Israa'el hogganaa damee waraanaa Hamaas ajjeesuu ibsite

Israa'el ajajaa damee waraanaa Hamaas ajjeese jette. Israa'el haleellaa qilleensarraa kaleessa gaggeesiteen Mohaammed Odee ajjeesuu himte.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waraanni US haleellaa Iraanirratti gaggeesse

    Xayyaara waraanaa US

    Madda suuraa, Getty Images

    US kibba Iraanitti haleellaa haaraa gaggeessuu beeksifte. Haleellaa kanaanis buufataalee misaa'elaa, fi bidiruuwwan waraanaa fanjii kaa'uuf yaalaa turan irratti xiyyeeffachuus ibsite.

    Ajaji Giddugaleessaa US ibsa baaseen "haleellaa of ittisuu" jechuun yaaddoo humnoonni Iraan waraana US irratti uume maqsuuf haleellaa fudhatame ta'uus beeksise.

    Dubbii himaan Ajaja Giddugalaa US Kaapteen Tiim Haawkiins waraanni US "yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanatti loltoota keenya ittisuuf jecha tarkaanfii of-ittisuu ni fudhata" jedhan.

    Iraan haleellaa US kana ilaalchisee homaa hin jenne. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baqayi haleellaa kana dura ibsa kennaniin, marii US fi Iraan gidduutti gaggeeffamuun jijjiiramni hammi tokko jiraatus garuu waliigalteerra gahuun "waan battalatti ta'u miti" jedhan.

    Haleellaa haaraan US Iraanirratti gaggeessite kun marii gaggeeffamaa jiru irratti dhiibbaan inni fidu ifa miti.

    Haleellaa kana booda ministiirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo Iraan waliin waliigalteerra gahuun akka danda'amu ibsuun, ammayyuu biyyoota lamaan gidduu ergaa wal-jijjiiruun akkuma itti fufetti akka jiru ibsan.

  2. Feraariin konkolaataa elektirikii jalqabaa isaa ifa godhe

    Konkolaataa elektirikii Feraarii

    Madda suuraa, Ferrari

    Warshaan konkolaataa qaalii oomishuun kan beekamu Feraariin yeroo jalqabaaf konkolaataa elektirikii hojjete ifa godhe.

    Dhaabbati xaaliyaanii konkolaataa ispoortii oomishuun beekamu kuni gatii konkolaataa kanaa $640,000 jedheera.

    Maqaan ishee 'Luce' jedhamti. Hiikni isaas Afaan Xaaliyaaniin 'ifa' jechuudha.

    Dizaayiniin ishees kan Feraariin itti beekamurraa adda - teessuma shan qabdi.

    Namoonni miidiyaa hawaasummaa irratti yaada isaanii kennan jajanii, kaan busheessanii waa'ee konkolotaattii barreessan.

    Konkolaataa kana oomishuuf waggaa shan itti fudhatuu dhaabbatichi ibseera.

  3. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    US haleellaa haaraa Iraanirratti gaggeessuu ibsite. Iraan haleellaa kanaaf deebii kennuu maltii?

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa isin biraan geenya. Karaa marsariitii, facebook, YouTube fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo nu hordofaa.

    Dhiyaadhaa!