Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Gaazaatti 50,000 ol ajjeefaman - Ministeera Fayyaa Hamaasiin hoogganamu

Erga waraanni Gaazaatti eegalee namoonni 50,000 ol ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, 'Raashiyaan gaaffii hin barbaachiifne' kaasuu dhaabuu qabdi jedhe Zeleniskiin

    Raashiyaan ''gaaffii hin barbaachifne'' kan waraana kana harkifachiisuu dhiyeessu dhaabuu qabdi jechuun pirezdantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin walgahii har'a gaggeessitoota Gamtaa Awurooppaatti dubbatan.

    ''Puutiin gaaffii hin barbaachifne kan waraana kana dheeressu dhiyeessuu dhaabuudhaan, waan addunyaadhaaf waadaa gale raawwachuu jalqabuu qaba,'' jedha Zeleniskiin haasaa karaa viidiyootiin taasisaniin.

    Addunyaan dhiibbaa Puutiin irratti godhamu akka itti fuftu gaafatee, sababiinsaa "yeroo tokkicha jecha isaanii ni kennu, sa'aatii muraasa booda immoo hiika homaatuu hin qabu," jedhan.

    Zeleniskiin akkasumas qoqqobbii Moskoorratti kaa'ame "hanga Raashiyaan lafa keenya keessaa bahuu jalqabdeefi miidhaa weerara isheetiin qaqqabe guutummaatti beenyaa kaffaltutti" turuu qaba jedha.

  2. Haleellaa halkan Israa'el Gaazaatti itti fufteen namoonni 85 ajjeefaman

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa haleellaa qilleensaa Israa'el halkan edaa Gaazaatti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 85 ajjeefamaniiru jedhe.

    Waraanni Isaa'el haleellaasaa kana booda rookkeettiiwwan sadii Hamaas haaloo bahuuf gara Teel Aviivitti dhukaase fashalsuu ibseera.

    Israa'el waliigalteen Hamas waliin mallattaa'ee Hamaasiin cabeera. Hidhamtoota gadhiisuu dideera jehcuun haleellaa qilleensaa fi duula lafoo eegalteetti.

    Guyyoota lamaan darban kanas lakkoofsi namoota ajjeefamnii 430 ol ta'eera.

  3. Kiriimlin Awurooppaan 'paartii waraanaa' taatee jirti jette

    Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa fi Volodymiir Zeleniskiin walgahii Biraaselsitti gaggeeffamuuf yeroo qaqqabaa jiraniitti, dubbi himaan Kiriimlin Dimitrii Peskoov ammas Awurooppaan tattaaffii Raashiyaafi Ameerikaan Yukireen keessatti “qubsuma nagaa” jedhee waameen fiduuf tattaaffii taasifamaa jiruu deeggaruu didan jechuun himataniiru.

    ''Awurooppaan ofiishee gara waraanaatti jijjiruudhaan gara dhaaba waraanaatti jijjiiramteetti,'' jechuun ibsa guyyuu gaazexeessitootaaf kennaniin dubbatan.

    “Karoora Awurooppaa gara waraanaatti jijjiiruuf kun fallaa yaada pirezidaantota Raashiyaa fi Ameerikaa kanneen adeemsa yaalii karaa nagaa jalqabuuf mala barbaadanii ta'un beekamaadha.”

  4. Waraanni Sudaan Masaraa Pirezidaantii harka RSF irraa fudhachuuf dhihaate

    Televijiiniin mootummaa Sudaan akka gabaasetti Humni waraanaa Sudaan masaraa pirezidaantii Kaartuum Humnoota Dafee Qaqqabaa (RSF) irraa to’achuuf dhihaateera.

    Kun ammoo wal waraansa waggoota lamaaf biyyattii diigaa jiru keessatti tarkaanfi murteessaa ta'u eere gabaasni kun.

    Ebla bara 2023 yeroo waraanni kun ka’u RSF dafee masaraa mootummaa fi naannawa magaalaa guddoo qabatee ture, Humnootni waraana sudaan ji'oota darban keessa nannawa kana qabachuuf waraana cimaa taasisaa turan.

    Jalqaba bara kanaatti mootummaa hundeeffachuu kan jalqabe RFS kutaalee Kaartuum fi ollaa Omdurman, akkasumas sudaan dhihaa keessatti wal waraansi adeemaa tureera.

    Amma Waraanni sudaan Magaalaa guddoo kana fudhachuun waraanni kun giddugala Sudaan guutummaatti dhuunfachuuf sochii taasisaa jira jedhamae.

    Mariin nagaa garee kana laman gidduutti akka taasifamuuf tattaaffiin godhame tokkollee hin dhugoomne.

    Kibxata darbe naannoo masaraa mootummaatti lola cimaan kan ka’e yoo ta’u, dhohinsi dhaga’amee haleellaan qilleensaa waraanni giddugala Kaartuum irratti xiyyeeffate jechuun namoonni ijaan arganii fi maddeen waraanaa Rooyitarsiitt himaniiru.

    Waraanni kun rakkoo gargaarsa namoomaa addunyaa irratti isa guddaa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii jedhee waamu kan fide yoo ta’u, RSF fi humni waraanni Sudaan dhiittaa mirga namoomaa hamaa ta’een himatamu..

  5. Yukireen buufata xiyyaaraa Raashiyaa 'Engels' irratti haleellaa raawwachuu mirkaneessite

    Yukireen halkan darbe buufata xiyyaaraa 'Engels' kan bulchiinsa Raashiyaa Saratov keessatti argamu irratti haleellaa raawwachuu mirkaneessite.

    Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraanaa Yukireen ibsa kennaniin, "Humni waraanaa kun aviyeeshinii weerartootaa keessumaa haleellaa misaa’elaa naannoo Yukireen irratti raawwatuu fi haleellaa shororkeessummaa ummatashee nagaa irratti raawwatuudf deebii kennuuf kan fayyaduudha” jedhe.

    ''Naannoo buufata xiyyaaraa kanaatti ibiddi, dhohinsii fi dhukaasni dhagahameera," jedha ibsichi.

    Isaan dura ammoo, miidiyaaleen mootummaa Raashiyaa naannoo sanatti labsiin yeroo muddamaa labsame akka ture gabaasanii jiru.

  6. Haleellaa eda Israa'el Gaazaarratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 55 du'an

    Haleella halkan edaa Israa'el Gaazaa irratti raawwatteen yo xiqqaate namoonni 55 ajjeefamuu Ittisni Sivilii Gaazaa beeksise.

    Erga dheengadda Israa'el bifa haaran Gaazaa irratti haleellaa gaggeessuu eegaltee namoonni 400 ol ajjeefamuun ibsame.

    Israa'el haleellaa qilleensarraa gaggeessituun alatti humna lafoonis waraana eegalteetti. Kuni ammoo adeemsa balaafamaafi waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabse ta'uu ibse Hamaas

    Hanga Hamaas namoota butee harkaa qabu deebisutti halellaa cimaan Gaazatti akka gaggeeffamu Israa'el beeksifteetti.

    Humni Waraanaa Israa'el ibsa baasen humni lafoo koridara kibba Gaazafi kaaba Gaazaa gargar baasu gidduutti bobabba'uu dabalataan jiraattonni Gaazaa naannicha jiraatan bakka biraatti akka baqataniif ajaja kennuu beeksise.

    Israa'elifi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa sadiin hojiirra oolurratti waliigalanii turan. Marsaan jalqabaa ji'a Bitootessaa gara jalqabaa dhumate.

    Marsaa ittaanutti cehuuf Israa'elifi US waliigaltee duraan hin turre dhiyeessan jechuun Hamaas fudhachuu akka didetu gabaafame.

    Israa'el ammoo Hamaas namoota butaman gadi lakkisuu dide jechuun duula waraanaa jalqabuu beeksifte.

  7. Haleellaa Yukireen booda Raashiyaan labsii yeroo muddamaa labsite

    Yukireen haleella diroonii Raashiyaarratti gaggeessuu hordofee bulchiisa Saraatoov, magaala Enjils keessatti Raashiyaan labsii yeroo muddamaa labsuu miidiyaalen biyyattii gabaasan.

    Haleellan diroonii Yukireen gaggeessite, buufata humna qilleensaa guddicha magaala Enjils keessatti argamu rukute.

    Buufata humna qilleensaa Raashiyaa kanatti sagaleen dhukaasafi abiddi uumamuu hordofee jiraattonni naannicha gadhiisanii akka bahan qondaalonni Raashiyaa ajajaniiru.

    Bulchaa bulchiinsa Saraatov kan ta'an Rooman Busaarjiin, "Saraatoovifi [magaalli] Enjils] har'a haleellaa diroonii cimaatu isaan mudate" jedhan.

    Sababa abiddi buufata human qilleensichaatti mudateef namoonni naannoo sana jiraatan akka bakka biraatti baqatan godhama jiraachus himan.

  8. Hidhattoonni Huutii misaa'ela balistikii Israa'elitti dhukaasan

    Hidhattoonni Huutii misaa'ela bilaastikii Israa'elitti dhukaasuu beeksisan. Kunis Israa'el bifa haaran Gaazatti haleellaa jalqabuu hordofeeti.

    Huutii Yaman ibsa baasen misaa'elli kun buufata xayyaaraa Deevid Beengooriyoon magaala Tel Aviiv jiru haleeluf akka ta'e beekise.

    Haa ta'u garuu misaa'elli dhukaafame kun bakka yaadame osoo hin haleelin rukutamee kufeera.

    Ministeerri Ittisaa Israa'el ibsa baasen sagaleen akeekkachiisaa kmutaalee Israa'el keessatti dhagahameera.

    Misaa'elii hidhattoonni Huutii dhukaasan daangaa Israa'el osoo hin seenin rukutamee kufuus beeksise.

    Gama biraan ammoo Israa'el haleellaa Gaazatti gaggeessitu itti fufteetti. Ittisi Sivilii Gaazaa akka beeksisetti, haleellaa har'a Israa'el gaggeessiteen Gaazatti yoo xiqqaate namoonni 10 du'aniiru.

  9. Yukireen buufata humna qilleensaa Raashiyaa haleelte

    Pirezidaantin US Doonaald Tiraamp Raashiyaafi Yukireen dhukaasa akka dhaabaniif qopha qophaatti bilbilaan dubbasanis isaan wal-haleeluu hin dhaabne.

    Lamaaansanituu haleellaa diroonii cimaatin wal-reebaa jiru. Yukireen haleellaa diroonii ganama kana raawwatteen buufata humna qilleensaa Raashiyaa bulchiinsa Saraatoov keessatti argamu rukutte.

    Buufanni humna qilleensaa Raashiyaa magaala Enjils keessatti argamu kun haleellaa Yukireen irratti raawwatamuuf shoora guddaa kan taphatuudha.

    Ministiirri Ittisaa Raashiyaa ibsa baasen dirooniwwan Yukireen dhukaaste 132 rukutee kuffisuu beeksise. Haa ta'u garuu, haleellaa kanaan diroonin Yukireen buufata humna qilleensaa bulchiinsa Seraatov keessatti argamu haleelera.

    Raashiyaanis dirooniwwan heddu Yukireenitti dhukaaste.

    Yukireen gamasheen dirooniwwan 171 Raashiyaan itti dhukaaste hundumaa rukuttee kuffisuu beeksfte.

    Haleellan kun kan dhagahame, US tattaaffii dippilomaasii cimaa taasiftee pirezidaantii Raashiyaafi Yukireen waliin erga marii gootee boodadha.

    Tiraampifi Puutin marii karaa bilbilaa gaggeessaniin Raashiyaan buufataalee anniisaa Yukireen akka hin haleelle Puutin waadaa seenee ture.

  10. WBO imaltootni 56 butaman isa jedhu qorachaa akka jiru ibse

    Waraanni Bilisummaa Oromoo imaltootni Finfinnee ka'anii gara Dabra Maarqoositti imalaa turan Godina Shawaa Kaabaa aanaa Dagam keessatti butaman gabaasa jedhu qorachaa jiraachuu ibse.

    Waraanichi ibsa gabaabaa fuula X gubbaa kaaheen Shawaa Kaabaa naannoo Ficheetti namoota nagaa butuun raawwateera gabaasni jedhu nu qaqqabeera, amma qorachuutti irra'' jedhe.

    Qorannoosaa wayita raawwatu bu'aasaa ifa akka godhus ibseera.

    Imaltootni 56 Bitootessa 17 naannoo Ali Door jedhamutti haleellaan irratti raawwatamuu booda butamuun gabaafameera.

    Imaltootni kun garri geeffaman hin beekamnes jedhameera.

  11. Raashiyaafi Yukireen booji'amtoota waraanaa wal jijjiiran

    Pireezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii konkolaattotni lammiilee Yukireen 175 harka Raashiyaa turan bulchiinsa Kaaba Chernihiiv gahuu ibsan.

    Yaada X gubbaa maxxansaniin booji'amtoota gadhiifaman keessaa 22 ''akkaan madaa'aniiru'' jedhan.

    ''Deeggarsi meedikaalaafi xiinsammuu barbaachisaa ta'e atattamaan dhiyaataf'' jechuunis beeksisan.

    Zeleniskiin waljijjiirraan booji'amtoota waraanaa kun isa guddaa ta'uu ibsaniiru.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Mooskoonis akkasuma booji'amtoota waraanaa 175 Kiiv irraa akka eegdu ibseera.

    Biyyootni lamaan booji'amtoota waraanaa walii hiikuuf kan waliigalan jaarsummaa Yunaayitiid Arab Emireets hoogganteeni.

  12. Tiraamp Zeleniskii waliin bilbilaan 'mariii gaarii' taasisuu himan

    Pirezidaantiin Ameerika Doonaald Tiraamp, Pirezidaantii Yukireen Volodimiir Zeleniskii waliin marii ''baay'ee gaarii'' fi gara sa'aatii tokkoof ture ta'uu ibsaniiru.

    ''Mariin kun baay'een isaa marii kaleessa Pirezidaantii Puutiin waliin taasifame irratti kan hundaa'e yoo ta'u, Raashiyaa fi Yukireen lamaan isaanii haala gaaffii fi fedhii isaaniitiin walsimsiisuuf ture,'' jedhan Tiramp.

    Itti dabaluudhaan, “amma kallattii baay’ee gaarii irra jirra” jedhan.

    Tiraamp akka jedhanitti, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Maayik Waaltez ''qabxiilee mari'ataman irratti ibsa qajeelaa akka kennan'' gaafachuu isaanii dubbataniiru.

    Ibsi dabalataa ''yeroo gabaabaa keessatti'' qaamota dhimmichi ilaalalatu irraa ni kennamas jedhan Tiraamp

  13. Gaazexessaan Gaanaa miseensa paarlaamaa duraanii himatee US'tti miliyoonni 18 murtaaheef

    Manni murtii Ameerikaa gaazexeessaa qorannoo Gaanaa Anas Aremeyaw jedhamu erga gareen inni miseensa paarlaamaa duraanii Gaanaa Keeneedii Agyaapoongiin maqaa balleessiin himatee boodaa doolaara miiliyoona 18 murteesse.

    Keeneedii Agyaapoongiin yaada qorannoo gaazexessummaa BBC'tin bara 2018 hojii malaammaltummaa inni kubbaa miilaa Gaanaa fi bakkeewwan birootti hojjate saaxiluu hordofee,waa'ee Gaazexesichaa kenne hordofeeti himatni kan irratti baname.

    Miseensa paarlaamaa Gaanaa duraani kun gaazexeessaa kana ''yakkamaa'' jechuun ibsuun ajjeechaa gaazexeess biyyatti tokko duuba akka jiru yakke.

    Anas waggoota torba dura mana murtii Gaanaa keessatti himata itti banullee ni mo'ame. Haa ta'uu malee bara 2021 bakka anga'aan qabeenya horatee qabu Ameerikaa New Jerseytti himata haaraa bane.

    Manni Murtiichaas torbee darbee murtoo dabarseen Keeneedii Agyaapoongii maqa balleessuun itti gaafatama jedheera. Gazexeessichaafis badhaasa doolaara miiliyoona 18 mureera.Lakkofsi kun miidhaa adabbii doolaara miiliyoona 8 kan anga'ichatti murtaa'e kan dabalatu ture.

    "Haqni mo'ateera. Injifannoon kun koo qofaaf osoo hin taane, kanneen miidiyaa walabaaf hojjatan maraatis jedhe'' Anas

  14. DR Koongoofi Ruwaandaan Kataaritti waraanni akka dhaabatu waamicha godhan

    Pireezidantiin Rippaablika Dimookraatawaa Koongoof Feeliks Tisisekeediifi gitni isaanii Ruwaandaa Pool Kagaamee Kataaritti marif ta'uun booda Baha DR Koongoo keessatti dhukaasanii akka dhaabatu waamicha godhan.

    Erga Ruwaandaan hidhattoota M23 deeggaruun garichi kutaalee Koongoo qabachuu eegalee as bulchitootni lameen fuulaa fuulatti wal arganii wayita mariyatan kun kan jalqabaati.

    Waaran Koongoofi hidhattoota Ruwaandaan deeggartu kunniin gidduutti waraana adeemaa jiruun Ji'oota sadan darban qofa namootni 7,000 lubbuu dhabaniiru jedhu aanga'oonni.

    M23 waamicha dhukaasa dhaabuu kana fudhachuufi dhiisuun ammatti hin beekamne. Ammoo gareen kun waraana dhaabuurratti mariyachuuf marii nagaa Angoolaatti Kibxata darbe qophaayee ture irratti akka hin hirmaanne ibsee ture.

    DR Koongon Ruwaandaan hidhattoota M23 deeggarti jechuun himata. US fi UN himannaa kana ni deeggaru. Ruwaandaan garuu takkaa hin amanne.

  15. Tiraamp fi Puutin bilibilaan dubbachuu booda Raashiyaa fi Yukireen wal haleelan

    Vilaadmiir Puutin biyyisaa bu'uuraalee misooma anniisaa Yukireen haleeluu akka dhaabdu haasaa Tiraamp waliin taasise booda ibseera.

    Garuu erga Tiraamp waliin dubbatanii sa'atiiwwan muraasa keessatti biyyoonni lameen haleellaa walirratti banuun misoomaawwan bu'uuraa hedduu wal jalaa mancaasan.

    Pirezidnatiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii iddoowwan Raashiyaan irratti qiyyaafattee haleellaa raawwatte keessa hospitaalonni jiraachuu ibse.

    Haleellaan kun, qondaalli Raashiyaa marii dhukaasa dhaabuu Kibxata kaleessaa Tiraamp waliin bilbilaan taasise akka hin fudhanne mul'isa jedhe Zeleniskiin.

    Tiraamp dhukaasa dhaabuun guutummaatti kan milkaa'u yoo Yukireen michootasheerraa gargaarsa meeshaa waraanaa argachuu dhaabde qofa jechuun Tiraampitti himee ture.

    Haal-duree kana Awurooppaanonni michoota Yukireen ta'an akka hin fudhanne dursanii ibsaniiru.

    Qondaalonni bulchiinsa Kibba Raashiyaa- Kiraasnoodaar, Yukreen buufata boba'aa irratti haleellaa diroonii raawwachuu himatan.

    Zeleniskiin ammoo Raashiyaan erga Putiin Pirezidanti Doonaald Tiraamp waliin bilbilaan dubbatee sa'atiiwwan muraasa keessatti dirooniiwwan 40 caalan gara Yukireen dhukaasuu himate.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa gamasaan dirooniiwwan Yukireen 57 qilleensarratti qolatamuu ibse, kanneen keessaa 35 naannawa Kursk irratti dhukaafamuu hime.

    Mariin Puutin fi Tiraamp bilbilaan taasisan akkaan eegamaa ture. Puutin hatattamaan guutummaatt dhukaasa dhaabuu fudhachuu dideera, garuu bu'uuraalee anniisaa Yukireen haleeluu akka dhaabu waliigaleera.

  16. Waraana Yukireen dhaabuurratti Baha gidduugalaatti mariin atattammaa ni eegala

    Pireezidantummaa Tiraamp booda yeroo lammataaf bilbilaan kan dubbatan Tiraampiifi Putiin barbaachisummaa dhukaasa dhaabuurratti dubbachuu Waayit Haawus beeksise.

    Pirees Sekireetariin masaraa US Kaarolaayin Leevit yaada X gubbaa qoodaniin bulchitootni lameen barbaachisummaa nagaafi waraana dhaabuurratti dubbatan'' jedhan.

    Hoogganoonni lamaanuu waraanni Yukireen haala waaraa ta'een dhaabachuu akka qabu waliigalaniiru jedhan.

    Dhimma Yukireeniin alatti dhimma meeshaa waraanaa tarsiimawaa fi dhibdee Israa'eliifi Iraan irrattis dubbachuu himan.

    Hegereen biyyoota lamaanii tumsa waloo fooyyee qabu irra akka gahu irratti waliigaluus aanga'aa'n kun ibsaniiru.

    Tumsi kun waliigalteewwan dhimma diinagdee fi tasgabbii ji'oo politiksii irratti kan hundaa'u ta'uus ibsi Waayit Haawus beeksiseera.

    Waayee waraana Yukireen dhaabuu ilaallatuun ammoo mariin ariifachiisaan Baha gidduugaleessaatti akka eegalu ibseera.

  17. Tiraampiifi Putiin daqiiqaa 90f bilbilaan dubbatan

    • Pireezidantiin US Doonaald Tiraampiifi gitini isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin daqiiqaawwan 90f bilbilaan mariyachuu Waayit Haawus beeksise.Anga'ootni US Mariiin kun ''akka gaariitti deemaa jira'' jechuun yoo ibsan ammallee wantootni ijoon irratti mariyataniifi irra gahan maal akka ta'e ifa hin taane. Tiraamp marii kana dura yaada kennanii turaniin dhimma lafaa, buufata waraanaafi qabeenya tokko tokko qooddachuurratti dubbanna'' jedhanii ture.
  18. Iraan, Masrii, Gamtaan Awurooppaa fi kanneen biroo waa'ee haleellaa Israa'el maal jedhu?

    Waa'ee haleellaa Israa'el Gaazaa irratti raawwatte ilaalchisee biyyootni adda aaddaa yaada kenna jiru.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esma'el Baghayi akka jedhanitti, Ameerikaan ''naannoowwan lammileen Filisxeemin qabaman keessatti duguuggaa sanyii itti fufuuf isheef kallattiin itti gaafatamummaa qabdi''jedhan.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Masrii Taamiim Kehallaaf haleellaan xiyyaaraa Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu ifatti cabsuu fi “balaa dhale” kan agarsiisu ta’uu eeran

    Dubbi himaa mootummaa Jordaan halkan edaa irraa eegalee ''haleellaa gara jabummaa fi hamaatu Gaazaa irratti raawwatamaa jira, weerara kana dhaabuun barbaachisaadha''

    Sa'uudii Arabiyaan haleellaa Israa'el ''naannoo namoonni nagaa ittisa hin qabne jiraatan irratti raawwatte balaaleffatteetti, ''seera namoomaa idil-addunyaa kan cabsee''. jette

    Komishinii gargaarsaa, Gamtaa Awurooppaa -lammiileen Gaazaa ''rakkina hin yaadamne dandamataniiru'' jechuun haleellaan bifa haaraan eegale akka dhaabbatuu fi walii galteen dhukaasni dhaabuu akka kabajamu gaafachaa jiru.

  19. Putiin biyyoota alaa amanuurratti dhaabbilee biyyattii akeekkachiisan

    Marii bilbilaa Tiraampiifi Raashiyaa waan haaraa dhageessisa jedhamee eegamu dura Putiin Moskootti haasaa godheen dhaabbilee gurguddoo biyyattii biyyoota alaa amanuurratti akeekkachiisan.

    Waldaa Indaastiriyaalistootaafi Intarpireenerootaa Raashiyaa irratti haasaa wayita godhan biyyoota alaa akkaa ol amanuurratti akeekkachiisan.

    Ala wanti gaariin maaltu jira? jechuunis gafatan.

    ''Waan mara ofiif saammatu jechuun gochaa qabeenyawwan Raashiyaa ugguruu fi kan ofii godhachuu irraa dubbatan.

    Sirni addunyaa isaaniif malee kaaniif hin hojjetu yaada jedhu kaasuun ''isaan amanuun rakkisaadha'' jechuun sirna seeraafi siyaasaa ofii ijaaruun barbaachisa jedhan.

  20. Balalisaan xiyyaraa Yeroo Waraana Addunyaa 2ffaa hirmaate boqate.

    Balalisaan xiyyaraa kun lammii Biriteen yoo ta'u yeroo waraana Addunyaa lammaffaa kanneen waraanicha irratti hirmaatanii hanga yoonatti lubbun ture isa qofaa ta'uu hin oolu.

    Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa balaliisaa waraanaa Biriteen kan turan Joon Paadi Heemiingweey, umurii isaanii waggaa 105tti addunyaa kanarraa boqotan.

    Humni Qilleensaa biyyattii akka beeksisetti, Hemingway balaliistota muraasa bara 1940moota keessa haleellaa Naazii irraa Biriteen ittisuuf tattaaffii waraanaa gumaachan keessaa isa tokko ture

    Balaliisan kun xumura waraanichaa booda Ministira muummee biyyattii yeroo sana turan Keyir Starmer badhaasaa kabajaa fudhataniiru. akka mallattoo bilisummaa biyyattittillee leelifamaa turan.