Manni Murtii Yakkaa idiladdunyaa qoqqobbii Tiraamp balaaleeffate

Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa (ICC) erga Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hojjettoota mana murtichaarratti qoqqobbii kaa’uuf ajaja mallatteessan booda mormii dhageessise.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp Mana Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa (ICC) qoqqobe, dhaabbatichi morme
  • Aangawoonni Itoophiyaa fi Turkii waliigaltee Ankaraa irratti mari'atan
  • Loltuun Israa'el Gaazaatti hidhamtoota Filisxeem dararuutti hidhame
  • Cufamuun USAID maaliif falmii kaase?
  • Tamsaasa kallattii darbe asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Wal'aansa idileetiin ala kaansarii yaaluuf filannoon biroo jiraa, ni hojjetaa?

    Gosti soorata qorichummaa qabu jiraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Namoonni beekamoon hedduun qoricha mana yaalaatiin kennamu osoo hin taane, haala nyaata isaanii jijjiiruu fi filannoo wal'aansa kan idileetiin ala ta'eetti fayyadamuun dhukkuba kaansarii irraa bayyanachuuf akka isaan gargaare dubbatu.

    Ogeessonni yaalii kaansarii ammoo yaaliiwwan filannoo kaansarii fayyisuu danda'an jiraachuusaatiif ragaan agarsiisu hin jiru jedhu.

    Ofii, kaansarii yaaluuf akka filmaatatti kan dhihaatan kam fa'i? Dhukkubichaaf furmaata ta'uu? Filmaatawwan kanneenitti fayyadamuun maaliif guddachaa jira?

    Odeessa kanarratti dabalata dubbisuuf asiin argachuu dandeessu.

  2. Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra

    Ashamaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Odeessaalee keenya gaggabaabsinee karaa tamsaasa kallattiin isin biraan geenya kan Wiixata har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Yoo tamsaasa kallattii keenya kan torban darbe ilaaluu feetan karaa kanaan argachuu dandeessu.

    Akkasumas miseensa Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC Afaan Oromoo ta'aa.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!