Tiraamp osoo Iraan muddaa jiranii EU'n Eegdota Iraan shororkeessaa jedhe

Gamtaan Awurooppaa Humna Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC) tarree shororkeessitootaa jedhuunitti dabale.

Guduunfaa

  • Iraaq Maaliki Ministira Muummee gooti taanaan US gargaarsa irraa kutti- Tiraamp
  • Pirezidantiin Naayijeeriyaa erga Turkiitti gulantaarraa kufee booda amma fooyya'eera
  • Helikooptarri waraanaa Ameerikaa Bishooftuu qubate
  • Dooniin guddaan Ameerikaa xiyyaarota waraanaa baatu Baha Giddugaleessaa dhaqqabe
  • UK'n michummaa Ameerikaa faana qabduuf jettee Chaayinaa hin qoolliiffattu - MM UK Istaarmar
  • Odeeffannoo biroof: marsariitii, Facebook, YouTube, WhatsApp irratti nu hordofaa.
  • Tiraamp qondaala mootii daangaa (border tsar) jedhamu Tom Homan Minisootaatti ramade
  • Finfinneetti dargaggeessa qunxurroo guutumatti ofirraa mure baqaqsanii yaaluun deebi'ee hodhameef
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lakkoofsi namoota mormii Iraanitti du'anii kuma ja'a caale

    Namoota yeroo mormii kana keessa ajjeefaman keessatti kan umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta'e ni jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni oduu Mirgoota namoomaa Iraan gabaasa haaraa baaseen, lakkoofsi namoota mormii guutummaa biyyattii keessatti torbanoota darban keessa bahamerrati ajjeefamanii kuma ja'aa ol ta'uu ibse.

    Gareen mirgoota namaaf quuqamu Ameerikaa jiru kun,ragaa hanga ammaatti walitti qabeen namoonni 6,126 ajjeefamuu beeksiseera.

    Namoota ajjeefaman keessaa umuriin isaanii waggaa 18 gadi kan ta'an 86, akkasumas miseensonni nageenyaa motummaa 214 ajjeefamaniiru.

    Lakkoofsi namoota du'anii isaa olillee ta'uu akka danda'u ibsuun, 11,000 ol kan ta'an ammoo madaa'aniiru.

    Namoonni 41,000 ol ta'an ammoo humnoota mootummaatiin qabamanii hidhaa jiru.

  2. Ameerikaan Iraaniin haleellaan Heezboollaah fi gareen kaan Iraan waliin akka dhaabbatan himan

    Hayatolaa Komeenii

    Madda suuraa, AFP VIA GETTY

    Pirezidant Tiraamp Iraan akka haleelan dhaadataa turaniiru. Ameerikaan Iraanirratti haleellaa yoo raawwatte, Hezboollaah fi gareen hidhattootaa Iraaq keessa jiran akka Iran waliin dhaabbatan beeksisaniiru.

    Yeroo muddamni Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru cimaa jiru kanatti, dooniiwwan waraanaa Ameerikaa naannawa sana qaqqabuun isaanii gabaafameera.

    Kana hordofees, Ameeriaan Iraan irratti haleellaa raawwachuu dandeessi yaaddoon jedhu kan uumame yoo ta'u, Hezboollaah Libaanos keessa jiru dabalatee gareen Baha Giddu-galeessaa keessa jiran Iraaniin deeggaraman haleellaan irratti raawwatamnaan Iraan cinaa akka dhaabbatan ibsaa jiru.

    Barreessaan Olaanaa Hezboollaah haleellaan Iraan irrratti raawwatamu isaanirratti akka raawwwtametti kan lakkaa'amu akka ta'e ibsuun, arrabni abidda waraana haaraa waliigala naannawa kan gubu ta'a jechuun akeekkachiisaniiru.

    Itti dabaluun dursaan garee kanaa Hogganaa waliigalaa Rippabilika Islaamaa Haayatola Alii Komeenii irratti yaaliin ajjeechaa "haleellaa shororkeessuu tasgabbii Baha Giddu-galeessaafi addunyaarratti" ta'udha jedheera.

    Kun osoo kanana jiruu gareen hidhattootaa Iraaq keessa jiran Iraaniin deeggaraman haaluma wal fakkaatuun haleellaan Ameerikaa fi Israa'el irraa Iraan irratti kan raawwatamu taanaan, Iraan waliin dhaabbachuuf qophii ta'uu himan.

    Libaanos keessatti kan argamu Hezboollaah dhiyenya kana lola Israa'el waliin gaggeesseen hoggantoota isaa dabalatee miseensonni isaa baayyeen jalaa ajjeefamanii baayyee dadhabeera.

    Israa'el amumayyu Libaanos keessa seenuun haleellaa ni raawwatti.

    Iraan Hamaas warra Filisxeem fi Huutii warra Yaman dabalatee garee hidhattootaa Baha Giddu-galeessaa keessa jiran farra Ameerikaa fi Israa'el deeggaruun beekamti.

  3. Muddamni Iraan maaliif biyyoota Arabaa akkaan yaaddesse?

    Tiraamp Ilma Mootii Ahmad bin Salmaan waliin

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Yeroo muddamuu fi waldhabdeen Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru deebi'ee hammaatetti, yaaddoon biyyoota Arabaa Galoo Galaana akka malee dabaleera.

    Waraanni Iraan irratti banamu, waldhabdee bal'aa guutuu baha giddu galeessaa tasgabbii dhabsiisuu danda'u uumuu mala.

    Sa'uudii Arabiyaa, Qaataarii fi Omaan pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan irratti haleellaa waraanaa akka hin raawwanne dhorkuuf tattaaffii dippiloomaasii cimsaa jiru.

    Tarkaanfiin waraanaa Ameerikaan Iraan irratti fudhattu balaan isaa biyyoota ollaa hin hanqatu.

    "Biyyoonni Galoo Galaanaa waldhabdee Ameerikaa fi Iraan keessaa bilisa ta'uu hin danda'an. Jaalatanis jibbanis dirree waraanaa ta'uun isaanii waan hafu miti'' jedhu xiinxaltootni.

    Waldhabdeen waraanaa Iraan hirmaachisu kamiyyuu balbala fi ollaa biyyoota Galoo galaanaa akka Sa'uudii Arabiyaa, Kuweet, Baahireen, Kaataar, Yunaayitid Arab Emireetis fi Omaa durtti kan raawwatamuudha.

  4. Iraaq MM duraanii Maaliki ammas ni filatti taanaan US gargaarsa irraa dhaabdi jedhe Tiraamp

    Tiraamp fi Maaliki

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidant Doonaald Tiraamp yoo Iraaq Ministira Muummee duraanii Nuurii al-Maaliki ammas filatte US biyyattii gargaaruu akka dhaabdu dhaadate.

    Iraan faana hariiroo gaarii kan qabu qondaalli Iraaq kun, dhuma torbee darbee irratti gamtaa paartilee siyaasaa warra Shi'aan durfamuun kaadhimame.

    Tiraamp ''Maalikiin nama badaadha, filannoo sirrii miti,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesse.

    ''Yeroo darbe yeroo Maalikiin aangoorra ture biyyattiin hiyyummaa fi hookkara keessatti kuftee turte,'' jedhe Tiraamp.

    Bara 2006 fi 2014 gidduu aangoorra kan ture Maalikiin wayita gareen IS ofiin jedhan kutaalee Iraaq hedduu to'atan aangoorraa bu'e.

    Qondaalli gameessi Iraaq kun erga Sambata darbe gamtaa paartilee Shi'aan durfamuun kaadhimamee booda pirezidantiin biyyattii akka raggaasisu waanuma eegamuudha.

    Iraaqitti aangoon pirezidantii hangas mara miti.

    Gareen Shi'aa Iraaq keessatti olaantummaa qabu biyya ollaa kan taate Iraan faana hariiroo jabaa qaba. Iraan mataanshee duree amantii Shi'aatiin hoogganamti.

    Ameerikaan ammoo garees ta'e biyya Iraan faana hariiroo qabu kamuu hin tumsitu, yaaddoo irraa qabdi. Kun Iraaqiinis ni dabalata.

    Nuurii al-Maalikii ministira muummee taanaan ''Iraaq gargaaruun ni dhaabbata,'' kan jedhe Tiraamp, gargaarsa US malee biyyattii keessatti milkaa'inni argamuu akka hin dandeenye ibse.

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo Ministira Muummee Iraaq amma aangoorra jiru Mohammad Shi'aa al-Sudaanii waliin bilbilaan wayita dubbatan waa'ee Maalikii yaaddoo akka qabu kaase.

    ''Mootummaan Iraaniin to'atamuu fi deeggaramu kamiyyuu fedhii fi dantaa uummata Iraaqiif dursa kennuu hin danda'u,'' jedhe Maarkoo Ruubiyoo.

  5. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Odeessaalee biyya keessaa fi biyya alaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii kanaan duraa asii argattu.