Rakkoon Arsenaal galgalaa dhabamuu Paarteen dhalatee?

Madda suuraa, Getty Images
PSG tapha dirree Emireetsitti 1-0n Arsenaaliin injifatee deebi'uuf kan isa gargaare keessaa tokko to'annoo kubbaa olaanaa qabaachuu ture. Arsenaal kubba aargate akka ta'utti walii kennuurratti qaawwa agarsiiseera.
Deeggartootni gariin Toomaas Paartee addabbiidhaan hirmaachuu dhabuun gidduurratti Arsenaal laafee mul'achuusaaf sababa jedhu.
Paarteen tapha isa torban har'a Paaris irratti ni deebi'a. Ittisni Arsenaal Johan Jooruu hiree Arsenaal darbuuf qabu kan murteessu Paarteen deebi'uu isaati jedhee amana.
''Gaheensaa guddaadha. Hangam takka barbaachisaa akka ta'e argaa turre...Dhugumatti dhabamuunsaa dhiibbaa uumeera.''
Arsenaal PSG waliin wayita taphatu qindoominni isa hanqateera. Toomaas Paartee osoo jiraatee Odegaardiifi Raayis akka fedhanitti akka taphtan hiree kennaaf ture jedhe.
Toomaas Paartee tapha isa marsaa lammataarratti deebi'uunsaa galtee guddaadhas jedheera.










