Naannoo Gamabeellaa godina Nuweer aanaalee afur keessatti dhibee haqqeefi garaa kaasaa muddaa dhalateen torban tokko keessatti daa'imman dabalatee namootni sagal du'uu waajirri Fayyaa naannichaa beeksise.
Dhibee naannicha keessatti dhalate to'achuudhaaf ''eeggannoon barbaachisu godhamuu yoo baate'' yaaddoon naannolee kaanitti ce'uu guddaa ta'uu waajirchi ibseera.
Godina Nuweer keessatti dhibeen kun kan dhalate Wiixata darbe ta'uu hogganaan Waajira Fayyaa naannichaa Dr Abeel Aseffaa BBC'tti himaniiru.
Waajirri Fayyaa naannichaa dhibee mallattoonsaa Koleeraa wajjin walfakkaatu kan adda baasuuf saamuda laabiraatooriitti ergee bu'aasaa eegaa jira'' jedhan Dr Abeel.
Haqqee fi garaa kaasaa jedhamee ibsamaa kan jiru ammatti bu'aan qorannoo laabraatoorii waan hin qaqqabneef ta'uus dubbatan.
Akka hogganaa waajirichaatti aanaalee afur keessatti waliigalatti namootni 136 dhibee kanaan qabamaniiru.
Daa'imman umriinsaanii mana kudhanii jiruufi kan hanga umrii ganna 60 jiran dhibee kanaan lubbuu dhabuus dubbatan.
''Dhangala'aa qaama keessa jiru garaa kaasaafi haqqeen waan baasuuf, nama qabee sa'aatiiwwan keessatti galaafata'' jedhaniiru Dr Abeel.
Dhibeen kun erga dhalatee kaasee ogeeyyii fayyaafi galtee waldhaansaa erguun namoota qabaman 136 keessaa 96 waldhaansa argataniin bayyanachuu himaniiru.
Kan hafan 31 waldhaansa argachaa jiraachuun gabaafameera.
Maddi dhibee kanaa hanqina dhiyeessii bishaan qulqulluufi hanqina manneen fincaanii ta'uu akka danda'u ibsaniiru.
Dabalataan naannichi Sudaan Kibbaa biyya dhibee mallattoo walfakkaataa qabuun namootni kuma 21 ta'an jala miidhaman irraa gamanatti ce'eera ta'as shakkii jedhu kaasaniiru.