Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hooggantuun eegdota US yaalii ajjeechaa Tiraampiin walqabatee aangoorraa kaate

Wiixata darbe Koongireesii Amerikaatti dhiyaattee yaaliin ajjeechaa Tiraamp irratti aggaamame barkurneewwan darban keessatti kufaatii waajjirichaa isa olaanaa ta'uu aangawaan kuni amananiiru.

Guduunfaa

  • Yaalii ajjeechaa Tiraamirratti raawwatame hordofee daarektarri 'Sakiriit Sarvis' US aangoo gadhiifte
  • AU, EU dabalatee qaamoleen garagaraa sigiga lafaa Itoophiyaatti lubbuu galaafateen gadduu ibsan
  • Keevin Debruuyin 'Maanchister Siitii hin gadhiisu'- Gaardiyoolaa
  • Qorichi HIV argame dhukkubichatti xumura godhaa laata?
  • Haaris erga Baayiden dorgommii pirezidaantummaa keessaa bahee booda doolaara miiliyoona 81 walitti qabatte

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ashamaa hordoftootaa!

    Attam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo, tamsaasa kallattii Jimaata har'aa kunoo eegaleerra.

    Yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Olmaa nagaa qabaadhaa!

  2. Tamsaasi kallattii har'aa xumurame.

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo Kamisa galgalaa xumurame.

    Jimaata ganama walitti deebina.

    Ulfaadhaa!

  3. Baayidan dorgommii keessaa akka bahan dhibbaan cimee itti fufe

    Pirezidant Baayidan filannoo Sadaasa keessa taasifamurraa akka bahan dhiibbaan itti cimeera.

    Ammammoo ittumaa erga Covid-19’dhaan qabamanii booda duulli na filadhaa taasisan dhaabateera.

    Namoonni siyaasaa gameeyyiin paartii Dimookiraatik keessa jiran qaamaan isaan dubbisanii yaaddoo isaanii itti himaniiru.

    Af-yaa’iin duraanii Mana Maree US, Naansii Peloosii, filannoo dhufu keessa Tiraampiin mo’achuu hin dandeessan jedhanii Baayidanitti himuu CNN gabaaseera.

    Ga’umsa Baayidan irrati gaaffiin kan ka’e erga falmii Tiraamp waliin taasisan irratti guggufatan boodadha.

    Namoonni paartii isaanii ifatti bahanii Baayidan nama biraan akka buufaman jedhanii hin dubbanne.

    Ammoo dhoksaatti Baayidan waliin mari’achuu akka barbaachisu amanu.

  4. Awustiraaliyaatti hanqaaquun simbirroo 3000 ol doolaara miliyoona walakkaa baasu qabame

    Gosti hanqaaquu simbirroo garagaraa 3,404 oppireeshinii daldala seeraan alaa irratti taasifameen Awustiraaliyaatti to'atame.

    Kanneen sakatta'insa kana taasisan gaafa Adoolessa 9, hanqaaquun qabame doolaara hanga 500,000 baasa jedhan.

    Hanqaaquun argames faaya tahuuf malee faayidaa biraa akka hin qabaanne eeraniiru.

    Dhimma kanaan wal-qabatee namni ganna 62 tokko qoratamaa kan jiru tahus kan to'annoo jala oole hin jiru.

    Yakki naannoo uumamaafi bineeldota irratti taasifamu babal'atee gosa yakkaa guddaa addunyaa tahuurraan kan ka'e sanyii bineeldotaa gariiniif sababii badii jala gahuu taheera.

    Shakkamaan lammii Awustiraliyaa yakka eegumsaa naannoo raawwachuun akka himatamu eegama.

    ''Namni kuni hanqaaquu shimbirroo kan Awustiraaliyaatti argaman qofa dabalatee guuruun daldaluurratti hirmaateera,'' jedhan dubbiihimaan Waajira Jijjiirama Qilleensaa, Aannisaa fi Bishaanii.

  5. Joo Baayidan si'a sadaffaa Covid-19 qabaman

  6. Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Ispoortii maqaa Atleet Daraartuu Tulluun mogga'e eebbifame

    Inistitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Atileet Daraartuu Tulluu kana bajata mootummaa naannoo Oromiyaa birrii biiliyoona 1.5 oliin ijaarame eebbifame.

    Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Sulultaatti kan ijaarame inistitiyuutiin kun, yeroo tokkotti leenjitoota 800 ta'an leenjisuu danda’a jechuun miidiyaan naannichaa OBN gabaaseera.

    Eebba kanarratti Pireezidantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa,Pireezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Daraartuu Tulluu fi aanga'oonni bioon argamaniiru.

    Giddugalichi iddoo shaakalaa ispoortii bunyaa, kubbaa miilaafi kubbaa harkaa, kubbaa saaphanaafi tiraakii fiigichaa fi kaanis of keessaa qaba.

    Inistitiyuutichi ijaaramuun milkaahina damee Ispoortiin argamu dabaluuf gahee akka bahu abdatameera.

  7. Iluu Abbaa Booritti dubartoonni summiidhaan miseensoota maatii tokkoo sadii ajjeesan adabaman

  8. Poolisiin Keeniyaa mormii har'a magaalaa guddoo biyyattii keessatti gaggeeffamuuf ture dhorke

    Poolisiin Keeniyaa mormii giddugala magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii fi naannoosheetti gaggeeffamu, sababii hiriirtoonni hooggana hin qabneef nageenya kabachiisuu rakkisaa taasise jechuun “hanga beeksisni biraa baafamutti” dhorke.

    Poolisii dhorkaa kan kaa'e mormii farra mootummaa ji'a tokkoof geggeeffamaa tureen lakkoofsi namoota du'anii 50 ol ta'uun wayita gabaafamaa jirutti. Mormiin dabalataa Kamisa har'aa gaggeeffamuuf karoorfamee ture.

    Giddu-galli magaalaa Naayiroobii bakka mormiin dargaggootaan durfamu keessatti gaggeeffamaa ture yoo ta’u, guutuu biyyattiittis mormii gaggeeffameera.

    Mormiin kunis daballii gibiraa baayyee balaaleeffamee mormuun kan eegale yoo ta’u, erga seerichi haqamuu booda gaaffilee biroon daddabalamaa bal’inaan itti fufuun, gara gaaffii pirezidaanti Wiliyaam Ruutoon aangoo akka gadi dhiisaniif gaafachuutti guddate.

    Poostaroonni karaa onlaayinii namoonni guyyaa Kamisa osoo gara Masaraa Mootummaatti bakka mana jireenyaa pirezidaantichaatti hin qajeeliin dura, giddugala magaalattii paarkii Uhuruu keessatti akka walitti qabaman waamicha dhiyeessan.

    Roobii galgala poolisiin biyyattii “nageenya hawaasaa mirkaneessuuf hanga beeksisni biraa kennamutti gidduugala daldalaa Naayiroobii fi naannooshee keessatti hiriirri kamiyyuu hin hayyamamu” jedheera.

    Dhorkaan kun toora interneetiirratti aarii guddaa kan uume yoo ta’u, sababii seerri Keeniyaa lammiileen hiriira gaggeessuuf mirga kennuuf, namoonni tokko tokkoos poolisiin aangoo akkasii hin qabu jechuun falman.

    Mormiin kun kan gaggeeffamu yoo ta'eef jecha magaalaa guddoo biyyattii keessatti poolisoonni hedduun bobbaafamaniiru.

  9. Gareen icciitii dureewwan addunyaa waggaatti wal-arganii maalidha?

  10. Gaazexessaa gameessi eenyuummaa 'dogongoraadhaan' hidhaman gadhiifaman

    Gaazexessaa Keeniyaa gameessi eenyuummaa 'dogongoraadhaan' poolisiin to'annoo jala oolchee ture gadhiifaman.

    Poolisiin biyyatti gaazexessaa gammeessa umuriin waggaa 65, Maachaariiyaa Gaayitoo to'annoo jala kan oolche nama miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa olaanaa qabu Firaansiis Gaayitoon wal na jalaa fakkaataniiti jedhe.

    Maachaariiyaan dhiheenya mana jireenyaasaa kan magaala guddoo biyyattii Naayiroobiitti argamutti namoota eenyummaa isaanii ibsuuf hin barbaadneen konkolaataa dhuunfaa fudhatamee ture.

    Akkasumas namoota eenyummaasaanii ibsuu hin barbaadne kan gara biraanis konkolaataa lamaa isaan hordofaa akka turan ibsameera.

    Gaazexxeessaan kunis nageenya isaatiif jecha mucaasaa kan waggaa 19 waliin gara buufata poolisii dhiheenyasaaniitti argamuutti kan imalan yoo ta'u, innis humnan dhiibamee konkolaataa keessa akka galu taasifamu ibse.

    Poolisiin boodarra akka beeksiiseetti, gaazexessaan kun kan to'annoo jala oolfaman eenyummaa dogongoraadhaan jedheera.

    Namni amma poolisiin barbaadamaa jirus kan qorannoo poolisii nama dhiheenya kana dubartoota 42 ajjeessuu amaneera jedhameerratti taasifamaa jiru qeeqeedha jedhameera.

    ''Har'a ganama gaazexessaa Maachaariiyaa Gaayitoo to'annoo jala kan oolchine dogongora eenyumaatiin ta'u ummataaf ibsa gochuu barbaadna.

    Hidhaarra oolchuu kan barbaadnees qorannoo kan irratti banne Fiiraansiis Gaayirtoo ture,'' jedhe poolisiin ibsa isaa baaseen.

    Haata'u malee namoonni lamaan kunneenis firoomaa omaatuu akka hin qabne himameera.

  11. Ijoolleen dhiiraa 48 dhaqna qabaaf erga mana barnootaatii butamanii booda baraaraman

  12. Namtich Tiraampitti dhukaase dura akka yaaddootti ilaalamulleen booda namoota keessa dhokate

    Dargaggeessi Doonaald Tiraamp ajjeesuuf yaalii taasisee ture, dhukaasuu isaatiin gara sa'aatii tokkoo dura Tajaajila Iccitiitiin (Secret Service) akka ''shakkiitti'' kaafamee ture, garuu ammoo namoota hedduu keessaa badee dhukate jechuun qondaaltonni seera kabachiisan qaamoolee seera tumaniitti himan.

    Ibsa guyyaa Roobii miseensota mana maree fi Seenetiif cufaatti ala lama kennaniin, Tajaajila Iccitii dabalatee, qondaaltonni seera kabachiisan waa’ee nageenyaa fi nama duula filannoorratti Tiraamp irratti Pensilvaaniyaa keessatti dhukaasa bane ilaalchisee odeeffannoo haaraa gadi fageenyaan hin qoodne.

    Seenaatar Wyoming Joon Baarraasso akka jedhanitti, Tajaajilli Iccitii haleellaa osoo hin raawwatamiin sa’aatii tokkoon dura nama haleellaa raawwate sana argan, garuu sana booda jalaa dhokachuu himan.

    ''[Innis] akka nama shakkamuu wayi kan fakkaatuufi meeshaa fageenya safaru (rangerfinder) fi boorsaa ta'e dugdarratti baatee ture. Kunis dhukaasni qabatamaan osoo hin raawwatamin sa'aatii tokkoo ol dura ture,'' jechuun Fox News'tti himan.

    “Kanaaf, adeemsa sa’aatii sanaa keessatti, nama sanarraa ijaa kaasuu hin qabnu jennee yaadaa turte.”

    Rangefinder jechuun meeshaa fageenya qiyyeeffannaa tokkoo safaruuf gargaaruu danda'uudha.

    Akkasumas namni haleellaa raawwate kun bilbilasaatti fayyadamuun suuraa Doonaald Tiraampii fi Pirezidaantii Joo Baayiden lamaan saanituu barbaadaa ture.

    Daarektarri FBI Wraay waamicha kana irratti miseensota mana mareetti akka himanitti, af-gaaffiin 200 ol gaggeeffamee suuraan 14,000 gamaaggamamee jira.

  13. Hambaan daayinosarii caalbaasiin doolaara miil. 44.6tti gurgurame

    Hambaan qaama daayinosarii guddaan tokko magaala Niiw Yoorkitti caalbaasiitti dhiyeeffamuun doolaara miiliyoona 44.6tti gurgurame.

    Gatiin kunis gatii isa guddaa hambaa qaama tokkoof kanfalameedha jedhameera.

    Daayinoosariin biqiltuuwwan soorataa ture jedhamu kunis maqaan masoo Apeeks jedhamu kennameefiira.

    Apeeks kunis ol dheerina meetira 3.4 fi funyaansaatii hanga eegeesaatti ammoo dheerina meetira 8.22 kan qabu yoo ta'u, ''hambaawwan qaamaa hanga ammaatti argaman keessaa sadarkaa guutuurratti argama'' jechuun ibse qaamni hambicha caalbaasiitti dhiyeesse.

    ''Umamni kunis kan Ameerikaa keessatti dhalate waan ta'eef, achuma Ameerikaa keessa haa turuufiidha'' jechuun dubbatan namni hambaa kana bitaniifi eenyummaasaanii adda hin baafamne.

    Hambaan kunis karaa keessootiin dhaabbata Ameerikaatiif kennamuu akka danda'u yaada kaasaniiru.

    Hambaan kunis bara 2022 keessa Lixa Ameerikaa, bulchiinsa Koloraadaatti akka tasaa kan oggeessa pooliiyontoliijii tokkoon dhiheenya magaalaa Daayinoosar jedhamuutti argame.

    Hambaan kunis caalbaasiidhaan doolaara miiliyoona 44.6tti gurguramuudhaan hambaa seenaa hojjate ta'eera jedhe dhaabbatichi ibsa baaseen.

    Appeeksiin kunis waggoota miiliyoona 150 dura akka jiraachaa ture tilmaamama.

    Hambaan daayinoorsii kanaan dura qaaliitti gurgurame bara 2020 keessaa kan doolaara miiliyoona 31.8tti gurguramee turedha.

  14. Ashamaa hordoftootaa!

    Attam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti?

    Odeessaalee waqtaawoo karaa tamsaasa keenya kallattiin isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

    Yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa gabaabsiinee asiin isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!

  15. Nagaan bulaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo Roobii galgalaa xumurame.

    Kamisa ganama walitti deebina.

    Halkan gaarii!

  16. Somaaliyaan 'meeshaa waraanaa ofii to'achuu hin dandeenye' - Somaalilaand

    Mootummaan Somaaliyaa kuusaa meeshaa waraanaa ofii to’achuu dadhabuun naannichaaf yaaddoo uumaa jira jechuun bulchiinsi Somaalilaand yaaddoo ibsatte.

    Ministirri Dhimma Alaa bulchiinsa Somaalilaand ibsa baasen daddabarsa meeshaa waraanaa Somaaliyaa keessaan ‘’yaaddoo guddaa’’ qabu ibse.

    Ibsi bahe baatii sadan darban qofa hidhattoonni al-Shabaab ‘’meeshaa waraanaa guddaa jedhamu’’ giddugala Somaaliyaa keessatti humnoota mootummaarraa fudhachuu ibse.

    Ibsi Somaalilaand kuni erga jalqaba torban kana meeshaan waraanaa mootummaa Somaaliyaa milishotaafi jiraattotaan saamame booda dhagahame.

    Dhimma saamicha kanaas kan eere ibsi Somaalilaand, dhimmichi ‘haala nageenyaa yaaddessaadha’ jechuun ibse.

    Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani barana uggura meeshaa waraanaa Somaaliyaarratti kaa’e waggoota dheeraa booda kaaseera.

    Murtee kanarraa mufiifi komii kan qaban keessaa tokko Somaalilaandidha.

    Akkaatuma kanaanis, UN fi hawaasi idil-addunyaa uggura meeshaa kaasan ‘’atattamaan’’ irra deebi’anii akka itti ilaalan gaafate.

    Somaalilaand waggoota 30 ol dura walabummaa labsatteetti garuu beekamtii idil-addunyaa hin arganne.

    Somaaliyaan garuu qaama kiyya jechuun ilaalti. Gama nageenyaan yeroo ilaalamu Somaalilaand Somaaliyaarra nagaafi tasgabbii qabdi.

  17. Turistiin siidaa irratti 'waan safuu cabse' raawwachuun dheekkamsa kaase

    Magaalaa Xaaliyaanii Filooransitti turistiin dubartii tokko siidaa waaqa tolfamaa warra Roomaa Bookas jedhamu irratti akka nama saal-quunnamtii raawwatutti fakkeessuun dheekkamsa kaase.

    Suuraa akkaawuntii miidiyaa hawaasaa Welcome to Florence jedhamuun qoodamerratti dubartiin kuni halkan keessa siidaa kana yeroo dhungattu mul'atteetti.

    Siidaan Bookas jedhamu kuni riqaa beekamaa Ponte Vecchio biratti argama.

    Siidaan inni jalqabaa artistii Giyaambolonyaa jedhamuun jaarraa 16ffaa keessa bocame godambaa keessatti kan argamu yoo tahu inni kuni fakkeessuun kan hojjetame dha.

    Taateen kuni miidiyaa hawaasaa irratti dheekamsa kaasuun dubartiin kuni akka to'atamtus waamichi dhiyaateera.

    Pireezidantiin Confcultura- waldaa aadaa Xaaliyaanii Paatriziyaa Aspiroonii, ''safuu cabsuu fi aadaaf kabaja dhabuun kuni waan barbaanne, akka barbaanne gochuu dandenya ilaalcha jedhurraa kan dhufu dha,'' jedhan.

    Paatriziyaan turistii kana irratti sakkatta'insa cimaafi adabbiin maallaqaa akka irratti raawwatu ajajuun, ''amala badaaf obsa hin qabnu,'' jedhan.

    Ittigaafatamaan arkiyoolojii fi artii Fillores Antooneellaa Rinaaldii, ''tuuristoota anaa dhufu jennee simanna garuu hojiilee artii keenyaaf kabaja qabaachuu qabu,'' jedhan.

    ''Dubartiin gochaa kana dalagde kana waan beektu miti.''

    Filooransiin iddoowwan addunyaa tuuristoonni baay'inaan itti yaa'ani dha.

  18. Hamaasiifi gartuuwwan Filisxeem yakka waraanaa raawwatan - HRW

    Hamaasiifi yoo xiqqaate gartuuwwan Filisxeem afur biroo yeroo Onkololeessa keessa Israa’elirratti haleellaa raawwatan yakka waraanaafi yakka farra dhala namaa danuu raawwatan jedhe HRW.

    Gareen mirga namoomaaf falmu kuni gabaasa haaraa baasen hidhattoonni Hamaas beekaa lammiilee nagaa miidhuu, ajjeesuu, haleellaa saalaa, saamichaafi qaama muruu raawwachuun himate.

    Lammiilee nagaa ajjeesuufi kaan butuu ‘’’karoorfameeti’’ raawwatame jedhe.

    Hamaas himannaa kanarratti deebii kenneen mufii ibse. Gabaasi Humaan Raayitis Waach ‘’soba’’ jedhe, RW dhiifama na gaafachuu qabas jedhe.

    Haleellaa Onkololeessa raawwateen lammiileen Israa’eliifi lammiileen alaa 1,200 ta’an ajjeefamaniiru, 251 immoo butaman.

    Taateen yeroosi waraana hanga ammaa itti fufeef ka’umsa ta’eera.

    Akka ministirri fayyaa Hamaasiin hoogganamu ibsetti waraana Gaazaa keessa itti fufeen namoonni 38,790 ajjeefamaniiru.

    Lakkoofsi kuni lammiilee nagaafi loltoota adda hin abaasu.

    Gabaasni HRW kuni badii waraanni Israa’el eegasii Gaazaa keessati raawwateera jedhame himatamurratti waan jedhe hin qabu.

  19. 'Liiftii keessatti sa'aatii 42'f danqamee waanin du'u natti fakkaatee ture'

    Jiraataan bulchiinsa kibba Indiyaaa bishaaniifi midhaan malee liiftii keessatti sa'atii 42'f danqamee hafe 'nan du'a' jedhee sodaatee akka ture BBCtti hime.

    Raaviindraan Naayir liiftii hospitaalaa kan seene gaafa Sanbata waaree booda yoo tahu hamma gaafa Wiixataa ogeessi liiftii dhufee banutti achuma ture.

    Yeroo ammaa kana sababa hanqina dhangala'aafi dhukkubbii dugdaaf hospitaalatti yaala argachaa jira.

    Namni kuni jalqaba gara hospitaalaa kan deeme kufee dugdisaa miidhamnaani.

    Miseensonni maatisaa jalqabarra lafa hojii kan jiru itti fakkaatus boodarra garuu poolisiitti himanii isa barbaadduutti ka'an.

    Taateen kuni ijoo dubbii tahuun mootummaan ogeessota suphaa hojiirraa dhaabuun qorannoo irratti baneera.

    Qondaaloti kollejjii fayyaa waan uumameef dhiifama gaafataniiru.

    Naayir yeroo liiftii keessatti danqamu lakkoofsa yeroo balaa liifticharra maxxanee jirutti bilbilus namni isaaf deebise akka hin turre hime.

    Haadha warraasaa hospitaalicha keessa hojettu dabalatee nama isaaf qaqqabuu danda'u hundatti bilbiluus argachuu akka hin dandeenye dubbata.

    ''Sodaadhee waanin tureef xiyyeeffannoo akkan argadhuuf jedhee liifticha reebaan ture, yeroos bilbilli koo lafa bu'ee hojjechuu dhaabe,'' jedha.

    ''Iyyee, gadoodee balbala liiftichaa harkaan gargar banuuf yaale. Liifticha keessa dukkana tahus, galata Waaqaa qilleensi gahaan ture,''

    Yeroon akkuma deemaa dhufetti, guyyaafi halkansaa adda baafachuun dadhabe.

    Baayyee waanin dadhabeef qarqara tokkoon rafaa xiyyoo kaanin immoo fincaaniifi bobbaaf fayyadamaan ture,'' jedhe.

    Naayir guyyaa lama booda hamma baraaramutti,''waanin du'u natti fakkaatee waa'ee haadha warraa koofi ijoollee kaafi akkasumas akkoowwan koo yaadda'an ture'' jedha.

    Yeroo liiftii keessa ture walaloo haati warraasaa barreesitu yaaadachaa akka jajjabaates hima.

    Taatee kanaan booda hospitaalichi namoonni liiftiin yeroo suphamaa jirutti akka hin fayyadamne akeekkachiisa kaa'e.

  20. Jaappaanitti barattoonni chiipsii mimmixni itti baay'ate nyaatan hospitaala seenan

    Magaalaa guddoo Jaappaan Tookiyootti barattoonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa 14 waaddii dinnichaa ''mimmixni itti baay'ate'' nyaachuun booda hospitaala seenaniiru.

    Waaddii mosee kana barataan tokko erga fidee booda barattoonni soddoma tahan nyaataniiru jechuun miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.

    Sa'atii muraasaan booda muraasni isaanii afaan keessa miira dhukkubbii fi garaan isaan hammaachuu himachuun booda hospitaala geeffaman.

    Kanneen hospitaala geeffaman dubartoota 13 fi dhiira tokko yoo tahan haalli isaanii waan hamaaf kan saaxilu miti jedhameera.

    Kaampaaniin nyaata kana oomishu ibsa baaseen haala uumameef dhiifama gaafachuun barattoonni dafanii akka fayyaniif hawweera.

    Manni barumsaas tahe kaampaaniin nyaata kana oomishu BBCf deebii hin kennine.

    Marsariitii kaampaanii kanaarratti namoota nyaata kana yaaluu barbaadaniif akeekkachiisa gargaraatu barreeffamee jira.

    Qaaraan mimmixni kuni irraa hojjetamu Hindiitti kan oomishamu yoo tahu, gosoota qaaraa akka malee guban keessaati.