Paakistaan jaarsummaa Ameerikaa fi Iraan irratti ibsa kennite

Madda suuraa, Reuters
Paakistaan Ameerikaa fi Iraan gidduutti jaarsummaa taa'uuf carraaqqiin gootu sababoota waldhabdeen dabalaa dhufeen qormaanni akka mudate ibsite.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Paakistaan, Taahir Andrabi, ibsa gaazexeessitootaaf Islaamaabaaditti kennaniin,Paakistaan erga waldhabdeen hammaatee booda gahee gidduu seenummaa ishee dhiisteetti kan jedhu odeeffannoo sirri miti jechuun haalaniiru.
Haalli hammatus Paakistaan adeemsi marii akka itti fufu carraaqqii ishee hin dhaabne jedhan.
"Dhuma irrattis adeemsi nagaa fi marii akka mo'atu abdii qabna," jedhan Andrabi.
Itti dabaluudhaanis adeemsi nagaa guutummaatti hin dhaabbatu, garuu deebi’ee jalqabuu isaa dura yeroo muraasaaf dhaabbachuu mala jedhan.
Akka Andrabi jedhutti, qajeeltoowwan waliigaltee Islaamaabaad US fi Iraan gidduutti kaa’aman ammallee kan jiran yoo ta’u,waldhabdeen furmaatza akka hin finnee wayita hubatan, marii deebi’anii jalqabuuf itti fayyadamuu ni danda’u.
Paakistaan ammas qaamoleen hundi waldhabdee hammeessuu fi haala tasgabbii naannichaa balaadhaaf saaxilu kamirraayyuu akka of qusatan gaafatteetti.
Andrabi akka jedhanitti, Paakistaan ammas mariin akka deebi’ee akka jalqabamu jajjabeessuu itti fufteetti.
Dhimmoota hafan hiikuuf qaamonni hundi daandii marii fi dippilomaasii irratti xiyyeeffachuun akka itti fufanis waamicha taasifte.








