Imbaasii US Iraaq jirurratti haleellaan irra deebiin raawwatame

Madda suuraa, Reuters
Mooraa imbaasii Ameerikaa Iraaqittti argamu keessatti haleellaan haaraan raawwatamuun dhaga'ameera.
AFP fi Rooyitars akka gabaasanitti, Roobii ganama naannawaa Imbaasichaatti dhohinsi dhaga'ameera.
Sabaa-himaaleen maddeen achi jiraniifi gaazexeessitoota AFP magaalattiitti argaman eeruun naannawaa hawaasni dippilomaatii itti baayyatutti kan argamu Imbaasii US'tti dhiyoo dhohinsa dhaga'uu gabaasaniiru.
Erga waraanichi jalqabee kaasee imbaasiin Ameerikaa irra deddeebiin haleellaan irra gaheera.


