti fufa jedhan.

    Pirezidant Tiraamp haleellaa Sambata darbee wayita labsan ''hanga galma keenya milkeessinutti humna cimaa fi hedduu fayyadamna,'' jedhanii turan.

    Kallattiin dhaamsa Huutiif dabarsaniin, ''yoo gocha kanarraa of hin qusanne akkaataa kanaan dura argamee hin beekneen haleellaa isinirratti raawwata,'' jechuun doorsisan Tiraamp.

    Gareen hidhattoota Iraaniin deeggaramu Huutiin, Israa'eliin akka diinaatti ilaala. Magaalaa Sanaa fi kaaba-lixa Yaman to'atee jira.

  17. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra.

    Odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa maraa hordofnee karaa kana isin biraan geenya.

    Odeessaalee armaan dura tamsaasa kallattiin dabarsaa turre asii argattu.

    Bakka nagaa oolaa!