Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hooggantuun eegdota US yaalii ajjeechaa Tiraampiin walqabatee aangoorraa kaate

Wiixata darbe Koongireesii Amerikaatti dhiyaattee yaaliin ajjeechaa Tiraamp irratti aggaamame barkurneewwan darban keessatti kufaatii waajjirichaa isa olaanaa ta'uu aangawaan kuni amananiiru.

Guduunfaa

  • Yaalii ajjeechaa Tiraamirratti raawwatame hordofee daarektarri 'Sakiriit Sarvis' US aangoo gadhiifte
  • AU, EU dabalatee qaamoleen garagaraa sigiga lafaa Itoophiyaatti lubbuu galaafateen gadduu ibsan
  • Keevin Debruuyin 'Maanchister Siitii hin gadhiisu'- Gaardiyoolaa
  • Qorichi HIV argame dhukkubichatti xumura godhaa laata?
  • Haaris erga Baayiden dorgommii pirezidaantummaa keessaa bahee booda doolaara miiliyoona 81 walitti qabatte

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haaris deeggarsa Baayidan argachuun 'kabaja' jette

    Kaamaalaa Haariis erga Joo Baayidan dorgommii filannoo pirezidaantii Sadaasa dhufaa keessa gaggeeffamu keessaa bahuu beeksiisuudhaan, kaadhimamaa paartii Dimookiraatotaa akka taatuuf akka ishee raggaasise bartee booda ibsa kennite.

    Baayidan ''hoggansa addaa fi tajaajila waggoota kurnan lamaan darbaniif biyya keenyaaf kennaniif'' galateeffatti.

    Akkaataa itti pirezidaanticha waliin wal barte irra deebitee yeroosaa yaadachuun, itti fuftee waa'ee "amanamummaa fi naamusasaa... jaalala biyya keenyaa fi ummata Ameerikaaf qabu" barreessiti.

    Murteen inni irra deebiin filatamuu isaa adda kutuunsaa ''gocha murtee saafi jaalala biyyaa'' jechuun ibsitee, deeggarsa Baayidan argachuun ishees ''kabaja guddaadha'' jetti.

  2. Istaarmar murtee Baayidan akka kabajan dubbatan

    MM UK Kiir Istaarmar ibsa kenneen, murtee Baayidan nan ''kabaja'' jechuudhaan, ji'oota dhuma pirezidaantummaa isaa keessattis waliin hojjechuuf hawwii guddaan akka eeggatan dubbatan.

    Itti dabaluudhaanis, "Akkuma hojii ajaa'ibaa bara aangoosaa keessatti raawwataa ture hunda, Pirezidaanti Baayidan murtoo isaa kanas kan murteessan waan ummata Ameerikaa fayyadu jedhee amanu irratti hundaa'uun akka ta'u nan beeka," jechuun dabalata.

    Aanga'oonni lamaan kunneenis yeroo jalqabaaf naannoo torban lamaa dura kan wal argan yoo ta'u, walgahii Naatoo Waashingitanitti geggeeffame irratti Baayidan akka tasaa Pirezidaantii Yukireen Volodimyr Zelenskiitiin ''Pirezidant Puutiin'' jechuun waamuun isaanii ni yaadatama.

  3. Amma nu gahe, Ni injifanna - Haaris

    Paartii Dimookiraatikii bakka bu’un akka dorgoman Pirezidant Baayidaniin kan kaadhimaman Kamaalaa Haaris deeggarsa dhihaatef simatan.

    ‘’Paartii Dimookiraatikiifi biyya keenya tokkomsuuf, akkasumas Donaald Tiraamp injifachuuf waan gochuu qabu hunda nan godha,’’ jedhan.

    ‘’Hanga filannootti guyyoota 107 qabna. Waliin falmina. Waliin immoo ni injifanna,’’ jedhan.

    Akka adeemsaatti Paartiin Demokiraatikii pirezidantiif nama kaadhimu si'achi beeksisa.

  4. Peeloosii: Baayidan yeroo hunda Ameerikaa dursa

    Namni siyaasaa gameettiin Dimookiraatii kan biraa, Naansii Peelosii bu'aa Baayidan yeroo aangoo irra turan galmeessaniif kabaja kennan.

    Af-yaa'iin mana maree duraanii tunis barreeffama X irratti barreessaniin, ''Lammii Ameerikaa jaalala biyyaa qabuufi kan yeroo hunda biyya keenya dursa kaa'aa ture'' jechuun waaman.

    Jecha miseensota olaanoo dhaabashee biroo jedhan kan irra deebite yoo ta'u, "seenaa Ameerikaa keessatti pirezidaantota bu'aa guddaa galmeessiisan keessaa tokkodha" jedhan.

    Torban darbe qofa Peeloosiin Baayidan ammas Waayit Haawus injifachuu akka hin dandeenye odeeffannoo dhiyeessuun dhiibbaa dabalataa irratti geesiisuutu himama.

  5. Hilaariifi Kiliintan Kamaalaa Haariis deeggaran

    Pirezidantiin Ameerikaa duraanii Biil Kilintanii fi haati warraasaanii kan bara 2016 keessa Tiraamp waliin dorgomtee turte, Hilaarii Kiliintan, Kamaalaa Haariisif deeggarsa isaanii ibsan.

    Ibsa toora X irratti maxxanfamaniin "ishee gargaaruudhaaf waan dandeenyu hunda" akka godhan dubbatan.

    "Kamaalaa Haaris deeggaruudhaan waan qabnu hundaan ishee filachuuf qabsaa'uudhaaf yeroonsaa ammadha," jechuun dabalanii ibsan.

    Cimdiiwwan aangoo muummee siyaasa Ameerikaa kunneenis Tiraamp qeequ.

    ''Bu'aa fi bahii hedduu keessa dabarree jirra, garuu balaa marsaa lammataa Tiraamp fidu danda'u caalaa biyya keenyaaf wanti nu yaaddesse hin jiru,'' jedhu.

    "Guyyaa tokkoffaasaa irratti abbaa irree ta'uuf waadaa galeera. Murtiin dhiheenya kana Mana Murtii Olaanaan kennames Heera Mootummaa daran akka cicciru isa jajjabeessa," jedhan.

  6. Baayiden pirezidaantota seenaa keessatti dhiibbaa uuman keessaa tokko - Niiwusam

    Baayiden pirezidaantota seenaa keessatti dhiibbaa olaanaa taasisan keessaa tokko jedhan Niiwusam.

    Joo Baayiden "pirezidaantota dhiibbaa olaanaa taasisaniifi of qusannaa tokko malee tajaajilan keessaa tokko ta'uun seenaa keessatti ni galmaa'a" jedhan Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavin Niiwusam.

    Aanga'aan kunis toora X isaaniirratti akka barreessaniitti, waahilli isaanii Dimookiraatikii Baayidan, ''namoota hojjetaniif ciminaan qabsaa'uun, lammiilee Ameerikaa hundaaf bu'aa ajaa'ibsiisaa argamsiiseera'' jedhan.

    Niiwusam nama Baayidan bakka bu'uu danda'u jedhamee maqaansaanii eeramu keessaa tokko.

  7. Obaamaan Baayidan jajanii ibsan

    ''Joo Baayidan pirezidantoota ijoo Ameerika keessaa tokko, akkasumas hiriyyaa dhihoo kiyya,’’ jedhan Baaraak Obaamaan dhaamsa toora X gubbaa katabaniin.

    Har’as, kanuma nu yaadachiise jechuun ibsan.

    Yeroo Obaamaan pirezidantii turaniitti Baayidaniin itti-aanaa isaanii gochuun muudanii turan.

    Booda kana garuu akka gabaafametti taanaan namoota paartii Dimookiraatii akka Baayidan dorgommii filannoo pirezidantummaa baranaa kana keessaa bahan dhiibbaa godhaa turan keessaati.

  8. Baayiden hiriyyaa cimaa UK'tti - Jeemis Kileeverlii

    Ministirri dhimma Alaa duraanii Biriteen, Jeemis Kileevarlii, Pirezidanti Joo Baayiden ''michuu cimaa UK'' ta'uu isaaniif galateeffataniiru.

    Barreeffama X irratti maxxansaniin, aanga'aan miseensa paartii Konsarvaativii kunis, akka barreessaa dhimma alaa tokkootti Baayiden imala gara Biriteen godhan irratti wal arguu kootti baayyeen ''gammachuu natti dhagahama'' jedhan.

    Itti dabaluunis, yeroo galmee gadda du'aan boqochuu Giiftii Elizaabeet 2ffaa mallatteesse akka wal arganis eeran .

  9. Qondaaltonni Dimookiraat walgahii ariifachiisaa gaggeessan

    Battaluma Joo Baayidan kaadhimamaan pirezidantuummaa paartii Dimokiraatootaa dorgommiicha keessaa bahuu beeksiisaniitti qondaaltoonni paartichaa walgahii ariifachiisaa ta'unsanaii gabaafame.

    Walgahiin hatattamaa qondaaltota olaanoo koree biyyoolessaa Dimookiraatotaa (DNC) yeroo ammaa gaggeeffamaa jiraachuu midiyaan michuu BBC Ameerikaatti argamu CBS gabaaseera.

  10. Baayidan dorgommiif Kamaalaa kaadhiman

    Joo Baayiden dorgommii filannoo pirezidantummaa keessaa bahuusaanii akkuma labsaniin booda, battalumaan paartiisaanii Dimookiraatotaa bakka bu'uun Kamaalaa Haaris akka dorgomtuuf akka deeggaran beeksisaniiru.

    Karaa barreeffama toora X isaanii gubbaatti maxxansaniin "Har’a kaadhimamaa paartii keenyaa akka taatuuf deeggarsa fi mirkana koo guutuu dhiyeessuun barbaada.

    ''Dimookiraatonni - walitti dhufnee Tiraamp injifachuuf yeroonsaa amma. Kana haa goonu," jechuun barreessan.

  11. Joo Baayidan dorgommii filannoo US keessaa bahuu beeksisan

  12. Baayidan dorgommii filannoo 2024 keessaa bahuu beeksisan

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan dorgommii filannoo irra deebiin pirezidantummaaf filatamuuf eegalan keessa bahuu beeksisan.

    Kanas kan beeksisan filannoo Sadaasa dhufaa gaggeeffamuuf baatiiwwan muraasni bakka hafeetti.

    Murteen Joo Baayidan kunis erga waahillan isaanii kan paartii Dilmokraatotaa dabalatee akka filannoo keessaa of baasaniif dhiibbaan itti cimee torbanootaan boodadha.

    Maanguddoo waggaa 81 kan ta'an Joo Baayidan falmii dhuma baatii Waxabajjii irratti dorgomaa saanii Doonaald Tiraamp waliin taasisaniin erga dubbii wal qixxeessanii dubbachuuf rakkatanii booda akka filannoo keessaa bahaniif gaafatamaa turan.

    Murteen Baayidan kunis kaadhimamaan paartii Dimokiraatii gara biraa akka pirezidantumamaf dorgomuuf kan daandii banu yoo ta'u, Ittaantuun Pirezidantii Kaamaalaa Haariis tarii akka bakka buutu yaadama.

    Baayidanis hanga Amajjii keessa yeroo pirezidantii haaraan filatamu aangoo fudhatuutti aangoo pirezidantummaa irra ni turu.

  13. 'Baayidan pirezidantii ta'udhaaf dandeettii hin qabu'- Tiraamp

    Joo Baayidan dorgommii filannoo keessaa of baasuu ibsanii yeroodhuma muraasa keessatti Doonaald Tiraamp marsariitii isaanii Truth Social jedhamurratti yaada isaanii ibsan.

    Akkana jedhan: "Joo Baayiden pirezidaantii ta'uuf dorgomuudhaaf ga'umsa hin qabu ture. Tajaajiluufis akka hin hindandeenye beekamaadha - gonkumaas ta'ee hin beeku!"

    "Aangoo Pirezidaantii kan argate sobaan, oduu sobaatii fi bu'uurasaa keessaa hin baane."

    "Kanneen isa marsanii jiran hundi, doktorasaa fi miidiyaa isaa dabalatee, pirezidantii ta'udhaaf akka gahumsa hin qabne ni beeku turan, gahumsa hin qabu ture,'' jechuun barreessan.

    "Sababii pirezidantummaasaatiif caalaa rakkanna ture, garuu badiiwwan inni hojjatee saffiisaan hojjannee sirreessina. Irra deebiin Ameerikaa Jabduu taasisna!''

  14. Bidiruu godaantotaatti ibiddi qabatee lubbuu namoota 40 ol dabarse

    Handaara kaaba Heeyitiitti bidiruu godaantonni ittin imalaa turanitti ibiddi qabatee yoo xiqqaate lubbuu namoota 40 olii dabarsuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksise.

    Ibiddi bidiruu kanatti akka qabatu maaltu akka sababa ta’e ifatti hin beekamu, garuu namoonni bidiruu kanarra turan nagaan nu galchi jedhanii Waaqa kadhachuuf dungoo qabsiisanii akka turan qondaalli naannicha tokko Rooyitarsitti himaniiru.

    Ejensiin dhimma godaantota dhaabbatichaa akka himetti balaa kanarraa namoonni 41 eegdota daangaa Heeyitiin baraaraman.

    Bidiruun kun Keep Haayiti bakka jedhamurraa bakka km 220 imaluu fagaatu, gara odola Turkii fi Kakiyoos jedhamutti imalaa turte.

  15. Sudaan Kibbaan kubbaa kaachoon Ameerikaa rifaasiste

    Tapha Olompikii dura akka dadammaqsuuf Landanitti taasifame kanaan Sudaan Kibbaa Ameerikaa dursuu eegalte.

    Marsaa lammataarratti Sudaan Kibbaa 58/42’n marsaa turte. Ammoo boqonnaa bahuuf yoo jedhan qabxii 14’n Ameerikaatiin dursaa turte.

    Marsaa sadaffaa irratti US qabxii shaniin dursuu eegaltuus sakandiin 20 yoo hafu qabxii tokkoon durfamte.

    Sakandiin saddeeti yoo hafu garuu lammiin US Lebiroon Jeemis qabxii tokko lakkoofsisuun Sudaan Kibbaa mo’atani.

    Qabxii waliigalaan US 101 – 100’n Sudaan Kibbaa mo’atte.

    Olompikii baranaarratti Ameerikaan walitti aansuun yeroo shanaffaaf warqii gonfachuuf yaada qabdi.

    Sudaan Kibbaa kan kubbaa kaachoon addunyaarra sadarkaa 33ffaarra jirtu garuu barana yeroo jalqabaaf Olompikarratti hirmaatti.

  16. Modeeliin beekamtuu qeeqa Israa'el booda beeksisa dhowwamte

    Dhaabbati kophee oomishun beekamu, Adidaas, modeelli beekamtuu Bellaa Hadiid kophee beeksisuuf erga filate booda dhiise.

    Kunis erga Israa’el qeeqa dhiheessite boodadha.

    Kanneen Gaazaa keessa miidhamaniif sagalee ta’un kan beekamtu Beellaan gar-tokkoon lammummaa Filisxeem qabdi.

    Israa’el Beellaan Israa’elif jibba qabdi jechuun himattee filatamuu ishee qeeqxe.

    Kopheen SL72 kuni bara 1972 yeroo jalqabaaf gabaaf dhihaate.

    Olompikii Muniik baricha qophaa’e irrattimmoo atileetonni Israa’el 11 Filisxeemotaan ajjeefamanii turan.

    Adidaas kophee kana deebisee barana gabaarra waan dhiheesseef Beellaa akka beeksistu filate.

    Ta’us, qeeqa Israa’el booda dhiifama jedhee duula isaa ‘’deebi’e akka ilaalu’’ ibse.

  17. Israa'el Huutii haaloo bahuuf magaalaa Yaman haleelte

    Israa’el buufata doonii Hodeedaa kan haleelte, gareen Huutii dirooniin Tel Aviiv dirooniin erga rukutee guyyaa tokko booda.

    Ministirri ittisaa Israa’el Yo’aav Galaant biyyisaanii haleellaa kana raawwachuun garee Huutiif dhaamsa dabarsuuf ta’uu himan.

    ‘’Ibiddi Hodeedaa gubaa jiru Baha Giddugaleessatti mul’ata, sababni barbaachiseefillee ifaadha,’’ jedhan.

    Miidiyaan hidhattoota Huutiitti hidhata qabu akka beeksisetti, haleellaa Sambata darbeen namoonni sadii ajjeefamuun, namoonni 80’n mada’aaniiiru.

    Qondaalli Huutii Mohaammad Abdulsalaam, haleellaa sanaan’’ weerara hamaa Israa’el Yamanirratti raawwatte’’ jedhanii ibsan.

    Hidhattooti Huutii Iraaniin deeggaraman Hamaas tumsuun Israa'elirratti dhiibbaa uumuuf socho'aa jiru.

  18. Namichi Tiraampitti dhukaase dursee dirooniin bakkicha marsaa ture - Miidiyaa US

    Dargaggoon Donaald Tiraamp ajjeesuuf yaale sagantaan adeemsifamuu dura irra keessa diroonii oofuun bakkicha qorataa ture jedhame akka humnoonni seera kabachiisan miidiyaalee US’tti himanitti.

    Haa ta’u malee, guyyoota yookiin sa’aatii meeqa saganticha kana dursee akka kana godhe hin beekamu. Qoratamaa jira jedhameera.

    Taateen torban dura bulchiinsa US Pensalveeniyaatti mudate naasuu uumeera.

    Donaald Tiraamp kan amma paartii Rippablikaanii bakka bu’uun akka dorgoman ifa ta’an ‘’carraa yookiin hojii Waaqan oole,’’ jedhaniiru.

    Gurri isaanii dhiigee eegasii xaxatanii turan. Akka xinxaltoonni jedhanitti, Tiraamp xiqqumaaf lubbuun oolan.

    Yaalii ajjeechaa sanaan nami sagantaarra ture yeroo ajjeefamu, lama biroo immoo haalaan madaa’an.

    Dargaggoon dhukaase boodarra humnoota nageenyan ajjeefameera.

    Tomaas Maatiw Kiruukis baaxii manaa lafa Tiraamp dhaabatanii dubbatanirraa 130m fagaate jirurraa dhukaase.

    Dirooniin kuni bakka Tiraamp dhaabatanii dubbachuuf hedan baruuf hojiirra oolu hin oolle jedhame.

    Erga dhukaasni raawwatame booda dirooniin konkolaataa dargaggoo kana keessaa argameera.

    ‘’Akkamiin namni baaxii sanarra bahuu danda’e? Ammoo maaliif hin gabaafamne?, sababni isaa namoonni isa arganii turan,’’ jedhan Tiraamp Fox News’tti yoo dubbatan.

  19. Somaaliyaan waliigaltee waraanaa Masrii waliin wal ta'an jedhame raggaasiste

  20. Akkam ooltan?

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo kunoo eegale.

    Nagaan oolaa!