Isheenis yaadawwan Tiraamp waa’ee namoota hanga duula na filadhaa irratti ba’anii fi gocha inni jeequmsa Amajjii 6 bara 2021 Kaappitoolii Ameerikaa keessatti raawwatame irratti kenne kaaftee turte.
Tiraamp fi deeggartoonni isaan, falmiichaan booda gaazexeessitoonni ABC lamaan kan falmii sana geggeessaniin falmichi haqa kan hin qabnee fi loogii kan qabuudha jechuun akka waan Kaamalaa Haaris deggeraniitti himatan.
Itti dabaluunis falmiin gara biraa akka isa hin barbaachifne Tiraamp Kamisa kaleessaa dubbatan.
Eegdoonni Paartii Biyyaaleessa Yaalaa Sirii Laankaa, maanguddoo umuriinsaanii waggaa 68 Luwiijii Feeraarii fi ilmasaanii Maatiiyaa kan waggaa 28 kan to'atan bara kana Caamsaa 8 ture.
Tarkaanfii mana murtii biyyatti
yakka gudeeddii fi ajjeechaa doktora hospitaala mootummaa kan magaalaa Kolkataa
keessatti raawwatame irratti kenname mormuudhaan hakimoonni mormiisaanii kan itti fufan.
''Lolli kun baayyee cimaadha,haalli jirus hanga ammaatti kan nu fayyadu miti,'' jechuun qondaalli maqaansaa akka hin dhahamne gaafate kun kan BBCtti himan.
Haleellaan Yukireen kun kan jalqabde Raashiyaan gara baha Yukireenitti dhiibbaa gootu irraa yaadashee akka kaaftuuf yaadame fakkaata. Amma garuu lafa Raashiyaa keessa galuun lafa hanga iskuweer km 1,300 (iskuweer maayilii 500) qaba.
Akka gabaasa New York Times jedhutti, humnoonni addaa Israa’el helikooptaroota irraa bu’uudhaan, dhaabbata Iraan ijaarte keessa dhoo’uu kaa’uun, odeeffannoowwan icciittii ammoo kaasanii daabii'an.
Qondaaltonni Ameerikaa fi gara biroos New York Times'n eeraman, suuraa hojii ija jabinaan hojjetame, kan dhaabbata waraanaa lafa jalaa barbadeessuuf qophaa'e akka ta'e agarsiisu.
Haleellaan qilleensaa garuu ittisa Siiriyaa dadhabsiisuu fi humni dabalataa bakka sana akka hin geenyeef kan itti fayyadame fakkaata.